Wiixata, Adoolessa 7
Gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa. Ililchuudhaanis isa duratti dhihaadhaa.—Far. 100:2.
Yihowaan gammachuu fi fedhiidhaan akka isa tajaajillu barbaada. (2 Qor. 9:7) Maarree, akkas gochuun nu hin gammachiisu taanaan galma hafuuraa tokkorra gaʼuuf carraaqqii gochuu qabnaa? Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa haa ilaallu. “Qaama koo cimsee adabuudhaan akka garbichaatti akka naaf [ajajamun] godha” jedheera. (1 Qor. 9:25-27, milj.) Phaawulos wanta Yihowaan barbaadu gochuuf yeroo fedhii hin qabaannettillee of dirqisiisa ture. Maarree, Yihowaan tajaajila Phaawulos dhiheessetti gammadeeraa? Eeyyee gammadeera. Carraaqqii inni godheefis isa eebbiseera. (2 Xim. 4:7, 8) Nutis yeroo kakaʼumsa hin qabaannettillee galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii yeroo goonu Yihowaan baayʼee gammada. Wanta tokko kan raawwannu wanta sana jaallannee taʼuu baatus, jaalala isaaf qabnuun kakaanee akka taʼe waan beekuuf nutti gammada. Yihowaan akkuma Phaawulosiin eebbise carraaqqii goonuuf nu eebbisa. (Far. 126:5) Eebba Yihowaa argachuun keenyammoo kakaʼumsa qabaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. w23.05 29 key. 9-10
Kibxata, Adoolessa 8
Guyyaan Yihowaa [dhufaa jira].—1 Tas. 5:2.
Phaawulos ergamaan namoota guyyaa Yihowaarraa hin oolle namoota rafanii jiranitti fakkeesseera. Namoonni kun wanta naannoo isaaniitti raawwatamaa jiru ykn yeroon deemuu isaa hin hubatan. Kanaafuu, yeroo wanti baayʼee barbaachisaa taʼe raawwatamutti hubachuus taʼe deebii kennuu hin dandaʼan. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun karaa hafuuraa rafaniiru. (Rom. 11:8) Ragaa “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirruu fi rakkinni guddaan dhiheenyatti akka jalqabu argisiisu hin amanan. (2 Phe. 3:3, 4) Haa taʼu malee, guyyaadhaa gara guyyaatti dammaqoo taanee itti fufuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (1 Tas. 5:6) Kanaafuu tasgabbaaʼuu fi jabaannee dhaabbachuu qabna. Maaliifi? Dhimmoota siyaasaa ykn dhimmoota hawaasummaa yeroo harʼaatti babalʼatanii jiran keessa akka hin galleefi. Guyyaan Yihowaa dhihaachaa yeroo dhufu, dhimmoota akkasiirratti garee tokko akka deggerru dhiibbaan nurratti godhamu caalaatti dabalaa deema. Taʼus, ‘Deebii akkamiin kenna laata?’ jennee dhiphachuun nu hin barbaachisu. Hafuurri Waaqayyoo akka tasgabboofnuu fi murtoo ogummaarratti hundaaʼe akka goonu nu gargaara.—Luq. 12:11, 12. w23.06 10 key. 6-7
Roobii, Adoolessa 9
Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, maaloo, na yaadadhu . . . na jabeessi.—Abo. 16:28.
Maqaa Saamson jedhu yeroo dhageessu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Nama jabina adda taʼe qabu akka yaadattu beekamaadha. Saamson nama akkasiiti. Haa taʼu malee Saamson murtoo gaarii hin taanee fi miidhaa isarraan geessisu godheera. Taʼus Yihowaan amanamummaa Saamson argisiiserratti xiyyeeffateera; seenaan isaas faayidaa akka irraa argannuuf Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godheera. Yihowaan saba isaa Israaʼeliin gargaaruuf Saamsonitti fayyadamee wantoota ajaaʼibsiisoo taʼan raawwateera. Saamson duʼee jaarraawwan hedduu booda Yihowaan maqaa isaa maqaa namoota amantii guddaa argisiisanii wajjin akka galmeessu Phaawulos ergamaa kakaaseera. (Ibr. 11:32-34) Fakkeenyi Saamson nu jajjabeessa. Saamson haalawwan rakkisoo taʼan keessattillee Yihowaatti amanameera. Saamsonirraa jajjabina argachuu fi fakkeenya isaa irraa barachuu dandeenya. w23.09 2 key. 1-2