Wiixata, Adoolessa 21
Wal jajjabeessuu keessan itti fufaa.—1 Tas. 4:18.
Warra kaan jajjabeessuun karaa guddaa jaalala itti argisiisnu kan taʼe maaliifi? Barreeffamni Kitaaba Qulqulluurratti ibsa kennu tokko akka ibsetti jechi “jajjabeessuu” jedhuu fi Phaawulos itti fayyadame “nama qorumsa cimaa keessa jiru jajjabeessuuf isa cinaa dhaabbachuu” argisiisa. Kanaafuu, obboleessa dhiphina keessa jiru tokko yeroo jajjabeessinu, ol jedhee daandii jireenyaarra deemuu isaa akka itti fufu isa gargaarra. Yeroo obboloota keenya dhiphatan jajjabeessinu hundatti jaalala isaanitti argisiisaa jirra jechuudha. (2 Qor. 7:6, 7, 13) Warra kaaniif garaa laafuunii fi isaan jajjabeessuun baayʼee wal qabata. Akkamitti? Namni gara laafessa taʼe tokko warra kaan jajjabeessuu fi rakkina isaaniirraa boqonnaa akka argatan isaan gargaaruuf carraaqqii godha. Kanaafuu, gara laafina yoo qabaanne warra kaan jajjabeessuuf kakaana. Phaawulos Yihowaan namootaaf gara laafina qabaachuun isaa isaan jajjabeessuuf kan isa kakaasu akkamitti akka taʼe ibseera. Waaʼee Yihowaa yeroo dubbatu, “Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa” jedheera.—2 Qor. 1:3. w23.11 9-10 key. 8-10
Kibxata, Adoolessa 22
Utuma rakkinni nu irra gaʼaa jiruus haa gammannu.—Rom. 5:3.
Duuka buutonni Kiristoos hundi rakkinni isaanirra gaʼuu akka dandaʼu eeguu qabu. Mee fakkeenya Phaawulos haa ilaallu. Obboloota Tasalonqee keessa turaniin, “Yeroo isinii wajjin turre, rakkinni akka nu irra gaʼu dursinee isinitti himaa turre; . . . wanti taʼes kanuma” jedhee ture. (1 Tas. 3:4) Warra Qorontosiifimmoo, “Yaa obbolootaa, rakkina . . . nu irra gaʼe akka beektan barbaanna. Lubbuudhaan hin oollu jennee hamma abdii kutannutti [geenyee turre]” jedhee barreesseera. (2 Qor. 1:8; 11:23-27) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis rakkinni akkasii isaanirra gaʼuu akka dandaʼu beeku. (2 Xim. 3:12) Michoonnii fi firoonni keessan isin jibbuu dandaʼu. Wanta hundumaarratti amanamaa taʼuuf kutannoo gooteen kan kaʼe bakka hojiitti rakkinni si mudachaa jiraa? (Ibr. 13:18) Abdii kee warra kaanitti himuu keetiin kan kaʼe mootummaarraa mormiin si mudateeraa? Phaawulos rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe gammaduu akka qabnu dubbateera. w23.12 10-11 key. 9-10
Roobii, Adoolessa 23
Rakkina guddaa anatti fiddaniittu.—Uma. 34:30.
Yaaqoob rakkina hedduu dandamateera. Ijoolleen isaa lamaan Simiʼoonii fi Leewwiin maaticharratti salphina fidaniiru, maqaa Yihowaarrattis arrabsoo fidaniiru. Haati manaa isaa Raahel daʼumsarratti jalaa duute. Kana malees, Yaaqoob beela hamaa biyyattii keessatti buʼeen kan kaʼe bara dulluma isaatti gara biyya Gibxiitti godaane. (Uma. 35:16-19; 37:28; 45:9-11, 28) Yaaqoob rakkinni kun hundi kan isarra gaʼe taʼus, Yihowaarrattis taʼe waadaawwan inni galerratti amantii dhabee hin beeku. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan gaarummaa isatti argisiiseera. Fakkeenyaaf, Yihowaan qabeenya hedduu isaaf kenneera. Kana malees, Yaaqoob ilma isaa Yoseef isa yeroo dheeraa dura akka duʼetti yaadaa ture deebiʼee yeroo argu Yihowaa hammam akka galateeffate tilmaamuu dandeessa! Yaaqoob Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuun isaa qorumsa isa mudate milkaaʼinaan dandamachuuf isa gargaareera. (Uma. 30:43; 32:9, 10; 46:28-30) Nutis michummaa Yihowaa wajjin qabnu yoo cimsanne, qorumsa hin eegamne milkaaʼinaan dandamachuu dandeenya. w23.04 15 key. 6-7