Roobii, Fulbaana 3
Yoseef . . . hirribaa dammaqee akkuma maleekaan Yihowaa isa ajaje godhe; haadha manaa isaas gara mana isaatti fudhate.—Mat. 1:24.
Yoseef qajeelfama Yihowaan isaaf kenne dafee hojiirra oolcheera; kunis abbaa manaa gaarii taʼuuf isa dandeessiseera. Waaqayyo yoo xinnaate siʼa sadi maatii isaa ilaalchisee qajeelfama isaaf kenneera. Yeroo sadanuu, yeroo baayʼee ulfaataa taʼettillee dafee ajajameera. (Mat. 1:20; 2:13-15, 19-21) Yoseef qajeelfama Yihowaa hordofuudhaan Maariyaamiif eegumsaa fi kunuunsa godheera. Gochi Yoseef jaalalaa fi kabaja Maariyaam isaaf qabdu baayʼee akka guddise tilmaamuu dandeessu. Abbootiin manaa, maatii keessan kunuunsuu ilaalchisee gorsa Kitaabni Qulqulluun kennu argachuuf yaaluudhaan fakkeenya Yoseef hordofuu dandeessu. Gorsa kana yoo hojiirra oolchitan jijjiirama gochuu kan isin gaafatu yoo taʼellee haadha manaa keessanitti jaalala argisiisuu fi gaaʼela keessan cimsachuu ni dandeessu. Obboleettiin Vaanuwaatuu keessa jiraattuu fi gaaʼela keessatti waggaa 20 ol dabarsite akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo qajeelfama Yihowaa argachuu fi hojiirra oolchuuf yeroo carraaqqii godhu caalaattin isa kabaja. Jireenya koo keessatti tasgabbiitu natti dhagaʼama, murtoo isaarrattis amantiin qabaadha.” w23.05 21 key. 5
Kamisa, Fulbaana 4
Daandii guddaan tokkos achitti ni argama, eeyyee, inni Daandii Qulqullummaa ni jedhama.—Isa. 35:8.
Yihudoonni Baabilonii gara biyya isaanitti deebiʼan Waaqa isaaniitiif “saba qulqulluu” dha. (Kes. 7:6) Kana jechuun garuu, Yihowaa gammachiisuuf jijjiirama gochuun isaan hin barbaachisu jechuu miti. Yihudoonni hedduun Baabilon keessatti dhalatan ilaalchaa fi ulaagaalee Baabilonotaa tokko tokkotti baranii taʼuu dandaʼa. Yihudoonni jalqabaa gara Israaʼelitti erga deebiʼanii waggoota hedduu booda Nahimiyaan inni bulchaa taʼes ijoolleen Israaʼel keessatti dhalatan afaan Yihudootaa akka hin beekne yeroo argu baayʼee gadde. (Kes. 6:6, 7; Nah. 13:23, 24) Ijoolleen kun Afaan Ibrootaa isa Dubbiin Waaqayyoo ittiin barreeffame hin hubatan erga taʼee Yihowaa jaallachuu fi isa waaqeffachuu barachuu kan dandaʼan akkamitti? (Iz. 10:3, 44) Kanaafuu, Yihudoonni kun jijjiirama guddaa gochuun isaan barbaachisa ture; Israaʼel keessatti waaqeffannaa qulqulluun suutuma suuta iddoo isaatti deebiʼaa waan tureef jijjiirama kana gochuun baayʼee isaaniif salphata.—Nah. 8:8, 9. w23.05 15 key. 6-7
Jimaata, Fulbaana 5
Yihowaan warra kufuuf jedhan hundumaa ni deggera, warra gombifaman hundumaas ol ni kaasa.—Far. 145:14.
Kan nama gaddisiisu, kakaʼumsa kan qabnu ykn kan of toʼannu yoo taʼellee, gufuun nu mudachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, “wanti hin eegamne” yeroo galma keenyarra gaʼuuf nu barbaachisu nu jalaa fudhachuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Haalli rakkisaan abdii nu kutachiisuu fi humna nu dhabsiisu nu mudachuu dandaʼa. (Fak. 24:10) Mudaa waan qabnuuf dogoggora galma keenyarra gaʼuun akka nutti ulfaatu godhu raawwachuu dandeenya. (Rom. 7:23) Yookiinimmoo dadhabuu dandeenya. (Mat. 26:43) Maarree, gufuu nu mudatu moʼuuf maaltu nu gargaara? Gufuun si mudateera jechuun milkaaʼina argachuu hin dandeessu jechuu akka hin taane yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun haalli rakkisaan yeroo baayʼee nu mudachuu akka dandaʼu dubbata. Haa taʼu malee, deebinee bayyanachuu akka dandeenyus ni ibsa. Eeyyee, utuma gufuun si mudatuu galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuun kee Yihowaa gammachiisuu akka barbaaddu argisiisa. Galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuu kee yeroo itti fuftu Yihowaan hammam akka gammadu mee yaadi! w23.05 30 key. 14-15