Roobii, Hagayya 27
Qaama koo keessa garuu seerri kan biraan, seera sammuu koo wajjin wal loluu fi seera cubbuu isa qaama koo keessa jiruuf akkan boojiʼamu godhu akka jiru nan hubadha.—Rom. 7:23.
Fedhii dogoggoraa wajjin walʼaansoo gochuun waan si barbaachisuuf abdii kutatta yoo taʼe waadaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti galterratti yaaduun kee fedhii dogoggoraa injifachuuf walʼaansoo gochuu kee itti fufuuf si gargaara. Akkamitti? Yeroo Yihowaadhaaf of murteessitu of ganta. Kana jechuun fedhii fi galma Yihowaa hin gammachiisnerraa ni fagaatta jechuudha. (Mat. 16:24) Kanaafuu, yeroo qorumsi si mudatu wanta gootu hin wallaaltu. Maal akka gootu dursitee murteessiteetta; eeyyee, Yihowaadhaaf amanamaa taatee itti fufta. Yihowaa gammachiisuuf kutatta. Karaa kanaan fakkeenya Iyyoob hordofta. Iyyoob qorumsi baayʼee ulfaataa taʼe yeroo isarra gaʼetti kutannoodhaan, “Amanamummaa koo hin dhiisu!” jedheera.—Iyo. 27:5. w24.03 9 key. 6-7
Kamisa, Hagayya 28
Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhihoo dha.—Far. 145:18.
Yihowaan inni ‘Waaqa jaalalaa’ taʼe nu wajjin jira. (2 Qor. 13:11) Inni dhuunfaatti xiyyeeffannaa nuuf kenna. ‘Jaalala isaa isa amanamaadhaan akka marfamne’ mirkanaaʼoo taaneerra. (Far. 32:10) Jaalala inni nutti argisiiserratti caalaatti yeroo xiinxallu, caalaatti nuuf dhugooma, akkasumas caalaatti isatti dhihaanna. Bilisummaadhaan isatti dhihaannee jaalalli isaa hammam akka nu barbaachisu itti himuu dandeenya. Akka nu hubatuu fi nu gargaaruuf fedhii guddaa akka qabu waan beeknuuf, wanta nu yaaddessu hundumaa isatti himuu dandeenya. (Far. 145:19) Akkuma guyyaa qorraatti ibidda hoʼutti siqnee taaʼuu barbaannu, jaalalli Yihowaas akka isatti dhihaannu nu kakaasa. Jaalalli Yihowaa humna guddaa kan qabu taʼus gara laafina isaas kan calaqqisiisudha. Yihowaan waan si jaallatuuf gammadi. Kanaafuu, hundi keenya, “Yihowaa nan jaalladha” jechuudhaan jaalala isaatiif deebii haa kenninu!—Far. 116:1. w24.01 31 key. 19-20
Jimaata, Hagayya 29
Maqaa kee isaanitti beeksiseera.—Yoh. 17:26.
Yesuus maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe namootatti himuu caalaa wanta godhe qaba. Namoonni inni barsiisaa ture sana durayyuu maqaa Waaqayyoo beeku turan. Taʼus, Yesuus waaʼee Yihowaa ibsuurratti fakkeenya guddaa nuu taʼeera. (Yoh. 1:17, 18) Fakkeenyaaf, Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa Yihowaan Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa akka taʼe ni dubbatu. (Bau. 34:5-7) Yesuus fakkeenya waaʼee ilma badee fi abbaasaa dubbaterratti dhugaa kana caalaatti ifa godheera. Waaʼee abbaa mucaan isaa inni yaada geeddarate ‘utuma fagoo jiruu argee’ isatti fiiguudhaan isa hammatee fi garaadhaa dhiifama isaaf godhee yeroo dubbisnu Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa akka taʼe sirriitti hubanna. (Luq. 15:11-32) Dhugumayyuu Yesuus eenyummaa Abbaasaa sirriitti ibseera. w24.02 10 key. 8-9