Sanbadduraa, Fulbaana 6
Tuutichaaf fakkeenya [taʼi].—1 Phe. 5:3.
Dargaggeessi tokko qajeelchaa taʼuun isaa namoota garaa garaa wajjin karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti hojjechuu akka dandaʼu barachuuf isa gargaara. Maallaqa qabutti ogummaadhaan akka fayyadamuu fi humnaa ol akka hin baasnes isa gargaara. (Filp. 4:11-13) Qajeelchaa gargaaraa taʼuun tajaajila yeroo guutuu keessa seenuuf kaʼumsa gaariidha; qajeelchaa yeroo hundaa taatanii tajaajiluuf isin qopheessa. Qajeelchaa taʼanii tajaajiluun hojii ijaarsaarratti hirmaachuu ykn Beetel galuu dabalatee gosoota tajaajila yeroo guutuu kan birootiif karaa banuu dandaʼa. Obboloonni hundi ulaagaa jaarsolii gumii taʼanii obbolootaa fi obboleettota isaanii tajaajiluuf barbaachisu guutuuf galma baafachuu qabu. Kitaabni Qulqulluun dhiironni itti gaafatamummaa kanarra gaʼuuf carraaqqii godhan ‘hojii gaarii akka hawwan’ dubbata. (1 Xim. 3:1) Obboleessi tokko dura tajaajilaa gumii taʼee tajaajiluuf gaʼumsa qabaachuu qaba. Tajaajiltoonni gumii karaa hedduudhaan jaarsolii gumii gargaaruu dandaʼu. Jaarsoliinis taʼan tajaajiltoonni gumii gad of qabanii obbolootaa fi obboleettota isaanii tajaajilu, akkasumas tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaatu. w23.12 28 key. 14-16
Dilbata, Fulbaana 7
Utuu mucaa xinnoo taʼee jiruu, Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaddachuu jalqabe.—2 Sen. 34:3.
Yosiyaas Yihowaa barbaaddachuu kan jalqabe yeroo umuriin isaa waggaa 16 turettidha. Waaʼee Yihowaa barachuu fi fedhii isaa raawwachuu barbaadee ture. Haa taʼu malee mootii dargaggeessa taʼe kanaaf jireenyi salphaa hin turre. Yeroo waaqeffannaan sobaa babalʼatee turetti waaqeffannaa dhugaa deggaruuf tarkaanfii fudhachuun isa barbaachisee ture. Yosiyaas ija jabeessa ture. Umuriin isaa waggaa 20 utuu hin guutin waaqeffannaa sobaa biyyattii keessaa balleessuuf tarkaanfii fudhachuu jalqabe. (2 Sen 34:12) Atis umuriin kee baayʼee xinnoo yoo taʼellee Yihowaa barbaaddachuu fi waaʼee amaloota isaa caalaatti barachuudhaan fakkeenya Yosiyaas hordofuuf murteessuu dandeessa. Akkas gochuun kee Yihowaadhaaf of murteessuuf si kakaasa. Murtoon kun jireenya kee kan jijjiiru akkamitti? Luuk inni waggaa 14tti cuuphame akkana jedheera: “Ammaa kaasee jireenya koo keessatti Yihowaa tajaajiluufan dursa kenna isa gammachiisuufis carraaqqii nan godha.” (Mar. 12:30) Atis akkas gochuuf fedhii qabda taanaan eebba guddaa argatta. w23.09 11 key. 12-13
Wiixata, Fulbaana 8
Warra isin gidduutti jabaatanii hojjetanii fi karaa Gooftaa isin geggeessan, [kabajaa.]—1 Tas. 5:12.
Phaawulos ergamaan yeroo xalayaa kana barreessetti gumiin Tasalonqee erga hundeeffamee waggaa tokkoyyuu hin guunne ture. Obboloonni gumicha keessatti muudaman muuxannoo kan hin qabne taʼuu hin oolan; tarii dogoggora tokko tokko raawwatanii taʼuu dandaʼa. Taʼus, kabajni isaaniif mala ture. Yeroo rakkinni guddaan dhihaachaa deemu, isa ammaa caalaa qajeelfama jaarsoliin gumii keenyaa nuuf kennanirratti amantii qabaachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Yeroo sanatti waajjira muummee fi waajjira dameerraa qajeelfama argachuu dhiisuu dandeenya; kanaafuu, ammuma jaarsolii gumii keenya keessa jiran jaallachuu fi kabajuu barachuu qabna. Wanti yeroo sanatti taʼu maaliyyuu yoo taʼe, dadhabina dhiirota amanamoo taʼan kanaarratti xiyyeeffachuu mannaa, Yihowaan karaa Kiristoos isaan geggeessaa akka jiru yaadachuudhaan dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu. Akkuma baarmeexaan sibiilaa mataa loltuu tokkootiif eegumsa godhu, abdiin fayyinaa nuti qabnus yaada keenya nuuf eega. Wanti addunyaan kun nuuf dhiheessu gatii akka hin qabne ni hubanna. (Filp. 3:8) Abdiin qabnu tasgabbiidhaan jiraachuu keenya itti fufuuf nu gargaara. w23.06 11-12 key. 11-12