Jimaata, Hagayya 15
Warra dhaqna qabatan sodaatee . . . isaan irraa adda of baase.—Gal. 2:12.
Pheexiros Kiristiyaana dibamaa erga taʼee boodallee dadhabina isaa wajjin waldhaansoo gochuun isa barbaachiseera. Dhaloota Kiristoos Booda bara 36tti Waaqayyo Pheexirosiin gara Qorneelewos isa Yihudii hin taanetti ergee ture. Yeroo sanatti Waaqayyo Qorneelewosiin hafuura qulqulluudhaan dibe; kunis “Waaqayyo akka hin loogne” akkasumas namoonni Yihudoota hin taanes kutaa gumii Kiristiyaanaa taʼuu akka dandaʼan ifa godheera. (HoE. 10:34, 44, 45) Pheexiros sana dura akkas godhee kan hin beekne taʼus amma namoota Yihudoota hin taane wajjin nyaata nyaachuuf bilisummaan isatti dhagaʼameera. Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan tokko tokko garuu Yihudoonnii fi namoonni Yihudoota hin taane waliin nyaachuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama ture. Kiristiyaanonni ilaalcha akkasii qaban tokko tokko yeroo Anxokiyaadhaa dhufanitti Pheexiros obboloota isaa Yihudoota hin taane wajjin nyaachuu ni dhiise; akkas kan godhe obboloota isaa Yihudoota taʼan akka hin mufachiisne sodaatee taʼuu hin oolu. Phaawulos ergamaan wanta Pheexiros godhe kana yeroo argu namoota duratti isa ifate. (Gal. 2:13 14) Pheexiros dogoggora akkasii kan raawwate taʼus abdii hin kutanne. w23.09 22 key. 8
Sanbadduraa, Hagayya 16
[Inni] hundee jabaa irra isin dhaaba.—1 Phe. 5:10.
Haqaan yeroo of qortu dadhabina qabdu tokko tokko hubatteetta taʼa; garuu abdii hin kutatin. Gooftaan gaarii waan taʼeef fooyyaʼiinsa akka gootu si gargaara. (1 Phe. 2:3) Pheexiros, “Waaqayyo . . . leenjii keessan ni xumura” jedheera. Pheexiros yeroo tokko Ilma Waaqayyoo wajjin taʼuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. (Luq. 5:8) Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaa fi Yesuus jaalalaan kakaʼanii isaaf godhaniin Kiristoos duukaa buʼuu isaa itti fufeera. Kanaan kan kaʼes Pheexiros “gara Mootummaa bara baraa isa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuu” dandaʼeera. (2 Phe. 1:11) Kun mirga dinqisiisaadha. Atis akkuma Pheexiros abdii yoo kutachuu baattee fi Yihowaan akka si leenjisu yoo heyyamte badhaasa jireenya barabaraa ni argatta. ‘Amantiin kee fayyina siif argamsiisa.’—1 Phe. 1: 9. w23.09 31 key. 16-17
Dilbata, Hagayya 17
Isa samii, lafa, . . . uume sana waaqeffadhaa.—Mul. 14:7.
Godoo qulqulluun mooraa tokko qaba ture; mooraa kana keessatti luboonni hojii garaa garaa hojjetu turan. Iddoon aarsaa sibiila diimaarraa hojjetame mooraa kana keessa jira ture; miʼi bishaanii sibiila diimaarraa hojjetames achitti argama ture, luboonni tajaajila qulqulluu dhiheessuu jalqabuu isaanii dura of qulqulleessuuf bishaan kanatti fayyadamu turan. (Bau. 30:17-20; 40:6-8) Yeroo harʼaa dibamtoonni mooraa keessaa mana qulqullummaa hafuuraa keessatti amanamummaadhaan tajaajilu. Mooraa sana keessa miʼi bishaanii guddaan jiraachuun isaa isaan dabalatee Kiristiyaanonni hundi karaa naamusaa fi karaa hafuuraa qulqulluu taʼuu akka qaban isaan yaadachiisa. “Tuutni uummataa guddaan” waaqeffannaa isaanii kan dhiheessan eessatti? Yohaannis ergamaan “teessicha . . . dura dhaabbatanii . . . halkanii fi guyyaa mana qulqullummaa [Waaqayyoo] keessatti tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessaa” akka jiran argeera. “Tuutni uummataa guddaan” kana kan godhan lafarratti, mooraa alaa mana qulqullummaa hafuuraa keessattidha. (Mul. 7:9, 13-15) Qophii Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif godhe keessatti isa waaqeffachuuf mirga argachuu keenya baayʼee dinqisiifanna! w23.10 28 key. 15-16