Jimaata, Fulbaana 5
Yihowaan warra kufuuf jedhan hundumaa ni deggera, warra gombifaman hundumaas ol ni kaasa.—Far. 145:14.
Kan nama gaddisiisu, kakaʼumsa kan qabnu ykn kan of toʼannu yoo taʼellee, gufuun nu mudachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, “wanti hin eegamne” yeroo galma keenyarra gaʼuuf nu barbaachisu nu jalaa fudhachuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Haalli rakkisaan abdii nu kutachiisuu fi humna nu dhabsiisu nu mudachuu dandaʼa. (Fak. 24:10) Mudaa waan qabnuuf dogoggora galma keenyarra gaʼuun akka nutti ulfaatu godhu raawwachuu dandeenya. (Rom. 7:23) Yookiinimmoo dadhabuu dandeenya. (Mat. 26:43) Maarree, gufuu nu mudatu moʼuuf maaltu nu gargaara? Gufuun si mudateera jechuun milkaaʼina argachuu hin dandeessu jechuu akka hin taane yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun haalli rakkisaan yeroo baayʼee nu mudachuu akka dandaʼu dubbata. Haa taʼu malee, deebinee bayyanachuu akka dandeenyus ni ibsa. Eeyyee, utuma gufuun si mudatuu galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuun kee Yihowaa gammachiisuu akka barbaaddu argisiisa. Galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuu kee yeroo itti fuftu Yihowaan hammam akka gammadu mee yaadi! w23.05 30 key. 14-15
Sanbadduraa, Fulbaana 6
Tuutichaaf fakkeenya [taʼi].—1 Phe. 5:3.
Dargaggeessi tokko qajeelchaa taʼuun isaa namoota garaa garaa wajjin karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti hojjechuu akka dandaʼu barachuuf isa gargaara. Maallaqa qabutti ogummaadhaan akka fayyadamuu fi humnaa ol akka hin baasnes isa gargaara. (Filp. 4:11-13) Qajeelchaa gargaaraa taʼuun tajaajila yeroo guutuu keessa seenuuf kaʼumsa gaariidha; qajeelchaa yeroo hundaa taatanii tajaajiluuf isin qopheessa. Qajeelchaa taʼanii tajaajiluun hojii ijaarsaarratti hirmaachuu ykn Beetel galuu dabalatee gosoota tajaajila yeroo guutuu kan birootiif karaa banuu dandaʼa. Obboloonni hundi ulaagaa jaarsolii gumii taʼanii obbolootaa fi obboleettota isaanii tajaajiluuf barbaachisu guutuuf galma baafachuu qabu. Kitaabni Qulqulluun dhiironni itti gaafatamummaa kanarra gaʼuuf carraaqqii godhan ‘hojii gaarii akka hawwan’ dubbata. (1 Xim. 3:1) Obboleessi tokko dura tajaajilaa gumii taʼee tajaajiluuf gaʼumsa qabaachuu qaba. Tajaajiltoonni gumii karaa hedduudhaan jaarsolii gumii gargaaruu dandaʼu. Jaarsoliinis taʼan tajaajiltoonni gumii gad of qabanii obbolootaa fi obboleettota isaanii tajaajilu, akkasumas tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaatu. w23.12 28 key. 14-16
Dilbata, Fulbaana 7
Utuu mucaa xinnoo taʼee jiruu, Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaddachuu jalqabe.—2 Sen. 34:3.
Yosiyaas Yihowaa barbaaddachuu kan jalqabe yeroo umuriin isaa waggaa 16 turettidha. Waaʼee Yihowaa barachuu fi fedhii isaa raawwachuu barbaadee ture. Haa taʼu malee mootii dargaggeessa taʼe kanaaf jireenyi salphaa hin turre. Yeroo waaqeffannaan sobaa babalʼatee turetti waaqeffannaa dhugaa deggaruuf tarkaanfii fudhachuun isa barbaachisee ture. Yosiyaas ija jabeessa ture. Umuriin isaa waggaa 20 utuu hin guutin waaqeffannaa sobaa biyyattii keessaa balleessuuf tarkaanfii fudhachuu jalqabe. (2 Sen 34:12) Atis umuriin kee baayʼee xinnoo yoo taʼellee Yihowaa barbaaddachuu fi waaʼee amaloota isaa caalaatti barachuudhaan fakkeenya Yosiyaas hordofuuf murteessuu dandeessa. Akkas gochuun kee Yihowaadhaaf of murteessuuf si kakaasa. Murtoon kun jireenya kee kan jijjiiru akkamitti? Luuk inni waggaa 14tti cuuphame akkana jedheera: “Ammaa kaasee jireenya koo keessatti Yihowaa tajaajiluufan dursa kenna isa gammachiisuufis carraaqqii nan godha.” (Mar. 12:30) Atis akkas gochuuf fedhii qabda taanaan eebba guddaa argatta. w23.09 11 key. 12-13