Wiixata, Sadaasa 3
[Yihowaan] wanta tokko yommuu jedhu, wanta sana hin raawwatuu?—Lak. 23:19.
Karaan amantii keenya cimsachuu itti dandeenyu tokko furicharratti xiinxaluudha. Furichi waadaan Waaqayyo gale akka raawwatamu wabii nuuf taʼa. Furichi maaliif akka qophaaʼee fi Yihowaan furicha qopheessuuf aarsaa hammamii akka kaffale xiinxaluun keenya, amantii waadaa Waaqayyo addunyaa haaraa keessatti jireenya dhuma hin qabne nuu kennuuf galerratti qabnu nuuf cimsa. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan furicha qopheessuuf aarsaa akkamii kaffale? Yihowaan Ilmi isaa hangafaa baayʼee itti dhihaatu nama mudaa hin qabne taʼee akka dhalatuuf samiirraa gara lafaatti erge. Yesuus yeroo lafarra turetti rakkoowwan hedduu dandamateera. Achiis baayʼee dhiphatee duʼa suukanneessaa duʼe. Dhugumayyuu, Yihowaan aarsaa guddaa kaffaleera! Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe yeroo gabaabaadhaaf qofa jireenya gaarii akka jiraannuuf jecha Ilmi isaa akka dhiphatuu fi akka duʼu matumaa hin heyyamu ture. (Yoh. 3:16; 1 Phe. 1:18, 19) Yihowaan gatii guddaa waan kaffaleef, addunyaa haaraa keessa bara baraaf nu jiraachisa. w23.04 27 key. 8-9
Kibxata, Sadaasa 4
Yaa Duʼaa, ilkeen kee meerre?—Hos. 13:14.
Yihowaan namoota duʼan kaasuuf fedhii qabaa? Fedhii akka qabu homaa hin shakkisiisu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan hedduun waaʼee abdii duʼaa kaʼuu akka barreessan isaan kakaaseera. (Isa. 26:19; Mul. 20:11-13) Yihowaan yeroo hundumaa waadaa gale ni raawwata. (Iya. 23:14) Inni namoota duʼan duʼaa kaasuuf ni hawwa. Mee wanta Iyyoob jedhe haa ilaallu. Iyyoob yoo duʼellee Yihowaan deebiʼee isa arguuf akka hawwu mirkanaaʼaa ture. (Iyo. 14:14, 15 milj.) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra duʼan hundumaa ni yaada. Fayya buleeyyii fi gammadoo taʼanii gara jireenyaatti akka deebiʼan gochuuf hawwii guddaa qaba. Namoonni biliyoonaan lakkaaʼamanii fi waaʼee Yihowaa barachuuf carraa utuu hin argatin duʼanoo? Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe isaaniinis duʼaa kaasuu ni barbaada. (HoE. 24:15) Michoota isaa taʼuu fi lafarra bara baraaf jiraachuuf carraa akka argatan barbaada.—Yoh. 3:16. w23.04 9 key. 5-6
Roobii, Sadaasa 5
Waaqayyo humna nuuf kenna.—Far. 108:13.
Abdii kee cimsachuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenyaaf, abdiin kee bara baraaf lafarra jiraachuu yoo taʼe, wanta Kitaabni Qulqulluun Jannata ilaalchisee dubbatu dubbistee irratti xiinxaluu dandeessa. (Isa. 25:8; 32:16-18) Addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu xiinxali. Achi keessatti of ilaali. Waaʼee addunyaa haaraa xiinxaluuf yeroo kan ramadnu yoo taʼe, rakkinni amma nu mudachaa jiru “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” taʼuu isaa hubanna. (2 Qor. 4:17) Yihowaan abdii sii kennetti fayyadamee si jabeessa. Inni ammumayyuu jabina isaa akka argattuuf qophii barbaachisu siif godheera. Kanaafuu, itti gaafatamummaa tokko baʼuuf, qorumsa tokko dandamachuuf ykn gammachuu kee eeggachuuf yeroo gargaarsi si barbaachisu kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaadhu, akkasumas karaa qoʼannaa dhuunfaa qajeelfama isaa argachuuf yaali. Jajjabina obboloonnii fi obboleettonni kee siif kennan fudhadhu. Yeroo hunda abdii keerratti xiyyeeffadhu. Akkas yoo goote ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaattee akka dhaabbattuuf Waaqayyo akka jabina isaa isa ulfina qabeessa taʼeetti humna hundumaan cimina siif kenna.’—Qol. 1:11. w23.10 17 key. 19-20