Sanbadduraa, Hagayya 2
Abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif [bitamaa].—Rom. 13:1.
Gama kanaan Yoseefii fi Maariyaamirraa barumsa guddaa arganna; Yoseefii fi Maariyaam yeroo ajajamuun baayʼee ulfaataa taʼettillee warraa aangoo qabaniif ajajamuuf qophaaʼoo turan. (Luq. 2:1-6) Maariyaam yeroo ulfa jiʼa sagalii turtetti mootummaan biyyattii wanta baayʼee isaanitti ulfaatu akka godhan ajajee ture. Awugusxos namoonni Bulchiinsa Roomaa keessa jiraatan hundi gara naannoo dhalootaa isaanii deemanii akka galmeeffaman ajajee ture. Kanaafuu, Yoseefii fi Maariyaam Beetaliheem gaʼuuf karaa buʼaa baʼii qabuu fi kiilomeetira 150 taʼu imaluu qabu turan. Imalli kun keessumaa Maariyaamiif baayʼee ulfaataa ture. Hiriyoonni gaaʼelaa kun nageenyi ishiis taʼe nageenyi daaʼima garaatti baattee isaan yaaddessee taʼuu dandaʼa. Utuma karaarra jiranii ciniinsuun yoo ishii qabe hoo? Garaatti baattee kan jirtu daaʼima gara fuulduraatti Masiihicha taʼudha. Maarree, kun mootummaa biyyattiitiif akka hin ajajamne sababa taʼuu dandaʼaa? Yoseefii fi Maariyaam wanti isaan yaaddessu jiraatus seera baʼeef ajajamaniiru. Yihowaanis ajajamuu isaaniitiif isaan eebbiseera. Maariyaam nagaadhaan Beetaliheem geesseetti; mucaa fayya buleessa taʼes deesseetti; achi dhaquun isaanii raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamullee godheera.—Mik. 5:2. w23.10 8 key. 9; 9 key. 11-12
Dilbata, Hagayya 3
Wal [jajjabeessaa].—Ibr. 10:25.
Haa taʼu malee, walgaʼiirratti yaada kennuun baayʼee kan si sodaachisu yoo taʼehoo? Akka gaariitti qophaaʼuun si gargaaruu dandaʼa. (Fak. 21:5) Barumsa qoʼatamu akka gaariitti beekuun kee yaada kennuun caalaatti akka siif salphatu godha. Akkasumas, deebii gabaabaa kenni. (Fak. 15:23; 17:27) Deebiin kennitu gabaabaa taʼuun isaa sodaan sitti dhagaʼamu akka hirʼatu godha. Jecha mataa keetiin yaada gabaabaa kennuun kee, akka gaariitti akka qophooftee fi barumsa dhihaatu sirriitti akka hubatte argisiisa. Gorsa olitti kenname hojiirra kan oolchite taʼus, deebii tokko ykn lamaa ol deebisuun kan sitti ulfaatu yoo taʼehoo? Yihowaan carraaqqii gootu akka dinqisiifatu mirkanaaʼaa taʼi. (Luq. 21:1-4) Yihowaan wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. (Filp. 4:5) Wanta dandeessu gochuuf kutadhu, galma baafadhu, akkasumas Yihowaan garaa kee akka siif tasgabbeessu kadhadhu. Galmi jalqabarratti baafattu deebii gabaabaa tokko kennuu taʼuu dandaʼa. w23.04 21 key. 6-8
Wiixata, Hagayya 4
Uffata qomaa . . . haa uffannu; akkasumas . . . baarmeexaa [sibiilaa] haa kaaʼannu.—1 Tas. 5:8.
Phaawulos loltoota dammaqoo waraanaaf hidhatanitti nu fakkeesseera. Loltuun tokko yeroo waraanni jiru hundumaatti qophaaʼaa akka taʼu isarraa eegama. Haalli keenyas akkasuma. Uffata qomaa amantii fi jaalalaa, akkasumas baarmeexaa sibiilaa abdii kaaʼachuudhaan guyyaa Yihowaatiif qophaaʼuu dandeenya. Uffanni qomaa loltuun tokko uffatu onnee isaatiif eegumsa godha. Amantii fi jaalallis garaa keenya nuuf eegu. Amaloonni kun Waaqayyoon tajaajiluu fi Yesuus duukaa buʼuu keenya itti fufuuf nu gargaaru. Amantii qabaachuun keenya Yihowaan garaa guutuudhaan isa barbaaduuf carraaqqii gooneef akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. (Ibr. 11:6) Haala rakkisaa taʼe keessattillee geggeessaa keenya kan taʼe Yesuusiif amanamoo taanee itti fufuuf nu kakaasa. Obboloota utuma ariʼatamni isaanirra gaʼuu ykn rakkina diinagdee dandamatanii amanamummaa isaanii eeganii itti fufanirraa barachuudhaan amantii keenya cimsachuu dandeenya. Fakkeenya obboloota Mootummichaaf dursa kennuuf jecha jireenya isaanii salphisanii hordofuudhaanis balaa jaalalli maallaqaa geessisurraa of eeguu dandeenya. w23.06 10 key. 8-9