Jimaata, Hagayya 29
Maqaa kee isaanitti beeksiseera.—Yoh. 17:26.
Yesuus maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe namootatti himuu caalaa wanta godhe qaba. Namoonni inni barsiisaa ture sana durayyuu maqaa Waaqayyoo beeku turan. Taʼus, Yesuus waaʼee Yihowaa ibsuurratti fakkeenya guddaa nuu taʼeera. (Yoh. 1:17, 18) Fakkeenyaaf, Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa Yihowaan Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa akka taʼe ni dubbatu. (Bau. 34:5-7) Yesuus fakkeenya waaʼee ilma badee fi abbaasaa dubbaterratti dhugaa kana caalaatti ifa godheera. Waaʼee abbaa mucaan isaa inni yaada geeddarate ‘utuma fagoo jiruu argee’ isatti fiiguudhaan isa hammatee fi garaadhaa dhiifama isaaf godhee yeroo dubbisnu Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa akka taʼe sirriitti hubanna. (Luq. 15:11-32) Dhugumayyuu Yesuus eenyummaa Abbaasaa sirriitti ibseera. w24.02 10 key. 8-9
Sanbadduraa, Hagayya 30
Jajjabina [Yihowaa] irraa argamuun warra [kaan jajjabeessaa].—2 Qor. 1:4.
Yihowaanis namoota dhiphatan ni haaromsa, akkasumas ni jajjabeessa. Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan warra kaaniif garaa laafuu fi isaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko amaloota gara laafina qabaachuu fi warra kaan jajjabeessuuf nu kakaasan horachuudha. Amaloota kana keessaa tokko tokko kamfaʼi? Jaalala guyyaa guyyaadhaan ‘wal jajjabeessuu keenya itti fufuuf’ nu barbaachisu horachuuf maaltu nu gargaara? Amaloota kanneen akka miira warra kaanii hubachuu, jaalala obbolummaa fi gaarummaa jiran horachuu qabna. (Qolosaayis 3:12; 1 Pheexiros 3:8) Amaloonni kun kan nu gargaaran akkamitti? Gara laafinnii fi amaloonni kanaa wajjin wal qabatan kutaa eenyummaa keenyaa yommuu taʼan warra dhiphina keessa jiran jajjabeessuuf kakaana. Akkuma Yesuus jedhe, “afaan wanta garaa keessa guute dubbata. Namni gaariin wanta gaarii kuufate keessaa wantoota gaggaarii gad baasa.” (Mat. 12:34, 35) Karaan jaalala obboloota keenyaaf qabnu argisiisuu itti dandeenyu inni guddaan yeroo isaan barbaachisutti isaan jajjabeessuudha. w23.11 10 key. 10-11
Dilbata, Hagayya 31
Warri hubannaa gad fagoo qaban garuu kana ni hubatu.—Dan. 12:10.
Raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gargaarsa gaafachuu qabna. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Bakka hin beekne tokko daawwachaa akka jirtu godhii yaadi; michuun kee si wajjin jiru garuu naannoo sana sirriitti beeka. Eessa akka geessanii fi daandiin hundi garam akka geessu sirriitti beeka. Michuun kee si wajjin jiraachuu isaatti akka gammaddu ifadha. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan yeroo akkamii keessa akka jirruu fi gara fuulduraatti maaltu akka nu mudatu beeka. Kanaafuu, raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gad of qabnee gargaarsa Yihowaa gaafachuu qabna. (Dan. 2:28; 2 Phe. 1:19, 20) Yihowaan akkuma abbaa gaarii taʼe tokkoo ijoolleen isaa egeree gaarii akka qabaatan barbaada. (Er. 29:11) Haa taʼu malee, Yihowaan namootarraa haala adda taʼeen waaʼee gara fuulduraa raajii dubbachuu ni dandaʼa; wanti inni dubbates guutummaatti ni raawwatama. Taʼeewwan guguddaan raawwatamuu isaanii dura beekuu akka dandeenyuuf, Dubbii isaa keessatti raajiiwwan akka galmeeffaman godheera.—Isa. 46:10. w23.08 8 key. 3-4