Kamisa, Hagayya 28
Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhihoo dha.—Far. 145:18.
Yihowaan inni ‘Waaqa jaalalaa’ taʼe nu wajjin jira. (2 Qor. 13:11) Inni dhuunfaatti xiyyeeffannaa nuuf kenna. ‘Jaalala isaa isa amanamaadhaan akka marfamne’ mirkanaaʼoo taaneerra. (Far. 32:10) Jaalala inni nutti argisiiserratti caalaatti yeroo xiinxallu, caalaatti nuuf dhugooma, akkasumas caalaatti isatti dhihaanna. Bilisummaadhaan isatti dhihaannee jaalalli isaa hammam akka nu barbaachisu itti himuu dandeenya. Akka nu hubatuu fi nu gargaaruuf fedhii guddaa akka qabu waan beeknuuf, wanta nu yaaddessu hundumaa isatti himuu dandeenya. (Far. 145:19) Akkuma guyyaa qorraatti ibidda hoʼutti siqnee taaʼuu barbaannu, jaalalli Yihowaas akka isatti dhihaannu nu kakaasa. Jaalalli Yihowaa humna guddaa kan qabu taʼus gara laafina isaas kan calaqqisiisudha. Yihowaan waan si jaallatuuf gammadi. Kanaafuu, hundi keenya, “Yihowaa nan jaalladha” jechuudhaan jaalala isaatiif deebii haa kenninu!—Far. 116:1. w24.01 31 key. 19-20
Jimaata, Hagayya 29
Maqaa kee isaanitti beeksiseera.—Yoh. 17:26.
Yesuus maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe namootatti himuu caalaa wanta godhe qaba. Namoonni inni barsiisaa ture sana durayyuu maqaa Waaqayyoo beeku turan. Taʼus, Yesuus waaʼee Yihowaa ibsuurratti fakkeenya guddaa nuu taʼeera. (Yoh. 1:17, 18) Fakkeenyaaf, Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa Yihowaan Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa akka taʼe ni dubbatu. (Bau. 34:5-7) Yesuus fakkeenya waaʼee ilma badee fi abbaasaa dubbaterratti dhugaa kana caalaatti ifa godheera. Waaʼee abbaa mucaan isaa inni yaada geeddarate ‘utuma fagoo jiruu argee’ isatti fiiguudhaan isa hammatee fi garaadhaa dhiifama isaaf godhee yeroo dubbisnu Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa akka taʼe sirriitti hubanna. (Luq. 15:11-32) Dhugumayyuu Yesuus eenyummaa Abbaasaa sirriitti ibseera. w24.02 10 key. 8-9
Sanbadduraa, Hagayya 30
Jajjabina [Yihowaa] irraa argamuun warra [kaan jajjabeessaa].—2 Qor. 1:4.
Yihowaanis namoota dhiphatan ni haaromsa, akkasumas ni jajjabeessa. Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan warra kaaniif garaa laafuu fi isaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko amaloota gara laafina qabaachuu fi warra kaan jajjabeessuuf nu kakaasan horachuudha. Amaloota kana keessaa tokko tokko kamfaʼi? Jaalala guyyaa guyyaadhaan ‘wal jajjabeessuu keenya itti fufuuf’ nu barbaachisu horachuuf maaltu nu gargaara? Amaloota kanneen akka miira warra kaanii hubachuu, jaalala obbolummaa fi gaarummaa jiran horachuu qabna. (Qolosaayis 3:12; 1 Pheexiros 3:8) Amaloonni kun kan nu gargaaran akkamitti? Gara laafinnii fi amaloonni kanaa wajjin wal qabatan kutaa eenyummaa keenyaa yommuu taʼan warra dhiphina keessa jiran jajjabeessuuf kakaana. Akkuma Yesuus jedhe, “afaan wanta garaa keessa guute dubbata. Namni gaariin wanta gaarii kuufate keessaa wantoota gaggaarii gad baasa.” (Mat. 12:34, 35) Karaan jaalala obboloota keenyaaf qabnu argisiisuu itti dandeenyu inni guddaan yeroo isaan barbaachisutti isaan jajjabeessuudha. w23.11 10 key. 10-11