Roobii, Adoolessa 30
Nuti garuu, waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.—HoE. 4:20.
Yihowaan tajaajila keenya raawwachuuf akka nu gargaaru amanuu ni dandeenya. Ija jabinaa fi ogummaa akka nuuf kennu isa kadhachuu dandeenya. Rakkina si mudate dandamachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Baayʼeen keenya dhibee qaamaa ykn dhiphina sammuutiin dararamaa jirra, nama jaallannu duʼaan dhabneerra, haala maatii rakkisaa taʼe dandamachaa jirra, ariʼatamni nurra gaʼaa jira ykn rakkina kan biraa dandamachaa jirra taʼa. Wantoonni akka weerara dhibee fi waraanaa jiranimmoo rakkoowwan kana dandamachuun caalaatti akka nutti ulfaatu godhaniiru. Yeroo akkasiitti wanta sitti dhagaʼamu hundumaa Yihowaatti himi. Akkuma michuu baayʼee itti dhihaattutti isa ilaaluudhaan haala keessa jirtu isatti himi. Yihowaan ‘siif jecha tarkaanfii akka fudhatu’ mirkanaaʼaa taʼi. (Fr. 37:3, 5) Kadhannaatti jabaachuun ‘rakkina keessatti jabaannee dhaabbachuuf’ nu gargaara. (Rom. 12:12) Yihowaan haala tajaajiltoonni isaa keessatti argaman waan beekuuf, “iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa.”—Far. 145:18, 19. w23.05 5-6 key. 12-15.
Kamisa, Adoolessa 31
Yeroo hundumaa wanta . . . fudhatama qabu qoraa mirkaneeffadhaa.—Efe. 5:10.
Murtoo iddoo guddaa qabu gochuuf, “fedhiin Yihowaa maal akka taʼe” hubachuu fi tarkaanfii fedhii isaa wajjin walsimu fudhachuun nu barbaachisa. (Efe. 5:17) Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu haala keenyaaf hojjetan argachuuf yaaluudhaan, ilaalcha Waaqayyo dhimmicharratti qabu beekuuf carraaqaa akka jirru argisiisna. Yeroo qajeelfama isaa hojiirra oolchinu murtoo gaarii goona. Inni ‘hamaan’ sun, jechuunis Seexanni inni diina keenya taʼe wantoota addunyaatiin akka qabamnu gochuudhaan tajaajila Yihowaatiif yeroo akka dhabnu godha. (1 Yoh. 5:19) Kiristiyaanni tokko carraa Yihowaa itti tajaajilu hedduu kan qabu taʼus, maallaqa, barumsaa fi hojiirratti xiyyeeffachuu jalqabuu dandaʼa. Kun akka taʼu yoo heyyame ilaalchi addunyaa dhiibbaa akka isarratti godhe argisiisa. Dhugaadha, wantoonni kun dogoggora miti; taʼus jireenya keenya keessatti dursa kennuufii hin qabnu. w24.03 24 key. 16-17
Jimaata, Hagayya 1
Rakkinni nama qajeelaa hedduu dha, Yihowaan garuu hunduma isaa jalaa isa ni oolcha.—Far. 34:19.
Qabxiilee barbaachisoo faarfannaa kanarratti ibsaman lama hubadhu: (1) Namoota qajeeloo taʼanirra rakkinni ni gaʼa. (2) Yihowaan qorumsa nu mudaturraa nu oolcha. Yihowaan kan nu oolchu akkamitti? Karaan inni tokko jireenya sirna kana keessatti jiraannuuf ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaaruudhaani. Yihowaan gammachuudhaan akka isa tajaajillu waadaa kan nuuf gale taʼus, yeroo ammaatti jireenya rakkinarraa bilisa taʼe akka jiraannu waadaa nuuf hin galle. (Isa. 66:14) Yeroo bara baraaf gammachuudhaan itti jiraannurratti akka xiyyeeffannu nu jajjabeesseera. (2 Qor. 4:16-18) Hammasitti garuu, guyyaa guyyaadhaan isa tajaajiluu keenya akka itti fufnu nu gargaara. (Faru. 3:22-24) Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo bara duriiti turanii fi yeroo ammaatti jiran irraa barumsa akkamii arganna? Rakkinni hin eegamne nu mudachuu dandaʼa. Haa taʼu malee yoo Yihowaa irraa gargaarsa argachuuf yaalle inni nu gargaaruu irraa matumaa duubatti hin jedhu.—Far. 55:22. w23.04 14-15 key. 3-4