Sanbadduraa, Adoolessa 12
[Isaanis Yo’aasiin ni ajjeesan.] iddoowwan awwaalchaa moototaa [keessattis isa hin awwaalle].—2 Sen. 24:25.
Fakkeenya Yoʼaasirraa maal baranna? Yoʼaas akkuma muka hidda gadi hin fageeffannee fi baallaatti hirkatee jiruu ture. Yeroo Yehoyaadaan inni akka baallaatti isa deeggaraa ture duʼettii fi gantoota dhaggeeffachuu jalqabetti kufeera. Fakkeenya kanarraa akka barannutti, Waaqayyoof kan ajajamnu miseensota maatii keenya dabalatee obboloonni gumii keessa jiran akkas akka goonu waan nu jajjabeessaniif qofa taʼuu hin qabu. Karaa hafuuraa cimoo taanee itti fufuuf yeroo hunda qoʼachuu, xiinxaluu fi kadhachuudhaan jaalalaa fi sodaa Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu keenya itti fufuu qabna. (Er. 17:7, 8; Qol. 2:6, 7) Yihowaan wanta humna keenyaa ol taʼe nu hin gaafatu. Wanti inni nurraa barbaadu ajaja Lallaba 12:13rratti ibsame akka hojiirra oolchinudha: “Waaqa dhugaa sodaadhu, ajajawwan isaas eegi; kun guutummaa dirqama namaa ti.” Waaqa kan sodaannu yoo taʼe qorumsawwan gara fuulduraatti nu mudatan dandamachuu fi jabaannee dhaabbachuu dandeenya. Wanti kamiyyuu michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu hin dandaʼu. w23.06 19 key. 17-19
Dilbata, Adoolessa 13
Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira.—Mul. 21:5.
Waadaan Waaqayyo gale, “Inni teessoo irra taaʼe sunis” jedhee jalqaba. (Mul. 21:5a) Kitaaba Mulʼataa keessatti Yihowaan ofii isaatiin akka dubbate kan ibsame siʼa sadii qofadha; kanaafuu, kun isaan keessaa tokko waan taʼeef addadha. Akkas jechuudhaan kan nuuf mirkaneesse maleekaa humna guddaa qabu ykn Yesuus isa duʼaa kaafame utuu hin taʼin Yihowaadha! Dhugaan kun wanta itti aansuudhaan dubbate guutummaatti amanuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan ‘sobuu waan hin dandeenyeefi.’ (Tit. 1:2) Kanaafuu, yaada Mulʼata 21:5, 6rratti argamurratti amantii guutuu qabna. Jecha, “Kunoo” jedhu haa qorru. Jechi Afaan Giriikii “kunoo” jedhamee hiikame kitaaba Mulʼataa keessatti yeroo baayʼee ibsameera. Waaqayyo itti aansuudhaan maal jedhe? “Wantoota hundumaa haaraa gochaan jira” jedhe. Dhugaadha, Yihowaan asirratti dubbachaa kan jiru waaʼee jijjiirama gara fuulduraatti dhufuuti; taʼus, waadaan kun akka raawwatamu guutummaatti mirkanaaʼaa waan taʼeef, akkuma waan jijjiiramawwan kun amma taʼaa jiranitti ibseera.—Isa. 46:10. w23.11 3-4 key. 7-8
Wiixata, Adoolessa 14
Gad baʼee hirqinfatee booʼe.—Mat. 26:75.
Pheexiros wantoota isa fayyadan hedduu argaa fi dhagaʼaa kan ture taʼus dadhabina isaa wajjin waldhaansoo gochuun isa barbaachiseera. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Yeroo Yesuus raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamuuf dhiphachuu fi duʼuun akka isa barbaachisu ibsaa turetti Pheexiros cimsee isa gorseera. (Mar. 8:31-33) Pheexirosii fi ergamoonni kaan isaan keessaa eenyu akka caalu irra deddeebiʼanii wal falmaniiru. (Mar. 9:33 34) Pheexiros galgala Yesuus duʼuu isaa dura turetti gurra namicha tokkoo kuteera. (Yoh. 18:10) Galgaluma sana baayʼee waan sodaateef michuu isaa kan taʼe Yesuusiin siʼa sadii ganeera. (Mar. 14:66-72) Kana gochuu isaattis hirqinfatee booʼe. Yesuus ergamaa isaa baayʼee gaddee ture kanatti abdii hin kutanne. Erga duʼaa kaʼee booda carraa jaalala isaaf qabu itti ibsu akka argatu Pheexirosiin gargaareera. Gad of qabee tiksee hoolota isaa taʼee akka tajaajilus isa affeereera. (Yoh. 21:15-17) Pheexiros wanta Yesuus isa gaafate raawwachuuf qophaaʼaa ture. Guyyaa Phenxeqosxeetti Yerusaalem keessa kan ture yeroo taʼu dibamtoota yeroo jalqabaatiif hafuura qulqulluudhaan dibaman keessaa tokko ture. w23.09 22 key. 6-7