Kamisa, Hagayya 14
Yeroo inni Yihowaa barbaaddachaa turettis Waaqni dhugaan badhaadhina isaaf ni kenne.—2 Sen. 26:5.
Ooziyaa Mootichi ijoollummaa isaatti nama gad of qabu ture. ‘Waaqa dhugaa sodaachuu’ akka qabus barateera. Umurii isaa waggaa 68 keessaa harka caalaa isaa eebba Yihowaa argatee jiraateera. (2 Sen 26:1-4) Ooziyaan diinota Israaʼel hedduu injifateera; Yerusaalemis eegumsa cimaa akka qabaattu godheera. (2 Sen. 26:6-15) Ooziyaan wanta Waaqayyo akka raawwatu isa gargaare hundumaatti akka gammade ifadha. (Lal. 3:12 13) Ooziyaa Mootichi yeroo baayʼee warri kaan qajeelfama isaa akka hordofan ajajaa tureera. Tarii kun wanta barbaade hunda gochuu akka dandaʼu akka isatti dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa. Gaaf tokko Ooziyaan of tuulummaadhaan gara mana qulqullummaa Yihowaa seenee iddoo aarsaarratti ixaana aarsuuf yaale; taʼus mootonni kana akka godhan isaaniif hin heyyamamu ture. (2 Sen. 26:16-18) Azaariyaan inni luba olaanaa taʼe isa dhorkuuf kan yaale taʼus, Ooziyaan garuu baayʼee aare. Kan nama gaddisiisu Ooziyaan amanamaa taʼee itti hin fufne; kanaan kan kaʼes Yihowaan dhukkuba Nadaayiitiin isa adabe. (2 Sen. 26:19-21) Gad of qabee itti fufeera utuu taʼee jireenyi isaa kanarraa baayʼee adda taʼa ture. w23.09 10 key. 9-10
Jimaata, Hagayya 15
Warra dhaqna qabatan sodaatee . . . isaan irraa adda of baase.—Gal. 2:12.
Pheexiros Kiristiyaana dibamaa erga taʼee boodallee dadhabina isaa wajjin waldhaansoo gochuun isa barbaachiseera. Dhaloota Kiristoos Booda bara 36tti Waaqayyo Pheexirosiin gara Qorneelewos isa Yihudii hin taanetti ergee ture. Yeroo sanatti Waaqayyo Qorneelewosiin hafuura qulqulluudhaan dibe; kunis “Waaqayyo akka hin loogne” akkasumas namoonni Yihudoota hin taanes kutaa gumii Kiristiyaanaa taʼuu akka dandaʼan ifa godheera. (HoE. 10:34, 44, 45) Pheexiros sana dura akkas godhee kan hin beekne taʼus amma namoota Yihudoota hin taane wajjin nyaata nyaachuuf bilisummaan isatti dhagaʼameera. Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan tokko tokko garuu Yihudoonnii fi namoonni Yihudoota hin taane waliin nyaachuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama ture. Kiristiyaanonni ilaalcha akkasii qaban tokko tokko yeroo Anxokiyaadhaa dhufanitti Pheexiros obboloota isaa Yihudoota hin taane wajjin nyaachuu ni dhiise; akkas kan godhe obboloota isaa Yihudoota taʼan akka hin mufachiisne sodaatee taʼuu hin oolu. Phaawulos ergamaan wanta Pheexiros godhe kana yeroo argu namoota duratti isa ifate. (Gal. 2:13 14) Pheexiros dogoggora akkasii kan raawwate taʼus abdii hin kutanne. w23.09 22 key. 8
Sanbadduraa, Hagayya 16
[Inni] hundee jabaa irra isin dhaaba.—1 Phe. 5:10.
Haqaan yeroo of qortu dadhabina qabdu tokko tokko hubatteetta taʼa; garuu abdii hin kutatin. Gooftaan gaarii waan taʼeef fooyyaʼiinsa akka gootu si gargaara. (1 Phe. 2:3) Pheexiros, “Waaqayyo . . . leenjii keessan ni xumura” jedheera. Pheexiros yeroo tokko Ilma Waaqayyoo wajjin taʼuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. (Luq. 5:8) Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaa fi Yesuus jaalalaan kakaʼanii isaaf godhaniin Kiristoos duukaa buʼuu isaa itti fufeera. Kanaan kan kaʼes Pheexiros “gara Mootummaa bara baraa isa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuu” dandaʼeera. (2 Phe. 1:11) Kun mirga dinqisiisaadha. Atis akkuma Pheexiros abdii yoo kutachuu baattee fi Yihowaan akka si leenjisu yoo heyyamte badhaasa jireenya barabaraa ni argatta. ‘Amantiin kee fayyina siif argamsiisa.’—1 Phe. 1: 9. w23.09 31 key. 16-17