Roobii, Sadaasa 5
Waaqayyo humna nuuf kenna.—Far. 108:13.
Abdii kee cimsachuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenyaaf, abdiin kee bara baraaf lafarra jiraachuu yoo taʼe, wanta Kitaabni Qulqulluun Jannata ilaalchisee dubbatu dubbistee irratti xiinxaluu dandeessa. (Isa. 25:8; 32:16-18) Addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu xiinxali. Achi keessatti of ilaali. Waaʼee addunyaa haaraa xiinxaluuf yeroo kan ramadnu yoo taʼe, rakkinni amma nu mudachaa jiru “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” taʼuu isaa hubanna. (2 Qor. 4:17) Yihowaan abdii sii kennetti fayyadamee si jabeessa. Inni ammumayyuu jabina isaa akka argattuuf qophii barbaachisu siif godheera. Kanaafuu, itti gaafatamummaa tokko baʼuuf, qorumsa tokko dandamachuuf ykn gammachuu kee eeggachuuf yeroo gargaarsi si barbaachisu kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaadhu, akkasumas karaa qoʼannaa dhuunfaa qajeelfama isaa argachuuf yaali. Jajjabina obboloonnii fi obboleettonni kee siif kennan fudhadhu. Yeroo hunda abdii keerratti xiyyeeffadhu. Akkas yoo goote ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaattee akka dhaabbattuuf Waaqayyo akka jabina isaa isa ulfina qabeessa taʼeetti humna hundumaan cimina siif kenna.’—Qol. 1:11. w23.10 17 key. 19-20
Kamisa, Sadaasa 6
Waan hundumaatiif galateeffadhaa.—1 Tas. 5:18.
Sababiiwwan kadhannaadhaan Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasan hedduu qabna. Wanti gaariin hundi kan argamu isa biraa waan taʼeef, wanta gaarii qabnu kamiifiyyuu isa galateeffachuu dandeenya. (Yaq. 1:17) Fakkeenyaaf, lafa bareedduu taate, akkasumas wantoota ajaaʼibsiisoo inni uume akka dinqisiifannu kadhannaa keenyarratti ibsuu dandeenya. Kana malees, jireenya, maatii, michootaa fi abdii waan nuu kenneef isa galateeffachuu dandeenya. Michoota isaa akka taanu nuuf heyyamuudhaan mirga guddaa nuu kenneefis isa galateeffachuu barbaanna. Sababiiwwan dhuunfaatti Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasanirratti yaaduuf carraaqqii addaa gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Addunyaan keessa jiraannu galata hin beeku. Namoonni baayʼeen wantoota qabaniif karaa dinqisiifannaa isaanii argisiisuu itti dandaʼanirratti utuu hin taʼin wantoota argachuu barbaadanirratti xiyyeeffatu. Ilaalchi akkasii dhiibbaa yoo nurratti godhe kadhannaa keenyarratti wanta argachuu barbaannu qofa caqasuuf qoramna. Kun akka hin taaneef wantoota Yihowaan nuu godhe hundaaf dinqisiifannaa qabaachuu fi dinqisiifannaa kanas ibsuu keenya itti fufuun nu barbaachisa.—Luq. 6:45. w23.05 4 key. 8-9
Jimaata, Sadaasa 7
Matumaa utuu hin shakkin amantiidhaan kadhachuu [keessa itti fufaa].—Yaq. 1:6.
Yihowaan Abbaa keenya baayʼee nu jaallatu waan taʼeef yeroo dhiphannu arguu hin barbaadu. (Isa. 63:9) Taʼus, qorumsawwan lageenii fi ibiddatti fakkeeffaman hundarraa nu hin oolchu. (Isa. 43:2) ‘Keessa akka darbinu’ nu gargaaruuf garuu waadaa galeera. Qorumsi nu mudatu miidhaa dhaabbataa taʼe akka nurraan geessisus hin heyyamu. Kana malees, Yihowaan hafuura isaa isa humna guddaa qabu nuuf kennuudhaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaara. (Luq. 11:13; Filp. 4:13) Kanaafuu, inni yeroo hundumaa wanta jabaannee dhaabbachuu fi isaaf amanamoo taanee itti fufuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan akka isatti amanamnu nurraa eega. (Ibr. 11:6) Yeroo tokko tokko, qorumsi nurra gaʼu humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa. Tarii Yihowaan kan nu gargaaru taʼuu isaallee shakkuu jalqabuu dandeenya. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun “humna Waaqayyootiin dallaa utaaluu” akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. (Far. 18:29) Kanaafuu, shakkii nutti uumameef harka kennuu mannaa, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu amantii guutuu qabaachuudhaan kadhachuu qabna.—Yaq. 1:6, 7. w23.11 22 key. 8-9