Kibxata, Adoolessa 29
Ani sitti nan gammada.—Luq. 3:22.
Yihowaan saba isaatti akka gammadu beekuun baayʼee nama jajjabeessa! Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan saba isaatti ni gammada” jedha. (Far. 149:4) Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko darbee darbee, ‘Yihowaan natti gammadaa laata?’ jedhanii waan yaaddaʼaniif baayʼee dhiphatu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti amanamummaadhaan Yihowaa akka tajaajilan ibsaman hedduun darbee darbee miira akkasii wajjin walʼaansoo godhu turan. (1 Sam. 1:6-10; Iyo. 29:2, 4; Far. 51:11) Kitaabni Qulqulluun namoonni mudaa qaban Yihowaa gammachiisuu akka dandaʼan ifatti dubbata. Kana kan godhan akkamitti? Yesuus Kiristoosirratti amantii akka qabnu argisiisuu fi cuuphamuu qabna. (Yoh. 3:16) Karaa kanaan cubbuu keenyarraa yaada akka geddarannee fi fedhii Waaqayyoo raawwachuuf waadaa akka galle namootatti argisiisna. (HoE. 2:38; 3:19) Yihowaan michoota isaa taʼuuf tarkaanfiiwwan kana yeroo fudhannu baayʼee gammada. Waadaa yeroo of murteessinetti galle eeguuf wanta dandeenyu hunda gochuu keenya hamma itti fufnetti nutti gammada, akkasumas michoota isaa akka taanetti nu ilaala.—Far. 25:14. w24.03 26 key. 1-2
Roobii, Adoolessa 30
Nuti garuu, waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.—HoE. 4:20.
Yihowaan tajaajila keenya raawwachuuf akka nu gargaaru amanuu ni dandeenya. Ija jabinaa fi ogummaa akka nuuf kennu isa kadhachuu dandeenya. Rakkina si mudate dandamachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Baayʼeen keenya dhibee qaamaa ykn dhiphina sammuutiin dararamaa jirra, nama jaallannu duʼaan dhabneerra, haala maatii rakkisaa taʼe dandamachaa jirra, ariʼatamni nurra gaʼaa jira ykn rakkina kan biraa dandamachaa jirra taʼa. Wantoonni akka weerara dhibee fi waraanaa jiranimmoo rakkoowwan kana dandamachuun caalaatti akka nutti ulfaatu godhaniiru. Yeroo akkasiitti wanta sitti dhagaʼamu hundumaa Yihowaatti himi. Akkuma michuu baayʼee itti dhihaattutti isa ilaaluudhaan haala keessa jirtu isatti himi. Yihowaan ‘siif jecha tarkaanfii akka fudhatu’ mirkanaaʼaa taʼi. (Fr. 37:3, 5) Kadhannaatti jabaachuun ‘rakkina keessatti jabaannee dhaabbachuuf’ nu gargaara. (Rom. 12:12) Yihowaan haala tajaajiltoonni isaa keessatti argaman waan beekuuf, “iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa.”—Far. 145:18, 19. w23.05 5-6 key. 12-15.
Kamisa, Adoolessa 31
Yeroo hundumaa wanta . . . fudhatama qabu qoraa mirkaneeffadhaa.—Efe. 5:10.
Murtoo iddoo guddaa qabu gochuuf, “fedhiin Yihowaa maal akka taʼe” hubachuu fi tarkaanfii fedhii isaa wajjin walsimu fudhachuun nu barbaachisa. (Efe. 5:17) Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu haala keenyaaf hojjetan argachuuf yaaluudhaan, ilaalcha Waaqayyo dhimmicharratti qabu beekuuf carraaqaa akka jirru argisiisna. Yeroo qajeelfama isaa hojiirra oolchinu murtoo gaarii goona. Inni ‘hamaan’ sun, jechuunis Seexanni inni diina keenya taʼe wantoota addunyaatiin akka qabamnu gochuudhaan tajaajila Yihowaatiif yeroo akka dhabnu godha. (1 Yoh. 5:19) Kiristiyaanni tokko carraa Yihowaa itti tajaajilu hedduu kan qabu taʼus, maallaqa, barumsaa fi hojiirratti xiyyeeffachuu jalqabuu dandaʼa. Kun akka taʼu yoo heyyame ilaalchi addunyaa dhiibbaa akka isarratti godhe argisiisa. Dhugaadha, wantoonni kun dogoggora miti; taʼus jireenya keenya keessatti dursa kennuufii hin qabnu. w24.03 24 key. 16-17