Dilbata, Adoolessa 20
Yaanni koo yaada keessanii wajjin, . . . tokko miti.—Isa. 55:8.
Wanta kadhannaa keenyarratti gaafanne hin arganne taanaan gaaffiin of gaafachuu qabnu, ‘Wantin kadhannaa koorratti gaafachaa jiru sirriidhaa?’ kan jedhudha. Yeroo baayʼee, wanta nu fayyadu akka beeknu nutti dhagaʼama. Taʼus, wanti kadhannaadhaan gaafanne wanta nu hin fayyanne taʼuu dandaʼa. Tarii rakkina tokko ilaalchisee kadhachaa jirra yoo taʼe, furmaanni isa nuti gaafachaa jirrurra wayyu jiraachuu dandaʼa. Wanti kadhannu tokko tokkommoo fedhii Yihowaa wajjin kan wal hin simne taʼuu dandaʼa. (1 Yoh. 5:14) Fakkeenyaaf, waaʼee warra mucaa isaanii dhugaa keessa akka isaaniif jiraachisu Yihowaa kadhatanii turan yaadi. Kun kadhannaa sirrii fakkaachuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan akka isa tajaajilu eenyuniyyuu hin dirqisiisu. Ijoollee keenya dabalatee hundi keenyayyuu filannaa keenyaan akka isa waaqeffannu barbaada. (Kes. 10:12, 13; 30:19, 20) Kanaafuu, warri kun garaa mucaa isaanii tuquuf akka isaan gargaaru Yihowaa kadhachuu ni dandaʼu; mucaan isaanii garaan isaa yoo tuqame Yihowaa jaallachuu fi michuu isaa taʼuuf kakaʼuu ni dandaʼa.—Fak. 22:6; Efe. 6:4. w23.11 21 key. 5; 23 key. 12
Wiixata, Adoolessa 21
Wal jajjabeessuu keessan itti fufaa.—1 Tas. 4:18.
Warra kaan jajjabeessuun karaa guddaa jaalala itti argisiisnu kan taʼe maaliifi? Barreeffamni Kitaaba Qulqulluurratti ibsa kennu tokko akka ibsetti jechi “jajjabeessuu” jedhuu fi Phaawulos itti fayyadame “nama qorumsa cimaa keessa jiru jajjabeessuuf isa cinaa dhaabbachuu” argisiisa. Kanaafuu, obboleessa dhiphina keessa jiru tokko yeroo jajjabeessinu, ol jedhee daandii jireenyaarra deemuu isaa akka itti fufu isa gargaarra. Yeroo obboloota keenya dhiphatan jajjabeessinu hundatti jaalala isaanitti argisiisaa jirra jechuudha. (2 Qor. 7:6, 7, 13) Warra kaaniif garaa laafuunii fi isaan jajjabeessuun baayʼee wal qabata. Akkamitti? Namni gara laafessa taʼe tokko warra kaan jajjabeessuu fi rakkina isaaniirraa boqonnaa akka argatan isaan gargaaruuf carraaqqii godha. Kanaafuu, gara laafina yoo qabaanne warra kaan jajjabeessuuf kakaana. Phaawulos Yihowaan namootaaf gara laafina qabaachuun isaa isaan jajjabeessuuf kan isa kakaasu akkamitti akka taʼe ibseera. Waaʼee Yihowaa yeroo dubbatu, “Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa” jedheera.—2 Qor. 1:3. w23.11 9-10 key. 8-10
Kibxata, Adoolessa 22
Utuma rakkinni nu irra gaʼaa jiruus haa gammannu.—Rom. 5:3.
Duuka buutonni Kiristoos hundi rakkinni isaanirra gaʼuu akka dandaʼu eeguu qabu. Mee fakkeenya Phaawulos haa ilaallu. Obboloota Tasalonqee keessa turaniin, “Yeroo isinii wajjin turre, rakkinni akka nu irra gaʼu dursinee isinitti himaa turre; . . . wanti taʼes kanuma” jedhee ture. (1 Tas. 3:4) Warra Qorontosiifimmoo, “Yaa obbolootaa, rakkina . . . nu irra gaʼe akka beektan barbaanna. Lubbuudhaan hin oollu jennee hamma abdii kutannutti [geenyee turre]” jedhee barreesseera. (2 Qor. 1:8; 11:23-27) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis rakkinni akkasii isaanirra gaʼuu akka dandaʼu beeku. (2 Xim. 3:12) Michoonnii fi firoonni keessan isin jibbuu dandaʼu. Wanta hundumaarratti amanamaa taʼuuf kutannoo gooteen kan kaʼe bakka hojiitti rakkinni si mudachaa jiraa? (Ibr. 13:18) Abdii kee warra kaanitti himuu keetiin kan kaʼe mootummaarraa mormiin si mudateeraa? Phaawulos rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe gammaduu akka qabnu dubbateera. w23.12 10-11 key. 9-10