LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, maaloo weebsaayitii jw.org daawwadhu.
Beeksisa
Afaan haaraa jalqabe:Mbum
  • Harʼa

Kamisa, Adoolessa 10

Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa.—Filp. 4:6.

Nutis wantoota nu yaaddessan ilaalchisee irra deddeebinee kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan amala jabaatanii dhaabbachuu horachuu keenya itti fufuu dandeenya. (1 Tas. 5:17) Tarii yeroo ammaatti qorumsi cimaan sirra gaʼaa hin jiru taʼa. Taʼus, yeroo aartu, yeroo burjaajoftu ykn wanta gootu yeroo wallaaltu hundumaatti qajeelfama Yihowaa argachuuf ni kadhattaa? Yeroo ammaatti guyyaa guyyaadhaan rakkinni yeroo si mudatu irra deddeebitee gargaarsa Yihowaa argachuuf kan kadhattu yoo taʼe gara fuulduraatti rakkoowwan guguddaan yeroo si mudatan akkas gochuurraa duubatti hin jettu. Akkas gochuun kee Yihowaan si gargaaruuf yoomii fi akkamitti tarkaanfii akka fudhatu guutummaatti akka beeku mirkanaaʼaa taʼuuf si gargaara. (Far. 27:1, 3) Yeroo ammaatti qorumsa keessatti jabaannee kan dhaabbannu yoo taʼe gara fuulduraatti yeroo rakkinni guddaan dhufu jabaannee dhaabbachuu dandeenya. (Rom. 5:3) Akkas kan jennu maaliifi? Obboloonni baayʼeen qorumsa isaan mudate tokko keessatti jabaatanii dhaabbachuun isaanii qorumsa sana booda isaan mudateef akka isaan qopheesse hubataniiru. Jabaatanii dhaabbachuun isaanii isaan qulqulleesseera; Yihowaan isaan gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼee fi fedhii akka qabu amantii qaban isaaniif cimseera. Amantiin isaaniimmoo qorumsa sana booda isaan mudatu keessatti jabaatanii dhaabbachuuf isaan gargaareera.—Yaq. 1:2-4. w23.07 3 key. 7-8

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025

Jimaata, Adoolessa 11

Ani . . . magaalaa jette sana oolchuudhaanis gaarummaa sitti nan argisiisa.—Uma. 19:21.

Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine kan isa kakaasu kan gad of qabuu fi gara laafessa taʼuu isaati. Fakkeenyaaf, Yihowaan namoota hamoo Sodoom keessa turan balleessuuf yeroo jedhetti akka gad of qabu argisiiseera. Maleekota isaatti fayyadamee Loox inni nama qajeelaa taʼe gara naannoo gaarotaatti akka baqatu ajajee ture. Loox garuu achi deemuu sodaate. Kanaafuu, innii fi maatiin isaa magaalaa xinnoo Zoʼaar jedhamtuu fi Yihowaan balleessuuf murteessetti akka baqatan akka isaaniif heyyamu kadhate. Yihowaan Loox wanta ajajame akka raawwatu isatti himuu ni dandaʼa ture. Taʼus, magaalattii balleessuu dhiisuudhaan Loox achitti akka baqatu isaaf heyyameera. (Uma. 19:18-22) Jaarraawwan hedduu booda Yihowaan jiraattota Nanawweetti gara laafina argisiiseera. Magaalattiinii fi namoonni hamoon magaalattii keessa jiraatan akka balleeffaman akka isaanitti himu Yoonaasiin ajajee ture. Taʼus, namoonni Nanawwee yaada waan geddarataniif isaaniif gadduudhaan magaalattii balleessuu dhiiseera.—Yon. 3:1, 10; 4:10, 11. w23.07 21 key. 5

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025

Sanbadduraa, Adoolessa 12

[Isaanis Yo’aasiin ni ajjeesan.] iddoowwan awwaalchaa moototaa [keessattis isa hin awwaalle].—2 Sen. 24:25.

Fakkeenya Yoʼaasirraa maal baranna? Yoʼaas akkuma muka hidda gadi hin fageeffannee fi baallaatti hirkatee jiruu ture. Yeroo Yehoyaadaan inni akka baallaatti isa deeggaraa ture duʼettii fi gantoota dhaggeeffachuu jalqabetti kufeera. Fakkeenya kanarraa akka barannutti, Waaqayyoof kan ajajamnu miseensota maatii keenya dabalatee obboloonni gumii keessa jiran akkas akka goonu waan nu jajjabeessaniif qofa taʼuu hin qabu. Karaa hafuuraa cimoo taanee itti fufuuf yeroo hunda qoʼachuu, xiinxaluu fi kadhachuudhaan jaalalaa fi sodaa Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu keenya itti fufuu qabna. (Er. 17:7, 8; Qol. 2:6, 7) Yihowaan wanta humna keenyaa ol taʼe nu hin gaafatu. Wanti inni nurraa barbaadu ajaja Lallaba 12:13​rratti ibsame akka hojiirra oolchinudha: “Waaqa dhugaa sodaadhu, ajajawwan isaas eegi; kun guutummaa dirqama namaa ti.” Waaqa kan sodaannu yoo taʼe qorumsawwan gara fuulduraatti nu mudatan dandamachuu fi jabaannee dhaabbachuu dandeenya. Wanti kamiyyuu michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu hin dandaʼu. w23.06 19 key. 17-19

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, maaloo weebsaayitii jw.org daawwadhu.
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi