Jimaata, Adoolessa 11
Ani . . . magaalaa jette sana oolchuudhaanis gaarummaa sitti nan argisiisa.—Uma. 19:21.
Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine kan isa kakaasu kan gad of qabuu fi gara laafessa taʼuu isaati. Fakkeenyaaf, Yihowaan namoota hamoo Sodoom keessa turan balleessuuf yeroo jedhetti akka gad of qabu argisiiseera. Maleekota isaatti fayyadamee Loox inni nama qajeelaa taʼe gara naannoo gaarotaatti akka baqatu ajajee ture. Loox garuu achi deemuu sodaate. Kanaafuu, innii fi maatiin isaa magaalaa xinnoo Zoʼaar jedhamtuu fi Yihowaan balleessuuf murteessetti akka baqatan akka isaaniif heyyamu kadhate. Yihowaan Loox wanta ajajame akka raawwatu isatti himuu ni dandaʼa ture. Taʼus, magaalattii balleessuu dhiisuudhaan Loox achitti akka baqatu isaaf heyyameera. (Uma. 19:18-22) Jaarraawwan hedduu booda Yihowaan jiraattota Nanawweetti gara laafina argisiiseera. Magaalattiinii fi namoonni hamoon magaalattii keessa jiraatan akka balleeffaman akka isaanitti himu Yoonaasiin ajajee ture. Taʼus, namoonni Nanawwee yaada waan geddarataniif isaaniif gadduudhaan magaalattii balleessuu dhiiseera.—Yon. 3:1, 10; 4:10, 11. w23.07 21 key. 5
Sanbadduraa, Adoolessa 12
[Isaanis Yo’aasiin ni ajjeesan.] iddoowwan awwaalchaa moototaa [keessattis isa hin awwaalle].—2 Sen. 24:25.
Fakkeenya Yoʼaasirraa maal baranna? Yoʼaas akkuma muka hidda gadi hin fageeffannee fi baallaatti hirkatee jiruu ture. Yeroo Yehoyaadaan inni akka baallaatti isa deeggaraa ture duʼettii fi gantoota dhaggeeffachuu jalqabetti kufeera. Fakkeenya kanarraa akka barannutti, Waaqayyoof kan ajajamnu miseensota maatii keenya dabalatee obboloonni gumii keessa jiran akkas akka goonu waan nu jajjabeessaniif qofa taʼuu hin qabu. Karaa hafuuraa cimoo taanee itti fufuuf yeroo hunda qoʼachuu, xiinxaluu fi kadhachuudhaan jaalalaa fi sodaa Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu keenya itti fufuu qabna. (Er. 17:7, 8; Qol. 2:6, 7) Yihowaan wanta humna keenyaa ol taʼe nu hin gaafatu. Wanti inni nurraa barbaadu ajaja Lallaba 12:13rratti ibsame akka hojiirra oolchinudha: “Waaqa dhugaa sodaadhu, ajajawwan isaas eegi; kun guutummaa dirqama namaa ti.” Waaqa kan sodaannu yoo taʼe qorumsawwan gara fuulduraatti nu mudatan dandamachuu fi jabaannee dhaabbachuu dandeenya. Wanti kamiyyuu michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu hin dandaʼu. w23.06 19 key. 17-19
Dilbata, Adoolessa 13
Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira.—Mul. 21:5.
Waadaan Waaqayyo gale, “Inni teessoo irra taaʼe sunis” jedhee jalqaba. (Mul. 21:5a) Kitaaba Mulʼataa keessatti Yihowaan ofii isaatiin akka dubbate kan ibsame siʼa sadii qofadha; kanaafuu, kun isaan keessaa tokko waan taʼeef addadha. Akkas jechuudhaan kan nuuf mirkaneesse maleekaa humna guddaa qabu ykn Yesuus isa duʼaa kaafame utuu hin taʼin Yihowaadha! Dhugaan kun wanta itti aansuudhaan dubbate guutummaatti amanuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan ‘sobuu waan hin dandeenyeefi.’ (Tit. 1:2) Kanaafuu, yaada Mulʼata 21:5, 6rratti argamurratti amantii guutuu qabna. Jecha, “Kunoo” jedhu haa qorru. Jechi Afaan Giriikii “kunoo” jedhamee hiikame kitaaba Mulʼataa keessatti yeroo baayʼee ibsameera. Waaqayyo itti aansuudhaan maal jedhe? “Wantoota hundumaa haaraa gochaan jira” jedhe. Dhugaadha, Yihowaan asirratti dubbachaa kan jiru waaʼee jijjiirama gara fuulduraatti dhufuuti; taʼus, waadaan kun akka raawwatamu guutummaatti mirkanaaʼaa waan taʼeef, akkuma waan jijjiiramawwan kun amma taʼaa jiranitti ibseera.—Isa. 46:10. w23.11 3-4 key. 7-8