Kibxata, Adoolessa 22
Utuma rakkinni nu irra gaʼaa jiruus haa gammannu.—Rom. 5:3.
Duuka buutonni Kiristoos hundi rakkinni isaanirra gaʼuu akka dandaʼu eeguu qabu. Mee fakkeenya Phaawulos haa ilaallu. Obboloota Tasalonqee keessa turaniin, “Yeroo isinii wajjin turre, rakkinni akka nu irra gaʼu dursinee isinitti himaa turre; . . . wanti taʼes kanuma” jedhee ture. (1 Tas. 3:4) Warra Qorontosiifimmoo, “Yaa obbolootaa, rakkina . . . nu irra gaʼe akka beektan barbaanna. Lubbuudhaan hin oollu jennee hamma abdii kutannutti [geenyee turre]” jedhee barreesseera. (2 Qor. 1:8; 11:23-27) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis rakkinni akkasii isaanirra gaʼuu akka dandaʼu beeku. (2 Xim. 3:12) Michoonnii fi firoonni keessan isin jibbuu dandaʼu. Wanta hundumaarratti amanamaa taʼuuf kutannoo gooteen kan kaʼe bakka hojiitti rakkinni si mudachaa jiraa? (Ibr. 13:18) Abdii kee warra kaanitti himuu keetiin kan kaʼe mootummaarraa mormiin si mudateeraa? Phaawulos rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe gammaduu akka qabnu dubbateera. w23.12 10-11 key. 9-10
Roobii, Adoolessa 23
Rakkina guddaa anatti fiddaniittu.—Uma. 34:30.
Yaaqoob rakkina hedduu dandamateera. Ijoolleen isaa lamaan Simiʼoonii fi Leewwiin maaticharratti salphina fidaniiru, maqaa Yihowaarrattis arrabsoo fidaniiru. Haati manaa isaa Raahel daʼumsarratti jalaa duute. Kana malees, Yaaqoob beela hamaa biyyattii keessatti buʼeen kan kaʼe bara dulluma isaatti gara biyya Gibxiitti godaane. (Uma. 35:16-19; 37:28; 45:9-11, 28) Yaaqoob rakkinni kun hundi kan isarra gaʼe taʼus, Yihowaarrattis taʼe waadaawwan inni galerratti amantii dhabee hin beeku. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan gaarummaa isatti argisiiseera. Fakkeenyaaf, Yihowaan qabeenya hedduu isaaf kenneera. Kana malees, Yaaqoob ilma isaa Yoseef isa yeroo dheeraa dura akka duʼetti yaadaa ture deebiʼee yeroo argu Yihowaa hammam akka galateeffate tilmaamuu dandeessa! Yaaqoob Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuun isaa qorumsa isa mudate milkaaʼinaan dandamachuuf isa gargaareera. (Uma. 30:43; 32:9, 10; 46:28-30) Nutis michummaa Yihowaa wajjin qabnu yoo cimsanne, qorumsa hin eegamne milkaaʼinaan dandamachuu dandeenya. w23.04 15 key. 6-7
Kamisa, Adoolessa 24
Yihowaan tiksee koo ti. Homtuu natti hin hirʼatu.—Far. 23:1.
Faarfannaan 23 jaalalaa fi kunuunsa Yihowaa akka gaariitti ibsa. Barreessaa faarfannaa kanaa kan taʼe Daawit walitti dhufeenya cimaa isaa fi Yihowaa isa Tiksee isaa taʼe gidduu jiru ibseera. Daawit Yihowaan akka isa qajeelchu waan heyyameef nageenyi isatti dhagaʼameera, guutummaattis isatti amanameera. Daawit jaalalli Yihowaa bara jireenya isaa hundumaatti akka isa hordofu beeka. Amanannaa akkasii akka qabaatu maaltu isa gargaare? Daawit Yihowaan yeroo hunda wanta isa barbaachisu waan isaaf qopheessuuf kunuunsa akka qabu isatti dhagaʼameera. Yihowaan michuu isaa akka taʼee fi isa biratti fudhatama akka argates beeka. Gara fuulduraatti wanti akkamiiyyuu yoo isa mudate Yihowaan wanta isa barbaachisu akka isaaf qopheessu mirkanaaʼaa kan taʼe kanaafi. Daawit Yihowaan akka isa jaallatuu fi akka isa kunuunsu amantii qabaachuun isaa akka hin dhiphannee fi gammachuu akka qabaatu isa gargaareera.—Far. 16:11. w24.01 29 key. 12-13