Kibxata, Adoolessa 8
Guyyaan Yihowaa [dhufaa jira].—1 Tas. 5:2.
Phaawulos ergamaan namoota guyyaa Yihowaarraa hin oolle namoota rafanii jiranitti fakkeesseera. Namoonni kun wanta naannoo isaaniitti raawwatamaa jiru ykn yeroon deemuu isaa hin hubatan. Kanaafuu, yeroo wanti baayʼee barbaachisaa taʼe raawwatamutti hubachuus taʼe deebii kennuu hin dandaʼan. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun karaa hafuuraa rafaniiru. (Rom. 11:8) Ragaa “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirruu fi rakkinni guddaan dhiheenyatti akka jalqabu argisiisu hin amanan. (2 Phe. 3:3, 4) Haa taʼu malee, guyyaadhaa gara guyyaatti dammaqoo taanee itti fufuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (1 Tas. 5:6) Kanaafuu tasgabbaaʼuu fi jabaannee dhaabbachuu qabna. Maaliifi? Dhimmoota siyaasaa ykn dhimmoota hawaasummaa yeroo harʼaatti babalʼatanii jiran keessa akka hin galleefi. Guyyaan Yihowaa dhihaachaa yeroo dhufu, dhimmoota akkasiirratti garee tokko akka deggerru dhiibbaan nurratti godhamu caalaatti dabalaa deema. Taʼus, ‘Deebii akkamiin kenna laata?’ jennee dhiphachuun nu hin barbaachisu. Hafuurri Waaqayyoo akka tasgabboofnuu fi murtoo ogummaarratti hundaaʼe akka goonu nu gargaara.—Luq. 12:11, 12. w23.06 10 key. 6-7
Roobii, Adoolessa 9
Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, maaloo, na yaadadhu . . . na jabeessi.—Abo. 16:28.
Maqaa Saamson jedhu yeroo dhageessu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Nama jabina adda taʼe qabu akka yaadattu beekamaadha. Saamson nama akkasiiti. Haa taʼu malee Saamson murtoo gaarii hin taanee fi miidhaa isarraan geessisu godheera. Taʼus Yihowaan amanamummaa Saamson argisiiserratti xiyyeeffateera; seenaan isaas faayidaa akka irraa argannuuf Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godheera. Yihowaan saba isaa Israaʼeliin gargaaruuf Saamsonitti fayyadamee wantoota ajaaʼibsiisoo taʼan raawwateera. Saamson duʼee jaarraawwan hedduu booda Yihowaan maqaa isaa maqaa namoota amantii guddaa argisiisanii wajjin akka galmeessu Phaawulos ergamaa kakaaseera. (Ibr. 11:32-34) Fakkeenyi Saamson nu jajjabeessa. Saamson haalawwan rakkisoo taʼan keessattillee Yihowaatti amanameera. Saamsonirraa jajjabina argachuu fi fakkeenya isaa irraa barachuu dandeenya. w23.09 2 key. 1-2
Kamisa, Adoolessa 10
Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa.—Filp. 4:6.
Nutis wantoota nu yaaddessan ilaalchisee irra deddeebinee kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan amala jabaatanii dhaabbachuu horachuu keenya itti fufuu dandeenya. (1 Tas. 5:17) Tarii yeroo ammaatti qorumsi cimaan sirra gaʼaa hin jiru taʼa. Taʼus, yeroo aartu, yeroo burjaajoftu ykn wanta gootu yeroo wallaaltu hundumaatti qajeelfama Yihowaa argachuuf ni kadhattaa? Yeroo ammaatti guyyaa guyyaadhaan rakkinni yeroo si mudatu irra deddeebitee gargaarsa Yihowaa argachuuf kan kadhattu yoo taʼe gara fuulduraatti rakkoowwan guguddaan yeroo si mudatan akkas gochuurraa duubatti hin jettu. Akkas gochuun kee Yihowaan si gargaaruuf yoomii fi akkamitti tarkaanfii akka fudhatu guutummaatti akka beeku mirkanaaʼaa taʼuuf si gargaara. (Far. 27:1, 3) Yeroo ammaatti qorumsa keessatti jabaannee kan dhaabbannu yoo taʼe gara fuulduraatti yeroo rakkinni guddaan dhufu jabaannee dhaabbachuu dandeenya. (Rom. 5:3) Akkas kan jennu maaliifi? Obboloonni baayʼeen qorumsa isaan mudate tokko keessatti jabaatanii dhaabbachuun isaanii qorumsa sana booda isaan mudateef akka isaan qopheesse hubataniiru. Jabaatanii dhaabbachuun isaanii isaan qulqulleesseera; Yihowaan isaan gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼee fi fedhii akka qabu amantii qaban isaaniif cimseera. Amantiin isaaniimmoo qorumsa sana booda isaan mudatu keessatti jabaatanii dhaabbachuuf isaan gargaareera.—Yaq. 1:2-4. w23.07 3 key. 7-8