Kamisa, Adoolessa 24
Yihowaan tiksee koo ti. Homtuu natti hin hirʼatu.—Far. 23:1.
Faarfannaan 23 jaalalaa fi kunuunsa Yihowaa akka gaariitti ibsa. Barreessaa faarfannaa kanaa kan taʼe Daawit walitti dhufeenya cimaa isaa fi Yihowaa isa Tiksee isaa taʼe gidduu jiru ibseera. Daawit Yihowaan akka isa qajeelchu waan heyyameef nageenyi isatti dhagaʼameera, guutummaattis isatti amanameera. Daawit jaalalli Yihowaa bara jireenya isaa hundumaatti akka isa hordofu beeka. Amanannaa akkasii akka qabaatu maaltu isa gargaare? Daawit Yihowaan yeroo hunda wanta isa barbaachisu waan isaaf qopheessuuf kunuunsa akka qabu isatti dhagaʼameera. Yihowaan michuu isaa akka taʼee fi isa biratti fudhatama akka argates beeka. Gara fuulduraatti wanti akkamiiyyuu yoo isa mudate Yihowaan wanta isa barbaachisu akka isaaf qopheessu mirkanaaʼaa kan taʼe kanaafi. Daawit Yihowaan akka isa jaallatuu fi akka isa kunuunsu amantii qabaachuun isaa akka hin dhiphannee fi gammachuu akka qabaatu isa gargaareera.—Far. 16:11. w24.01 29 key. 12-13
Jimaata, Adoolessa 25
Ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.—Mat. 28:20.
Waraana Addunyaa Lammaffaa booda sabni Yihowaa biyyoota hedduu keessa jiraatan bilisummaadhaan hojii lallabaarratti hirmaachaa turan. Hojichis baayʼee babalʼateera. Yeroo harʼaattis miseensonni Qaama Olaanaa qajeelfama Kiristoos argachuuf carraaqqii gochuu isaanii itti fufaniiru. Qajeelfamni obbolootaaf kennan ilaalcha Yihowaa kan calaqqisiisu akka taʼu barbaadu. Gumiiwwaniif qajeelfama kennuuf ilaaltota olaanaa aanaa fi jaarsoliitti fayyadamu. Jaarsoliin muudaman ‘harka mirgaa’ Kiristoos keessa jiru. (Mul. 2:1) Dhugaadha, jaarsoliin cubbuu waan dhaalaniif dogoggora ni raawwatu. Museen, Iyyaasuunii fi ergamoonni yeroo itti dogoggora raawwatan qabu. (Lak. 20:12; Iya. 9:14, 15; Rom. 3:23) Taʼus, Kiristoos garbicha amanamaa fi jaarsolii muudaman of eeggannoodhaan geggeessaa jira. Kanaafuu, qajeelfama obboloota dura buutota taʼanii muudaman kanatti fayyadamee nuu kennurratti amantii guutuu qabaachuu dandeenya. w24.02 23-24 key. 13-14
Sanbadduraa, Adoolessa 26
Ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa.—Efe. 5:1.
Yeroo harʼaatti akka isa galateeffannuu fi akka isa jaallannu karaa argisiisuun waaʼeesaa dubbachuudhaan Yihowaa gammachiisuu dandeenya. Kaayyoon tajaajila itti baanu inni guddaan namoonni Yihowaatti akka dhihaatanii fi akkuma keenya akka Abbaa isaan jaallatutti akka isa ilaalan gargaaruudha. (Yaq. 4:8) Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa maal akka jedhu, fakkeenyaaf jaalala, haqa, ogummaa, humnaa fi amaloota inni qabu kan biroo ilaalchisee maal akka jedhu namootatti argisiisuun nu gammachiisa. Fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaqqii gochuudhaanis isa jajachuu fi isa gammachiisuu ni dandeenya. Yeroo akkas goonu addunyaa hamaa kana keessatti warra kaanirraa adda taanee mulʼanna. Kunis namoonni gaaffiin akka isaanitti uumamu gochuu dandaʼa. (Mat. 5:14-16) Yeroo namoota wajjin wal arginu amala warra kaanirraa adda taʼe kan argisiisnu maaliif akka taʼe isaaniif ibsuu dandeenya. Sababii kanaatiin namoonni garaa qajeelaa qaban Waaqa keenyatti dhihaachuuf kakaʼuu dandaʼu. Karaawwan kanaan yeroo Yihowaa jajannu garaasaa gammachiisna.—1 Xim. 2:3, 4. w24.02 10 key. 7