Dilbata, Hagayya 3
Wal [jajjabeessaa].—Ibr. 10:25.
Haa taʼu malee, walgaʼiirratti yaada kennuun baayʼee kan si sodaachisu yoo taʼehoo? Akka gaariitti qophaaʼuun si gargaaruu dandaʼa. (Fak. 21:5) Barumsa qoʼatamu akka gaariitti beekuun kee yaada kennuun caalaatti akka siif salphatu godha. Akkasumas, deebii gabaabaa kenni. (Fak. 15:23; 17:27) Deebiin kennitu gabaabaa taʼuun isaa sodaan sitti dhagaʼamu akka hirʼatu godha. Jecha mataa keetiin yaada gabaabaa kennuun kee, akka gaariitti akka qophooftee fi barumsa dhihaatu sirriitti akka hubatte argisiisa. Gorsa olitti kenname hojiirra kan oolchite taʼus, deebii tokko ykn lamaa ol deebisuun kan sitti ulfaatu yoo taʼehoo? Yihowaan carraaqqii gootu akka dinqisiifatu mirkanaaʼaa taʼi. (Luq. 21:1-4) Yihowaan wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. (Filp. 4:5) Wanta dandeessu gochuuf kutadhu, galma baafadhu, akkasumas Yihowaan garaa kee akka siif tasgabbeessu kadhadhu. Galmi jalqabarratti baafattu deebii gabaabaa tokko kennuu taʼuu dandaʼa. w23.04 21 key. 6-8
Wiixata, Hagayya 4
Uffata qomaa . . . haa uffannu; akkasumas . . . baarmeexaa [sibiilaa] haa kaaʼannu.—1 Tas. 5:8.
Phaawulos loltoota dammaqoo waraanaaf hidhatanitti nu fakkeesseera. Loltuun tokko yeroo waraanni jiru hundumaatti qophaaʼaa akka taʼu isarraa eegama. Haalli keenyas akkasuma. Uffata qomaa amantii fi jaalalaa, akkasumas baarmeexaa sibiilaa abdii kaaʼachuudhaan guyyaa Yihowaatiif qophaaʼuu dandeenya. Uffanni qomaa loltuun tokko uffatu onnee isaatiif eegumsa godha. Amantii fi jaalallis garaa keenya nuuf eegu. Amaloonni kun Waaqayyoon tajaajiluu fi Yesuus duukaa buʼuu keenya itti fufuuf nu gargaaru. Amantii qabaachuun keenya Yihowaan garaa guutuudhaan isa barbaaduuf carraaqqii gooneef akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. (Ibr. 11:6) Haala rakkisaa taʼe keessattillee geggeessaa keenya kan taʼe Yesuusiif amanamoo taanee itti fufuuf nu kakaasa. Obboloota utuma ariʼatamni isaanirra gaʼuu ykn rakkina diinagdee dandamatanii amanamummaa isaanii eeganii itti fufanirraa barachuudhaan amantii keenya cimsachuu dandeenya. Fakkeenya obboloota Mootummichaaf dursa kennuuf jecha jireenya isaanii salphisanii hordofuudhaanis balaa jaalalli maallaqaa geessisurraa of eeguu dandeenya. w23.06 10 key. 8-9
Kibxata, Hagayya 5
Namni duumessa ilaalus hin haammatu.—Lal. 11:4.
Of toʼachuun dandeettii miiraa fi gocha keenya toʼachuuti. Keessumaa galmi baafanne ulfaataa yoo taʼe ykn fedhiin keenya xinnoo yoo taʼe galma keenyarra gaʼuuf of toʼachuun nu barbaachisa. Of toʼachuun kutaa firii hafuuraa akka taʼe yaadadhu; kanaafuu, amala barbaachisaa taʼe kana horachuu akka dandeessuuf hafuura qulqulluu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. (Luq. 11:13; Gal. 5:22, 23) Haala mijataa hin eeggatin. Addunyaa kana keessatti haala mijataa taʼe argachuu dhiisuu dandeenya. Hanga haalli keenya mijatutti kan eegnu yoo taʼe yoomiyyuu galma keenyarra gaʼuu dhiisuu dandeenya. Galma tokkorra gaʼuuf kakaʼumsa kan dhabnu, galma sanarra gaʼuun baayʼee ulfaataa akka taʼe waan nutti dhagaʼamuuf taʼuu dandaʼa. Atis akkas sitti dhagaʼama taanaan, galma kee iddoo xixiqqaatti hiruu dandeessaa? Amala tokko horachuuf galma baafatteetta taanaan, jalqaba amala sana karaa salphaa taʼeen argisiisuuf maaliif hin yaaltu? Galmi kee Kitaaba Qulqulluu guutummaatti dubbistee xumuruu yoo taʼemmoo, dubbisa keetiif yeroo gabaabaa qofa ramaduudhaan jalqabuu ni dandeessaa? w23.05 29 key. 11-13