LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, maaloo weebsaayitii jw.org daawwadhu.
Beeksisa
Afaan haaraa jalqabe:Mbum
  • Harʼa

Dilbata, Adoolessa 13

Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira.—Mul. 21:5.

Waadaan Waaqayyo gale, “Inni teessoo irra taaʼe sunis” jedhee jalqaba. (Mul. 21:5a) Kitaaba Mulʼataa keessatti Yihowaan ofii isaatiin akka dubbate kan ibsame siʼa sadii qofadha; kanaafuu, kun isaan keessaa tokko waan taʼeef addadha. Akkas jechuudhaan kan nuuf mirkaneesse maleekaa humna guddaa qabu ykn Yesuus isa duʼaa kaafame utuu hin taʼin Yihowaadha! Dhugaan kun wanta itti aansuudhaan dubbate guutummaatti amanuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan ‘sobuu waan hin dandeenyeefi.’ (Tit. 1:2) Kanaafuu, yaada Mulʼata 21:5, 6​rratti argamurratti amantii guutuu qabna. Jecha, “Kunoo” jedhu haa qorru. Jechi Afaan Giriikii “kunoo” jedhamee hiikame kitaaba Mulʼataa keessatti yeroo baayʼee ibsameera. Waaqayyo itti aansuudhaan maal jedhe? “Wantoota hundumaa haaraa gochaan jira” jedhe. Dhugaadha, Yihowaan asirratti dubbachaa kan jiru waaʼee jijjiirama gara fuulduraatti dhufuuti; taʼus, waadaan kun akka raawwatamu guutummaatti mirkanaaʼaa waan taʼeef, akkuma waan jijjiiramawwan kun amma taʼaa jiranitti ibseera.—Isa. 46:10. w23.11 3-4 key. 7-8

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025

Wiixata, Adoolessa 14

Gad baʼee hirqinfatee booʼe.—Mat. 26:75.

Pheexiros wantoota isa fayyadan hedduu argaa fi dhagaʼaa kan ture taʼus dadhabina isaa wajjin waldhaansoo gochuun isa barbaachiseera. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Yeroo Yesuus raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamuuf dhiphachuu fi duʼuun akka isa barbaachisu ibsaa turetti Pheexiros cimsee isa gorseera. (Mar. 8:31-33) Pheexirosii fi ergamoonni kaan isaan keessaa eenyu akka caalu irra deddeebiʼanii wal falmaniiru. (Mar. 9:33 34) Pheexiros galgala Yesuus duʼuu isaa dura turetti gurra namicha tokkoo kuteera. (Yoh. 18:10) Galgaluma sana baayʼee waan sodaateef michuu isaa kan taʼe Yesuusiin siʼa sadii ganeera. (Mar. 14:66-72) Kana gochuu isaattis hirqinfatee booʼe. Yesuus ergamaa isaa baayʼee gaddee ture kanatti abdii hin kutanne. Erga duʼaa kaʼee booda carraa jaalala isaaf qabu itti ibsu akka argatu Pheexirosiin gargaareera. Gad of qabee tiksee hoolota isaa taʼee akka tajaajilus isa affeereera. (Yoh. 21:15-17) Pheexiros wanta Yesuus isa gaafate raawwachuuf qophaaʼaa ture. Guyyaa Phenxeqosxeetti Yerusaalem keessa kan ture yeroo taʼu dibamtoota yeroo jalqabaatiif hafuura qulqulluudhaan dibaman keessaa tokko ture. w23.09 22 key. 6-7

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025

Kibxata, Adoolessa 15

Ilmoolee hoolaa koo tiksi.—Yoh. 21:16.

Pheexiros, “Tuuta hoolota Waaqayyoo . . . tiksaa” jechuudhaan obboloota akkumasaa jaarsolii taʼan gorseera. (1 Phe. 5:1-4) Jaarsa yoo taate obbolootaa fi obboleettota kee akka jaallattuu fi isaan kunuunsuu akka barbaaddu beekna. Yeroo tokko tokko garuu hojiin garmalee akka sitti baayʼate ykn baayʼee dadhabuu keetiin kan kaʼe itti gaafatamummaa kana baʼuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Maarree, maal gochuu dandeessa? Wanta si yaaddessu hundumaa Yihowaatti himi. Pheexiros, “Namni tajaajilu yoo jiraate humna Waaqayyo kennutti amanamee haa tajaajilu” jedhee barreesseera. (1 Phe. 4:11) Obboloonnii fi obboleettonni kee rakkoowwan sirna kana keessatti guutummaatti furamuu hin dandeenye wajjin waldhaansoo gochaa jiru taʼa. Taʼus, Yesuus Kiristoos inni ‘dura buutuu tiksitootaa’ taʼe si caalaa isaan gargaaruu akka dandaʼu yaadadhu. Inni yeroo ammaattis taʼe addunyaa haaraa keessatti isaan gargaaruu dandaʼa. Wanti Waaqayyo jaarsoliirraa barbaadu obboloota isaanii akka jaallatan, akka isaan kunuunsanii fi “tuutichaaf fakkeenya” akka taʼan qofadha. w23.09 29-30 key. 13-14

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, maaloo weebsaayitii jw.org daawwadhu.
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi