Kibxata, Sadaasa 4
Yaa Duʼaa, ilkeen kee meerre?—Hos. 13:14.
Yihowaan namoota duʼan kaasuuf fedhii qabaa? Fedhii akka qabu homaa hin shakkisiisu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan hedduun waaʼee abdii duʼaa kaʼuu akka barreessan isaan kakaaseera. (Isa. 26:19; Mul. 20:11-13) Yihowaan yeroo hundumaa waadaa gale ni raawwata. (Iya. 23:14) Inni namoota duʼan duʼaa kaasuuf ni hawwa. Mee wanta Iyyoob jedhe haa ilaallu. Iyyoob yoo duʼellee Yihowaan deebiʼee isa arguuf akka hawwu mirkanaaʼaa ture. (Iyo. 14:14, 15 milj.) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra duʼan hundumaa ni yaada. Fayya buleeyyii fi gammadoo taʼanii gara jireenyaatti akka deebiʼan gochuuf hawwii guddaa qaba. Namoonni biliyoonaan lakkaaʼamanii fi waaʼee Yihowaa barachuuf carraa utuu hin argatin duʼanoo? Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe isaaniinis duʼaa kaasuu ni barbaada. (HoE. 24:15) Michoota isaa taʼuu fi lafarra bara baraaf jiraachuuf carraa akka argatan barbaada.—Yoh. 3:16. w23.04 9 key. 5-6
Roobii, Sadaasa 5
Waaqayyo humna nuuf kenna.—Far. 108:13.
Abdii kee cimsachuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenyaaf, abdiin kee bara baraaf lafarra jiraachuu yoo taʼe, wanta Kitaabni Qulqulluun Jannata ilaalchisee dubbatu dubbistee irratti xiinxaluu dandeessa. (Isa. 25:8; 32:16-18) Addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu xiinxali. Achi keessatti of ilaali. Waaʼee addunyaa haaraa xiinxaluuf yeroo kan ramadnu yoo taʼe, rakkinni amma nu mudachaa jiru “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” taʼuu isaa hubanna. (2 Qor. 4:17) Yihowaan abdii sii kennetti fayyadamee si jabeessa. Inni ammumayyuu jabina isaa akka argattuuf qophii barbaachisu siif godheera. Kanaafuu, itti gaafatamummaa tokko baʼuuf, qorumsa tokko dandamachuuf ykn gammachuu kee eeggachuuf yeroo gargaarsi si barbaachisu kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaadhu, akkasumas karaa qoʼannaa dhuunfaa qajeelfama isaa argachuuf yaali. Jajjabina obboloonnii fi obboleettonni kee siif kennan fudhadhu. Yeroo hunda abdii keerratti xiyyeeffadhu. Akkas yoo goote ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaattee akka dhaabbattuuf Waaqayyo akka jabina isaa isa ulfina qabeessa taʼeetti humna hundumaan cimina siif kenna.’—Qol. 1:11. w23.10 17 key. 19-20
Kamisa, Sadaasa 6
Waan hundumaatiif galateeffadhaa.—1 Tas. 5:18.
Sababiiwwan kadhannaadhaan Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasan hedduu qabna. Wanti gaariin hundi kan argamu isa biraa waan taʼeef, wanta gaarii qabnu kamiifiyyuu isa galateeffachuu dandeenya. (Yaq. 1:17) Fakkeenyaaf, lafa bareedduu taate, akkasumas wantoota ajaaʼibsiisoo inni uume akka dinqisiifannu kadhannaa keenyarratti ibsuu dandeenya. Kana malees, jireenya, maatii, michootaa fi abdii waan nuu kenneef isa galateeffachuu dandeenya. Michoota isaa akka taanu nuuf heyyamuudhaan mirga guddaa nuu kenneefis isa galateeffachuu barbaanna. Sababiiwwan dhuunfaatti Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasanirratti yaaduuf carraaqqii addaa gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Addunyaan keessa jiraannu galata hin beeku. Namoonni baayʼeen wantoota qabaniif karaa dinqisiifannaa isaanii argisiisuu itti dandaʼanirratti utuu hin taʼin wantoota argachuu barbaadanirratti xiyyeeffatu. Ilaalchi akkasii dhiibbaa yoo nurratti godhe kadhannaa keenyarratti wanta argachuu barbaannu qofa caqasuuf qoramna. Kun akka hin taaneef wantoota Yihowaan nuu godhe hundaaf dinqisiifannaa qabaachuu fi dinqisiifannaa kanas ibsuu keenya itti fufuun nu barbaachisa.—Luq. 6:45. w23.05 4 key. 8-9