LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Dhaabni Eeden Bakka Ilmaan Namootaa Jalqaba Keessa Jiraachaa Turanidhaa?
    Masaraa Eegumsaa—2011 | Ebla 1
    • Dhaabni Eeden Bakka Ilmaan Namootaa Jalqaba Keessa Jiraachaa Turanidhaa?

      MEE bakka dhaaba ashaakiltii tokko keessa akka jirtu godhii yaadi. Wanti nama jeequs taʼe wacni magaalaa naannoo sanatti argamurraa dhagaʼamu waan hin jirreef naannoonsaa nagaa kan qabudha. Bakki dhaabaa kun baayʼee balʼaa siʼa taʼu, wanti nagaa naannoo sanaa booressus hin jiru. Hunda caalaammoo, wanti nama dhiphisu, alarjii dabalatee dhukkubni kamiyyuu waan hin jirreef yeroo hunda fayyaankee kan eegamedha. Qaamota miiraa keetti guutummaatti akka hin fayyadamne wanti si dhowwus hin jiru.

      Akkuma gara dhaabichaatti lixxeen, ijikee jalqaba abaaboowwan halluu garaagaraa qabanirra buʼa; achiis, qalbiinkee bishaan carii yaaʼu, marga magariisaafi biqiltuuwwan hedduurra kan buʼu siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko miidhagina yommuu iji biiftuu irra buʼu qaban yeroo argitu baayʼee dinqisiifatta. Qilleensi qabbanaaʼaan nama gammachiisu gogaa keetti yommuu buʼu kan sitti dhagaʼamu taʼuusaarrayyuu, urgaan qilleensi qabbanaaʼaan kun fidus baayʼee si gammachiisa. Mukeetii qilleensi raasuufi sagalee yommuu bishaan kattaatti rukutamu dhageessisu yommuu dhageessu miira addaatu sitti dhagaʼama; sagaleen simbiraafi sagalee lubbu qabeeyyii garabiraan hojiidhaan muddaman dhageessisanis baayʼee si gammachiisa. Naannoo akkasii ija qalbii keetiin ilaaluuf yommuu yaaltu, ‘Naannoo akkasii keessa utuun jiraadhee gaariidha!’ jettee hin hawwinee?

      Namoonni addunyaa maratti argaman, ilmaan namootaa jalqabarratti naannoo akkasii keessa jiraachaa akka turan amanu. Namoonni amantii Yihudii, Kiristiyaanaafi amantii Islaamaa hordofan, Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin erga uumee booda dhaaba Eeden keessa akka isaan kaaʼe waggoota hedduudhaaf barachaa turaniiru. Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, Addaamiifi Hewwaan jireenya gammachuufi nagaa qabu jiraachaa turan. Walii wajjinis taʼe bineensotaa wajjin, akkasumas Waaqasaanii isa gaariifi iddoo mijaaʼaa akkasii keessa akka jiraataniif abdii isaaniif kennee wajjinis walitti dhufeenya gaarii qabu turan.—Uumama 2:15-24.

      Amantiin warra Hinduus, seenaa dhaaba jannataa bara duriitti ture ibsu qabu. Amantiin warra Budahaammoo, bara gaarii keessatti, jechuunis biyyi lafaa gara jannataatti yommuu jijjiiramtu abbootiin amantii gurguddaan ykn warri Budahaa ni kaʼu jedhanii amanu. Amantiiwwan Afriikaa keessatti argaman hedduunis, Addaamiifi Hewwaaniin ilaalchisee seenaawwan dinqisiisaa walfakkaatan barsiisu.

      Kanaaf, yaanni waaʼee jannata bara duriitti turte ibsu, amantiifi aadaa hunda keessatti argama jechuun ni dandaʼama. Hayyuun tokko akkas jechuudhaan ibsaniiru: “Hawaasa hedduu keessatti, bara durii jannanni mudaa hin qabne, birmadummaa qabdu, nagaafi gammachuun kan keessatti dagaage, wanti hundi baayʼinaan kan keessatti argamu, akkasumas sodaa, dhiphinaafi walitti buʼiinsarraa walaba taate akka turte kan amanan taʼuusaanii haaluun hin dandaʼamu. . . . Amantiin kunis, namoonni hedduun jannata ishee badde, garuu hin irraanfatamne hawwii guddaadhaan akka eeggataniifi jannata kana deebisanii argachuuf akka hawwan godheera.”

      Seenaafi aadaawwan kun hundi yaada buʼuuraa tokko qabuu laata? Seenaan dhugaa bara duriitti raawwatameefi “namoonni hedduun” ilaalcha wal fakkaatu akka qabaatan godhehoo jiraa? Dhugumaan bara duriitti dhaabni Eeden jira turee? Addaamiifi Hewwaan namoota dhugumaan yeroo tokkotti jiraatanii turanidhaa?

      Namoonni shakkitoota taʼan garuu yaada kana ni balaaleffatu. Bara saayinsiin sadarkaa guddaarra gaʼe kanatti, namoonni hedduun seenaan waaʼee jannata Eeden dubbatu sheekkoofi sobadha jedhanii amanu. Shakkitoota kan taʼan hayyoota biyya lafaa kana qofa akka hin taane beekuunimmoo baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Geggeessitoonni amantii hedduun iddoon dhaaba Eeden jedhamu akka ture hin amanan. Iddoon akkasii matumaa jiraatee hin beeku jedhu. Seenaan waaʼee Eeden dubbatu fakkeenya wanta garabiraa argisiisu, sheekkoo ykn oduu sobaa malee seenaa dhugaa miti jedhanii dubbatu.

      Seenaawwan akka fakkeenyaatti ibsaman Macaafa Qulqulluu keessa akka jiran beekamaadha. Yesusiyyuu fakkeenyota baayʼee beekamoo taʼan hedduu dubbateera. Haataʼu malee, seenaan waaʼee dhaaba Eeden dubbatu yaada akka fakkeenyaatti dhihaate utuu hin taʼin, seenaa ifaafi dhugaarratti hundaaʼe taʼuusaa akkaataa seenaan kun itti barreeffamerraa salphaatti hubachuun ni dandaʼama. Seenaan waaʼee dhaaba Eeden dubbatu seenaa matumaa hin raawwatamne taanaan garuu, seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kaan akkamitti amanuu dandeenya? Mee amma namoonni tokko tokko, seenaa waaʼee dhaaba Eeden dubbatu maaliif akka shakkaniifi sababii isaan kanaaf dhiheessan sirrii taʼuufi dhiisuusaa haa ilaallu. Achiis, seenaan kun hunda keenya ilaallata kan jennu maaliif akka taʼe qorra.

  • Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Turedhaa?
    Masaraa Eegumsaa—2011 | Ebla 1
    • Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Turedhaa?

      SEENAA waaʼee Addaamiifi Hewwaan, akkasumas waaʼee dhaaba Eeden dubbatu beektaa? Namoonni addunyaa maratti argaman seenaa kana beeku. Atoo Macaafa Qulqulluurraa waaʼee seenaa kanaa maaliifi hin dubbiftu? Seenaa kana Uumama 1:26 hanga 3:24⁠rraa argachuu dandeessa. Seenaansaa akka armaan gadiitti gabaabaatti ibsameera:

      Yihowaana nama tokko biyyoo lafaarraa uumuudhaan maqaasaa Addaam jedhee erga moggaasee booda, bakka dhaabaa Eeden jedhamu keessa isa kaaʼe. Iddoo dhaabaa kana kan qopheesses Waaqayyodha. Naannoon kun bishaan gaʼaafi mukeetii mimmiidhagoo firii kennan hedduu qaba ture. “Mukti hamaaf gaarii ittiin beekanis” iddoo dhaabaa sana gidduu jira ture. Waaqayyo, ija mukaa kanarraa akka hin nyaanne kan isaan dhowwe siʼa taʼu, abboomamuu diduudhaan ija mukaa kanarraa yoo nyaatan garuu akka duʼan itti hime. Yeroo boodammoo, Yihowaan lafee cinaacha Addaam keessaa tokko fuudhee dubartii isa gargaartu, jechuunis Hewwaaniin uumeef. Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaan iddoo dhaabaa kana akka kunuunsan hojii kan isaaniif kenne siʼa taʼu, wal horuudhaanis lafa akka guutan isaan eebbiseera.

      Hewwaan kophaashee utuu jirtuu bofti, Waaqayyo akka ishee gowwoomseefi wanta gaarii tokko, jechuunis wanta akka Waaqayyoo ishee godhu akka ishee dhowwate dubbachuudhaan ija mukaa akka hin nyaanne dhowwamerraa akka nyaattu ishee qore. Isheenis, dubbii kanaan gowwoomfamtee ija mukaa dhowwame kanarraa nyaatte. Booda, Addaamis akkumashee Waaqayyoof utuu hin abboomamin hafe. Yihowaan yeroo kanatti, Addaamiifi Hewwaanirratti, akkasumas boficharratti murtoo dabarse. Namoonni kun dhaaba jannataa keessaa erga baafamanii booda, balballi gara jannataatti galchu ergamootaan akka eegamu godhame.

      Yeroo tokko hayyoonni, beektonniifi ogeeyyiin, seenaa Seera Uumamaa keessatti argamu qorachuudhaan ragaa seenaan kun dhugaa taʼuusaa mirkaneessu dhiheessuunsaanii balʼinaan kan beekamu ture. Yeroo harʼaatti garuu, seenaan kun dhugaa taʼuusaa shakkuun babalʼachaa dhufeera. Haataʼu malee, seenaan Seera Uumamaarratti argamuufi waaʼee Addaamiifi Hewwaan, akkasumas waaʼee dhaaba Eeden dubbatu akka shakkamu kan godhe maalidha? Mee amma sababiiwwan yeroo baayʼee akka ragaatti dhihaatan afur haa ilaallu.

      1. Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Jiru Turee?

      Dhimma kanarratti shakkiin kan uumame maaliifi? Barumsi falaasamaa kanaaf buʼuura guddaa hin taʼin hin oolu. Jaarraawwan hedduudhaaf, hayyoonni amantii jannanni Waaqayyo dhaabe ammayyuu bakka taʼe tokkotti argamti jedhanii yaadu turan. Haataʼu malee, ilaalchi falaasota Giriikii, kan akka Pilaatoofi Aristootil, ‘Samiirra yoo taʼe malee lafa kanarra wanti mudaa hin qabne tokkoyyuu jiraachuu hin dandaʼu’ jedhu Saba Kiristiyaanaarratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Kanaan kan kaʼes, hayyoonni amantii jannanni isheen jalqabaa gara samiitti dhihaattee kan jirtu taʼuu qabdi jedhanii amanuu jalqaban.b Namoonni tokko tokko dhaabni kun lafa isa mancaʼe kanaan akka hin faalamneef, tabba baayʼee ol dheeraa taʼerratti argamti jedhu; kaanimmoo, Bantii Kaabaa ykn Bantii Kibbaarra turte jedhanii kan yaadan siʼa taʼu, kaanis, addeessarratti ykn naannoo addeessaatti argamti jedhanii yaadu. Kanaaf, seenaan waaʼee dhaaba Eeden dubbatu abjuu qofa akka taʼetti ilaalamuunsaa nu ajaaʼibsiisuu hin qabu. Hayyoonni bara keenyatti argaman hedduun, iddoon Eeden jedhamu matumaa jiraatee hin beeku jedhanii waan amananiif, bakka Eeden itti argamu kaartaarraa argachuuf yaalii gochuun gowwummaadha jedhanii yaadu.

      Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun waaʼee dhaaba Eeden karaa kanarraa adda taʼeen ibsa. Uumama 2:8-14⁠rratti waaʼee iddoo kanaa ibsi balʼaan kennameera. Iddoon dhaabaa kun karaa bahaa bakka Eeden jedhamutti argama. Lagni Eedenirraa kaʼee bakka afuritti hiramuudhaan, iddoo dhaabaa kana obaasa ture. Maqaan lageen arfanii kan caqasame siʼa taʼu, kallattii kamitti akka yaaʼanis ibsi gabaabaan kennameera. Ibsi balʼaan kun, hayyoonni bakka kana argachuuf hawwii akka qabaataniifi naannoon kun bakka kamitti akka argamu beekuuf kutaa caqasa Macaafa Qulqulluu kanarratti qorannoo gadi fageenya qabu akka godhan isaan godheera. Haataʼu malee, qorannoo godhame ilaalchisee yaanni isaan kennan hedduunsaa kan wal faallessudha. Kana jechuun garuu, waaʼeen Eeden, waaʼeen dhaaba naannoo sana tureefi waaʼeen lageen sanaa ibsi kenname sheekkoo ykn sobadha jechuudhaa?

      Mee yaadi: Wantoonni kun waggaa 6,000 dura dhaaba Eeden keessatti kan raawwatamanidha. Wantoota kana kan barreesse Museedha jedhamee kan yaadamu siʼa taʼu, seenaawwan kana namootarraa dhagaʼee ykn galmeewwan dur barreeffamanirraa argatee taʼuu dandaʼa. Taʼus Museen seenaawwan kana kan galmeesse, wantoonni kun erga raawwatamanii gara waggaa 2,500 boodadha. Seenaan waaʼee dhaaba Eeden dubbatu yeroo sanattillee seenaa durii ture. Lageen dabalatee akkaataan taaʼumsa lafaa Eeden jaarraawwan hedduu booda jijjiiramuu hin dandaʼuu? Akkaataan taaʼumsa lafaa yeroo hunda ni jijjiirama. Naannoo dhaaba Eeden turte jedhamee yaadamutti kirkirri lafaa kan baayʼatu siʼa taʼu, kirkira lafaa gurguddaa yeroo ammaatti gaʼu keessaa dhibbeentaa 17 kan taʼan naannoo kanatti kan gaʼanidha. Naannoo akkasiitti taaʼumsa lafaarratti jijjiiramni akka jiraatu beekamaadha. Kana malees, Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼe, jijjiirama taaʼumsa lafaa nuyi matumaa hubachuu hin dandeenye geessisee taʼuu dandaʼa.c

      Haataʼu malee, waaʼeen Eeden wantoonni beeknu muraasni jiru: Seenaan Seera Uumamaa dhaabni Eeden bakka dhugumaan jiru akka ture ibsa. Lageen afur keessaa lama, jechuunis Efraaxiisiifi Xegros ykn Hiidiikeel hanga harʼaatti kan jiran siʼa taʼu, maddeen lageen kanaa tokko tokkos walitti dhihoo jiru. Kana malees seenaan kun biyyoota lageen kun keessa darban, akkasumas naannoon sun albuuda akkamiitiin akka beekamu adda baasee caqaseera. Dhaaba Eeden ilaalchisee ibsi balʼinaan kenname kun, saba Israaʼel durii yeroo jalqabaatiif kitaaba kana dubbisaniif ragaa gaʼaa kan kennu ture.

      Seenaan kun utuu sheekkoo ykn soba taʼee karaa kanaan dhihaata turee? Yookiin seenaan dhugaa ykn soba taʼuusaa salphaatti mirkaneessuun dandaʼamu akkasitti balʼinaan dhihaata turee? Yeroo baayʼee sheekkoon, “Gaaf tokko biyya fagoo tokkotti” jechuudhaan jalqaba. Seenaan dhugaa garuu, akkuma seenaa dhaaba Eeden yaadawwan barbaachisaa taʼan balʼinaan ibsa.

      2. Seenaan Addaam biyyoo lafaarraa akka tolchame, Hewwaanimmoo lafee cinaacha Addaamirraa akka tolchamte ibsu dhugaadhaa?

      Saayinsiin ammayyaa qaamni namaa elemantoota addaddaa kan akka haaydiroojinii, oksijiiniifi kaarboonii warra dachee lafaa keessaa argamanirraa akka tolfame mirkaneesseera. Haataʼu malee, albuudawwan kun walitti makamanii uumama lubbuu qabu tokko argamsiisuu kan dandaʼan akkamitti?

      Saayintistoonni hedduun wantoonni lubbuu qaban akka tasaatti dhufan jedhanii dubbatu; namoonni kun lubbuun seelii salphaa taʼerraa kaʼee waggoota miliyoonaan lakkaaʼaman keessatti suutuma suuta gara sadarkaa wal xaxaa taʼetti jijjiiramuu jalqabe jedhu. Haataʼu malee, seeliiwwan ijaan hin mulʼanne dabalatee wantoonni lubbuu qabeeyyii taʼan hundi baayʼee wal xaxaa waan taʼaniif, jechi “salphaa” jedhu sirrii taʼuu hin dandaʼu. Yaanni lubbuun kamiyyuu akka tasaa dhufuu ykn argamuu dandaʼa jedhu ragaa tokkoyyuu hin qabu. Kanaa mannaa, akkaataan wantoonni lubbuu qabeeyyii taʼan hundi itti uumaman, qaamni nu caalaa dandeettii guddaa qabu tokko akka jiru mirkaneessa.d—Roomaa 1:20.

      Muuziqaa orkeestiraa addaatiin qindeeffame dhaggeeffachaa ykn fakkii baayʼee miidhagaa taʼe dinqisiifachaa ykn argama teknooloojii tokko ajaaʼibsiifachaa jirta haa jennu. Wantoota kana namni hin hojjenne jettee falmitaa? Akka hin falmine beekamaadha! Haataʼu malee, wantoonni kun wal xaxiinsa, miidhagina ykn dandeettii guddaa akkaataa qaamni namootaa itti hojjetamee wajjin matumaa wal biraa qabamanii ilaalamuu hin dandaʼan. Maarree qaama namootaa kan uume hin jiru jennee yaaduu kan dandeenyu akkamitti? Kana malees, seenaan Seera Uumamarratti ibsame wantoota lafarratti uumaman hundumaa keessaa akka bifa Waaqayyootti kan uumaman namoota qofaa akka taʼan ibsa. (Uumama 1:26) Lafa kanarratti akkuma Waaqayyoo waan tokko uumuu kan dandaʼan namoota qofadha; al tokko tokko muuziqaa, hojiiwwan ogummaafi buʼaawwan teknooloojii nama dinqisiisan qopheeffamuunsaanii kanaaf ragaa taʼa. Maarree dandeettiin Waaqayyo waa uumuuf qabu kan keenyarra guddaa caaluunsaa nu dinqisiisuu qabaa?

      Waaqayyo lafee cinaacha Addaam keessaa tokko fuudhee Hewwaaniin akka uume amanuun ulfaataadhaa?e Waaqayyo mala gara biraatti fayyadamuu kan dandaʼu taʼus, karaa kanaan dubartii uumuunsaa garuu hiika guddaa kan qabudha. Addaamiifi Hewwaan gaaʼela dhaabbachuudhaan “foon tokko” taʼanii akka waliin jiraatan barbaada ture. (Uumama 2:24) Dhiirriifi dubartiin tokko walitti dhufeenya lamaansaanii tokko godhu qabaachuudhaan jiraachuunsaanii, ragaa cimaa Uumaan ogeessaafi jaalala qabeessa taʼe akka jiru argisiisu mitii?

      Kana malees, qorattoonni jenetiksii bara keenyatti argaman, ilmaan namootaa hundi dhiira tokkoofi dubartii tokkorraa kan argaman utuu hin taʼin akka hin oolle amananiiru. Maarree, seenaa Seera Uumamaarra jiru amanuun ulfaataadhaa?

      3. Seenaan muka hamaafi gaarii ittiin beekan, akkasumas muka jireenyaa ilaalchisee dubbatamu sheekkoo fakkaata.

      Seenaan Seera Uumamarratti argamu, mukeetiin kun humna adda taʼe qabu jedhee hin barsiisu. Kanaa mannaa, mukeetii Yihowaan hiika fakkeenyaa akka qabaatan godhe biqilchedha.

      Yeroo tokko tokko namoonniyyuu wantoota kanaa wajjin walfakkaatan raawwatu mitii? Fakkeenyaaf, abbaan alangaa tokko namoonni seera mana murtii cabsuunsaanii yakka taʼuusaa akeekkachiisa taʼa. Yeroo akkas jedhu garuu miʼa, keenyan ykn kutaa mana murtiif ulfina akka kennan dubbachuusaa utuu hin taʼin, sirni mana murtii sanaa kabajamuu qaba jechuusaa akka taʼe beekamaadha. Mootummoonni addaddaas, aangoo olaantummaasaanii ibsuuf siiqqee ykn gonfoo akka mallattootti fayyadamaa turaniiru.

      Maarree, mukeetiin kun lamaan maal argisiisu? Kana ilaalchisee yaadawwan hubachuuf nama rakkisan hedduun kennamaniiru. Deebiinsaa inni sirriin garuu, salphaafi hiika guddaa kan qabudha. Mukti hamaafi gaarii ittiin beekan, mirga Waaqayyo qofti qabu, jechuunis wanta gaariifi gadhee taʼe murteessuu kan dandaʼu isa akka taʼe kan argisiisudha. (Ermiyaas 10:23) Kanaaf muka sanarraa hatuun yakka jedhamuunsaa kana nama dinqisiisu miti! Mukti jireenya kennummoo, kennaa Waaqayyo qofti kennuu dandaʼu, jechuunis jireenya barabaraa kan argisiisudha.—Roomaa 6:23.

      4. Seenaan bofti akka dubbate ibsu sheekkoo fakkaata.

      Keessumaa kutaawwan Macaafa Qulqulluu kaan tilmaama keessa galchuu baannaan, seenaa Seera Uumamaa waaʼee bofaa ibsu hubachuun nama rakkisuu dandaʼa. Haataʼu malee, Caaffanni Qulqullaaʼoon suutuma suuta iccitii kana akka gaariitti nuuf ibsu.

      Bofichi dubbachaa akka jiru kan fakkeesse eenyudha? Sabni Israaʼel durii, yaadawwan bofni kun seenaa kana keessatti gaʼee akkamii qabaachuu akka dandaʼu hubachuuf isaan gargaaran tokko tokko beeku turan. Fakkeenyaaf, horiin dubbachuu akka hin dandeenye kan beekan taʼus, qaamni hafuuraa tokko horiin sun dubbachaa akka jiru fakkeessuu akka dandaʼu beeku turan. Museen waaʼee nama Balaʼaam jedhamu kan barreesse siʼa taʼu, seenaansaas ergamaan Waaqayyoo tokko harreen Balaʼaam akkuma namaatti akka dubbattu gochuusaa ibsa.—Lakkoobsa 22:26-31; 2 Phexros 2:15, 16.

      Warra diinota Waaqayyoo taʼan dabalatee uumamawwan hafuuraa kaanis dinqii raawwachuu ni dandaʼuu? Museen, luboonni Gibxii warri ayyaana hedan dinqii Waaqayyo raawwate fakkeessanii hojjechuusaanii argee ture; dinqiiwwan isaan hojjetan kana keessaa tokko ulee gara bofaatti jijjiiruu ture. Humna wanta dinqisiisaa akkasii akka raawwatan isaan gargaare kan argatan, ergamoota hamoo dinoota Waaqayyoo taʼanirraa akka taʼe ifadha.—Baʼuu 7:8-12.

      Macaafa Iyoob kan barreesse Musee akka ture beekamaadha. Macaafni kun waaʼee Seexanaa isa tajaajiltoonni Yihowaa Waaqayyoof amanamoo taʼuu hin dandaʼan jedhee sobaan himata dhiheesseefi diina Waaqayyoo isa guddaa taʼee waan baayʼee ibsa. (Iyoob 1:6-11; 2:4, 5) Sabni Israaʼel durii, bofni Eeden keessa ture akka dubbate fakkeessuudhaan Hewwaan Waaqayyoof akka hin amanamne kan gowwoomse Seexanadha jedhanii yaadu turanii? Akkas jedhanii kan yaadan taʼuu hin oolu.

      Bofichi akka dubbatuu kan godhe Seexana turee? Yesus yeroo booda “inni sobaa dha, abbaa sobaa tis” jechuudhaan waaʼee Seexanaa dubbateera. (Yohannis 8:44) Jalqabarratti soba kan dubbate Seexana isa “Abbaa sobaa” jedhame kana mitiiree? Sobni inni jalqabaa wanta bofichi Hewwaanitti dubbate keessatti kan argamu ture. Ija mukaa sanarraa yoo nyaatan akka duʼan akeekkachiisa Waaqayyo isaanii kennerraa haala faallaa taʼeen, bofichi “Hin duutan” jedhee isaan sobe. (Uumama 3:4) Yesus bofni kun akka dubbatu kan godhe Seexana taʼuusaa akka beeku ifadha. Yesus, mulʼata Yohannis ergamaatti beeksiserratti ‘bofa bara durii’ jedhee Seexana waamuunsaa haallisaa caalaatti akka ifa nuu taʼu godha.—Mulʼata 1:1; 12:9.

      Qaamni hafuuraa humna guddaa qabu bofni dubbachaa akka jiru fakkeessuunsaa wanta amanuuf nama rakkisudhaa? Namoonni akka uumamawwan hafuuraa humna guddaa kan hin qabne taʼaniyyuu fiilmii, tiyaatirii ykn televijiiniirratti wanta namoota dinqisiisu fakkeessanii hojjechuu ni dandaʼu.

      Ragaa Hunda Caalaa Amansiisaa Taʼe

      Shakkiin namoonni seenaa Seera Uumamaarratti qaban ragaa quubsaa kan hin qabnedha yoo jedhame walii hin galtuu? Karaa biraammoo, seenaan kun dhugaa taʼuusaa ilaalchisee ragaan hunda caalaa amansiisaa taʼe jira.

      Fakkeenyaaf Yesus Kiristos, “dhuga-baatuu isa amanamaa, isa dhugaadhaaf dhugaa baʼu” jedhameera. (Mulʼata 3:14) Yesus nama mudaa hin qabne waan taʼeef matumaa sobee hin beeku; karaa kamiiniyyuu dhugaa jalʼisee hin beeku. Kana malees nama taʼee lafarratti dhalachuusaa dura, jechuunis “utuu biyyi lafaa hin uumamin” dura, Yihowaa Abbaasaa wajjin jiraachaa akka ture dubbateera. (Yohannis 17:5) Kanaaf yeroo jalqaba namni lafarratti uumamu Yesus samiirra jira ture. Dhugaa baatuun hundumaa caalaa amanamaa taʼe kun maal jedhee dubbateree?

      Yesus, Addaamiifi Hewwaan namoota dhugumaan jiraatan akka turan dubbateera. Gaaʼela ilaalchisee qajeelfama Yihowaa yeroo dubbatu dhiirri tokko dubartii tokkoo wajjin qofa jiraachuu akka qabu caqaseera. (Maatewos 19:3-6) Addaamiifi Hewwaan namoota lubbuudhaan hin jiraanne utuu taʼanii, akkasumas dhaabni jannataa isaan keessa jiraatan sheekkoo utuu taʼee, Yesus gowwoomfameera ykn sobeera jechuu taʼa. Kunimmoo dhugaa taʼuu hin dandaʼu! Yesus samiirra taaʼee wanta gaddisiisaa dhaaba Eeden keessatti raawwatame ilaalaa ture. Ragaa amansiisaa Yesus kenne kanarra caalu argachuun ni dandaʼamaa?

      Seenaa Seera Uumamaarra jirutti amanuu dhiisuun, Yesusirratti amantii dhabuudha. Kana malees, barumsawwan ijoo Macaafa Qulqulluu taʼaniifi abdii nama jajjabeessu kennan hubachuun akka namatti ulfaatu godha. Mee akkas kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

      [Miiljaleewwan]

      a Macaafa Qulqulluu keessatti maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe ibsameera.

      b Haataʼu malee, ilaalchi akkasii deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabu. Macaafni Qulqulluun, hojiin Waaqayyoo mudaa akka hin qabneefi mancaʼiinsa gaʼeef kan itti gaafatamu Isa akka hin taane barsiisa. (Keessa Deebii 32:4, 5) Yihowaanis wantoota lafarratti argaman hunda uumee erga raawwatee booda, wantoonni inni uume hundi “baayʼee gaarii” akka turan dubbateera.—Uumama 1:31.

      c Bishaan Badiisaa Waaqayyo fide, dhaaba Eeden guutummaatti akka balleesse haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Akka Hisqiʼel 31:18 ibsutti, ‘mukkeetiin Eeden’ Dh.K.D. jaarraa torbaffaa dura badaniiru. Kanaaf, sana booda carraaqqiin namoonni dhaaba Eeden barbaaduuf godhan buʼaa utuu hin argamsiisin hafeera.

      d Birooshura Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shanan jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe ilaali. (Amaariffa)

      e Kan nama dinqisiisu, saayinsiin fayyaa yeroo ammaatti argamu lafeen cinaachaa miidhaa isarra gaʼerraa fayyuu akka dandaʼu mirkaneesseera. Lafeewwan kaanirraa haala adda taʼeen, ribuuwwan wal qabsiistuu taʼan hanga hin miidhamnetti deebiʼee guddachuu dandaʼa.

  • Waaʼeen Eeden Siin Kan Ilaalltu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa—2011 | Ebla 1
    • Waaʼeen Eeden Siin Kan Ilaalltu Akkamitti?

      MORMII hayyoonni tokko tokko kaasan keessaa inni guddaan, waaʼeen Eeden kutaawwan Macaafa Qulqulluu kaan keessatti hin caqasamne kan jedhudha. Fakkeenyaaf, Piroofeesara Qorannaawwan Amantii kan taʼan Pool Mooris, “Seenaan Eeden kutaawwan Macaafa Qulqulluu gara boodaatti barreeffaman keessatti kallattiidhaan hin caqasamne” jechuudhaan barreessaniiru. Yaanni isaan irra gaʼan “hayyoota” addaddaa biratti fudhatama argatus, dhugaansaa garuu kallattiidhaan yaada kanaa wajjin kan wal faallessudha.

      Macaafni Qulqulluun bakka hedduutti, waaʼee dhaaba Eeden, waaʼee Addaam, waaʼee Hewwaaniifi waaʼee bofichaa ni dubbatu.a Taʼus dogoggorri hayyoonni muraasni raawwatan, dogoggora guddaa geggeessitoonni amantii raawwatanii wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu baayʼee xinnoodha. Geggeessitoonni amantiifi namoonni Macaafa Qulqulluu morman seenaa Seera Uumamaa waaʼee dhaaba Eeden dubbatu fudhachuu diduudhaan, Macaafa Qulqulluurratti waraana bananiiru. Akkamitti?

      Wanta dhaaba Eeden keessatti raawwatame hubachuun keenya, kutaawwan Macaafa Qulqulluu kaan hubachuuf barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, Dubbiin Waaqayyoo gaaffiiwwan gurguddaa ilmaan namootaa gaafataniif deebii akka argatan gargaaruuf jedhamee kan qophaaʼedha. Deebiin Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu, yeroo hunda wantoota dhaaba Eeden keessatti raawwatamanii wajjin walitti dhufeenya akka qaban ibsa. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

      ● Kan dulloomnuufi kan duunu maaliifi? Addaamiifi Hewwaan utuu Yihowaadhaaf abboomamaniiru taʼee barabaraaf jiraatu turan. Kan duʼan yoo isarratti kaʼan qofa ture. Kanaaf guyyaa Waaqayyoorratti kaʼan sanaa kaasee gara duʼaatti adeemuu jalqaban. (Uumama 2:16, 17; 3:19) Mudaa kan qaban taʼan; ijoolleensaaniis mudaa kan qabaniifi cubbuu kan dhaalan taʼan. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan haalasaa ibsa: “Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe.”—Roomaa 5:12.

      ● Waaqayyo hammeenyi akka jiraatu kan heyyame maaliifi? Dhaaba Eeden keessatti Seexanni, Waaqayyo ni soba; uumamasaa jalaas wanta gaarii taʼe ni dhoksa jechuudhaan dubbateera. (Uumama 3:3-5) Kanaan kan kaʼes, akkaataa Yihowaan itti bulchu qajeelaa taʼuusaarratti gaaffii kaaseera. Addaamiifi Hewwaan Seexana duukaa buʼuu filatan; kanaaf isaanis olaantummaa Yihowaa tuffatan; kunimmoo namni wanta gaariifi gadhee taʼe ilaalchisee ofumasaatii murteessuu dandaʼa akka jedhanitti lakkaaʼama. Yihowaan murtoosaa isa qajeelaa taʼeefi ogummaasaatiin, gaaffii kanaaf deebii kennuun kan dandaʼamu karaa tokko qofa, jechuunis namoonni akkuma filannoosaaniitti akka ofiin of bulchan yeroo heyyamuudhaan akka taʼe beeka ture. Hammeenyi kan babalʼate, Seexanni dhiibbaa geessisuusaa waan itti fufeef siʼa taʼu, kunimmoo yeroo booda dhugaan hin haalamne tokko akka mirkaneeffamu godheera. Dhugaan kunis, ‘Ilmaan namootaa Waaqayyorraa adda baʼanii ofiin of bulchuu hin dandaʼan’ kan jedhudha.—Ermiyaas 10:23.

      ● Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu maalidha? Yihowaan dhaaba Eeden qopheessuudhaan, lafti miidhagina akkamii akka qabdu argisiiseera. Addaamiifi Hewwaan ijoollee godhatanii lafarratti akka baayʼataniifi ishees ‘harka jala akka galfatan’ qajeelfama isaanii kenneera; kunis guutummaan lafaa miidhaginaafi tokkummaa akka qabaattu godha. (Uumama 1:28) Kanaaf kaayyoon Waaqayyoo, lafti kun jannata ijoolleen Addaamiifi Hewwaan warri mudaa hin qabne tokkummaadhaan keessa jiraatan akka taatu gochuu ture. Macaafni Qulqulluun yeroo baayʼee, karaa Waaqayyo kaayyoosaa isa jalqabaa kana itti raawwaturratti kan xiyyeeffatudha.

      ● Yesus Kiristos gara lafaa kan dhufe maaliifi? Hammeenyi dhaaba Eeden keessatti raawwatame Addaamiifi Hewwaanirrattis taʼe ijoolleensaanii hundatti duʼa kan fide taʼus, Waaqayyo jaalalaan kakaʼee abdii kenneera. Wanta Macaafni Qulqulluun furii jedhee waamu akka dhiheessuuf Ilmasaa gara lafaatti ergeera. (Maatewos 20:28) Kana jechuun maal jechuudha? Yesus ‘Addaam isa lammaffaa’ jedhamee kan waamame siʼa taʼu, inni yeroo lafarra turetti guutummaatti Yihowaadhaaf abboomamuudhaan wanta Addaam utuu hin godhin hafe raawwateera. Kanaaf, lubbuusaa aarsaa ykn furii godhee dhiheessuudhaan, ilmaan namootaa amanamoo taʼan cubbuusaaniitiif dhiifama akka argatan, akkasumas jireenya Addaamiifi Hewwaan utuu cubbuu hin hojjetin dura qaban akka argatan karaa baneera. (1 Qorontos 15:22, 45; Yohannis 3:16) Kanaaf, Yesus kaayyoo Yihowaan lafa kana gara jannataatti jijjiiruuf qabu akka raawwatamu mirkaneesseera.b

      Kaayyoon Waaqayyoo hubachuuf kan nama rakkisu ykn barumsa amantii salphaatti hubatamuu hin dandeenye miti. Kanaa mannaa barumsa hubatamuu dandaʼudha. Bineensotaafi namoota dhaaba jannataa Eeden keessa turan ilaalchisee wanti ibsame akkuma dhugaa taʼe, kaayyoon Waaqayyo gara fuulduraa ilaalchisee dubbates yeroo dhihootti ni raawwatama. Atoo abdii kana argachuu dandeessaa? Kun garri caalaansaa filannoo keerratti kan hundaaʼedha. Waaqayyo, warra qajeelfamasaa wajjin haala walsimuun hin jiraanne dabalatee, namoonni hedduun, jireenya gara fuulduraa ilaalchisee abdii akka qabaatan barbaada.—1 Ximotewos 2:3, 4.

      Yesus mukarratti fannifamee utuu jiruu, namicha jireenya gadhee jiraachaa ture tokkoo wajjin dubbatee ture. Namichi kun yakkamaa akka taʼeefi ajjeefamuu akka qabu beeka ture. Taʼus, Yesusirraa jajjabinaafi abdii argachuu barbaade. Yesusoo maal jedhee deebiseef? “Anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedheen. (Luqaas 23:43) Yesus namichi yakkamaa ture sun duʼaa kaʼee dhaaba Eeden ishee bareedduu keessatti eebba jireenya barabaraa yeroo argatu arguu kan barbaadu erga taʼee, atis eebba akkasii akka argattu kan barbaadu sitti hin fakkaatuu? Eeyyee ni barbaada! Abbaansaas fedhii akkasii qaba! Atis eebba akkasii argachuu yoo barbaadde, waaʼee Waaqa isa dhaaba Eeden uumee barachuuf carraaqqii guddaa godhi.

      [Miiljaleewwan]

      a Fakkeenyaaf, Uumama 13:10; Keessa Deebii 32:8; 1 Seenaa 1:1; Isaayaas 51:3; Hisqiʼel 28:13; 31:8, 9; Luqaas 3:38; Roomaa 5:12-14; 1 Qorontos 15:22, 45; 2 Qorontos 11:3; 1 Ximotewos 2:13, 14; Yihudaa 14; akkasumas Mulʼata 12:9 dubbisi.

      b Aarsaa furii Kiristos ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 5 ilaali.

      [Saanduqa/​Fakkii fuula 10rra jiru]

      RAAJII GUUTUMMAA MACAAFA QULQULLUU TOKKO GODHU

      “Ani sii [bofichaa] fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita.”—Uumama 3:15.

      Kun, raajii Macaafa Qulqulluu Waaqayyo yeroo jalqabaatiif dhaaba Eeden keessatti dubbatedha. Warri raajii kana keessatti caqasaman arfan, jechuunis dubartittiiniifi sanyiinshee, bofichiifi sanyiinsaa eenyufaʼi? Isaan gidduu ‘diinummaan’ akka jiraatu raajiin kan dubbatame akkamitti?

      BOFICHA

      Seexana isa Diiyaabilos jedhame.—Mulʼata 12:9.

      DUBARTITTII

      Jaarmiyaa Yihowaa uumamawwan samiirratti argaman qabatte. (Galaatiyaa 4:26, 27) Isaayaas, ‘dubartiin’ kun gara fuulduraatti saba hafuuraa akka godhattu raajii dubbateera.—Isaayaas 54:1; 66:8.

      SANYII BOFICHAA

      Qaamota fedhii Seexanaa raawwachuuf filatan.—Yohannis 8:44.

      SANYII DUBARTITTII

      Sanyiin dubartittii inni jalqabaa Yesus Kiristosidha; innis kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samiirraa kan dhufedha. ‘Sanyiin’ kun, warra karaa hafuuraa obboloota Kiristos taʼaniifi isaa wajjin samiirratti bulchan kan dabalatudha. Kiristiyaanonni dibamoon kun, “Israaʼel Waaqayyoo” warra saba hafuuraa taʼanidha.—Galaatiyaa 3:16, 29; 6:16; Uumama 22:18.

      KOOMEE IDDAMU

      Masiihichi dhiphinni guddaan kan isarra gaʼe taʼuyyuu, miidhaan barabaraa isarra hin geenye. Yesus yeroo lafarra ture, Seexanni isa ajjeesuu dandaʼeera. Taʼus, Yesus duʼaa kaafameera.

      MATAA BURUQFAMU

      Badiisa Seexana eeggatu kan ibsudha. Yesus barabaraaf Seexana ni balleessa. Sana dura garuu, hammeenya Seexanni Eeden keessatti akka jalqabamu godhe guutummaatti balleessa.—1 Yohannis 3:8; Mulʼata 20:10.

      Yaada ijoo Macaafa Qulqulluu ilaalchisee ibsa gabaabaa argachuuf, birooshura Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe ilaali.

      [Fakkii fuula 11rra jiru]

      Addaamiifi Hewwaan sababii cubbuutiin miidhaa guddaan isaanirra gaʼeera

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi