LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Yihowaan Humna Guddaa Qaba’
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Eeliyaas holqa keessa dhaabatee humna Yihowaa ilaalaa jira. Bubbee cimaa, kirkira lafaa fi ibidda argeera.

      BOQONNAA 4

      ‘Yihowaan Humna Guddaa Qaba’

      1, 2. Eeliyaas wantoota dinqisiisoo akkamii argeera? Taʼus, holqa Tulluu Horeeb irra jiru tokko bira yeroo turetti wantoota caalaatti nama ajaaʼibsiisan akkamii arge?

      EELIYAAS kana dura wantoota ajaaʼibsiisoo argeera. Yeroo dhokatee turetti arraagessonni guyyaatti siʼa lama nyaata yommuu isaaf fidan argeera. Bara beelaa yeroo dheeraaf turetti, daakuu fi zayitii xinnoon hubboo lama keessa jiru akka hin dhumne argeera. Deebii kadhannaa isaatiif yommuu ibiddi samii irraa buʼus argeera. (1 Mootota, boqonnaa 17, 18) Taʼus, Eeliyaas wanta kana caalaa ajaaʼibsiisaa taʼe kan biraas argeera.

      2 Afaan holqa Tulluu Horeeb irra jiru tokko bira yeroo turetti, wantoonni ajaaʼibsiisoon yommuu raawwataman argeera. Jalqaba bubbeen ni bubbise. Bubbichi tulloota waan tatarsaasee fi kattaawwan waan babbaqaqseef, humna guddaa kan qabuu fi sagaleen isaa gurra namaa kan duuchu akka ture hin shakkisiisu. Achiis kirkirri lafaa humna guddaa qabu ni uumame. Sana booda ibiddi ni kaʼe. Ibiddichi guutummaatti naannoo sana yommuu gubu, hoʼi cimaan Eeliyaasitti dhagaʼamee taʼuu hin oolu.—1 Mootota 19:8-12.

      3. Wanti Eeliyaas arge amala Waaqayyoo isa kamiif ragaa taʼa? Nuti hoo amala isaa kana wantoota kam irraa hubachuu dandeenya?

      3 Taʼeewwan Eeliyaas arge kana wanti wal fakkeessu tokko jira; hundi isaanii humna guddaa Yihowaan qabu argisiisu. Nuti garuu Waaqayyo humna akka qabu beekuuf dinqii arguun akka nu hin barbaachisne beekamaa dha. Humna isaa bakka hundatti arguu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, uumamni “humna isaa isa bara baraa fi waaqummaa isaa” akka argisiisu nutti hima. (Roomaa 1:20) Mee waaʼee balaqqeessa ija namaa jaamsuu dandaʼuu, sagalee qaqawwee, fincaaʼaa humna guddaa qabuu fi samii balʼaa urjootaan guutame yaadi! Wantoonni kun humni Waaqayyoo guddaa akka taʼe si hin hubachiisanii? Taʼus, yeroo harʼaa humna Waaqayyoo kan hubatan namoota muraasa qofa dha. Humna isaatiif ilaalcha sirrii kan qaban immoo baayʼee xinnoo dha. Haa taʼu malee, amala Waaqayyoo kana hubachuun keenya, sababa caalaatti isatti dhihaannu hedduu argachuuf nu gargaara. Kutaa kana keessatti, waaʼee humna Yihowaa isa daangaa hin qabnee balʼinaan qoʼanna.

      “Yihowaan achiin darbaa ture”

      Amala Yihowaa Isa Barbaachisaa Taʼe

      4, 5. (a) Kitaabni Qulqulluun waaʼee maqaa Yihowaa maal jedha? (b) Yihowaan humna isaa ibsuuf qotiyyootti fayyadamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?

      4 Yihowaan humna adda taʼe qaba. Ermiyaas 10:6, “Yaa Yihowaa, kan akka keetii hin jiru. Ati guddaa dha, maqaan kees guddaa fi jabaa dha” jedha. As irratti maqaan Yihowaa guddinaa fi jabina ykn humnaa wajjin wal qabsiifamee akka ibsame qalbeeffadhu. Ragaan jiru akka argisiisutti hiikni maqaa kanaa, “Akka Taʼu Godha” jechuu akka taʼes yaadadhu. Yihowaan wanta uumuu barbaadu kam iyyuu akka uumuu fi wanta taʼuu barbaadu hunda akka taʼu kan isa dandeessisu maali dha? Inni tokko humna isaa ti. Eeyyee, dandeettiin Yihowaan tarkaanfii fudhachuu fi fedha isaa raawwachuuf qabu daangaa hin qabu. Humni isaa kun, amalawwan isaa warra dinqisiisoo taʼan keessaa tokko dha.

      5 Nuti humni isaa hammam akka taʼe guutummaatti hubachuu waan hin dandeenyeef, Yihowaan nu gargaaruuf fakkeenya adda addaatti fayyadama. Akkuma kanaan dura ilaalle, humna isaa nuu ibsuuf qotiyyoo akka fakkeenyaatti fayyadameera. (Hisqiʼel 1:4-10) Qotiyyoon baayʼee guddaa fi humna qabeessa waan taʼeef, humni Yihowaa qotiyyootti fakkeeffamuun isaa sirrii dha. Bara duriitti namoonni naannoo Paalastiinaa, yeroo baayʼee uumama kan biraa kanaan wal gitu hin argan. Haa taʼu malee, qotiyyoo sodaachisaa, jechuunis gafarsa ykn gosa gafarsaa sanyiin isaa yeroo ammatti bade beeku turan. (Iyyoob 39:9-12) Bulchaan Roomaa Juuliyes Qeesaar, gosti gafarsaa kun hammuma arbaa akka gaʼu dubbateera. Akkasumas, “Ciminni isaas taʼe saffisni isaa guddaa dha” jedhee barreesseera. Uumama kana bira utuu dhaabattee, baayʼee xinnoo fi dadhabaa akka taate sitti dhagaʼamuun isaa hin oolu.

      6. Yihowaa qofti, ‘Hundumaa kan Dandaʼu’ kan jedhame maaliifi?

      6 Namnis Yihowaa isa Waaqa humna qabeessa taʼee wajjin yommuu walbira qabamu xinnoo fi dadhabaa dha. Saboonni humna guddaa qaban illee, Yihowaa biratti akka awwaara madaallii irra jiruutti ilaalamu. (Isaayyaas 40:15) Uumamawwan kaan irraa haala adda taʼeen, humni Yihowaa daangaa hin qabu; kanaaf, ‘Hundumaa Dandaʼa’ jedhamuu kan dandaʼu isa qofa dha.a (Mulʼata 15:3) Yihowaan ‘jabina guddaa fi humna sodaachisaa’ qaba. (Isaayyaas 40:26) Humni isa keessaa maddu dhuma hin qabu. ‘Jabinni kan Waaqayyoo waan taʼeef,’ inni eenyu irraa iyyuu humna argachuun isa hin barbaachisu. (Faarfannaa 62:11) Haa taʼu malee Yihowaan humna isaa kan mulʼisu karaa kamiini?

      Yihowaan Humna Isaa Kan Mulʼisu Akkamitti?

      7. Hafuurri Yihowaa maali dha? Jechi afaan Ibrootaa fi afaan Giriikii hafuura jedhu hiika akkamii qaba?

      7 Yihowaan hafuura qulqulluu hangana hin jedhamne maddisiisa. Hafuurri kun humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha. Kitaabni Qulqulluun Uumama 1:2 irratti, hafuura qulqulluu ‘humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru’ jedhee waama. Jechi afaan Ibrootaa fi afaan Giriikii “hafuura” jedhamu, akka galumsa isaatti “qilleensaa” fi “bubbee” jedhamee hiikamuu dandaʼa. Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko akka jedhanitti, jechi afaan Ibrootaa fi afaan Giriikii kun humna hojii irra jiruu fi ijaan hin argamne argisiisa. Hafuurri Waaqayyoo akkuma qilleensaa ijaan kan hin argamne taʼus, hojiin isaa ni mulʼata, hubatamuus ni dandaʼa.

      8. Kitaaba Qulqulluu keessatti hafuurri Waaqayyoo maaliitti fakkeeffameera? Kunoo sirrii kan taʼe maaliifi?

      8 Hafuurri Waaqayyoo wantoota hundumaa raawwachuu dandaʼa. Yihowaan wanta kaayyeffate kam iyyuu raawwachuuf itti fayyadamuu dandaʼa. Kitaaba Qulqulluu keessatti hafuurri Waaqayyoo, “quba,” “harka jabaa” ykn “irree diriirfame” akka taʼetti kan ibsame kanaafi. (Luqaas 11:20; Keessa Deebii 5:15; Faarfannaa 8:3) Akkuma namni tokko hojii humna ykn cimina gaafatu hedduu hojjechuuf harka isaatti fayyadamu, Waaqayyos kaayyoo isaa kam iyyuu raawwachuuf hafuura isaatti fayyadama; fakkeenyaaf, atoomii ishii xiqqoo taatee uumuuf, Galaana Diimaa gargar hiruuf ykn Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa afaan sana dura hin beekneen akka dubbatan gochuuf hafuura isaatti fayyadameera.

      9. Karaan Yihowaan humna isaa itti argisiisu kan biraan maali dha?

      9 Yihowaan aangoo Bulchaa Ol Aanaa taʼuu isaatiin qabutti fayyadamees humna isaa ni argisiisa. Tajaajiltoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi ajaja kee kam iyyuu raawwachuuf dandeettii fi fedhii qaban ajajuuf dandeettii utuu qabaattee maaltu sitti dhagaʼama? Yihowaan dandeettii akkasii qaba. Namoota tajaajiltoota isaa taʼanii fi yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti raayyaatti fakkeeffaman qaba. (Faarfannaa 68:11; 110:3) Haa taʼu malee namni maleekaa tokkoo wajjin yeroo wal bira qabamu dadhabaa dha. Fakkeenyaaf, loltoonni Asoor yeroo Saba Waaqayyoo weeraranitti, maleekaan tokko halkan tokkotti loltoota Asoor 185,000 ajjeeseera! (2 Mootota 19:35) Maleekonni Waaqayyoo “humna guddaa” qabu.—Faarfannaa 103:19, 20.

      10. (a) Yihowaan gooftaa raayyaa kan jedhame maaliifi? (b) Uumamawwan Yihowaa hunda caalaa humna guddaa kan qabu eenyu?

      10 Lakkoofsi maleekotaa meeqa dha? Daaniʼel raajichi, mulʼata waaʼee samii arge irratti uumamawwan hafuuraa miliyoona 100 ol taʼan teessoo Yihowaa duratti argeera; taʼus ragaan maleekota hunda arguu isaa ibsu hin jiru. (Daaniʼel 7:10) Kanaaf, tarii maleekonni miliyoona dhibba hedduudhaan lakkaaʼaman jiraachuu dandaʼu. Yihowaan gooftaa raayyaa jedhamee kan waamames kanaafi. Maqaan ulfinaa kun, Yihowaan maleekota hedduu akka gaariitti gurmaaʼanii fi humna guddaa qaban ajajuuf aangoo akka qabu argisiisa. Maleekota kana hunda irratti Ilma isaa isa jaallatamaa “angafa uumama hundumaa” taʼeef aangoo guddaa kenneera. (Qolosaayis 1:15) Yesuus hogganaa maleekotaa jechuunis, ajajaa suraafelotaa fi ajajaa kiruubelotaa waan taʼeef, uumamawwan Yihowaa hunda caalaa humna guddaa qaba.

      11, 12. (a) Humni dubbiin Waaqayyoo qabu karaawwan kamiin mulʼata? (b) Yesuus waaʼee humna Yihowaa maal jedheera?

      11 Yihowaan karaa itti humna isaa argisiisu kan biraas qaba. Ibroonni 4:12, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha” jedha. Dubbiin Waaqayyoo ykn ergaan geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu humna guddaa akkamii akka qabu hubatteettaa? Humni isaa kun nu jajjabeessuu, amantii keenya cimsuu fi jijjiirama guddaa gochuuf nu gargaara. Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanonni hidhata isaa taʼan namoota jireenya addaggummaa jiraatan irraa akka of eegan akeekkachiiseera. Achiis akkas jedheera: “Isin keessaa tokko tokko namoota akkasii turtan.” (1 Qorontos 6:9-11) Eeyyee, humni “Dubbiin Waaqayyoo” qabu isaan irratti hojjechuudhaan jijjiirama akka godhan isaan gargaareera.

      12 Humni Yihowaa baayʼee guddaa fi karaan inni humna kanatti fayyadamus buʼa qabeessa waan taʼeef, wanti humna kana ittisuu dandaʼu hin jiru. Yesuus, “Waaqayyoof garuu wanti hundi ni dandaʼama” jedheera. (Maatewos 19:26) Maarree, Yihowaan humna isaa kana kaayyoo akkamiitiif itti fayyadama?

      Humna Kaayyoodhaan Hojii Irra Oolu

      13, 14. (a) Yihowaan madda humnaa qaama hin qabnee miti kan jennu maaliifi? (b) Yihowaan humna isaatti kan fayyadamu kaayyoo maaliitiif?

      13 Hafuurri Yihowaa humna uumamaa kam irra iyyuu ni caala; Yihowaan humna qaama hin qabne ykn kan akkasumaan humna maddisiisu miti. Inni Waaqa qaama qabuu fi humna isaa kana guutummaatti toʼachuu dandaʼu dha. Haa taʼu malee, humna isaa kanatti akka fayyadamu kan isa kakaasu maali dha?

      14 Akkuma fuulduraatti ilaallu, Waaqayyo uumuuf, balleessuuf, eeguu fi haaressuuf, jechuunis wanta kaayyoo isaa isa mudaa hin qabnee wajjin walsimu hunda raawwachuuf humna isaatti fayyadama. (Isaayyaas 46:10) Yeroo tokko tokko Yihowaan waaʼee amalawwanii fi ulaagaawwan isaa wantoota barbaachisoo taʼan ibsuuf humna isaatti fayyadama. Hunda caalaa garuu fedha isaa raawwachuuf, jechuunis Mootummaa Masiihichaatti fayyadamee maqaa isaa qulqulleessuu fi bulchiinsi isaa hunda irra kan caalu taʼuu isaa argisiisuuf humna isaatti fayyadama. Wanti tokko iyyuu kaayyoo isaa kana fashaleessuu hin dandaʼu.

      15. Yihowaan tajaajiltoota isaa wajjin haala wal qabateen, kaayyoo akkamiitiif humna isaatti fayyadama? Kun seenaa Eeliyaas irratti kan mulʼate akkamitti?

      15 Yihowaan dhuunfaatti nu gargaaruufis humna isaatti ni fayyadama. Seenaa Baraa Lammaffaa 16:9, “Warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef jabina isaa argisiisuuf, ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala” akka jedhu qalbeeffadhu. Muuxannoon Eeliyaas jalqaba irratti eerame kanaaf ragaa taʼa. Yihowaan humna isaa isa nama ajaaʼibsiisu Eeliyaasitti kan argisiise maaliifi? Mootuu hamtuu kan taate Iizaabel Eeliyaasiin ajjeesisuuf kakattee turte. Raajiin kun lubbuu isaatiif sodaatee baqatee ture. Hojiin isaa hundi gatii akka dhabe waan yaadeef, kophummaan itti dhagaʼamee, sodaatee fi abdii kutatee ture. Yihowaan raajii dhiphate kana jajjabeessuuf humna akkamii akka qabu itti argisiiseera. Bubbichi, kirkirri lafaa fi ibiddichi qaamni uumama cufa keessatti humna guddaa qabu Eeliyaasii wajjin akka jiru argisiisa. Maarree, Waaqni hundumaa dandaʼu waan isaa wajjin jiruuf sababii itti Iizaabeliin sodaatu qabaa?—1 Mootota 19:1-12.b

      16. Humna Yihowaa isa guddaa irratti xiinxaluun keenya kan nu jajjabeessu maaliifi?

      16 Yihowaan yeroo ammaatti dinqii kan hin raawwanne taʼus, harʼas hin jijjiiramne; inni waaquma bara Eeliyaas ture sana dha. (1 Qorontos 13:8) Akkuma bara durii yeroo harʼaattis humna isaatti fayyadamee namoota isa jaallatan gargaaruuf hawwii guddaa qaba. Inni addunyaa hafuuraa keessa kan jiraatu taʼus nu irraa fagoo miti. Humni isaa daangaa kan hin qabne waan taʼeef, fageenyi isa dhowwuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa, “Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti . . . dhihoo dha.” (Faarfannaa 145:18) Daaniʼel raajichi Yihowaan akka isa gargaaru yeroo kadhachaa turetti, utuu inni kadhannaa isaa illee hin xumurin maleekaan tokko isatti mulʼateera. (Daaniʼel 9:20-23) Yihowaan namoota jaallatu akka hin gargaarree fi akka hin jajjabeessine wanti isa dhowwuu dandaʼu hin jiru.—Faarfannaa 118:6.

      Humni Waaqayyoo Akka Isatti Hin Dhihaanne Nu Godhaa?

      17. Humni Yihowaa akka isa sodaannu nu godha kan jennu maaliifi? Haa taʼu malee, kun sodaa akkamii nu keessatti uumuu hin qabu?

      17 Humni Waaqayyoo akka isa sodaannu nu gochuu qabaa? Deebiin isaa eeyyees lakkiis kan jedhu dha. Eeyyee kan jennu, akkuma boqonnaa darbe irratti ilaalle amalli isaa kun ajaaʼibsiifannaa fi ulfina guddaa isaaf qabaachuudhaan akka isa sodaannu waan nu godhuufi. Kitaabni Qulqulluun, sodaan akkasii “jalqaba ogummaa” akka taʼe dubbata. (Faarfannaa 111:10) Lakki kan jennu immoo, humni Waaqayyoo sodaadhaan akka romʼinu ykn akka isa irraa fagaannu kan nu godhu waan hin taaneefi.

      18. (a) Namoonni hedduun warra aangoo qaban kan hin amanne maaliifi? (b) Yihowaan karaa sirrii hin taaneen humna isaatti akka hin fayyadamne akkamitti beekna?

      18 Seenaan akka mirkaneessetti, namoonni cubbamoota taʼan yeroo baayʼee aangoo isaanii karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamu. Aangoon, namoonni hammina akka raawwatan gochuu dandaʼa; bulchitoonni tokko tokko yeroo aangoo dabalataa argachaa deeman caalaatti hammaatu. (Lallaba 4:1; 8:9) Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun warra aangoo qaban hin amanan, akkasumas isaan irraa ni fagaatu. Yihowaan humna hangana hin jedhamne qaba. Taʼus, humna isaa karaa dogoggoraatiin itti fayyadamaa laata? Matumaa akkas hin godhu! Akkuma kanaan dura ilaalle, inni qulqulluu kan taʼee fi naamusa gaarii hin taane kan hin qabne dha. Yihowaan namoota cubbamoo addunyaa mancaʼaa kana keessatti aangoo qaban irraa adda dha. Humna isaatti fayyadamee nama miidhee hin beeku, gara fuulduraattis hin miidhu.

      19, 20. (a) Yihowaan yeroo hunda humna isaatti kan fayyadamu amalawwan isaa warra kamii wajjin haala walsimuuni? Kunoo kan nama jajjabeessu maaliifi? (b) Yihowaan kan of toʼatu taʼuu isaa fakkeenyaan ibsi. Amalli isaa kun kan si hawwatu maaliifi?

      19 Amalli Yihowaa humna qofa akka hin taane yaadadhu. Fuulduraatti waaʼee haqa isaa, waaʼee ogummaa isaa fi waaʼee jaalala isaa ni baranna. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo tokkotti amala tokko qofa akka argisiisu goonee hubachuudhaan, amalawwan isaa akkuma barsiifataatti argisiisa jennee karaa dogoggora taʼeen yaaduu hin qabnu. Kanaa mannaa akkuma boqonnaawwan itti aanan irratti ilaallu, Yihowaan yeroo hunda humna isaa karaa haqa, ogummaa fi jaalala isaa wajjin walsimuun itti fayyadama. Mee amala Yihowaan qabuu fi yeroo baayʼee bulchitoonni addunyaa hin qabne tokkoo, jechuunis waaʼee of toʼachuu isaa yaadi.

      20 Fakkeenyaaf, nama qaamaa fi humna guddaa qabu tokko argitee sodaatte haa jennu. Yeroo isa baraa deemtu garuu namni kun garraamii akka taʼe hubatte. Namni kun humna isaatti fayyadamee namoota, keessumaa warra humna hin qabnee fi rakkina irra jiran gargaaruuf, akkasumas eeguuf yeroo hunda qophaaʼaa fi fedhii kan qabu dha. Matumaa karaa sirrii hin taaneen humna isaatti hin fayyadamu. Namni kun sababii malee yeroo maqaan isaa balleeffamu dhageesse; inni garuu aaruu mannaa tasgabbaaʼeera, gaarummaas argisiiseera. Utuu ana taʼee, akka nama kanaa utuun humna qabuu amala akkasii nan argisiisan turee? jettee yaaduun kee hin oolu. Nama kana yeroo beektu caalaatti isatti hin dhihaattuu? Yihowaa isa hundumaa dandaʼutti dhihaachuufis sababii hedduu qabna. Mee caqasa mata dureen boqonnaa kanaa irratti hundaaʼee fi “Yihowaan aariidhaaf suuta kan jedhuu fi humna guddaa kan qabu dha” jedhu irratti yaadi. (Naahom 1:3) Yihowaan humna isaatti fayyadamee namoota hamoo taʼan illee balleessuuf hin ariifatu. Inni garraamii fi gaarummaa kan qabu dha. Yeroo wanti isa dheekkamsiisu hedduun uumametti illee, “aariidhaaf suuta kan jedhu” taʼuu isaa argisiiseera.—Faarfannaa 78:37-41.

      21. Yihowaan namoonni akka isa tajaajilan kan hin dirqisiisne maaliifi? Kunoo waaʼee isaa maal nu barsiisa?

      21 Karaawwan Yihowaan akka of toʼatu itti argisiise kan biraas haa ilaallu. Humna daangaa hin qabne utuu qabaattee, yeroo tokko tokko namoonni wanta tokko karaa ati barbaadduun akka raawwatan dirqisiisuuf hin qoramtuu? Yihowaan humna akkasii kan qabu taʼus, namoonni akka isa tajaajilan hin dirqisiisu. Jireenya bara baraa kan argannu Yihowaa tajaajiluudhaan qofa taʼus, inni garuu akka isa tajaajillu nu hin dirqisiisu. Kanaa mannaa, namoota hundaaf gaarummaadhaan bilisummaa filannaa kenneera. Filannaa gadhee gochuun balaa akkamii akka qabu nu akeekkachiisa; filannaa gaarii gochuun immoo faayidaa akkamii akka qabu nutti hima. Kan filatu garuu numa dha. (Keessa Deebii 30:19, 20) Yihowaan, namoota dirqamanii ykn humna isaa isa guddaa sodaatanii isa tajaajilanitti hin gammadu. Kanaa mannaa, namoonni fedhii fi jaalalaan kakaʼanii akka isa tajaajilan barbaada.—2 Qorontos 9:7.

      22, 23. (a) Yihowaan warra kaaniif aangoo fi jabina kennuun akka isa gammachiisu kan argisiisu maali dha? (b) Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?

      22 Mee sababii isa dhumaa Waaqa Hundumaa Dandaʼu sodaannee romʼuu kan hin qabne maaliif akka taʼe ibsu haa ilaallu. Namoonni aangoo qaban aangoo isaanii warra kaaniif hiruu ni sodaatu. Yihowaan garuu aangoo isaa tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif hiruun isa gammachiisa. Ilma isaa dabalatee warra kaaniif aangoo guddaa kenneera. (Maatewos 28:18) Yihowaan karaa kan biraatiinis tajaajiltoota isaatiif jabina ni kenna. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Wanti samii keessas taʼe lafa irra jiru hundi kan kee waan taʼeef, yaa Yihowaa, guddinni, jabinni, miidhaginni, simboonii fi ulfinni kan kee ti. . . . Aangoonii fi guddinni harka kee irra jira; harki kee guddaa gochuu fi hundumaatiif jabina kennuu ni dandaʼa.”—1 Seenaa Baraa 29:11, 12.

      23 Eeyyee, Yihowaan jabina nuu kennuun isa gammachiisa. Namoota isa tajaajiluu barbaadaniif ‘humna humna caalu’ illee ni kenna. (2 Qorontos 4:7) Waaqa humna guddaa qabuu fi humna isaa kana gaarummaa fi jaalalaan itti fayyadamu kanatti dhihaachuu hin barbaadduu? Boqonnaa itti aanu irratti, Yihowaan uumuuf akkamitti humna isaatti akka fayyadame ilaalla.

      a Jechi afaan Giriikii ‘Hundumaa kan Dandaʼu’ jedhu, kallattiidhaan yeroo hiikamu, “Hundumaa Kan Bulchu; Aangoo Hundumaa Kan Qabu” jechuu dha.

      b Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan garuu bubbee sana keessa hin turre,  . .  kirkira lafaa sana keessa hin turre,  . .  ibidda sana keessa hin turre” jedha. Namoota humnoota uumamaa waaqeffatan irraa haala adda taʼeen, tajaajiltoonni Yihowaa, Waaqayyo humnoota uumamaa keessa akka jiru godhanii hin yaadan. Inni baayʼee guddaa waan taʼeef, wanti inni uume kam iyyuu isa baachuu hin dandaʼu.—1 Mootota 8:27.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • 2 Seenaa Baraa 16:7-13 Fakkeenyi Aasaa Mootichaa, humna Yihowaatti amanamuu dhiisuun balaa guddaa akka qabu kan argisiisu akkamitti?

      • Faarfannaa 89:6-18 Humni Yihowaa tajaajiltoota isaa kan fayyadu akkamitti?

      • Isaayyaas 40:10-31 As irratti humni Yihowaa kan ibsame akkamitti? Humni isaa kun hangam guddaa dha? Dhuunfaatti kan nu fayyadu hoo akkamitti?

      • Mulʼata 11:16-18 Yihowaan gara fuulduraatti humna isaatti fayyadamee maal gochuuf waadaa galeera? Kun Kiristiyaanota dhugaa kan jajjabeessu maaliifi?

  • Humna Uumu—‘Isa Samii fi Lafa Tolche’
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Aduu maasii qamadii irratti baatee jirtu.

      BOQONNAA 5

      Humna Uumu​—‘Isa Samii fi Lafa Tolche’

      1, 2. Aduun humna Yihowaan uumuuf qabu kan argisiistu akkamitti?

      GALGALA qorrutti ibidda qaqqaammattee beektaa? Ibiddicha qaqqaammachuuf harka kee hamma tokko itti butta taʼa. Baayʼee yoo itti siqxe si gubuu, baayʼee yoo irraa fagaatte immoo sitti qorruu dandaʼa.

      2 “Ibiddi” guyyaa guyyaa qaama keenya hoʼisu jira. “Ibiddi” kun fageenya kiilomeetira miliyoona 150 irraa bobaʼa!a Ibiddi kun, jechuunis aduun fageenya hammanaa irraa hoʼi ishii sitti dhagaʼamuu kan dandaʼe, humna guddaa waan qabduuf akka taʼe beekamaa dha! Taʼus lafti, fageenya sirrii taʼe irraa ibidda hoʼa guddaa qabu kanatti naannofti. Lafti utuu aduutti baayʼee siqxee, bishaan lafa irra jiru hurkaan dhuma; utuu baayʼee irraa fagaattee immoo wanti hundi cabbii taʼa. Utuu akkas taʼee, jireenyi ishii irra jiraachuu hin dandaʼu. Ifti aduu inni jireenyaaf barbaachisaa taʼe gammachiisaa taʼuu isaa irra iyyuu qulqulluu fi kan hin dhumne dha.—Lallaba 11:7.

      3. Aduun barumsa barbaachisaa akkamii nu barsiisti?

      3 Jireenyi namootaa aduu irratti kan hundaaʼe taʼus, namoonni hedduun garuu aduu akka laayyootti ilaalu. Kanaan kan kaʼes, barumsa aduu irraa argamu utuu hin hubatin hafu. Kitaabni Qulqulluun Yihowaa ilaalchisee, “Ifas taʼe aduu tolchiteetta” jedha. (Faarfannaa 74:16) Eeyyee, aduun Yihowaa isa ‘samii fi lafa’ tolcheef ulfina fiddi. (Faarfannaa 19:1; 146:6) Aduun, qaamota samii Yihowaan uumuuf humna guddaa akka qabu nu barsiisan hedduu keessaa tokko qofa dha. Mee amma waaʼee qaamota kanaa gadi fageenyaan erga ilaallee booda, waaʼee lafaa fi waaʼee lubbuuwwan lafa irra jiranii haa mariʼannu.

      Yihowaan ‘ifaa fi aduu tolcheera’

      “Ija Keessan Gara Samiitti Ol Kaasaatii Ilaalaa”

      4, 5. Aduun humnaa fi guddina hangamii qabdi? Taʼus urjiilee kaanii wajjin yeroo waliin ilaalamtu hangam geessi?

      4 Akkuma beektu, aduun urjiilee keessaa tokko dha. Aduun urjiilee kaan caalaa guddoo fakkaatti; guddoo kan fakkaatte garuu warra kaan caalaa nutti dhihoo waan taateefi. Humni ishii hangam guddaa dha? Hoʼi handhuura ishii, digirii seentigreedii 15,000,000 taʼa. Handhuura aduu keessaa hanga ija sanaaficaa fudhattee lafa kana irra utuu keessee, kiilomeetira 140 irraa fagaachuu qabda! Aduun, sekoondii tokkotti humna dhukaʼa boombiiwwan niiwkularii miliyoona dhibbaan lakkaaʼamanii wajjin wal gitu maddisiisti.

      5 Aduun baayʼee guddoo waan taateef pilaanetoota hamma lafa keenyaa gaʼan 1,300,000 of keessatti qabachuu dandeessi. Kana jechuun garuu urjiilee kaan irra ni caalti jechuudhaa? Lakki, qorattoonni urjii, aduu urjii xinnoo bifa keelloo qabdu jedhanii waamu. Phaawulos ergamaan, “Ulfinni urjii tokkoo isa kan biraa irraa adda dha” jedhee barreesseera. (1 Qorontos 15:41) Phaawulos, hubannaa akkasii kan argate gargaarsa hafuura qulqulluutiin akka taʼe beekamaa dha. Urjii guddaan bakka amma aduun jirtu irra utuu taaʼee lafa kana guutummaatti golboobuu dandaʼu jira. Urjiin baayʼee guddaa taʼee fi bakka aduun jirtu utuu kaaʼamee pilaaneetii Saatarn jedhamtu bira gaʼuu dandaʼu kan biraanis jira! Pilaaneetiin Saatarn jedhamtu lafa irraa baayʼee fagoo waan taateef, mankoraakuriin tokko rasaasa caalaa harka 40 saffisaan utuu fiigee illee achi gaʼuuf waggaa afur itti fudhata.

      6. Kitaabni Qulqulluun lakkoofsi urjiilee hedduu taʼuu isaa kan ibsu akkamitti?

      6 Guddina urjiilee caalaa kan nama ajaaʼibsiisu garuu baayʼina isaanii ti. Kitaabni Qulqulluun urjiileen baayʼee hedduu waan taʼaniif, akkuma ‘cirracha galaana’ lakkaaʼamuu akka hin dandeenye ibsa. (Ermiyaas 33:22) Yaanni kun, urjiileen nuti ijaan arguu hin dandeenye hedduun akka jiran argisiisa. Kana malees, namni akka Ermiyaas kutaa Kitaaba Qulqulluu barreesse, halkaniin gara samii ilaalee urjiilee lakkaaʼuuf utuu yaalee, gargaarsa meeshaatiin alatti gara urjiilee kuma sadii caalaa lakkaaʼuu hin dandaʼu. Lakkoofsi kun immoo baayʼina cirracha kaballaa tokkoo irra hin caalu. Baayʼinni urjiilee garuu akkuma cirracha qarqara galaanaa hedduu dha.b Namni wanta hammana baayʼatu lakkaaʼuu dandaʼu jiraa?

      Urjiilee fi gaalaaksonni teleskooppiidhaan yommuu ilaalaman.

      “Inni hunda isaanii maqaa maqaadhaan ni waama”

      7. Qorattoonni urjiilee gaalaaksii Milkii Weey keenya keessa urjiilee meeqatu jira ykn hawaa keessa gaalaaksota meeqatu jira jedhanii yaadu?

      7 Isaayyaas 40:26, “Ija keessan gara samiitti ol kaasaatii ilaalaa. Wantoota kana kan uume eenyu? Raayyaa isaanii lakkoofsaan kan gad baasu isa dha; inni hunda isaanii maqaa maqaadhaan ni waama” jechuudhaan deebii kenna. Faarfannaan 147:4, “Inni lakkoofsa urjiilee beeka” jedha. ‘Lakkoofsi urjiilee’ meeqa dha? Kun gaaffii salphaa miti. Qorattoonni urjiilee, gaalaaksii Miilkii Weey keenya qofa keessa tilmaamaan urjiileen biliyoona 100 ol taʼan akka jiran dubbatu.c Namoonni tokko tokko garuu kanaa ol akka taʼe dubbatu. Haa taʼu malee, gaalaaksii keenya caalaa gaalaaksoonni urjiilee baayʼee qaban hedduun jiru. Garuu gaalaaksota meeqatu jira? Qorattoonni urjiilee tilmaamaan gaalaaksonni biliyoona dhibbaan lakkaaʼaman, darbees triiliyoonatti lakkaaʼaman akka jiran dubbatu. Kanaaf, ilmaan namootaa urjiilee gaalaaksota keessa jiran haa hafuutii, lakkoofsa gaalaaksotaa illee sirriitti beekuu hin dandeenye. Yihowaan garuu lakkoofsa isaanii beeka. Kana irra darbees tokkoon tokkoon urjiileetiif maqaa moggaaseera!

      8. (a) Gaalaaksiin Miilkii Weey hammam guddaa dha? (b) Yihowaan sochii qaamota hawaa keessa jiranii maaliin toʼata?

      8 Guddina gaalaaksonni qaban irratti yoo xiinxalle, ulfinnii fi dinqisiifannaan Waaqayyoof qabnu caalaatti ni guddata. Gaalaaksii Miilkii Weey jedhamu qaxxaamuruuf tilmaamaan bara ifaa 100,000 fudhata. Mee yaadi, ifti sekoondii tokkotti kiilomeetira 300,000 deema. Ifti saffisa kanaan deemu kun, gaalaaksii keenya qaxxaamuruuf waggaa 100,000 itti fudhata. Gaalaaksonni tokko tokko immoo gaalaaksii keenya irra harka hedduu caalu. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan “samiiwwan” kana akkuma huccuutti akka diriirse dubbata. (Faarfannaa 104:2) Kana malees, sochii uumamawwan kanaa ni toʼata. Awwaara urjiilee gidduu jirtu irraa jalqabee hanga gaalaaksoota guguddaatti, wanti hundinuu seera uumamaa Yihowaan baaseen sochoʼa. (Iyyoob 38:31-33) Kanaan kan kaʼes, saayintistoonni sochii qindaaʼaa qaamota hawaa keessa jiran kanaa, shubbisa nama ajaaʼibsiisuu wajjin wal fakkeessaniiru! Mee amma immoo waaʼee Waaqa wantoota kana uumee yaadi. Uumaa humna guddaa akkasii qabu kana hin ajaaʼibsiifattuu?

      “Isa Humna Isaatiin Lafa Tolche”

      9, 10. Taaʼumsa sirna aduu, Juppiitarii, lafaa fi addeessaa wajjin haala wal qabateen humni Yihowaa kan mulʼate akkamitti?

      9 Humni Yihowaan uumuuf qabu lafa ishii bakka jireenyaa keenya taate irrattis ni mulʼata. Yihowaan lafa uumama cufa isa balʼaa taʼe keessa bakka sirrii kaaʼeera. Saayintistoonni tokko tokko gaalaaksoonni kan biroo hedduun, akka lafa keenyaa lubbuu qabeeyyiin akka irra hin jirre amanu. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, garri caalaan gaalaaksii keenyaas jireenyaaf mijataa miti. Gidduun isaa urjiilee hedduudhaan kan guutame dha. Iddoo kana carallaa guddaan kan jiru taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo baayʼee urjiileen haala nama sodaachisuun walitti siqanii sochoʼu. Qarqarri gaalaaksii kanaa immoo, elemantoota hedduu jireenyaaf barbaachisan hin qabu. Sirni aduu keenya iddoowwan jireenyaaf mijatoo hin taane kana lamaan gidduu bakka sirrii taʼetti argamti.

      10 Lafti, pilaaneetii guddaa Juppiitar jedhamuu fi ishii irraa fagoo jiruun eegumsa argatti. Juppiitariin Lafa irra harka kuma tokkoo ol waan caaluuf, humna harkisaa guddaa qaba. Kun immoo, wantoota saffisa guddaadhaan hawaa keessa deeman ofitti harkisuuf ykn kallattii isaanii jijjiirsisuuf isa gargaara. Saayintistoonni akka jedhanitti, utuu Juppiitariin hin jiru taʼee, miidhaan wantoonni hawaa irraa gad rooban lafa irratti geessisan harka 10,000 dabaluu dandaʼa ture. Addeessi ishiin lafatti dhihoo jirtuu fi akka saatalaayitiitti tajaajiltus lafaaf faayidaa guddaa argamsiisti. Addeessi miidhagduu fi “ifa halkanii” kan kennitu qofa utuu hin taʼin, lafti gar tokkotti akkuma jallattetti akka naannoftu gooti. Lafti gar tokkotti jallachuun ishii immoo waqtiileen yeroo isaanii eeganii akka jijjiiraman kan godhu yeroo taʼu, kunis jireenya lafa irra jiruuf barbaachisaa dha.

      11. Qilleensi naannoo, lafa balaa irraa akka eegu godhamee kan uumame akkamitti?

      11 Humna Yihowaan uumuuf qabu haala lafti itti tolfamte irraas hubachuun ni dandaʼama. Mee qilleensa naannoo isa akka gaachanaatti lafa kana balaa irraa eegu ilaali. Aduun carallaa faayidaa qabuu fi miidhaa geessisu ni maddisiisti. Carallaan miidhaa geessisu qilleensa naannoo lafaa irra yommuu buʼu, oksijiiniin gara oozooniitti jijjiirama. Oozooniin kun immoo, carallaa miidhaa geessisu hedduu liqimsee hambisa. Kanaafuu, pilaaneetiin keenya dibaabee balaa irraa ishii eeguu wajjin uumamteetti jechuun ni dandaʼama!

      12. Marsaan bishaanii, humna Yihowaan uumuuf qabu kan argisiisu akkamitti?

      12 Kun faayidaa qilleensi naannoo inni gaaziiwwan hedduu qabuu fi lubbuu qabeeyyiin lafa irra akka jiraatan godhu qabu keessaa tokko qofa dha. Qilleensi naannoo marsaa bishaanii irrattis shoora guddaa qaba. Waggaa waggaadhaan aduun bishaan meeshaa dheerinni isaa, dalgi isaa fi gadi fageenyi isaa kiilomeetira 70 taʼe guutuu dandaʼu, garbaa fi galaana irraa akka hurku gooti. Bishaanichi duumessa kan uumu yommuu taʼu, qilleensi naannoo duumessa sana bakka adda addaatti bittinneessa. Achiis bishaanichi calalamee erga qulqullaaʼee booda, bokkaa fi cabbii taʼee buʼuudhaan hanqinni bishaanii akka hin jiraanne godha. Lallabni 1:7, “Lageen hundi gara galaanaatti yaaʼu, taʼus galaanichi hin guutu. Lageen gara iddoo keessaa yaaʼanitti deebiʼu, isaan yaaʼuu isaanii itti fufuuf achumatti deebiʼu” jechuudhaan yaada kana deggera. Marsaan bishaanii akkasii akka jiraatu gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha.

      13. Biqiltoonnii fi biyyeen humna Uumaan keenya qabu ilaalchisee maal nu barsiisu?

      13 Lubbu qabeeyyiin kam iyyuu, humna Uumaan keenya qabu argisiisu. Muka guddaa seekooyaa jedhamu isa fooqii abbaa darbii 30 caalaa dheeratu irraa jalqabee, hanga biqiltuu galaanaa ishii ijaan hin argamnee fi oksijiinii fudhannu keessaa hedduu isaa oomishtu irratti humni Yihowaan uumuuf qabu ni mulʼata. Biyyeen lubbu qabeeyyiidhaan, jechuunis raammoowwan, fangasootaa fi uumamawwan ijaan hin argamne hedduudhaan kan guutame dha; kun immoo guddina biqiltootaaf gumaacha godha. Dhuguma iyyuu, Kitaabni Qulqulluun biyyeen humna akka qabu dubbachuun isaa sirrii dha.—Uumama 4:12, miiljalee.

      14. Atoomii xinnoo taate tokko keessa humna akkamiitu jira?

      14 Yihowaan isa “humna isaatiin lafa tolche” akka taʼe beekamaa dha. (Ermiyaas 10:12) Humni Waaqayyoo uumamawwan isaa xixinnoo irratti illee ni mulʼata. Fakkeenyaaf, atoomonni miliyoona tokko taʼan utuu wal irra kaaʼamanii, hamma rifeensa tokkoo illee hin furdatan. Taʼus, wanti xinnoon niwukilasii jedhamtuu fi handhuura atoomii keessa jirtu, humna guddaa waan qabduuf, madda dhukaʼaa guddaa taatee tajaajilti!

      ‘Wanta Hafuura Baafatu Hunda’

      15. Yihowaan waaʼee bineensota adda addaa ibsuudhaan Iyyoobiif barumsa akkamii kenne?

      15 Bineeldonni gosa gara garaa hedduun lafa irra jiranis humna Yihowaan uumuuf qabu nuu hubachiisu. Faarfannaan 148 wantoota Yihowaa jajatan hedduu kan tarreessu yeroo taʼu, lakkoofsi 10, “isin bineensonni bosonaa, horiiwwan qeʼee hundis” jedha. Yihowaan, namni Uumaa isaa sodaachuu fi isaaf ulfina kennuu kan qabu maaliif akka taʼe hubachiisuuf, waaʼee bineensota akka leencaa, harree diidaa, gafarsaa, roobii fi lewaataan (naacha taʼuu hin oolu) Iyyoobitti himeera. Yihowaan Iyyoobiin maal barsiisuu barbaade? Namni uumamawwan humna guddaa qaban, nama sodaachisanii fi madaqsuuf rakkisaa taʼan kana kan sodaatu erga taʼe, Uumaa wantoota kanaa hoo kana caalaa sodaachuu fi ulfina kennuufii hin qabuu?—Iyyoob, boqonnaa 38-41.

      16. Simbirroota Yihowaan uume tokko tokko ilaalchisee maaltu si dinqisiisa?

      16 Faarfannaan 148:10 waaʼee simbirroota ‘baallee qabaniis’ ni dubbata. Mee baayʼina gosa simbirroota kanaa yaadi! Yihowaan waaʼee guchii ishii ‘fardaa fi abbaa fardaatti kolfituu’ Iyyoobitti himeera. Allaattiin meetirii 2.5 dheerattu kun balaliʼuu kan hin dandeenye taʼus, takkaatti gara meetirii 4.5 tarkaanfachuudhaan saʼaatii tokkotti kiilomeetira 65 fiiguu dandeessi! (Iyyoob 39:13, 18) Allaattiin albaasxiros jedhamu immoo, jireenya isaa keessaa gara caalaa isaa galaanaa irra balaliʼuudhaan dabarsa. Xiyyaarri uumamaa kun qoochoon isaa gara meetira 3 dheerata. Utuu qoochoo isaa hin afarsiin qilleensa irra saʼaatii dheeraa balaliʼuu dandaʼa. Simbirri seentiimeetira 5 qofa taatuu fi hamiingibardi jedhamtu immoo simbirroota lafa irra jiran hunda irra xinnoo dha. Simbirri kun sekoondii tokkotti al 80 qoochoo ishii afarsuu dandeessi! Simbirri akka albuuda gati jabeessaatti calaqqistu kun, akkuma heeliikooptarii qilleensa irra dhaabachuu fi gara duubaatti illee balaliʼuu dandeessi.

      17. Biluu weeliin hangam guddaa dha? Bineeldota Yihowaan uume irratti xiinxaluun keenya maaltu akka nutti dhagaʼamu gochuu qaba?

      17 Faarfannaan 148:7, “uumamawwan galaanaa” illee Yihowaa akka jajatan dubbata. Fakkeenyaaf, gosti qurxummii biluu weel jedhamuu fi bineensota lafa irra jiran hunda irra akka guddatu yaadamu haa ilaallu. Bineensi kun, ‘bishaanota gad fagoo’ keessa kan jiraatu yeroo taʼu, gara meetira 30 ykn isaa ol dheerata. Ulfaatinni isaa hamma arboota guguddaa 30 taʼuu dandaʼa. Arrabni isaa qofti hamma arba tokkoo ulfaata. Onneen isaa hamma konkolaataa xinnoo tokkoo gaʼa. Onnee hamiingibardi isa daqiiqaa tokkotti al 1,200 rukutu irraa haala adda taʼeen, onneen isaa daqiiqaa tokkotti al 9 qofa rukuta. Hiddi dhiigaa biluu weelii baayʼee guddaa waan taʼeef, daaʼimni tokko achi keessa daaʼimuu dandaʼa. Kanaaf, akkuma xumura kitaaba Faarfannaa irratti ibsame, garaan keenya “Wanti hafuura baafatu hundi Yaahiin haa jajatu” jechuuf akka nu kakaasu beekamaa dha.—Faarfannaa 150:6.

      Humna Yihowaan Uumuuf Qabu Irraa Barachuu

      18, 19. Lubbu qabeeyyiin Yihowaan uume sanyiin isaanii hammam baayʼata? Uumamni waaʼee ol aantummaa Yihowaa maal nu barsiisa?

      18 Akkaataa Yihowaan humna uumuuf qabutti fayyadame irraa maal baranna? Uumamawwan akaakuun isaanii hedduu taʼan, Yihowaa akka dinqisiifannu nu godhu. Faarfataan tokko, “Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu! . . . Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti” jedheera. (Faarfannaa 104:24) Kun dhugaa mitii? Hayyoonni baayooloojii sanyiin lubbu qabeeyyii lafa irratti argamanii miliyoona tokkoo ol akka taʼan hubataniiru; taʼus miliyoona hangamiitu jira yaada jedhu irratti ilaalcha gara garaatu jira. Artiistiin tokko dandeettiin inni wanta haaraa uumuuf qabu oolee bulee jalaa dhumuu dandaʼa. Faallaa kanaatiin, dandeettiin Yihowaan wantoota haaraa fi adda addaa kalaquu fi uumuuf qabu matumaa hin dhumu.

      19 Akkaataan Yihowaan humna uumuuf qabutti fayyadamu, waaʼee ol aantummaa isaa nu barsiisa. Wantoota hunda kan uumee Yihowaa waan taʼeef “Uumaa” kan jedhamu isa qofa dha. Ilmi Yihowaa inni tokkichi hojii uumamaa irratti “hojjetaa dandeettii qabu” ture illee, Kitaaba Qulqulluu keessatti matumaa Uumaa ykn Uumaa gargaaraa jedhamee hin waamamne. (Fakkeenya 8:30; Maatewos 19:4) Kanaa mannaa, inni “angafa uumama hundumaa ti.” (Qolosaayis 1:15) Yihowaan Uumaa taʼuun isaa, inni qofti uumama cufa irratti ol aantummaa qabaachuuf mirga akka qabaatu isa godha.—Roomaa 1:20; Mulʼata 4:11.

      20. Yihowaan uumamawwan lafa irratti argaman uumee erga xumuree booda ni boqote yommuu jedhamu maal jechuu dha?

      20 Yihowaan humna uumuuf qabutti fayyadamuu dhaabeeraa? Kitaabni Qulqulluun Yihowaan hojii uumamaa guyyaa jaʼaffaatti erga xumuree booda, ‘hojii isaa isa hojjechaa ture hundumaa irraa guyyaa torbaffaatti boqochuu akka jalqabe’ nutti hima. (Uumama 2:2) Guyyaan torbaffaan bara isaattis itti fufee waan tureef, Phaawulos ergamaan guyyaan kun waggaa kuma hedduu akka argisiisu ibseera. (Ibroota 4:3-6) Haa taʼu malee, jechi “boqochuu” jedhu Yihowaan guutummaatti hojjechuu akka dhaabe argisiisaa? Lakki, Yihowaan matumaa hojjechuu dhaabee hin beeku. (Faarfannaa 92:4; Yohaannis 5:17) Kanaaf, boqochuun isaa lafa irratti qaamota dabalataa uumuu akka dhaabe argisiisa. Hojiin inni kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf hojjetu garuu itti fufeera. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu barreessiseera. Hojiin isaa kun “uumama haaraa” Boqonnaa 19 irratti ilaallu uumuus kan dabalatu dha.—2 Qorontos 5:17.

      21. Humni Yihowaan uumuuf qabu, namoonni amanamoon bara baraaf maal akka godhan gargaara?

      21 Yommuu guyyaan boqonnaa isaa xumuramu, Yihowaan akkuma dhuma guyyaa uumamaa jaʼaffaatti jedhe, hojiiwwan harka isaa lafa irratti argaman hundi “baayʼee gaarii” akka taʼan dubbachuu dandaʼa. (Uumama 1:31) Sana booda Yihowaan humna uumuuf qabutti kan fayyadamu akkamitti akka taʼe yeroo sana kan ilaallu taʼa. Sanas taʼe kana akkaataa Yihowaan humna uumuuf qabutti fayyadamu dinqisiifachuu keenya akka itti fufnu beekamaa dha. Karaa uumamawwan isaa, bara baraaf waaʼee Yihowaa barachuu keenya itti fufna. (Lallaba 3:11) Waaʼee isaa caalaatti yommuu barannu, dinqisiifannaan isaaf qabnus ni guddata; akkasumas caalaatti Uumaa keenya Isa Guddaatti dhihaanna.

      a Lakkoofsi kun hammam baayʼee akka taʼe hubachuuf yaada kana ilaali: Saʼaatii tokkotti saffisa kiilomeetira 160n guyyaatti saʼaatii 24f utuu konkolaachistee, fageenya hammasii deemuuf waggaa dhibbaa ol sitti fudhata!

      b Namoonni tokko tokko, bara Kitaabni Qulqulluun barreeffametti namoonni teleskooppii salphaatti fayyadamanii taʼuu qaba jedhanii yaadu. Utuu kun taʼuu baatee namoonni bara sanaa baayʼinni urjiilee kan hin lakkaaʼamne akka taʼe akkamitti beekuu dandaʼu? jedhu. Haa taʼu malee, tilmaamni buʼuura hin qabne akkasii, Waaqa isa Kitaaba Qulqulluu barreessise ulfinaa fi beekamtii kan dhowwatu dha.—2 Ximotewos 3:16.

      c Urjiilee biliyoona 100 taʼan qofa illee lakkaaʼuun maal jechuu akka taʼe mee yaadi. Saʼaatii 24 guutuu sekoondii tokkotti urjii tokko utuu lakkooftee, urjiilee kana lakkooftee xumuruuf waggaa 3,171 sitti fudhata!

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • Faarfannaa 8:3-9 Uumamni Yihowaa gad of qabuu kan nu barsiisu akkamitti?

      • Faarfannaa 19:1-6 Humni Yihowaan uumuuf qabu maal gochuuf nu kakaasa? Maaliifi?

      • Maatewos 6:25-34 Humna Yihowaan uumuuf qabu irratti xiinxaluun, yaaddoo jireenyaa moʼuu fi wantoota dursi kennamuufii qabuuf dursa kennuuf kan nu gargaaru akkamitti?

      • Hojii Ergamootaa 17:22-31 Akkaataan Yihowaan humna uumuuf qabutti fayyadamu, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuun dogoggora akka taʼee fi Waaqayyo nu irraa fagoo akka hin taane kan nu barsiisu akkamitti?

  • Humna Balleessu— “Yihowaan Loltuu Humna Qabeessa” Dha
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Faraʼoonii fi raayyaan Gibxootaa Galaana Diimaatiin nyaatamaa jiru.

      BOQONNAA 6

      Humna Balleessu—“Yihowaan Loltuu Humna Qabeessa” Dha

      1-3. (a) Israaʼelonni haala rakkisaa akkamii keessa galanii turan? (b) Yihowaan saba isaatiif kan lole akkamitti?

      ISRAAʼELONNI iddoo tulluu fi galaana gidduu jiru tokkotti danqamaniiru. Loltoonni Gibxii warri gara jabeeyyii taʼan isaan balleessuuf waan murteessaniif isaan ariʼaa jiru.a Haa taʼu malee Museen, “Yihowaan iyyuu ofuma isaatiin isiniif ni lola” jechuudhaan abdii akka hin kutanne isaan jajjabeesse.—Baʼuu 14:14.

      2 Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, yeroo kanatti Museen gara Yihowaatti kan iyye yeroo taʼu Yihowaanis, “Gara kootti kan iyyitu maaliifi? . . . Ulee kee isa harka kee irra jiru galaanicha irratti diriirsiitii galaanicha gargar hiri” isaan jedhe. (Baʼuu 14:15, 16) Sana booda wanta raawwatame ilaali. Yihowaan yeruma sana maleekaa isaa kan ajaje yeroo taʼu, utubaan duumessaa fuuldura isaanii ture Israaʼelota duubatti naannaʼuudhaan tarii akka girgiddaatti dhaabatee warri Gibxii akka isaan hin haleelle dhowwe. (Baʼuu 14:19, 20; Faarfannaa 105:39) Museen harka isaa diriirse. Galaanichis qilleensa cimaadhaan gargar hirame. Bishaanichi akka girgiddaatti garasii fi garanaan waan dhaabateef, karaan guutummaa sabichaa dabarsu ni baname!—Baʼuu 14:21; 15:8.

      3 Faraʼoon dinqii kana erga argee booda, loltoonni isaa duubatti akka deebiʼan ajajuu qaba ture. Mootiin of tuultuun kun garuu loltoonni isaa Israaʼelota akka haleelan ajaje. (Baʼuu 14:23) Warri Gibxii Israaʼelota dhaqqabuuf isaan duukaa galaana hirame sana gidduu kan galan taʼus, geengoon gaarii fardaa isaanii waan bubuqqaʼeef yeruma sana jeequmsa keessa galan. Israaʼelonni galaanicha erga ceʼanii booda, Yihowaan, “Bishaanichi, warra Gibxii irratti, gaariiwwan fardaa isaanii warra waraanaaf tajaajilan irrattii fi abbootii fardeenii isaanii irratti akka deebiʼuuf, harka kee galaanicha irratti diriirsi!” jedhee Musee ajaje. Bishaan akka girgiddaatti dhaabate sunis walitti deebiʼee Faraʼoonii fi loltoota isaa nyaate!—Baʼuu 14:24-28; Faarfannaa 136:15.

      4. (a) Yihowaan Galaana Diimaa biratti Waaqa akkamii taʼuu isaa argisiise? (b) Namoonni tokko tokko Yihowaan Waaqa akkasii taʼuu isaatti maaltu isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa?

      4 Eegumsi Israaʼelonni Galaana Diimaa biratti argatan, taateewwan dinqisiisoo Waaqayyo seenaa ilmaan namootaa keessatti raawwate keessaa isa tokko dha. Yeroo kanatti Yihowaan, “loltuu humna qabeessa” taʼuu isaa argisiiseera. (Baʼuu 15:3) Yihowaan Waaqa akkasii taʼuu isaa beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama? Waraanni ilmaan namootaa irratti balaa fi miidhaa guddaa akka geessise beekamaa dha. Maarree Waaqayyo humna balleessuuf qabutti fayyadamuun isaa, akka isatti dhihaattu utuu hin taʼin akka isa irraa fagaattu si godhaa?

      Galaana Diimaa biratti Yihowaan “loltuu humna qabeessa” taʼuu isaa argisiiseera

      Waraana Waaqayyoo fi Waraana Namootaa

      5, 6. (a) Waaqayyo, “gooftaa raayyaa” jedhamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi? (b) Waraanni Waaqayyoo, waraana namootaa irraa adda kan taʼe akkamitti?

      5 Kitaabota Qulqulluu afaan Ibrootaa keessatti al dhibba lamaa fi jaatama, Kitaabota Qulqulluu afaan Giriikii keessatti immoo al lama Yihowaan “gooftaa raayyaa” jedhamee waamameera. (1 Saamuʼel 1:11) Yihowaan Bulchaa Ol Aanaa waan taʼeef, raayyaa maleekotaa hedduu ni ajaja. (Iyyaasuu 5:13-15; 1 Mootota 22:19) Raayyaan maleekotaa kun balleessuuf humna guddaa qabu. (Isaayyaas 37:36) Badiisa namoonni geessisan yaaduun akka nama hin gammachiisne beekamaa dha. Haa taʼu malee, waraanni Waaqayyoo, waraana namootaa isa jibbisiisaa taʼe irraa adda akka taʼe yaadachuu qabna. Geggeessitoonni waraanaa fi siyaasaa, waraana godhaniif sababii gaʼaa akka qaban dubbatu. Taʼus, waraanni namootaa yeroo hunda sassataa fi ofittummaa irratti kan hundaaʼe dha.

      6 Yihowaan garuu matumaa miiraan hin oofamu. Keessa Deebiin 32:4, “Inni Qarsaa dha, wanti inni godhu mudaa hin qabu; daandiiwwan isaa hundi haqa qabeessa dha. Inni Waaqa amanamaa matumaa haqa hin jalʼisne dha; inni qajeelaa fi sirrii dha” jedha. Dubbiin Waaqayyoo, dheekkamsa toʼannaa hin qabne, gara jabinaa fi hammina ni balaaleffata. (Uumama 49:7; Faarfannaa 11:5) Kanaaf, Yihowaan matumaa sababii malee tarkaanfii hin fudhatu. Humna balleessuuf qabu, darbee darbee akka filannoo dhumaatti itti fayyadama. Yihowaan, karaa Hisqiʼel akkas jechuudhaan ibseera: “‘Ani namni hamaan duʼuu isaatti nan gammadaa? Inni daandii isaa irraa deebiʼee lubbuudhaan akka jiraatun filadha mitii?’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”—Hisqiʼel 18:23.

      7, 8. (a) Iyyoob rakkina isa irra gaʼe ilaalchisee dogoggoraan maal jedhee yaadee ture? (b) Eliihuun gama kanaan ilaalcha Iyyoob kan sirreesse akkamitti? (c) Wanta Iyyoob irra gaʼe irraa maal barachuu dandeenya?

      7 Maarree Yihowaan humna balleessuuf qabutti kan fayyadamu maaliifi? Gaaffii kana deebisuu keenya dura, waaʼee Iyyoob isa nama qajeelaa ture haa yaannu. Seexanni, Iyyoobiin dabalatee namni kam iyyuu rakkinni yoo isa irra gaʼe amanamaa akka hin taane falmeera. Yihowaanis Seexanni amanamummaa Iyyoob akka qoru heyyamuudhaan falmii kanaaf deebii kenne. Kanaan kan kaʼes, Iyyoob dhukkubsateera, akkasumas qabeenya isaa fi ijoollee isaa dhabeera. (Iyyoob 1:1–2:8) Iyyoob falmii kaʼe waan hin beekneef, rakkinni kan isa irra gaʼe Waaqayyo haqa malee isa adabaa waan jiruuf akka taʼe dogoggoraan yaadee ture. Kanaan kan kaʼes Iyyoob, Waaqayyo maaliif ‘akeekaa’ fi “diina” akka isa godhate gaafateera.—Iyyoob 7:20; 13:24.

      8 Dargaggeessi Eliihuu jedhamu Iyyoobiin, “Ati sirrii akka taate mirkanaaʼaa taʼuudhaan, ‘Ani Waaqayyo caalaa qajeelaa dha’ jettaa?” jechuudhaan akka dogoggore itti himeera. (Iyyoob 35:2) Eeyyee, Waaqayyo caalaa nuti akka beeknu ykn inni wanta sirrii hin taane akka godhu yaaduun gowwummaa dha. Eliihuun, “‘Waaqni dhugaan jalʼina raawwata, inni Hundumaa Dandaʼus dogoggora raawwata’ jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanne dha!” jedheera. Boodas akkana jedheera: “Isa Hundumaa Dandaʼu hubachuun humna keenyaa oli; inni humni isaa guddaa dha, haqa isaa fi qajeelummaa isaa isa hedduu taʼes matumaa hin jalʼisu.” (Iyyoob 34:10; 36:22, 23; 37:23) Kanaaf, Waaqayyo kan lolu yeroo sababii gaʼaa qabaatutti akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yaada kana sammuutti qabachuudhaan, Waaqni nagaa al tokko tokko kan lolu maaliif akka taʼe sababiiwwan muraasa haa ilaallu.—1 Qorontos 14:33.

      Waaqni Nagaa Loluuf Kan Dirqamu Maaliifi?

      9. Waaqni qulqulluun kan lolu maaliifi?

      9 Museen, Waaqayyo “loltuu humna qabeessa” taʼuu isaatti erga isa jajatee booda, “Yaa Yihowaa, waaqolii gidduudhaa kan akka keetii eenyu? Akka kee qulqullummaadhaan hundumaa irra kan caalu eenyu?” jedheera. (Baʼuu 15:11) Anbaaqom raajichis, “Ijji kee baayʼee qulqulluu waan taʼeef wanta hamaa hin ilaalu, ati hammina callistee hin ilaaltu” jedhee barreesseera. (Anbaaqom 1:13) Yihowaan Waaqa jaalalaa qofa utuu hin taʼin, Waaqa qulqullinaa, Waaqa qajeelinaa fi Waaqa haqaa ti. Yeroo tokko tokko, amalawwan isaa kun humna balleessuuf qabutti akka fayyadamu isa dirqisiisu. (Isaayyaas 59:15-19; Luqaas 18:7) Kanaaf, Waaqayyo loluun isaa qulqullummaa isaa wajjin wal hin faallessu. Kanaa mannaa, kan lolu qulqulluu waan taʼeefi.—Baʼuu 39:30.

      10. Diinummaan Uumama 3:15 irratti ibsame, furmaata kan argatu karaa kamiin qofa? Kun hoo namoota qajeeloo taʼaniif faayidaa akkamii argamsiisa?

      10 Addaamii fi Hewaan Waaqayyo irratti erga fincilanii booda wanta raawwatame ilaali. (Uumama 3:1-6) Yihowaan jalʼina isaanii callisee bira darbeera utuu taʼee, mirga Uumama Cufa irratti Bulchaa Ol Aanaa taʼuuf qabuuf bakka guddaa akka hin kennine argisiisa ture. Waaqa qajeelaa taʼuun isaa duʼaan akka isaan adabu isa dirqisiiseera. (Roomaa 6:23) Raajii Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa irratti, tajaajiltoota isaa fi duuka buutota Seexanaa isa ‘bofa’ jedhame gidduutti diinummaan akka uumamu dubbateera. (Mulʼata 12:9; Uumama 3:15) Diinummaan kun furmaata kan argatu Seexana buruqsuudhaan qofa. (Roomaa 16:20) Tarkaanfiin kun dhiibbaa Seexanaa lafaa irraa balleessuu fi guutummaan lafaa jannata akka taatu karaa banuudhaan, ilmaan namootaa warra qajeelota taʼaniif eebba guddaa argamsiisa. (Maatewos 19:28) Hammasitti garuu, warri Seexana cinaa hiriiran karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa saba Waaqayyoo miidhuuf carraaqqii gochuu isaanii itti fufu. Yeroo tokko tokko garuu Yihowaan gidduu galee tarkaanfii fudhata.

      Waaqayyo Hammina Balleessuuf Tarkaanfii Fudhata

      11. Waaqayyo bishaan badiisaa fiduuf kan dirqame maaliifi?

      11 Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼe Waaqayyo tarkaanfii akka fudhatu argisiisa. Uumamni 6:11, 12, “Lafti garuu Waaqa dhugaa duratti mancaatee turte; jeequmsaanis guutamtee turte. Waaqayyo gara lafaa ni ilaale; kunoo, ishiin mancaatee turte; foon kan taʼe hundis lafa irratti daandii isaa mancaasee ture” jedha. Waaqayyo, hamoonni amala gaarii guutummaatti lafa irraa akka balleessan ni heyyamaa? Matumaa. Yihowaan, namoota hamoo fi halalummaa raawwatan lafa irraa balleessuuf, bishaan badiisaa fiduu akka qabu itti dhagaʼameera.

      12. (a) Yihowaan “sanyii” Abrahaam ilaalchisee raajii akkamii dubbateera? (b) Amooronni kan balleeffaman maaliifi?

      12 Murtoon Waaqayyo Kanaʼaanota irratti dabarses kanaa wajjin wal fakkaata. Yihowaan, ilmaan namootaa hundi karaa sanyii Abrahaam akka eebbifaman ibseera. Kaayyoo kanaa wajjin haala walsimuun, Waaqayyo biyyi Kanaʼaan ishiin Amooronni keessa jiraatan sanyii Abrahaamiif akka kennamtu murteesse. Waaqayyo namoonni kun dirqamaan biyya isaaniitii akka baafaman gochuun isaa sirrii kan taʼu akkamitti? Yihowaan Amooronni hanga waggaa 400​tti, jechuunis hamma, ‘cubbuun isaanii safarri isaa guututti’ biyya isaaniitii akka hin baafamne raajii dubbateera.b (Uumama 12:1-3; 13:14, 15; 15:13, 16; 22:18) Hamma yeroo sanaatti Amooronni gama naamusaatiin caalaatti mancaʼanii turan. Kanaʼaan, bakka waaqayyolii tolfamoon itti waaqeffataman, dhiigni namaa itti dhangalaʼuu fi saalqunnamtiin seeraan ala taʼe itti raawwatamu taate. (Baʼuu 23:24; 34:12, 13; Lakkoofsa 33:52) Namoonni biyyattii, ijoollee xixinnoo illee ibiddaan gubanii aarsaa godhu turan. Waaqni qulqulluun, sabni isaa namoota akkasii gidduu akka jiraatan ni godhaa? Hin godhu! Innumti iyyuu, “Biyyattiin xuroofteetti; anis sababii balleessaa ishiitiin ishii nan adaba; biyyattiinis namoota ishii keessa jiraatan ni tufti” jedheera. (Leewwota 18:21-25) Taʼus, Yihowaan namoota sana walumatti qabee hin balleessine. Kanaʼaanonni akka Rahaabii fi Gibeʼonotaa, qajeelina jaallatan badiisa irraa oolaniiru.—Iyyaasuu 6:25; 9:3-27.

      Maqaa Isaatiif ni Lola

      13, 14. (a) Yihowaan maqaa isaa qulqulleessuuf kan dirqame maaliifi? (b) Yihowaan maqaa isaa arrabsoo irraa kan qulqulleesse akkamitti?

      13 Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, maqaan isaas qulqulluu dha. (Leewwota 22:32) Yesuus bartoonni isaa, “Maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedhanii akka kadhatan isaan barsiiseera. (Maatewos 6:9) Fincilli Eedan keessatti kaʼe, Waaqayyo irrattii fi bulchiinsa isaa irratti gaaffii kaasuudhaan, maqaa isaa xureesseera. Yihowaan arrabsoo fi fincila kana callisee bira darbuu hin dandaʼu. Maqaa isaa arrabsoo irraa qulqulleessuuf dirqameera.—Isaayyaas 48:11.

      14 Mee ammas seenaa Israaʼelotaa ilaali. Israaʼelonni garbummaa biyya Gibxii jalaa hin baʼan yoo taʼe, sabni lafa irraa hundinuu sanyii isaatiin akka eebbifaman abdiin Waaqayyo Abrahaamiif kenne waan raawwatamu hin fakkaatu. Yihowaan garuu garbummaa jalaa isaan baasuu fi akka sabaatti isaan gurmeessuudhaan maqaa isaa arrabsoo irraa qulqulleesseera. Kanaan kan kaʼes Daaniʼel raajichi, “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati irree kee isa jabaadhaan biyya Gibxii keessaa saba kee baasuudhaan ofii keetiif maqaa hamma harʼaatti beekamaa taʼe qabaatteetta” jedhee kadhannaa dhiheesseera.—Daaniʼel 9:15.

      15. Yihowaan Yihudoota boojuu Baabilon jalaa kan baase maaliifi?

      15 Daaniʼel kadhannaa kana kan dhiheesse yeroo Yihudoonni Yihowaan maqaa isaatiif jedhee tarkaanfii akka fudhatu barbaadanitti ture. Yihudoonni ajajamoo hin taane yeroo kanatti boojuudhaan Baabilon keessa turan. Yerusaalem magaalaan isaanii ishiin guddittiin balleeffamteetti. Daaniʼel, Yihowaan Yihudoota biyya isaaniitti deebisuun isaa maqaa isaatiif ulfina akka fidu beeka ture. Kanaafuu akkas jedhee kadhateera: “Yaa Yihowaa, dhiifama nuuf godhi. Yaa Yihowaa, xiyyeeffannaa nuuf kenni, tarkaanfiis fudhadhu! Yaa Waaqa koo, ofii keetiif jedhiitii hin turin; sababiin isaas, magaalaan kee fi sabni kee maqaa keetiin waamamaniiru.”—Daaniʼel 9:18, 19.

      Saba Isaatiif ni Lola

      16. Yihowaan maqaa isaatiif ni lola jechuun, waaqa miira hin qabnee fi ofittoo dha jechuu kan hin taane maaliif akka taʼe ibsi.

      16 Yihowaan maqaa isaatiif ni lola jechuun, Waaqa miira hin qabnee fi ofittoo taʼe dha jechuudhaa? Lakki. Yihowaan qulqullummaa isaa fi jaalala haqaaf qabuu wajjin haala walsimuun tarkaanfii fudhachuudhaan saba isaa ni eega. Mee yaada Uumama boqonnaa 14 irra jiru ilaali. Seenaa kana irratti, mootonni afur dhufanii ilma obboleessa Abrahaam kan taʼe Looxii fi maatii isaa boojiʼanii akka deeman dubbisna. Abrahaam gargaarsa Waaqayyootiin loltoota humna guddaa qaban sana injifateera! Seenaan waaʼee injifannoo kanaa ibsu, seenaawwan ‘Kitaabota waaʼee Waraanawwan Yihowaa’ galmeeffaman keessaa isa jalqabaa taʼuu hin oolu; kitaabni kun, seenaawwan lolaa Kitaaba Qulqulluu keessatti hin galmeeffamne tokko tokkos kan qabate taʼuu hin oolu. (Lakkoofsa 21:14) Sana boodas injifannoo hedduun argameera.

      17. Israaʼelonni biyya Kanaʼaanitti erga galanii booda, Yihowaan akka isaaniif lole wanti argisiisu maali dha? Fakkeenya kenni.

      17 Israaʼelonni biyya Kanaʼaanitti galuu isaanii yeroo muraasa dura Museen, “Waaqni keessan Yihowaan akkuma biyya Gibxii keessatti ija keessan duratti godhe, isin dura ni deema; isiniifis ni lola.” jechuudhaan isaanii mirkaneesseera. (Keessa Deebii 1:30; 20:1) Iyyaasuu isa bakka Musee buʼe irraa jalqabee, hanga bara Abbootii Murtiitti, achiis hanga bara mootota Yihudaa warra amanamoo turaniitti, Yihowaan saba isaatiif loluudhaan haala nama ajaaʼibsiisuun diinota isaanii akka injifatan godheera.—Iyyaasuu 10:1-14; Abbootii Murtii 4:12-17; 2 Saamuʼel 5:17-21.

      18. (a) Yihowaan akka hin jijjiiramne beekuun keenya kan nu gammachiisu maaliifi? (b) Diinummaa Uumama 3:15 irratti ibsameen kan kaʼe dhiheenyatti maaltu taʼa?

      18 Yihowaanis taʼe kaayyoon inni lafa kana jannata nagaa qabdu gochuuf baase hin jijjiiramne. (Uumama 1:27, 28) Waaqayyo amma iyyuu hammina ni jibba. Saba isaa baayʼee waan jaallatuuf, isaaniif jedhee dhiheenyatti tarkaanfii ni fudhata. (Faarfannaa 11:7) Diinummaa Uumama 3:15 irratti ibsameen kan kaʼe dhiheenyatti saba Waaqayyoo irra haleellaan guddaan ni gaʼa. Yihowaan maqaa isaa qulqulleessuu fi saba isaa eeguuf, gara fuulduraattis “loltuu humna qabeessa” ni taʼa!—Zakkaariyaas 14:3; Mulʼata 16:14, 16.

      19. (a) Waaqayyo humna balleessuuf qabutti fayyadamuun isaa kan isatti nu dhiheessu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi. (b) Waaqayyo akka nuuf lolu beekuun keenya maal gochuuf nu kakaasa?

      19 Fakkeenyaaf, namni tokko bineensa hamaa maatii isaa miidhaa jiru tokko ajjeese haa jennu. Haati manaa fi ijoolleen isaa gocha isaa kana akka waan gadheetti kan ilaalan sitti fakkaataa? Matumaa! Kanaa mannaa, jaalala guddaa isaaniif qabuun kakaʼee isaan oolchuu isaatti akka gammadan beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis Waaqayyo humna balleessuuf qabutti fayyadamuun isaa akka isa irraa fagaannu nu gochuu hin qabu. Kanaa mannaa, nu eeguuf jecha loluuf fedhii qabaachuun isaa jaalala isaaf qabnu nuu guddisuu qaba. Kabajni humna isaa isa daangaa hin qabneef qabnus guddachuu qaba. Kana yoo goone, “sodaa fi ulfina guddaadhaan tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessuu” ni dandeenya.—Ibroota 12:28.

      “Loltuu Humna Qabeessa” Taʼetti Dhihaadhu

      20. Seenaa Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo akka lole ibsu hubachuun yoo nutti ulfaate maal gochuun barbaachisaa dha? Maaliifi?

      20 Kitaabni Qulqulluun sababii Yihowaan loluuf itti murteesse hunda tokko tokkoon hin ibsu. Taʼus, Yihowaan karaa sirrii hin taanee fi gara jabinaan, humna balleessuuf qabutti akka hin fayyadamne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yeroo baayʼee, yaada naannoo seenaa Kitaaba Qulqulluu tokkoo qorachuun ykn waaʼee dhimma sanaa odeeffannoo dabalataa argachuun keenya sababii tarkaanfii tokko itti fudhate hubachuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Fakkeenya 18:13) Waaʼee dhimma tokkoo gadi fageenyaan yoo beekuu baanne illee, waaʼee Yihowaa caalaatti barachuu fi amalawwan isaa irratti xiinxaluun qofti, shakkii qabnu hundumaatiif furmaata akka argannu nu gargaaruu dandaʼa. Kana yoo goone, Waaqa keenya Yihowaatti amanamuuf sababii gaʼaa akka qabnu hubanna.—Iyyoob 34:12.

      21. Yihowaan yeroo tokko tokko “loltuu humna qabeessa” taʼus, Waaqa akkamiiti?

      21 Yihowaan yeroo barbaachisaa taʼutti “loltuu humna qabeessa” taʼus, lola jaallata jechuu miti. Saragallaa samii Hisqiʼel mulʼataan arge irratti, Yihowaan diinota isaa loluuf qophaaʼaa akka taʼe ibsameera. Haa taʼu malee Hisqiʼel, Yihowaan sabbata Waaqaa isa mallattoo nagaa taʼeen akka marfames argeera. (Uumama 9:13; Hisqiʼel 1:28; Mulʼata 4:3) Yihowaan Waaqa tasgabbii fi nagaa qabu akka taʼe ifa dha. Yohaannis ergamaan, “Waaqayyo jaalala” jedhee barreesseera. (1 Yohaannis 4:8) Yihowaan amalawwan isaa hunda karaa wal hin faallessineen argisiisa. Waaqa humna guddaa qabaatus jaalala qabeessa taʼe kanatti dhihaachuu dandaʼuun keenya mirga guddaa mitii?

      a Barreessaa seenaa Yihudootaa kan ture Joseefas akka jedhetti, Israaʼelota “ariʼaa kan turan gaariiwwan fardaa 600, abbootii fardeenii 50,000 fi loltoota lafoo ciccimoo 200,000” turan.—Juwish Antiiquyiitiis, II, 324 [xv, 3].

      b Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti as irratti jechi “Amoorota” jedhu namoota Kanaʼaan hunda kan argisiisu dha.—Keessa Deebii 1:6-8, 19-21, 27; Iyyaasuu 24:15, 18.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • 2 Mootota 6:8-17 Waaqayyo “gooftaa raayyaa” taʼuun isaa yeroo rakkinaatti kan nu jajjabeessu akkamitti?

      • Hisqiʼel 33:10-20 Yihowaan humna balleessuuf qabutti fayyadamuu isaa dura, gaarummaadhaan kakaʼee namoonni seera isaa cabsan carraa akkamii akka argatan godha?

      • 2 Tasalonqee 1:6-10 Badiisni gara fuulduraatti hamoota irra gaʼu, namoota amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilaniif boqonnaa kan argamsiisu akkamitti?

      • 2 Pheexiros 2:4-13 Yihowaan humna balleessuuf qabutti akka fayyadamu kan isa kakaasu maali dha? Kun hoo ilmaan namootaa hunda maal barsiisa?

  • Humna Eegu—“Waaqayyo Iddoo Kooluu Itti Gallu” Dha
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Tiksee ilmoo hoolaa qoma isaatti baatee jiru tokko.

      BOQONNAA 7

      Humna Eegu—“Waaqayyo Iddoo Kooluu Itti Gallu” Dha

      1, 2. Israaʼelonni Dh.K.D. bara 1513 gara jalqabaatti yommuu naannoo Siinaa gaʼan haala sodaachisaa akkamii keessa seenan? Yihowaan hoo kan isaan jajjabeesse akkamitti?

      ISRAAʼELONNI Dh.K.D. bara 1513 gara jalqabaa yommuu naannoo Siinaa seenan haala sodaachisaa keessa galan. “Lafa onaa guddaa fi sodaachisaa taʼe keessa, bakka bofti summii qabuu fi torbaanqabaan jiru” keessa deemuu waan qabaniif, imalli isaanii sodaachisaa dha. (Keessa Deebii 8:15) Saboota isaan jibban irraa haleellaan nu irra gaʼa jedhaniis ni sodaatu turan. Yihowaan sabni isaa haala akkasii keessa akka galan heyyameera. Maarree Waaqni isaanii kun isaan eeguu dandaʼaa?

      2 Yihowaan, “Qoochoo risaatti isin baadhee gara ofii kootti isin fiduuf, wantan warra Gibxii irratti raawwadhe isinumti iyyuu argitaniittu” waan jedheef kun baayʼee kan isaan jajjabeessu ture. (Baʼuu 19:4) Yihowaan risaa akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan Gibxii keessaa baatee akka isaan baase isaan yaadachiiseera. Haa taʼu malee, ‘qoochoon risaa’ eegumsa Waaqayyo nuu godhuuf fakkeenya gaarii taʼa jechuuf sababii kan biraas qabna.

      3. ‘Qoochoon risaa’ eegumsa Waaqayyo nuu godhuuf fakkeenya gaarii kan taʼe maaliifi?

      3 Risaan qoochoo ishii isa balʼaa fi jabaa taʼetti kan fayyadamtu ittiin balaliʼuuf qofa miti. Risaa haadhoon, guyyaa hoʼutti qoochoo ishii isa meetira lamaa ol dheeratu akka dibaabeetti diriirsitee cuucota ishii warra humna hin qabne aduu saafaa irraa eegdi. Yeroo kaan immoo cuucota ishiitti akka hin qorrineef qoochoo ishiitiin isaan golboobdi. Yihowaanis akkuma risaan cuucota ishii eegdutti saba Israaʼel isa muuxannoo hin qabne eegeera. Sabni isaa kun isaaf amanamoo yoo taʼan lafa onaa keessatti gaaddisa qoochoo isaa isa jabaa jalatti kooluu galanii jiraachuu dandaʼu. (Keessa Deebii 32:9-11; Faarfannaa 36:7) Haa taʼu malee, yeroo ammaatti Waaqayyo eegumsa akka nuu godhu eeguu ni dandeenyaa?

      Waadaa Waaqayyo Tajaajiltoota Isaa Eeguuf Gale

      4, 5. Waadaa Waaqayyo nu eeguuf galetti amanamuu kan dandeenyu maaliifi?

      4 Yihowaan tajaajiltoota isaa eeguuf dandeettii qaba. Inni “Waaqa Hundumaa Dandaʼu” dha; kun immoo humna wanti kam iyyuu dura dhaabbachuu hin dandeenye akka qabu argisiisa. (Uumama 17:1) Humni Yihowaa inni hojii irra jiru, akkuma dambalii galaanaa ittifamuu hin dandaʼu. Yihowaan wanta barbaade kam iyyuu gochuu waan dandaʼuuf, ‘humna isaatti fayyadamee saba isaa eeguuf fedha qabaa?’ jennee gaafanna taʼa.

      5 Gabaabumatti deebiin isaa eeyyee kan jedhu dha. Yihowaan saba isaa eeguu akka barbaadu nuu mirkaneesseera. Faarfannaan 46:1, “Waaqayyo iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya, yeroo dhiphinaattis salphaatti isa biraa gargaarsa arganna” jedha. Waaqayyo ‘sobuu waan hin dandeenyeef’ waadaa inni nu eeguuf gale irratti amantaa qabaachuu dandeenya. (Tiitoo 1:2) Mee amma fakkeenyota Yihowaan eegumsa akka nuu godhu argisiisan tokko tokko haa ilaallu.

      6, 7. (a) Bara duriitti tikseen tokko hoolota isaatiif eegumsa akkamii godha? (b) Kitaabni Qulqulluun Yihowaan hoolota isaa eeguu fi kunuunsuuf fedhii akka qabu kan ibsu akkamitti?

      6 Yihowaan tiksee keenya; nuti immoo “saba isaa ti, hoolota kaloo isaa keessa jirru dhas” (Faarfannaa 23:1; 100:3) Horiin akka hoolaatti eegumsa barbaadu hin jiru jechuun ni dandaʼama. Bara duriitti tikseen tokko hoolota isaa leenca, yeeyyii, amaaketaa fi hattuu irraa eeguuf ija jabeessa taʼuu qaba. (1 Saamuʼel 17:34, 35; Yohaannis 10:12, 13) Taʼus, hoolota eeguuf yeroon gara laafina argisiisuun itti barbaachisus jira. Fakkeenyaaf, yommuu hoolaan tokko hoolota kaan irraa fagaattee dhaltu, tikseen gara laafessi yeroo eegumsi ishii barbaachisu kanatti ishii eega; akkasumas ilmoo ishii baatee gara hoolota kaaniitti geessa.

      Tiksee ilmoo hoolaa qoma isaatti baatee jiru tokko.

      ‘Qoma isaatti isaan ni baata’

      7 Yihowaan tikseetti of fakkeessuudhaan, garaadhaa eegumsa nuu gochuu akka barbaadu nuu mirkaneesseera. (Hisqiʼel 34:11-16) Yaada Isaayyaas 40:11 irratti argamuu fi Boqonnaa 2​ffaa kitaaba kanaa irratti ibsame ni yaadattaa? Caqasichi Yihowaa ilaalchisee, “Inni akkuma tikseetti bushaayee isaa ni kunuunsa. Hoolota xobbaallaa irree isaatiin walitti ni qaba, qoma isaattis isaan ni baata” jedha. Ilmoon hoolaa tokko “qoma” tiksee ishii irra baʼuu, jechuunis uffata isaa isa irraan uffate keessa akkamitti galuu dandeessi? Tarii gara tiksee ishii dhaqxee miilla isaatti rigatti taʼa. Haa taʼu malee, gadi jedhee lafaa ishii kaasuu fi qoma isaatti ishii baachuu kan qabu tiksee sana dha. Kun, fakkeenya gaarii Tikseen keenya Inni Guddaan nu eeguuf fedhii akka qabu argisiisu mitii?

      8. (a) Waaqayyo namoota akkamiitiif eegumsa gochuuf waadaa gale? Kun Fakkeenya 18:10 irratti kan ibsame akkamitti? (b) Maqaa Waaqayyootti kooluu galuun maalfaa dabalata?

      8 Haa taʼu malee, Waaqayyo eeguuf waadaa kan gale namoota isatti dhihaatan qofa dha. Fakkeenyi 18:10, “Maqaan Yihowaa masaraa cimaa dha. Namni qajeelaan achitti fiigee eegumsa argata” jedha. Bara duriitti yeroo tokko tokko masaraan akka itti baqatamuuf lafa onaa keessatti ni ijaarama ture. Eegumsa argachuuf gara masaraa kanaatti baqachuu kan qabu garuu, nama balaaf saaxilame sana dha. Maqaa Waaqayyootti kooluu galuunis kanaa wajjin wal fakkaata. Kun, maqaa Waaqayyoo irra deddeebiʼanii waamuu caalaa wanta dabalatu qaba; maqaa isaa waan akka kudhaamaa humna dhokataa qabu goonee ilaaluu hin qabnu. Kanaa mannaa, Abbaa maqaa kanaa beekuu, isatti amanamuu fi ulaagaawwan inni qajeelummaaf baasee wajjin walsimnee jiraachuu qabna. Yihowaan isatti yoo amanamne akka masaraatti eegumsa akka nuu godhu nuu mirkaneessuun isaa gaarummaa isaa kan argisiisu mitii?

      “Waaqni Keenya . . . Nu Oolchuu ni Dandaʼa”

      9. Yihowaan eegumsa akka godhu waadaa galuu irra darbee maal godheera?

      9 Yihowaan eegumsa nuu gochuuf waadaa galuu caalaa waan godhe qaba. Bara duriitti, dinqiidhaan saba isaa eeguu akka dandaʼu argisiiseera. ‘Harki’ Yihowaa inni jabaan diinota isaanii warra humna guddaa qaban irraa Israaʼelota eegeera. (Baʼuu 7:4) Yihowaan dhuunfaadhaan namoota eeguufis humna isaatti fayyadameera.

      10, 11. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu Yihowaan dhuunfaatti namoota eeguuf humna isaatti akka fayyadamu argisiisan kamfaʼi?

      10 Ibroonni sadan Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo jedhaman bifa warqee Nebukadnezaar Mootichi dhaabeef sagaduu yommuu didan, mootiin baayʼee aare kun ibidda garmalee bobaʼu keessatti akka isaan darbatu isaan sossodaachise. Nebukadnezaar mootichi inni lafa irratti aangoo olaanaa qabu, “Waaqni harka koo jalaa isin oolchuu dandaʼu eenyu?” jedhee Yihowaatti qoose. (Daaniʼel 3:15) Dargaggoonni sadan kun Waaqni isaanii isaan eeguu akka dandaʼu amantaa guutuu kan qaban taʼus, dirqama nu oolchuu qaba jedhanii hin yaanne. Kanaafuu, “Ibiddichatti yoo darbatamne illee Waaqni keenya inni nuti tajaajillu . . . nu oolchuu ni dandaʼa” jedhanii deebisaniif. (Daaniʼel 3:17) Dhuguma iyyuu, humni ibiddichaa inni isa duraa caalaa dachaa torba bobaʼe, Waaqa isaanii isa hundumaa caalaa humna qabutti hin ulfaanne. Yihowaan waan isaan oolcheef, mootichi “Waaqni akkasitti oolchuu dandaʼu kan biraan hin jiru” jechuuf dirqameera.—Daaniʼel 3:29.

      11 Yihowaan jireenya Ilma isaa isa tokkichaa gadameessa durba Maariyaam jedhamtuu keessa yommuu kaaʼettis, humna guddaa eegumsa gochuu dandaʼu akka qabu argisiiseera. Maleekaan tokko Maariyaam ‘ulfooftee ilma akka deessu’ ishiitti hime. Achiis, “Hafuurri qulqulluun si irra buʼa, humni Isa Hundaa Oliis si golga” ishiidhaan jedhe. (Luqaas 1:31, 35) Ilmi Waaqayyoo, yeroo kanatti eegumsi cimaan isa barbaachisa. Cubbuu fi mudaan haati isaa qabdu daaʼima gadameessa ishii keessa jiru faaluu ni dandaʼaa? Seexanni, mucaan sun dhalachuu isaa dura isa miidhuu ykn ajjeesuu ni dandaʼaa? Matumaa hin dandaʼu! Yihowaan Maariyaam erga mucaa kana ulfooftee jalqabee ishii eeguudhaan cubbuun, humni miidhaa geessisu, namni nama ajjeesuu fi jinniin kam iyyuu mucaa gadameessa keessa jiru sana akka hin miine godheera. Yihowaan yeroo Yesuus daaʼima turettis eegumsa isaaf gochuu isaa itti fufeera. (Maatewos 2:1-15) Waaqayyo guyyaan inni murteesse hamma gaʼutti Ilma isaa isa jaallatamaa irra miidhaan akka hin geenye eegeera.

      12. Yihowaan bara duriitti namoota tokko tokko karaa dinqii taʼeen kan eege maaliifi?

      12 Yihowaan namoota tokko tokko karaa dinqii taʼe akkasiitiin kan eege maaliifi? Yeroo baayʼee namoota dhuunfaa kan eege wanta hunda caalaa barbaachisaa taʼe, jechuunis kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf jedhee ti. Fakkeenyaaf, Yesuus daaʼima yeroo turetti eegumsa argachuun isaa kaayyoon Waaqayyoo inni yeroo booda ilmaan namootaa fayyadu akka raawwatamu gochuuf barbaachisaa ture. Seenaawwan Yihowaan humna eeguuf qabutti fayyadamuu isaa ibsan, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu, ‘Jabaannee dhaabbachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuu fi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman’ keessaa tokko dha. (Roomaa 15:4) Eeyyee, seenaawwan kun amantii Waaqa keenya isa hunda caalaa humna qabu irratti qabnu nuu cimsu. Haa taʼu malee, Waaqayyo yeroo ammaatti eegumsa akkamii akka nuu godhu abdachuu dandeenya?

      Eegumsa Waaqayyoo Argachuu Jechuun Maal Jechuu Miti?

      13. Yihowaan dinqiidhaan nu oolchuuf dirqama qabaa? Ibsi.

      13 Yihowaan eegumsa nuu gochuuf waadaa galeera jechuun, nu oolchuuf jecha dirqama dinqii raawwata jechuu miti. Waaqayyo sirna moofaa kana keessatti jireenya rakkina irraa walaba taʼe nu jiraachisuuf waadaa hin galle. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo hedduun hiyyummaa, waraana, dhukkubaa fi duʼa dabalatee rakkoowwan guguddaan isaan irra gaʼu. Yesuus duuka buutonni isaa, amantii isaaniitiif jecha ajjeefamuu akka dandaʼan dubbateera. Hanga dhumaatti jabaatanii dhaabbachuun barbaachisaa taʼuu isaa kan ibses kanaafi. (Maatewos 24:9, 13) Yihowaan rakkina nu mudatu hunda irraa nu oolchuuf humna isaatti utuu fayyadamee, Seexanni Yihowaatti qoosuuf, akkasumas nuti garaadhaa namoota Waaqayyoof bulle taʼuu keenya irratti gaaffii kaasuuf sababii argata ture.—Iyyoob 1:9, 10.

      14. Fakkeenyonni Yihowaan yeroo hunda tajaajiltoota isaa karaa wal fakkaatuun akka hin eegne argisiisan kamfaʼi?

      14 Bara duriitti illee Yihowaan humna eeguuf qabutti fayyadamee yeroo isaanii malee akka hin ajjeefamne kan eege tajaajiltoota isaa hunda hin turre. Fakkeenyaaf, Heroodis Dh.K.B. naannoo bara 44​tti Yaaqoob ergamaa ajjeeseera; sana booda utuu baayʼee hin turin garuu Pheexiros “harka Heroodis” jalaa ooleera. (Hojii Ergamootaa 12:1-11) Obboleessa Yaaqoob kan taʼe Yohaannis immoo, Pheexirosii fi Yaaqoob caalaa bara dheeraa jiraateera. Waaqni keenya tajaajiltoota isaa hunda karaa wal fakkaatuun eega jennee yaaduu akka hin qabne ifa dha. Kana malees, “yeroo fi wanti hin eegamne” hunduma keenya irra gaʼa. (Lallaba 9:11) Maarree yeroo ammaatti Yihowaan kan nu eegu akkamitti?

      Yihowaan Eegumsa Qaamaa Nuu Godha

      15, 16. (a) Yihowaan gareedhaan saba isaatiif eegumsa qaamaa akka godhe ragaan argisiisu maali dha? (b) Yihowaan ammas taʼe yeroo “rakkina guddaa” tajaajiltoota isaa akka eegu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

      15 Mee jalqaba Yihowaan gama qaamaatiin akkamitti akka nu eegu haa ilaallu. Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, gareedhaan eegumsa qaamaa akka argannu beekamaa dha. Utuu akkas taʼuu baatee, Seexanni salphumatti nu balleessa ture. Seexanni inni ‘bulchaa addunyaa kanaa’ taʼe waaqeffannaa dhugaa lafa irraa balleessuu caalaa wanti isa gammachiisu hin jiru. (Yohaannis 12:31; Mulʼata 12:17) Mootummoonni humna guddaa qaban tokko tokko hojii lallabaa keenya dhorkaniiru; akkasumas guutummaatti lafa irraa nu balleessuuf yaalaniiru. Haa taʼu malee, sabni Yihowaa jabaatanii dhaabbachuudhaan utuu wal irraa hin kutin lallabuu isaanii itti fufaniiru! Saboonni humna guddaa qaban kun, sochii Kiristiyaanota lakkoofsi isaanii xinnoo taʼee fi humna kan hin qabne fakkaatan kanaa dhaabsisuu kan dadhaban maaliifi? Yihowaan qoochoo isaa isa jabaa jalatti eegumsa waan nuu godhuufi.—Faarfannaa 17:7, 8.

      16 “Rakkina guddaa” fuulduratti dhufu irratti hoo eegumsa qaamaa ni argannaa? Badiisa Waaqayyo hamoota irratti fidu sodaachuu hin qabnu. Kana malees, “Yihowaan namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu, jalʼoota immoo guyyaa murtiitti akka balleeffamaniif akkamitti akka tursu beeka.” (Mulʼata 7:14; 2 Pheexiros 2:9) Hammasitti garuu waaʼee wantoota lamaa mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Tokkoffaa, Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoon lafa irraa akka balleeffaman matumaa hin heyyamu. Lammaffaa, namoota amanamoo taʼan barbaachisaa yoo taʼe duʼaa kaasuudhaan, addunyaa haaraa qajeelummaadhaan guutame keessatti jireenya bara baraa isaanii kenna. Kanaafuu warri duʼan Waaqayyo waan isaan yaadatuuf guutummaatti eegumsa isaa keessa jiru.—Yohaannis 5:28, 29.

      17. Yihowaan karaa Dubbii isaa eegumsa kan nuu godhu akkamitti?

      17 Amma illee Yihowaan, “dubbii” isaa isa jiraataa isa garaa namaa fayyisuu fi jireenya namaa jijjiirutti fayyadamee eegumsa nuu godha. (Ibroota 4:12) Qajeelfamoota achi keessatti argaman hojii irra oolchuudhaan, karaa tokko tokkoon eegumsa qaamaa argachuu dandeenya. Isaayyaas 48:17, “Ani . . . Yihowaan isa wanta si fayyadu si barsiisu dha” jedha. Dubbii Waaqayyoo wajjin wal simnee jiraachuun keenya, fayyaa keenya akka fooyyessuu fi umurii keenya akka dheeressu beekamaa dha. Fakkeenyaaf, gorsa Kitaabni Qulqulluun ejja irraa akka fagaannuu fi xuraaʼummaa irraa akka of qulqulleessinu nuu kennu hojii irra oolchuudhaan, xuraaʼummaa fi amalawwan gadhee namoota Waaqayyoon hin sodaanne balaadhaaf saaxilan irraa eegumsa arganneerra. (Hojii Ergamootaa 15:29; 2 Qorontos 7:1) Waaqayyo karaa Dubbii isaa eegumsa waan nuu godhuuf baayʼee isa galateeffanna!

      Yihowaan Karaa Hafuuraa Eegumsa Nuu Godha

      18. Yihowaan karaa hafuuraa eegumsa akkamii nuu godha?

      18 Hundumaa caalaa Yihowaan eegumsa hafuuraa nuu godha. Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe, wantoota qorumsa moʼuu fi hariiroo isaa wajjin qabnu eegnee jiraachuuf nu barbaachisan nuu kennuudhaan balaa hafuuraa irraa nu eega. Kanaaf Yihowaan yeroo muraasaaf qofa utuu hin taʼin, bara baraaf lubbuu keenya eeguuf hojjechaa jira. Qophiiwwan Waaqayyo eegumsa hafuuraa nu gochuuf taasise tokko tokko haa ilaallu.

      19. Hafuurri Yihowaa rakkinoota nu irra gaʼan hunda akka moonu kan nu gargaaru akkamitti?

      19 Yihowaan Waaqa ‘kadhannaa namaa dhagaʼudha.’ (Faarfannaa 65:2) Yommuu garmalee dhiphannu, yaada garaa keenyaa isaaf dhangalaasuun keenya boqonnaa nuuf argamsiisa. (Filiphisiiyus 4:6, 7) Yihowaan dinqiidhaan rakkina keenya balleessuu baatus, ogummaa rakkinoota kana moʼuuf nu barbaachisu nuu kennuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuu dandaʼa. (Yaaqoob 1:5, 6) Kana malees, Yihowaan namoota isa kadhataniif hafuura qulqulluu ni kenna. (Luqaas 11:13) Hafuurri humna guddaa qabu kun immoo, rakkina nu mudate kam iyyuu moʼuuf nu gargaara. Hafuurri kun, ‘humna humna caalu’ nuu kennuudhaan, hanga Yihowaan addunyaa haaraa dhiheenyatti fidu keessatti rakkoowwan hunda balleessutti jabaannee akka dhaabbannu nu gargaara.—2 Qorontos 4:7.

      20. Humni Yihowaan nu eeguuf qabu karaa obboloota keenyaa kan mulʼatu akkamitti?

      20 Yeroo tokko tokko humni Yihowaan eeguuf qabu, karaa obboloota keenyaa mulʼachuu dandaʼa. Yihowaan saba isaa gara “waldaa obbolootaa” addunyaa maraatti harkiseera. (1 Pheexiros 2:17; Yohaannis 6:44) Jaalalli waldaa obbolummaa addunyaa maraa keessa jiru ragaa cimaa hafuurri qulqulluun namoota irratti dhiibbaa gaarii geessisaa akka jiru argisiisu dha. Hafuurri kun firiiwwan hafuuraa kanneen akka jaalalaa, gaarummaa fi arjummaa jiran akka horannu nu gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23) Kanaaf, yeroo rakkinaatti obboleessi keenya tokko gorsa gaarii yommuu nuu kennu ykn yeroo nu jajjabeessu, Yihowaan obboleessa kanatti fayyadamee eegumsa waan nuu godheef isa galateeffachuu qabna.

      21. (a) Yihowaan karaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessaa’ yeroo isaatti nyaata hafuuraa akkamii nuu dhiheessa? (b) Qophii Yihowaan eegumsa hafuuraa nuu gochuuf taasise irraa dhuunfaatti kan fayyadamte akkamitti?

      21 Yihowaan karaa kan biraas eegumsa nuu godha: nyaata hafuuraa yeroo isaatti nuu kenna. Dubbii isaa irraa jajjabina akka argannu nu gargaaruuf, “garbichi amanamaanii fi ogeessi” nyaata hafuuraa akka nuu dhiheessu itti gaafatamummaa isaaf kenneera. Hojjetaan amanamaan kun, barreeffamoota maxxanfaman kan akka Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! dabalatee, weebsaayitii keenya jw.org, walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaa irratti “yeroo sirrii taʼetti nyaata” nuu dhiheessuudhaan, wanta nu barbaachisu yeroo nu barbaachisutti nuu kenna. (Maatewos 24:45) Walgaʼii irratti yommuu yaanni kennamu, haasaan ykn kadhannaan dhihaatu yaada si jajjabeessu dhageessee beektaa? Mata duree barruulee keenya irratti baʼan keessaa tokko irratti yaada si tuqu argattee beektaa? Yihowaan qophiiwwan kana hunda kan godhu, eegumsa hafuuraa nuu gochuuf akka taʼe hin dagatin.

      22. Yihowaan yeroo hunda humna isaatti kan fayyadamu akkamitti? Kana gochuun isaa kan nu fayyadu hoo maaliifi?

      22 Yihowaan “warra isatti kooluu galan hundumaatiif” gaachana dha. (Faarfannaa 18:30) Yeroo ammaatti garuu rakkoowwan hunda irraa nu eeguuf humna isaatti akka hin fayyadamne beekna. Taʼus, kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf yeroo hunda humna eegumsa godhutti ni fayyadama. Kana gochuun isaa yeroo booda saba isaa ni fayyada. Isatti yoo dhihaannee fi jaalala isaa keessa yoo jiraanne, Yihowaan jireenya bara baraa mudaa hin qabne nuu kenna. Abdii kana sammuutti qabachuudhaan, rakkina sirna kana keessatti nu irra gaʼu kam iyyuu “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” akka taʼe goonee ilaaluu dandeenya.—2 Qorontos 4:17.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • Faarfannaa 23:1-6 Yihowaan saba isaa hoolotatti fakkeeffaman akka tikseetti kan eeguu fi kan kunuunsu akkamitti?

      • Faarfannaa 91:1-16 Yihowaan balaa hafuuraa irraa kan nu eegu akkamitti? Eegumsa isaa argachuuf hoo maal gochuu qabna?

      • Daaniʼel 6:16-22, 25-27 Yihowaan eegumsa gochuuf humna akka qabu mootii bara durii tokko kan barsiise akkamitti? Nuti hoo fakkeenya kana irraa maal baranna?

      • Maatewos 10:16-22, 28-31 Mormiin akkamii akka nu irra gaʼu eeguu dandeenya? Taʼus, mormitoota keenya sodaachuu kan hin qabne maaliifi?

  • Humna Haaromsu—Yihowaan ‘Wantoota Hundumaa Haaraa Godha’
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe takka ilma ishii duʼaa kaafame hammattee jirti.

      BOQONNAA 8

      Humna Haaromsu—Yihowaan ‘Wantoota Hundumaa Haaraa Godha’

      1, 2. Yeroo harʼaatti wantoota akkamii dhabuu dandeenya? Kun hoo maaltu akka nutti dhagaʼamu godha?

      MUCAAN ashaangulliitiin jaallatu jalaa bade ykn jalaa cabe tokko garmalee booʼa. Akki itti booʼu garaa nama nyaata! Taʼus, yommuu warri isaa wanta isa jalaa bade sana arganiif ykn wanta isa jalaa cabe sana suphaniif fuulli isaa akkam akka ifu argitee beektaa? Ashaangulliitii sana argachuun ykn suphuun warra isaatiif baayʼee salphaa dha. Taʼus kun mucicha baayʼee gammachiisuu fi dinqisiisuu dandaʼa. Wanti deebiʼee hin argamnee fi hin suphamne fakkaatu iddootti isaaf deebiʼeera!

      2 Abbaa hunda irra caalu kan taʼe Yihowaanis, wanta ijoolleen isaa lafa irraa dhabanii fi deebiʼee kan hin argamne fakkaatu iddootti deebisuuf humna qaba. Wanti Yihowaan iddootti deebisu garuu wanta ashaangulliitii irra caalu dha. ‘Yeroo addaa baayʼee rakkisaa’ taʼe kanatti rakkoowwan guguddaa hedduutu nu irra gaʼa. (2 Ximotewos 3:1-5) Wantoonni namoonni bakka guddaa kennaniif hedduun, jechuunis manni, qabeenyi, hojii fi fayyaan salphumatti dhabamuu dandaʼu. Mancaʼiinsa naannoo sanyiin lubbu qabeeyyii hedduu lafa irraa akka badu godhu irratti yommuu yaannus abdii kutachuu dandeenya. Taʼus, nama jaallannu duʼaan dhabuu caalaa wanti nu gaddisiisu hin jiru. Yeroo kanatti baayʼee gadduu fi wanta goonu wallaaluu dandeenya.—2 Saamuʼel 18:33.

      3. Hojii Ergamootaa 3:21 irratti abdiin nama jajjabeessu akkamii kennameera? Yihowaan abdii kana kan raawwatu maalitti fayyadamee ti?

      3 Maarree Yihowaan humna haaromsu akka qabu beekuun nama hin jajjabeessuu? Akkuma boqonnaa kana irratti ilaallu, Waaqayyo ijoollee isaa warra lafa irraatiif wantoota hedduu iddootti deebisuu dandaʼa; ni barbaadas. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan ‘wanta hunda haaressuuf’ kaayyoo akka qabu ibsa. (Hojii Ergamootaa 3:21) Kana galmaan gaʼuuf, Mootummaa Masiihichaa isa Ilmi isaa Yesuus Kiristoos hogganutti fayyadama. Ragaawwan akka argisiisanitti, Mootummaan kun bara 1914​tti samii irratti bulchuu jalqabeera.a (Maatewos 24:3-14) Wantoonni haareffaman maalfaʼi? Mee wantoota guguddaa Yihowaan haaressu tokko tokko haa ilaallu. Isaan keessaa isa tokko ammuma iyyuu argaa jirra. Warri kaan immoo guutummaatti kan raawwataman gara fuulduraatti dha.

      Waaqeffannaa Qulqulluun Iddootti Deebifame

      4, 5. Dhaloota Kiristoos Dura bara 607​tti saba Waaqayyoo maaltu mudate? Yihowaan hoo abdii akkamii isaanii kenne?

      4 Wanta Yihowaan iddootti deebise keessaa tokko waaqeffannaa qulqulluu ti. Kun maal jechuu akka taʼe hubachuuf, mee seenaa mootummaa Yihudaa gabaabsinee haa qorannu. Kana gochuun keenya, Yihowaan humna haaromsuuf qabutti akkamitti akka fayyadamu gadi fageenyaan hubachuuf nu gargaara.—Roomaa 15:4.

      5 Yerusaalem Dh.K.D. bara 607​tti yommuu balleeffamte, Yihudoonni amanamoon maaltu akka isaanitti dhagaʼame mee yaadi. Magaalaan isaanii jaallatamtuun ni balleeffamte; dallaan ishiis ni diigame. Caalaatti kan nama gaddisiisu garuu, manni qulqullummaa Solomoon ijaaree fi guutummaa lafaa irratti wiirtuu waaqeffannaa qulqulluu taʼee tajaajilaa ture balleeffamuu isaa ti. (Faarfannaa 79:1) Namoonni lubbuudhaan oolanis biyya isaanii ishii ona bineensonni itti galan taʼuuf jirtu dhiisanii boojuudhaan Baabilonitti geeffaman. (Ermiyaas 9:11) Akka ilaalcha namaatti wanti hundi haareffamuu kan hin dandeenye fakkaata ture. (Faarfannaa 137:1) Taʼus, Yihowaan inni badiisni kun akka dhufu yeroo dheeraa dura raajii dubbate, yeroon wantoonni kun haareffaman akka dhufus abdii kenneera.

      6-8. (a) Raajonni Ibroota taʼan barreeffamoota isaanii keessatti waaʼee maalii irra deddeebiʼanii dubbataniiru? Raajiiwwan kun raawwii isaanii isa jalqabaa kan argatan akkamitti? (b) Yeroo harʼaatti, sabni Waaqayyoo raajiiwwan iddootti deebisuu ilaalchisee dubbataman hedduun yeroo raawwataman kan argan akkamitti?

      6 Raajonni Ibroota taʼan barreeffamoota isaanii keessatti waaʼee haaromsaa irra deddeebiʼanii dubbataniiru.b Yihowaan, karaa raajota isaa kanaa biyyattiin akka haareffamtu, deebitee namootaan akka guutamtu, akka gabbattu, akkasumas miidhaa bineensotaa fi diinotaa irraa walaba akka taatu abdii kenneera. Biyyi isaanii kun akka jannata jalqabaa akka taatus abdii kenneera. (Isaayyaas 65:25; Hisqiʼel 34:25; 36:35) Hundumaa caalaa immoo, waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee ni hundeeffama; manni qulqullummaas deebiʼee ni ijaarama. (Miikiyaas 4:1-5) Raajiin kun Yihudootaaf abdii kenneera; kun immoo boojuu Baabilon waggaa 70f ture dandamachuuf isaan gargaareera.

      7 Dhuma irratti guyyaan haareffamuu sun ni dhufe. Yihudoonni Baabilon keessaa bilisa baʼanii, gara Yerusaalemitti deebiʼuudhaan Yihowaaf mana qulqullummaa ijaaran. (Izraa 1:1, 2) Waaqeffannaa qulqulluutti maxxananii yeroo isaan jiraatan hundatti, Yihowaan isaan eebbiseera; lafti isaanii akka gabbattus godheera. Diinotaa fi bineensota hamoo waggoota dheeraaf biyyattii weeraran irraa isaan eegeera. Yeroo kanatti, humna Yihowaan iddootti deebisuuf qabutti gammadanii akka turan beekamaadha! Haa taʼu malee, raajiiwwan waaʼee haaromsaa dubbatan raawwii isaanii isa jalqabaa argatan malee guutummaatti hin raawwatamne. Raajiin kun raawwii isaa isa guddaa kan argatu, “guyyoota dhumaa” nuti keessa jirruu fi Dhaaltuun Daawit Mootichaa inni yeroo dheeraa dura abdachiifame mootii taʼe kanatti dha.—Isaayyaas 2:2-4; 9:6, 7.

      8 Yesuus bara 1914​tti Mootummaa samii irratti mootii taʼee utuu baayʼee hin turin, fedhii hafuuraa saba Waaqayyoo amanamoo warra lafa irratti argamanii guuteera. Qiiros mootiin Faarsi Dh.K.D. bara 537​tti Yihudoota hafan Baabilon keessaa bilisa baaseera. Yesuusis Yihudoota hafuuraa lafa irratti hafan, jechuunis warra duuka buutota isaa taʼan, dhiibbaa “Baabilon Guddittii” bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa jalaa bilisa baaseera. (Mulʼata 18:1-5; Roomaa 2:29) Bara 1919 jalqabee Kiristiyaanonni dhugaan karaa Yihowaa biratti fudhatama qabuun isa waaqeffachuu jalqabaniiru. (Miilkiyaas 3:1-5) Yeroo sanaa jalqabee, sabni Yihowaa mana qulqullummaa hafuuraa, jechuunis qophii inni waaqeffannaa qulqulluuf godhe keessatti isa waaqeffachaa jiru. Waaqeffannaan qulqulluu iddootti deebifamuun isaa nuuf barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

      Haaromsi Hafuuraa Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?

      9. Ergamoonni Yesuus erga duʼanii booda, waldaaleen Saba Kiristiyaanaa waaqeffannaa dhugaa maal godhan? Taʼus bara keenyatti Yihowaan maal godhe?

      9 Mee seenaa waaʼee haaromsaa dubbatu ilaali. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa eebbawwan hafuuraa hedduu argataniiru. Haa taʼu malee, Yesuusii fi ergamoonni isaa waaqeffannaa dhugaan akka mancaʼuu fi akka badu raajii dubbataniiru. (Maatewos 13:24-30; Hojii Ergamootaa 20:29, 30) Ergamoonni Yesuus erga duʼanii booda sabni Kiristiyaanaa babalʼachuu jalqabde. Qeesonni ishii barumsawwanii fi gochawwan amantii sobaa fudhatan. Waaqayyo Sillaasee hubatamuu hin dandeenye akka taʼe, namoonni cubbuu isaanii qeesotatti akka himatan, akkasumas kadhannaa isaanii Yihowaatti utuu hin taʼin gara Maariyaamii fi “qulqulloota” adda addaatti akka dhiheessan barsiisuudhaan, Waaqayyotti dhihaachuun kan hin dandaʼamne akka fakkaatu godhaniiru. Yihowaan mancaʼiinsi kun erga jalqabamee jaarraa hedduu booda maal godhe ree? Addunyaa barumsawwan amantii sobaatiin guutamee fi gochawwan gadheedhaan faalame kana keessatti, waaqeffannaan qulqulluu iddootti akka deebiʼu gochuuf tarkaanfii fudhateera! Iddootti deebisuun kun, wantoota guguddaa yeroo ammaatti raawwataman keessaa isa tokkodha yoo jenne arbeessuu hin taʼu.

      10, 11. (a) Jannanni hafuuraa wantoota akkamii lama of keessatti qabata? Atoo kutaa jannata kanaa taʼuu kan dandeessu akkamitti? (b) Yihowaan namoota akkamii gara jannata hafuuraatti sassaabaa jira? Namoonni kun maal arguuf mirga argatu?

      10 Kanaafuu, yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni dhugaan jannata hafuuraa caalaatti miidhagaa deemu keessa jiraatu. Jannanni kun maalfaa of keessatti qabata? Adda durummaadhaan wantoota lama dha. Inni jalqabaa, waaqeffannaa qulqulluu Yihowaaf dhihaatu dha. Yihowaan waaqeffannaa, sobaa fi jalʼina irraa walaba taʼe nuu kenneera. Nyaata hafuuraa nuu kennaa jira. Kun immoo waaʼee Abbaa keenya isa samii barachuuf, isa gammachiisuu fi isatti dhihaachuuf nu gargaara. (Yohaannis 4:24) Wanti jannanni hafuuraa of keessatti qabatu inni lammaffaan immoo namoota dha. Akkuma Isaayyaas raajiidhaan dubbate, “Guyyoota dhumaatti” Yihowaan waaqeffattoota isaa daandii nagaa barsiiseera. Waraana irratti akka hin hirmaanne nu barsiiseera. Mudaa kan qabnu taanu illee, “namummaa haaraa” akka uffannu nu gargaaraa jira. Hafuura qulqulluu isa amalawwan gaggaarii akka horannu nu gargaaru nuu kennuudhaan, carraaqqii keenya nuu eebbisaa jira. (Efesoon 4:22-24; Galaatiyaa 5:22, 23) Atis hafuura qulqulluu wajjin wal simtee yoo jiraatte, kutaa jannata hafuuraa taata.

      11 Yihowaan namoota jaallatu, jechuunis warra isa jaallatan, warra nagaa jaallatanii fi warra “wantoota hafuuraa dheebotan” gara jannata hafuuraa kanatti sassaabaa jira. (Maatewos 5:3) Namoonni akkasii haaromsi inni guddaan yeroo raawwatamu, jechuunis yeroo namoonnii fi lafti kun haareffaman arguuf mirga argatu.

      “Kunoo, Ani Wantoota Hundumaa Haaraa Nan Godha”

      12, 13. (a) Raajiin waaʼee haaromsaa dubbatu, fuulduraatti raawwii kan biraa argata kan jennu maaliifi? (b) Yihowaan akkuma Eedan keessatti ibse lafa kanaaf kaayyoo akkamii qaba? Kun waaʼee gara fuulduraa abdiidhaan akka eeggannu kan nu taasisu maaliifi?

      12 Raajiiwwan waaʼee haaromsaa ibsan hedduun haaromsa hafuuraa qofa kan dubbatan miti. Fakkeenyaaf Isaayyaas, yeroon warri dhukkubsatan, warri naafatan, warri qaro dhabeeyyii fi warri gurri isaanii hin dhageenye fayyan, akkasumas yeroon duuti illee bara baraaf liqimfamu akka dhufu barreesseera. (Isaayyaas 25:8; 35:1-7) Raajiiwwan kun Israaʼel durii keessatti kallattiidhaan hin raawwatamne. Raajiiwwan kun bara keenyatti karaa hafuuraa yommuu raawwataman kan argine taʼus, fuulduraatti kallattiidhaan guutummaatti akka raawwataman shakkii hin qabnu. Kana akkamitti beekna?

      13 Yihowaan, Eedan keessatti lafti kun namoota gammachuu, fayyaa fi tokkummaa qabaniin akka guutamtu gochuuf kaayyoo akka qabu ibseera. Addaamii fi Hewaan lafaa fi uumamawwan ishii irra jiran hunda kunuunsuu, akkasumas guutummaa lafaa gara jannataatti jijjiiruu qabu turan. (Uumama 1:28) Kun wanta yeroo ammaa argaa jirru irraa faallaa dha. Haa taʼu malee, kaayyoon Yihowaa utuu hin raawwatamin akka hin hafne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Isaayyaas 55:10, 11) Yesuus inni Yihowaan Mootii godhee muude, guutummaa lafaa Jannata godha.—Luqaas 23:43.

      14, 15. (a) Yihowaan “wantoota hundumaa haaraa” kan godhu akkamitti? (b) Jannata keessatti jireenyi maal fakkaata? Atoo wanti yeroo raawwatamu arguu barbaaddu maali dha?

      14 Guutummaan lafaa gara Jannataatti yommuu jijjiiramtu haalli isaa maal akka fakkaatu mee yaadi! Yeroo sana ilaalchisee Yihowaan, “Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa nan godha!” jedheera. (Mulʼata 21:5) Kun maal jechuu akka taʼe mee yaadi. Yihowaan humna balleessuuf qabutti fayyadamee sirna hamaa kana erga balleessee booda, “samiiwwan haaraa fi lafa haaraa” qofatu hafa. Kana jechuun, Mootummaa haaraan tokko samii irra taʼee hawaasa haaraa lafa irra jiraatu, jechuunis hawaasa Yihowaa jaallatuu fi fedha isaa raawwatu bulcha jechuu dha. (2 Pheexiros 3:13) Seexannii fi jinniiwwan dhiibbaa akka hin geessisne godhamu. (Mulʼata 20:3) Ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaaʼaman booda yeroo jalqabaatiif, dhiibbaa gadhee Seexannii fi jinniiwwan geessisan irraa walaba taʼu. Yeroo kanatti boqonnaa guddaa akka argannu hin shakkisiisu.

      15 Sana booda, akkuma jalqaba irratti yaadamee ture, lafa keenya ishii bareedduu kana ni kunuunsina. Lafti uumama ishiitiin ofumaan of haaromsuu dandeessi. Haroowwanii fi lageen faalaman wanti isaan faalu yoo balleeffame ofiin of qulqulleessuu dandaʼu; lafti dirree waraanaa tures waraanni yoo dhaabate deebisee of haaromsuu dandaʼa. Dandeettii lafti qabdu kanatti fayyadamnee, lafti Jannata biqiltootaa fi bineeldota hedduudhaan guutamte akka taatu gochuun baayʼee nama gammachiisa! Ilmaan namootaa, taʼe jedhanii sanyii bineeldotaa fi biqiltootaa balleessuu mannaa, uumama lafa irra jiru hundumaa wajjin nagaadhaan jiraatu. Ijoolleen illee bineensota hin sodaatan.—Isaayyaas 9:6, 7; 11:1-9.

      16. Jannata keessatti Yihowaan wantoota kan haaressu akkamitti?

      16 Nuufis dhuunfaatti wanti iddootti nuuf deebifamu jira. Armaagedoon booda, addunyaa maratti namoonni badiisa irraa oolan dinqiidhaan ni fayyu. Yesuus akkuma yeroo lafa irra turetti godhe, humna Waaqayyo akka iddootti deebisu isaaf kennetti fayyadamee qaro dhabeeyyiin akka argan, warri gurri isaanii hin dhageenye akka dhagaʼan, warri naafatanii fi warri dhukkubsatan akka fayyan godha. (Maatewos 15:30) Warri dullooman akkuma yeroo dargaggummaa isaaniitti jabinaa fi fayyaa guutuu waan argataniif ni gammadu. (Iyyoob 33:25) Gogaan shuntuure akka gogaa ijoollee taʼa, irreen, miillii fi mashaaleen deebiʼanii jabaatu. Ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi, suutuma suuta rakkina cubbuu fi mudaa qabaachuun fide irraa bilisa baʼu. Yihowaan humna haaromsuu isaatti waan fayyadamuuf guddaa isa galateeffanna! Mee amma wanta baayʼee gammachiisaa yeroo haaromsaatti raawwatamu tokko haa ilaallu.

      Namoota Duʼan Gara Jireenyaatti Deebisuu

      17, 18. (a) Yesuus Saduuqotatti kan dheekkame maaliifi? (b) Eeliyaas Yihowaan mucaa tokko duʼaa akka kaasu kadhachuuf kan isa kakaase maali dha?

      17 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti geggeessitoonni amantii Saduuqota jedhaman duʼaa kaʼuutti hin amanan turan. Kanaan kan kaʼes Yesuus, “Isin Kitaabota Qulqulluus taʼe humna Waaqayyoo waan hin beekneef dogoggortaniittu” jedhee isaanitti dheekkameera. (Maatewos 22:29) Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan humna iddootti deebisuuf isa dandeessisu akkasii akka qabu nuu ibsa. Mee haa ilaallu.

      18 Wanta bara Eeliyaasitti raawwatame tokko ilaali. Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko reeffa ilma ishii tokkichaa baattee jirti. Yeroo kanatti Eeliyaas raajichi inni yeroo muraasaaf keessummummaadhaan mana dubartii kanaa buufatee ture baayʼee naʼee taʼuu qaba. Sana dura Eeliyaas mucaan kun beelaan akka hin duune gargaaree ture. Tarii Eeliyaas mucaa kanaa wajjin michummaa uumee taʼuu dandaʼa. Haati isaa gadda guddaa irra buuteetti. Abbaan manaa ishii waan irraa duʼeef, kan ishiin qabdu ilma tokkicha kana dha. Tarii mucaan kun bara dulluma ishiitti akka ishii kunuunsu abdattee taʼuu dandaʼa. Dubartiin kun Waaqayyo cubbuu sana dura hojjetteef ishii adabaa akka jiru waan yaaddeef baayʼee dhiphattee turte. Eeliyaas haala gaddisiisaa kana yommuu argu garaan isaa ni raafame. Suuta jedhee reefficha haadha isaa harkaa erga fuudhee booda, gara kutaa isaatti geessee lubbuu mucichaa akka itti deebisuuf Yihowaa kadhate.—1 Mootota 17:8-21.

      19, 20. (a) Abrahaam humna Yihowaan iddootti deebisuuf qabutti akka amanu kan argisiise akkamitti? Amantii akkasii kan qabaate maaliifi? (b) Yihowaan amantii Eeliyaas argisiiseef kan isa kiise akkamitti?

      19 Eeliyaas duʼaa kaʼuutti amanuuf nama isa jalqabaa hin turre. Jaarraawwan hedduu dura Abrahaam, Yihowaan humna haaromsu akka qabu ni amana ture. Amantii akkasii kan qabaate maaliif? Yommuu Abrahaam umuriin isaa waggaa 100 turee fi Saaraan immoo umuriin ishii waggaa 90 turetti, Yihowaan dandeettii mucaa godhachuuf qaban iddootti isaaniif deebisuudhaan Saaraan dinqiidhaan ilma akka deessu godheera. (Uumama 17:17; 21:2, 3) Yommuu mucichi guddatu immoo, Yihowaan Abrahaam ilma isaa kana aarsaa godhee akka dhiheessu isa gaafate. Abrahaamis Yihowaan ilma isaa Yisihaaq isa jaallatu gara jireenyaatti deebisuufii akka dandaʼu waan abdateef, amantii akka qabu argisiiseera. (Ibroota 11:17-19) Abrahaam ilma isaa aarsaa gochuuf isaa wajjin gara gaaraatti baʼuu isaa dura, Yisihaaq wajjin deebiʼanii akka dhufan tajaajiltoota isaatti himuun isaa amantii akkasii akka qabu argisiisa.—Uumama 22:5.

      Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe takka ilma ishii duʼaa kaafame hammattee utuu jirtuu, Eeliyaas ilaalaa jira.

      “Kunoo, ilmi kee fayyeera”!

      20 Yihowaan Yisihaaq akka hin ajjeefamne waan godheef, yeroo sanatti duʼaa isa kaasuun isa hin barbaachisne. Ilmi dubartii abbaan manaa irraa duʼee sanaa garuu duʼee ture; taʼus yeroo dheeraaf miti. Yihowaan mucicha duʼaa kaasuudhaan, amantii Eeliyaas argisiiseef isa kiiseera! Achiis Eeliyaas, “Kunoo, ilmi kee fayyeera” jechuudhaan, mucicha haadha isaatti kenne! Kun matumaa waan irraanfatamu miti.—1 Mootota 17:22-24.

      21, 22. (a) Seenaan duʼaa kaʼuu Kitaaba Qulqulluu keessatti kan galmeeffame maaliifi? (b) Jannata keessatti, namoota hammamiitu duʼaa kaafama? Kana kan raawwatu eenyu?

      21 Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo jalqabaatiif Yihowaan humna isaatti fayyadamee jireenya namaa iddootti akka deebise kan dubbatame yeroo kanattidha. Sana booda Yihowaan Eelsaaʼi, Yesuus, Phaawulosii fi Pheexiros namoota duʼaniif deebisanii jireenya akka kennan humna kenneeraaf. Namoonni duʼaa kaʼan sun yeroo booda deebiʼanii akka duʼan beekamaa dha. Taʼus seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kun wanta dinqisiisaa gara fuulduraatti raawwatamu nutti argisiisu.

      22 Jannata keessatti Yesuus ‘duʼaa kaʼuu fi jireenya’ taʼuudhaan gaʼee isaa raawwata. (Yohaannis 11:25) Namoota miliyoona hedduu taʼan duʼaa kaasuudhaan, lafa Jannata taatu irra bara baraaf akka jiraatan carraa isaanii kenna. (Yohaannis 5:28, 29) Michoonnii fi firoottan yeroo dheeraa dura duʼaan gargar baʼan, yommuu gammachuudhaan wal hammatan haalli isaa maal akka fakkaatu mee yaadi! Ilmaan namootaa hundi, humna Yihowaan iddootti deebisuuf qabuuf isa jajatu.

      23. Karaan humni Yihowaa itti mulʼate inni guddaan maali dha? Kun hoo abdii keenya kan nuu mirkaneessu akkamitti?

      23 Yihowaan abdiin kun akka raawwatamu nuu mirkaneesseera. Ilma isaa Yesuusiin uumama hafuuraa humna guddaa qabu godhee duʼaa kaasuu fi aangoo maleekota hunda irra caalu isaaf kennuudhaan, karaa hunda irra caaluun humna isaa argisiiseera. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, namoota dhibbaan lakkaaʼamanitti mulʼateera. (1 Qorontos 15:5, 6) Kun, namoota abdii duʼaa kaʼuutti hin amanneef illee ragaa quubsaa dha. Yihowaan deebisee jireenya kennuuf humna qaba.

      24. Yihowaan namoota duʼan akka kaasu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Hundi keenya abdiin inni kam yommuu raawwatamu arguuf carraaquu qabna?

      24 Yihowaan warra duʼaniif deebisee jireenya kennuuf humna qofa utuu hin taʼin fedhiis qaba. Nama amanamaa kan ture Iyyoob, Yihowaan namoota duʼan kaasuuf akka yaadu ykn akka hawwu dubbateera. (Iyyoob 14:15) Maarree, Waaqa keenya isa humna iddootti deebisuu qabuu fi humna isaa kana jaalalaan fayyadamuuf hawwutti dhihaachuu hin barbaadduu? Taʼus duʼaa kaasuun, hojiiwwan guguddaa Yihowaan iddootti deebisuuf raawwatu keessaa tokko qofa akka taʼe yaadadhu. Yeroo kam iyyuu caalaa Yihowaatti dhihaachuudhaan, abdiin inni ‘wantoota hundumaa haaraa gochuuf’ kenne yommuu raawwatamu namoota argan keessaa tokko taʼuuf carraaqi.—Mulʼata 21:5.

      a ‘Wanti hundi haareffamuu’ kan jalqabe, yommuu Mootummaan Masiihichaa inni sanyii Daawit Mootichaatiin geggeeffamu hundeeffametti ture. Yihowaan, Daawitiif dhaaltuun isaa bara baraaf akka bulchu waadaa galee ture. (Faarfannaa 89:35-37) Baabilon Dh.K.D. bara 607​tti Yerusaalemiin erga balleessitee booda garuu, sanyii Daawit keessaa namni teessoo Waaqayyoo irra taaʼe hin jiru. Yesuus inni dhaaltuu Daawit taʼee lafa irratti dhalate, yommuu samii irratti teessoo irra taaʼetti Mootii isa yeroo dheeraaf eegamaa ture sana taʼeera.

      b Fakkeenyaaf, Musee, Isaayyaas, Ermiyaas, Hisqiʼel, Hoseʼaa, Yooʼel, Amoos, Obaadiyaa, Miikiyaasii fi Sefaaniyaan waaʼee kanaa raajii dubbataniiru.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • 2 Mootota 5:1-15 Namni bara durii tokko amala gad of qabu qabaachuu isaatiin, humna Yihowaan iddootti deebisuuf qabu irraa kan fayyadame akkamitti?

      • Iyyoob 14:12-15 Iyyoob amantii akkamii qaba ture? Caqasoonni kun abdii qabnu kan nuu jabeessan akkamitti?

      • Faarfannaa 126:1-6 Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman waaqeffannaa qulqulluun iddootti deebiʼuu isaatiifis taʼe, gaʼee achi keessatti qabaniif maaltu isaanitti dhagaʼama?

      • Roomaa 4:16-25 Humna Yihowaan haaressuuf qabutti amanuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • ‘Kiristoos Humna Waaqayyoo Ti’
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Yesuus halkan dukkana keessa Galaana Galiilaa obomboleettiin raafamu irra deemaa jira.

      BOQONNAA 9

      ‘Kiristoos Humna Waaqayyoo Ti’

      1-3. (a) Barattoonni Yesuus Galaana Galiilaa irratti haala sodaachisaa akkamiitu isaan mudate? Yeroo kanatti Yesuus maal godhe? (b) Phaawulos ‘Kiristoos humna Waaqayyoo ti’ jechuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?

      BARATTOONNI Yesuus baayʼee sodaataniiru. Bidiruudhaan Galaana Galiilaa utuu ceʼaa jiranii akka tasaa obomboleettii cimaan ni kaʼe. Sana duras, galaana kana irratti obomboleettii arganii akka beekan hin shakkisiisu; kana malees isaan keessaa tokko tokko qurxummii qabuu irratti muuxannoo qabu.a (Maatewos 4:18, 19) Haa taʼu malee, kun “obomboleettii hamaa” waan taʼeef, yeruma sana galaanicha jeequu jalqabe. Namoonni kun bidiruu sana toʼachuuf kan carraaqan taʼus obomboleettichi humnaa ol isaanitti taʼe. “Dambaliin bishaanii bidiruu sanatti rukutamuu waan jalqabeef” bidirichi bishaaniin guutamuu jalqabe. Yesuus guyyaa guutuu namoota hedduu barsiisaa waan ooleef dadhabee kutaa duuba bidiruu sanaa keessa rafee ture; kanaafuu, waca isaanii hin dhageenye. Barattoonni lubbuu isaaniitiif waan sodaataniif, hirribaa isa kaasanii, “Yaa Gooftaa, dhumuuf jenna, nu oolchi!” jedhanii isa kadhatan.—Maarqos 4:35-38; Maatewos 8:23-25.

      2 Yesuus garuu hin sodaanne. Kanaa mannaa amanannaa guddaadhaan, “Cal jedhi! Gab jedhi!” jedhee bubbee sanaa fi galaanicha ifate. Yeruma sana bubbeen sunii fi galaanichi Yesuusiif ajajamuudhaan cal jedhan; “tasgabbii guddaanis ni taʼe.” Yeroo kanatti barattoonni isaa baayʼee sodaatan. “Kun dhuguma eenyu?” waliin jedhan. Dhuguma iyyuu, akka nama mucaa amala hin qabne ifatuutti bubbee fi galaana ifachuu kan dandaʼu nama akkamiiti?—Maarqos 4:39-41; Maatewos 8:26, 27.

      3 Haa taʼu malee Yesuus nama addaa ture. Humni Yihowaa karaa adda taʼeen isa irrattii fi karaa isaa mulʼateera. Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee, ‘Kiristoos humna Waaqayyoo ti’ jechuun isaa sirriidha. (1 Qorontos 1:24) Humni Waaqayyoo karaa Yesuus kan mulʼate haala akkamiitiini? Akkaataan Yesuus humna kanatti fayyadamu hiika maalii nuuf qaba?

      Humna Ilma Waaqayyoo Isa Tokkichaa

      4, 5. (a) Yihowaan Ilma isaa tokkichaaf humnaa fi aangoo akkamii kenneera? (b) Ilmi kun kaayyoo Abbaan isaa uumuuf baase raawwachuuf humna kan argate akkamitti?

      4 Yesuus nama taʼuu isaa dura humna akkamii akka qabu mee yaadi. Yihowaan, Ilma isaa tokkicha isa yeroo booda Yesuus Kiristoos jedhame yommuu uume, “humna isaa isa bara baraa” fayyadameera. (Roomaa 1:20; Qolosaayis 1:15) Sana booda, Yihowaan Ilma isaatiif humnaa fi aangoo hammana hin jedhamne kennuudhaan, hojii uumuu irratti akka hirmaatu godheera. Ilma isaa kana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Wanti hundi karaa isaa taʼe; wanta taʼe keessaas isa malee wanti taʼe tokko illee hin jiru” jedha.—Yohaannis 1:3.

      5 Hojiin kun hangam guddaa akka ture guutummaatti hubachuu hin dandeenyu. Maleekota jajjaboo miliyoonaan lakkaaʼaman, uumama cufa gaalaaksiiwwan biliyoonaan lakkaaʼaman qabate, akkasumas lafaa fi lubbu qabeeyyii gosa hedduu ishii irratti argaman uumuuf humni hammamii akka barbaachise mee yaadi. Ilmi Waaqayyoo inni Tokkichi wantoota kana raawwachuuf humna uumama cufa keessatti hunda irra caalu, jechuunis hafuura qulqulluu qaba ture. Ilmi kun, Hojjetaa Dandeettii Qabu isa Yihowaan wantoota hunda uumuuf itti fayyadamu taʼuuf mirga argachuu isaatti ni gammada ture.—Fakkeenya 8:22-31.

      6. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, humnaa fi aangoo akkamiitu kennameef?

      6 Ilmi Waaqayyoo tokkichi, sana booda humnaa fi aangoo dabalataa argateeraa? Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera” jedheera. (Maatewos 28:18) Eeyyee, Yesuus aangoo uumama cufa irratti qabu akka fayyadamuuf dandeettii fi mirgi isaaf kennameera. “Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa” waan taʼeef, “bulchiinsa hunda, akkasumas aangoo fi humna hundumaa,” jechuunis qaamota ijaan argamanis taʼe ijaan hin argamnee fi Abbaa isaa morman hunda akka balleessu aangoon isaaf kennameera. (Mulʼata 19:16; 1 Qorontos 15:24-26) Yihowaan ofii isaa irraan kan hafe, “wanti isaaf hin bitamne tokko illee akka hin jiraanne godheera.”—Ibroota 2:8; 1 Qorontos 15:27.

      7. Yesuus humna Yihowaan isaaf kennetti karaa sirrii hin taaneen akka hin fayyadamne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

      7 Yesuus humna qabutti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu dandaʼa jennee sodaachuu qabnaa? Matumaa sodaachuu hin qabnu! Yesuus Abbaa isaa garaadhaa waan jaallatuuf, gonkumaa wanta isa gaddisiisu hin raawwatu. (Yohaannis 8:29; 14:31) Yesuus, Yihowaan humna isaa isa hunda irra caalu karaa sirrii hin taaneen akka hin fayyadamne beeka. Yesuus, Yihowaan “warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef jabina isaa argisiisuuf” carraa akka barbaadu argeera. (2 Seenaa Baraa 16:9) Akkuma Abbaa isaa ilmaan namootaa waan jaallatuuf, yeroo hunda humna isaatti kan fayyadamu waan gaarii gochuuf akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Yohaannis 13:1) Yesuus gama kanaan seenaa gaarii galmeessiseera. Mee amma yommuu lafa irra ture humna akkamii akka qabuu fi humna isaa kana akkamitti akka fayyadame haa ilaallu.

      “Dubbiidhaan . . . Aango Qabeessa”

      8. Yesuus erga dibamee booda maal gochuuf humna argate? Humna isaatti kan fayyadame hoo akkamitti?

      8 Yesuus yeroo mucaa xinnoo taʼee Naazireet keessa turetti dinqii akka hin raawwanne haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Haa taʼu malee, Dh.K.B. bara 29​tti umurii isaa gara waggaa 30​tti erga cuuphamee kaasee dinqii raawwachuu jalqabeera. (Luqaas 3:21-23) Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo hafuura qulqulluu fi humnaan . . . akka isa dibe, akkasumas . . . wanta gaarii hojjechaa fi namoota Diyaabilosiin cunqurfaman hundumaa fayyisaa biyyattii keessa akka naannaʼe” ni ibsa. (Hojii Ergamootaa 10:38) Yesuus “wanta gaarii hojjechaa” akka ture ibsamuun isaa, humna isaatti karaa sirrii taʼeen akka fayyadamu kan argisiisu mitii? Yesuus erga dibamee booda, “hojii fi dubbiidhaan raajii aango qabeessa” taʼeera.—Luqaas 24:19.

      9-11. (a) Yesuus yeroo baayʼee eessatti barsiisa ture? Haala akkamiitiin barsiisuu qaba ture? (b) Namoonni barumsa Yesuus kan dinqisiifatan maaliifi?

      9 Yesuus dubbiidhaan aango qabeessa kan taʼe akkamitti? Yeroo baayʼee namoota kan barsiisu alatti, jechuunis qarqara galaanaatti, gaara biratti, karaa irrattii fi bakka gabaatti ture. (Maarqos 6:53-56; Luqaas 5:1-3; 13:26) Dubbiin isaa yoo isaanitti toluu baate dhaggeeffattoonni isaa isa dhiisanii deemuu dandaʼu turan. Bara kitaabonni maxxanfaman hin jirre sanatti, dhaggeeffattoonni isaa warri dinqisiifannaa qaban barumsa isaa sammuu fi garaa isaaniitti qabachuu qabu turan. Kanaaf, barumsi Yesuus xiyyeeffannaa namaa kan harkisu, akka gaariitti kan hubatamuu fi salphaatti kan yaadatamu taʼuu qaba. Kana gochuun garuu Yesuusiif ulfaataa hin turre. Mee Lallaba isaa Isa Gaaraa akka fakkeenyaatti ilaali.

      10 Jalqaba Dh.K.B. bara 31​tti gaaf tokko ganama, namoonni hedduun gaara Galaana Galiilaa bira jiru tokko jalatti wal gaʼan. Isaan keessaa tokko tokko magaalota Yihudaa fi Yerusaalem kiilomeetira 100 hanga 110 fagaatan irraa kan dhufan turan. Warri kaan immoo naannoo qarqara galaanaa Xiirosii fi Siidoon warra kallattii kaabaatti argaman irraa dhufan. Namoonni dhukkubsatan hedduun Yesuusiin tuquuf isatti dhihaatu turan, innis hunda isaanii fayyiseera. Namoonni hundi erga fayyanii booda isaan barsiisuu jalqabe. (Luqaas 6:17-19) Achiis yeroo muraasa booda yommuu inni barsiisee xumuru, namoonni sun wanta dhagaʼan ni ajaaʼibsiifatan. Maaliifi?

      11 Namni lallaba sana dhagaʼe tokko waggoota muraasa booda, “Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan; sababiin isaas, inni . . . akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisaa ture” jedhee barreesseera. (Maatewos 7:28, 29) Yesuus dubbiidhaan aango qabeessa akka taʼe warri kaan hubachuu dandaʼaniiru. Waaqayyoon bakka buʼee dubbata, barumsi isaas Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe ture. (Yohaannis 7:16) Wanti inni dubbatu ifaa, gorsi isaa kan nama amansiisuu fi ragaan inni dhiheessus kan hin haalamne ture. Dhaggeeffattoonni isaa madda rakkina isaanii akka hubatan isaan gargaareera, akkasumas akka of gamaaggaman isaan jajjabeesseera. Gammachuu argachuu, kadhannaa dhiheessuu, Mootummaa Waaqayyoo barbaaduu fi egeree amansiisaa qabaachuu akkamitti akka dandaʼan isaan barsiiseera. (Maatewos 5:3–7:27) Dubbiin isaa namoota dhugaa fi qajeelummaa dheebotan dammaqseera. Namoonni kun isa duukaa buʼuuf jecha ‘of ganuu’ fi waan hundumaa dhiisuuf fedhii qabu turan. (Maatewos 16:24; Luqaas 5:10, 11) Kun dubbiin Yesuus humna guddaa akka qabu kan argisiisu mitii?

      ‘Hojiidhaan Aango Qabeessa’

      12, 13. Yesuus ‘hojiidhaan aango qabeessa’ kan ture akkamitti? Dinqiiwwan gara garaa akkamii raawwate?

      12 Yesuus ‘hojiidhaanis aango qabeessa’ ture. (Luqaas 24:19) Wangeelonni, Yesuus dinqiiwwan 30 ol akka raawwate ibsu; hundi isaanii iyyuu ‘humna Yihowaatiin’ raawwataman.b (Luqaas 5:17) Dinqiiwwan Yesuus raawwate namoota kumaan lakkaaʼaman fayyadaniiru. Mee dinqiiwwan inni raawwate lama haa ilaallu; takka dhiirota 5,000 booda immoo dhiirota 4,000 sooreera. Dubartoonnii fi ijoolleen yoo itti dabalaman immoo namoonni kun kuma hedduu taʼu.—Maatewos 14:13-21; 15:32-38.

      13 Yesuus dinqiiwwan adda addaa hedduu raawwateera. Jinniiwwan irratti aangoo waan qabuuf, salphumatti isaan baaseera. (Luqaas 9:37-43) Qaamota lubbu dhabeeyyii irratti aangoo waan qabuuf bishaan daadhii wayiniitti jijjiireera. (Yohaannis 2:1-11) Barattoonni isaa ‘Yesuus galaana irra utuu deemuu’ yeroo argan hangam akka gammadan mee yaadi. (Yohaannis 6:18, 19) Namoota hirʼina qaamaa qabanii fi dhukkuba ciccimoo gara garaa hunda fayyisuudhaan, dhukkuba irratti aangoo akka qabu argisiiseera. (Maarqos 3:1-5; Yohaannis 4:46-54) Dinqiiwwan fayyisuu kana kan raawwate karaa adda addaatiin ture. Namoota tokko tokko fagoo taaʼee fayyise; kaan immoo harkaan qaqqabee fayyise. (Maatewos 8:2, 3, 5-13) Namoonni tokko tokko takkumaan fayyan; kaan immoo suuta suuta fayyan.—Maarqos 8:22-25; Luqaas 8:43, 44.

      ‘Yesuus galaana irra utuu deemuu argan’

      14. Yesuus, namoota duʼaa kaasuuf humna akka qabu kan argisiise haalawwan adda addaa akkamii keessatti ture?

      14 Hunda caalaa kan nama dinqisiisu immoo, Yesuus duʼa irratti aangoo qaba. Haala adda addaa sadii keessatti namoota duʼaa kaaseera; intala umurii waggaa 12 tokko kaasee warra ishiitiif kenneera, ilma tokkicha dubartii abbaan mana irraa duʼee kaaseera, akkasumas obboleessa isaanii jaallatan tokko obboleettota isaatiif kaaseera. (Luqaas 7:11-15; 8:49-56; Yohaannis 11:38-44) Wanti isatti ulfaate tokko illee hin turre. Intala waggaa 12 sana, duutee utuma baayʼee hin turin, utuu siree ishii irra jirtu duʼaa kaaseera. Ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼe sanaa, tarii guyyuma duʼe sanatti taʼuu dandaʼa, utuu awwaaluuf baatanii deemanii kaaseera. Alaazaariin immoo erga duʼee guyyaa afur booda awwaala keessaa isa kaaseera.

      Yeroo Hundumaa Humna Isaa Karaa Sirrii Taʼeen Wanta Sirrii Taʼe Raawwachuuf Fayyadama

      15, 16. Yesuus faayidaa isaatiif humna isaatti akka hin fayyadamne wanti argisiisu maali dha?

      15 Humni Yesuus qabu, bulchaa cubbamaa taʼe tokkoof utuu kennamee rakkinni hammamii uumamuu akka dandaʼu mee yaadi. Yesuus garuu cubbuu irraa bilisa dha. (1 Pheexiros 2:22) Amaloota akka ofittummaa, kooraa fi sassataa warra namoonni cubbamoo taʼan humna isaaniitti fayyadamanii warra kaan akka miidhan godhaniin hin moʼamne.

      16 Yesuus faayidaa isaatiif humna isaatti fayyadamuu irraa of qusachuudhaan ofittoo akka hin taane argisiiseera. Yeroo beelaʼetti, dhagaa gara daabbootti jijjiiree nyaachuu irraa of qusateera. (Maatewos 4:1-4) Sooressa kan hin turre taʼuun isaa, humna isaatti fayyadamee qabeenya argachuuf akka hin yaalle argisiisa. (Maatewos 8:20) Hojii aango qabeessa kan raawwate fedhii ofittummaatiin kakaʼee akka hin taane ragaawwan argisiisan kan biroonis jiru. Yesuus yommuu dinqii raawwatu hamma tokko aarsaa ni kaffala ture. Namoota dhukkubsatan yommuu fayyisu, humni isa keessaa ni baʼa ture. Yeroo nama tokko fayyisetti illee humni akka isa keessaa baʼe hubateera. (Maarqos 5:25-34) Taʼus, namoonni hedduun akka isa tuqan heyyameera; yeroo kanatti hundi isaanii fayyaniiru. (Luqaas 6:19) Kun amala ofittummaa irraa walaba taʼe mitii?

      17. Yesuus yeroo humna isaatti fayyadamu amanamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

      17 Yesuus amanamummaadhaan humna isaatti fayyadamaa ture. Warri kaan akka isaaf argan jedhee ykn kaayyoo malee dinqii raawwatee hin beeku. (Maatewos 4:5-7) Yesuus hawwii dogoggoraa Heroodis qabu guutuuf jecha dinqii raawwachuu dideera. (Luqaas 23:8, 9) Aangoo isaa beeksifachuu mannaa, yeroo baayʼee namoonni inni fayyise wanta isaaniif godhe warra kaanitti akka hin dubbanne isaan ajaja ture. (Maarqos 5:43; 7:36) Namoonni, oduu dinqii akka raawwate dubbatamu qofa irratti hundaaʼanii Masiihii taʼuu isaa akka amanan hin barbaanne.—Maatewos 12:15-19.

      18-20. (a) Yesuus karaa namoota fayyaduun humna isaatti kan fayyadame maaliifi? (b) Akkaataa Yesuus nama gurri isaa hin dhageenye tokko itti fayyise ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

      18 Yesuus inni humna qabeessa taʼe, bulchitoota humna isaanii karaa warra kaaniif akka hin yaanne ykn rakkina isaaniitiif dantaa akka hin qabne argisiisuun fayyadaman irraa adda ture. Yesuus namootaaf ni yaada ture. Namoota rakkatan yommuu argetti illee baayʼee gaddeera, kun immoo rakkina isaanii irraa isaan furuuf isa kakaasa ture. (Maatewos 14:14) Miira isaanii fi wanta isaan barbaachisuuf waan yaaduuf, karaa isaan fayyaduun humna isaatti fayyadameera. Yaanni Maarqos 7:31-37 irratti argamu kanaaf fakkeenya gaarii taʼa.

      19 Yeroo kanatti namoonni baayʼeen Yesuusiin arganii namoota dhukkubsatan hedduu gara isaatti fidan, innis hunda isaanii ni fayyise. (Maatewos 15:29, 30) Haa taʼu malee, Yesuus isaan keessaa nama tokkoof xiyyeeffannaa addaa kenne. Namichi gurri isaa hin dhagaʼu, arrabni isaas hidhamaa ture. Yesuus namni kun akka sodaate ykn akka qaanaʼe kan hubate fakkaata. Waan isaaf yaadeef, namicha tuuta sana keessaa kophaatti baase. Achiis, Yesuus wanta isaaf gochuuf jedhu mallattoodhaan ibseef. Sana booda, “quba isaa gurra namichaa keessa galche; erga tufee boodas arraba namichaa tuqe.”c (Maarqos 7:33) Sana booda, Yesuus gara samii ilaalaa kadhate. Akkas gochuun isaa namichaaf, ‘Wantan sii gochuuf jedhu kana kanan godhu humna Waaqayyootiini’ ergaa jedhu dabarsa ture. Dhuma irrattis Yesuus, “Banami” jedhe. (Maarqos 7:34) Yeroo kanatti gurri namichaa ni baname; akkasumas akka gaariitti dubbachuu jalqabe.

      20 Yesuus namoota dhukkubsatan fayyisuuf humna Waaqayyo isaaf kennetti yommuu fayyadamu illee, miira isaaniitiif akka yaadu beekuun baayʼee nama hin gammachiisuu? Yihowaan, Mootummaa Masiihichaa, Bulchaa gara laafessaa fi namaaf yaadu kanatti akka kenne beekuun nama hin jajjabeessuu?

      Wantoota Gara Fuulduraatti Raawwataman Kan Argisiisu

      21, 22. (a) Dinqiiwwan Yesuus raawwate maal argisiisu? (b) Yesuus humnoota uumamaa toʼachuu dandaʼuun isaa, bulchiinsa Mootummaa isaa jalatti maal akka raawwatu argisiisa?

      21 Hojiiwwan aango qabeessi Yesuus lafa irratti hojjete, wantoota guguddaa yommuu mootii taʼee bulchu raawwatu argisiisu. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti, Yesuus guutummaa lafaa irratti dinqii raawwata! Mee wantoota dinqisiisoo gara fuulduraatti raawwataman tokko tokko ilaali.

      22 Yesuus lafa miidhaan irra gaʼe deebisee haaromsa. Obomboleettii cimaa cal jechisiisuudhaan humnoota uumamaa toʼachuu akka dandaʼu argisiisee akka ture yaadadhu. Kanaaf, bulchiinsa Mootummaa Kiristoos jalatti ilmaan namootaa obomboleettiin, kirkirri lafaa, dhoʼiinsi volkaanoo ykn balaan uumamaa kan biraan nu irra gaʼa jedhanii hin sodaatan. Yesuus Hojjetaa Dandeettii Qabu isa Yihowaan lafaa fi lubbu qabeeyyii lafa irratti argaman hunda uumuuf itti fayyadame waan taʼeef, uumama lafaa akka gaariitti beeka. Qabeenya ishiitti karaa sirrii taʼeen fayyadamuun akkamitti akka dandaʼamu beeka. Bulchiinsa isaa jalatti guutummaan lafaa gara Jannataatti ni jijjiiramti.—Luqaas 23:43.

      23. Yesuus aangoo Mootii taʼuudhaan qabu fayyadamee fedhii ilmaan namootaa kan guutu akkamitti?

      23 Wantoota namootaaf barbaachisan hoo guutuu ni dandaʼaa? Yesuus nyaata xinnootti fayyadamee namoota kumaan lakkaaʼaman quubsuuf dandeettii qabaachuun isaa, bulchiinsi isaa beela akka balleessu nuu mirkaneessa. Eeyyee, nyaanni hedduun wal qixa waan raabsamuuf bara baraaf beelli hin jiraatu. (Faarfannaa 72:16) Yesuus dhukkuba irratti aangoo qabaachuun isaa, namoonni dhukkubsatan, warri qaro hin qabne, warri gurri isaanii hin dhageenye, warri qaamni isaanii hirʼatee fi warri naafti bara baraaf guutummaatti akka fayyan argisiisa. (Isaayyaas 33:24; 35:5, 6) Kana malees, namoota duʼaa kaaseera, kanaafuu Mootii samii aangoo guddaa qabu waan taʼeef, namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi Abbaan isaa isaan yaadatu duʼaa ni kaasa.—Yohaannis 5:28, 29.

      24. Humna Yesuus irratti yommuu xiinxallu maal yaadachuu qabna? Maaliifi?

      24 Humna Yesuus irratti yommuu xiinxallu, Ilmi kun fakkeenya Abbaa isaa guutummaatti akka calaqqise yaadachuu qabna. (Yohaannis 14:9) Kanaaf, akkaataan Yesuus humna isaatti fayyadamu, Yihowaan humna isaatti akkamitti akka fayyadamu nuu ibsa. Fakkeenyaaf, Yesuus nama dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko yommuu fayyise gara laafina akkamii akka argisiise ilaali. Yesuus baayʼee isaaf gaddee namicha erga qaqqabee booda, “Nan fedha!” jedheen. (Maarqos 1:40-42) Yihowaan seenaawwan akkasiitti fayyadamee, ‘Humna kootti akkasittan fayyadama!’ nuun jechaa jira. Waaqni keenya inni hundumaa dandaʼu humna isaatti jaalalaan kan fayyadamu taʼuun isaa akka isa jajattuu fi akka isa galateeffattu si hin kakaasuu?

      a Galaana Galiilaa irratti yeroo baayʼee obomboleettiin ni kaʼa. Galaanichi (sirrii galaanaa gaditti meetira 200) gad buʼaa waan taʼeef qilleensi isaa qilleensa naannoo sanaa caalaa hoʼaadha; kun immoo haalli qilleensaa akka jeeqamu godha. Qilleensi cimaan Gaara Hermoon isa kallattii kaabaatti argamu irraa gara Sulula Yordaanositti ni qilleensaʼa. Kanaan kan kaʼes qilleensi tasgabbaaʼaan aluma takkaatti gara obomboleettii jabaatti jijjiirama.

      b Kana malees, yeroo tokko tokko Yesuus dinqiiwwan hedduu kan raawwate taʼus, wangeelonni dinqii tokko qofa akka raawwate gabaasu. Fakkeenyaaf, yeroo tokko “namoonni magaalattii hundi” isa ilaaluuf kan dhufan yeroo taʼu, innis namoota dhukkubsatan “hedduu” fayyiseera.—Maarqos 1:32-34.

      c Yihudootaa fi saboota kaan biratti hancufa tufuun mallattoo fayyisuu akka taʼetti beekama; akkasumas barreeffamoonni warra rabbii waaʼee hancufaan fayyisuu ni dubbatu. Yesuus hancufa kan tufe, namichi fayyifamuuf akka jedhu isaaf ibsuu waan barbaadeef taʼuu dandaʼa. Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, Yesuus namicha fayyisuuf hancufa isaa akka qorichaatti hin fayyadamne.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • Isaayyaas 11:1-5 Yesuus ‘hafuura jabinaa’ akka qabu kan argisiise akkamitti? Kanaafuu bulchiinsa isaa irratti amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?

      • Maarqos 2:1-12 Yesuus dinqiidhaan fayyisuun isaa aangoon akkamii akka isaaf kenname argisiisa?

      • Yohaannis 6:25-27 Yesuus dinqiidhaan fedhii qaamaa namootaa kan guute taʼus, kaayyoon tajaajilaa isaa inni guddaan maal ture?

      • Yohaannis 12:37-43 Namoonni dinqii Yesuus raawwate argan tokko tokko utuu isatti hin amanin kan hafan maaliif ture? Nuti hoo kana irraa maal baranna?

  • Humna Keessan Fayyadamuu Irratti ‘Waaqayyoon Kan Fakkaattan Taʼaa’
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • Dhugaa Baatonni lama mana ishiitti dubartii takkaaf lallabaa jiru.

      BOQONNAA 10

      Humna Keessan Fayyadamuu Irratti ‘Waaqayyoon Kan Fakkaattan Taʼaa’

      1. Ilmaan namootaa cubbamoota taʼan salphumatti kiyyoo akkamiitiin qabamuu dandaʼu?

      BARREESSAAN TOKKO akkas jedhee ture: “Namni tokko yeroo aangoo qabaatu rakkina uumuun isaa hin oolu.” Rakkina akkamii? Aangoon salphumatti wanta sirrii hin taaneef ooluu dandaʼa. Kan nama gaddisiisu ilmaan namootaa cubbamoota taʼan salphumatti kiyyoo kana keessatti kufu. Dhuguma iyyuu, seenaa ilmaan namootaa keessatti, “namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee” akka taʼe mulʼateera. (Lallaba 8:9) Jaalala utuu hin qabaatin aangootti fayyadamuun, ilmaan namootaa irratti rakkina hangana hin jedhamne geessiseera.

      2, 3. (a) Akkaataa Yihowaan humna isaatti fayyadamu ilaalchisee wanti nama ajaaʼibsiisu maali dha? (b) Humni keenya maalfaa dabalata? Humna keenya kanatti akkamitti fayyadamuu qabna?

      2 Taʼus, Yihowaan inni humna hammana hin jedhamne qabu, matumaa karaa sirrii hin taaneen humna isaatti kan hin fayyadamne taʼuun isaa nama hin ajaaʼibsiisuu? Akkuma boqonnaawwan darban irratti ilaalle, Yihowaan humna uumuuf, balleessuuf, eeguu fi haaressuuf qabu, yeroo hunda kaayyoo isaa isa jaalala irratti hundaaʼee wajjin haala wal simuun fayyadama. Akkaataa humna isaatti fayyadamu irratti xiinxaluun keenya isatti dhihaachuuf nu kakaasa. Isatti dhihaachuun keenya immoo, akkaataa humna keenyatti fayyadamnuun, ‘Waaqayyoon fakkaachuuf’ nu kakaasuu dandaʼa. (Efesoon 5:1) Haa taʼu malee, nuti namoonni dadhaboo taane humna akkamii qabna?

      3 Namni “akka bifa Waaqayyootti,” akkasumas akka fakkaattii isaatti akka uumame yaadadhu. (Uumama 1:26, 27) Kanaaf, nutis hamma tokko humna qabna jechuu dha. Humni keenya, dandeettii wantoota tokko tokko raawwachuuf qabnu; warra kaan toʼachuu ykn isaan irratti aangoo qabaachuu; warra kaan irratti keessumaa immoo warra nu jaallatan irratti dhiibbaa geessisuu; jabina qaamaa ykn qabeenya qabnu dabalata. Faarfatichi Yihowaa ilaalchisee, “Ati madda jireenyaa ti” jedheera. (Faarfannaa 36:9) Kanaaf, kallattiidhaanis taʼe al kallattiidhaan, humni qabnu hundi Waaqayyo biraa kan argame dha. Kanaafuu, karaa isa gammachiisuun itti fayyadamuu barbaanna. Kana gochuu kan dandeenyu garuu akkamitti?

      Jaalalli Barbaachisaa dha

      4, 5. (a) Humna keenyatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuuf amalli barbaachisaan isa kami? Gama kanaan Waaqayyo fakkeenya kan taʼe akkamitti? (b) Jaalalli humna keenyatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuuf kan nu gargaaru akkamitti?

      4 Karaa sirrii taʼeen humnatti fayyadamuuf jaalalli barbaachisaadha. Gama kanaan Waaqayyo fakkeenya nuuf taʼa. Amalawwan Waaqayyoo warra guguddaa, jechuunis humna, haqa, ogummaa fi jaalala ilaalchisee wanta Boqonnaa 1 irratti baranne yaadadhu. Amalawwan isaa arfan keessaa inni hunda irra caalu isa kami? Jaalala. Yohaannis Tokkoffaa 4:8, “Waaqayyo jaalala” jedha. Eeyyee, amalli Yihowaa inni guddaan jaalala; wanti inni godhu hundi amala kana irratti hundaaʼa. Kanaaf, Yihowaan yeroo hunda humna isaatti kan fayyadamu jaalalaan kakaʼee ti; kun immoo namoota isa jaallataniif faayidaa guddaa argamsiisa.

      5 Jaalalli nutis humna keenyatti karaa sirrii taʼeen akka fayyadamnu nu gargaara. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, jaalalli ‘gaarummaa ni argisiisa, faayidaa mataa isaa qofas hin barbaadu’ jedha. (1 Qorontos 13:4, 5) Kanaaf jaalala kan qabnu yoo taʼe namoota hamma tokko aangoo isaan irratti qabnutti garaa hin jabaannu ykn hin hammaannu. Kanaa mannaa, ulfinaan isaan qabna, akkasumas kan ofii keenyaa caalaa wanta isaan barbaachisuu fi miira isaaniif of eegganna.—Filiphisiyus 2:3, 4.

      6, 7. (a) Waaqayyoon sodaachuu jechuun maal jechuu dha? Amalli kun humna keenya karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu irraa kan nu eegu akkamitti? (b) Waaqayyoon akka hin gaddisiisne sodaachuu fi isa jaallachuu gidduu walitti dhufeenya jiru fakkeenyaan ibsi.

      6 Jaalalli amala humna keenya karaa sirrii hin taaneen akka hin fayyadamne nu eegu kan biraa wajjin wal qabata: Innis Waaqayyoon sodaachuu dha. Amalli kun akkamitti nu gargaara? Fakkeenyi 16:6, “Namnis Yihowaa sodaachuudhaan wanta hamaa irraa ni fagaata” jedha. Humna keenyatti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun, wanta hamaa irraa fagaachuu qabnu dha. Waaqayyoon sodaachuun namoota aangoo keenya jala jiran akka hin dararre nu godha. Akkamitti? Tokkoffaa, akkaataa namoota kana itti qabnu ilaalchisee Waaqayyo duratti akka itti gaafatamnu beekna. (Nahimiyaa 5:1-7, 15) Taʼus, Waaqayyoon sodaachuun kana caalaa waan dabalatu qaba. Afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen, jechi “sodaa” jedhu yeroo baayʼee Waaqayyoof ulfina guddaa fi dinqisiifannaa qabaachuu argisiisa. Kitaabni Qulqulluun sodaa, Waaqayyoon jaallachuu wajjin kan wal qabsiisu kanaafi. (Keessa Deebii 10:12, 13) Ulfinni guddaan akkasii adaba nu irra gaʼu sodaachuudhaan qofa utuu hin taʼin, garaadhaa Waaqayyoon jaallachuudhaan akka isa hin gaddisiisne sodaachuu dabalata.

      7 Kana fakkeenyaan ibsuuf, mee walitti dhufeenya gaarii mucaan xinnoon tokko abbaa isaa wajjin qabu yaadi. Mucichi abbaan isaa jaalala guddaa akka isaaf qabuu fi akka isaaf yaadu beeka. Wanta akka inni godhu barbaadus beeka; akkasumas balleessaa yoo raawwate akka isa adabu ni hubata. Mucichi abbaa isaa sodaatee hin romʼu. Kanaa mannaa, baayʼee isa jaallata. Mucaan kun wanta abbaa isaa gammachiisu raawwachuu ni jaallata. Waaqayyoon sodaachuunis kanaa wajjin wal fakkaata. Abbaa keenya isa samii Yihowaa waan jaallannuuf, wanta garaan isaa akka gaddu godhu akkamii iyyuu raawwachuu ni sodaanna. (Uumama 6:6) Kanaa mannaa garaa isaa gammachiisuu barbaanna. (Fakkeenya 27:11) Humna keenyatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu kan barbaannus kanaafi. Mee akkamitti kana gochuu akka dandeenyu gadi fageenyaan haa qorru.

      Maatii Keessatti

      8. (a) Abbootiin manaa maatii keessatti aangoo akkamii qabu? Aangoo isaanii kana hoo akkamitti itti fayyadamuu qabu? (b) Abbaan manaa tokko haadha manaa isaatiif ulfina akka kennu akkamitti argisiisuu dandaʼa?

      8 Mee dura haala maatii keessa jiru haa ilaallu. Efesoon 5:23, “Abbaan manaas mataa haadha manaa isaa ti” jedha. Abbaan manaa aangoo Waaqayyo isaaf kenne kanatti akkamitti fayyadamuu qaba? Kitaabni Qulqulluun, abbootiin manaa “beekumsaan” haadhotii manaa isaanii wajjin akka jiraatan, akkasumas haadhotii manaa isaanii ‘warra isaan caalaa akka qodaa cabuu taʼan kabajuu’ akka qaban dubbata. (1 Pheexiros 3:7) Jechi afaan Giriikii “ulfina” jedhamee hiikame, hiika “gatii, sona, . . . kabaja” jedhu qaba. Horteewwan jecha kanaa hiika, “kennaa” fi “gati jabeessa” jedhu qabu. (Hojii Ergamootaa 28:10; 1 Pheexiros 2:7) Abbaan manaa haadha manaa isaatiif ulfina kennu, matumaa ishii hin reebu, akkasumas ishii salphisuu ykn tuffachuudhaan gatii akka hin qabne akka ishiitti dhagaʼamu hin godhu. Kanaa mannaa, gatii guddaa ishiin qabdu hubachuudhaan ulfinaan ishii qaba. Jechaa fi gocha isaatiin kophaattis taʼe namoota duratti bakka guddaa akka kennuuf argisiisa. (Fakkeenya 31:28) Abbaan manaa akkasii jaalalaa fi ulfina haadha manaa isaa argata, hunda caalaa immoo Waaqayyo biratti fudhatama argata.

      Abbaan manaa fi haati manaa tokko harka wal qabatanii deemaa jiru.

      Abbaan manaa fi haati manaa jaalalaa fi ulfina waliif kennuudhaan, karaa sirrii taʼeen aangoo isaanitti fayyadamu

      9. (a) Haadhotiin manaa maatii keessatti aangoo akkamii qabu? (b) Haati manaa dandeettii ishiitti fayyadamtee abbaa manaa ishii akka deggertu kan ishii gargaaru maali dha? Kun hoo buʼaa akkamii ishiif argamsiisa?

      9 Haadhotiin manaas, maatii keessatti hamma tokko aangoo qabu. Kitaabni Qulqulluun dubartoonni Waaqayyoon sodaatan, abbaan manaa isaanii mataa maatii taʼuu isaa utuu hin dagatin, ofuma isaaniitiin kakaʼanii abbootii manaa isaanii irratti dhiibbaa gaarii geessisan ykn murtoo dogoggoraa akka hin goone isaan gargaaran akka jiran dubbata. (Uumama 21:9-12; 27:46–28:2) Tarii haati manaa tokko abbaa manaa ishii caalaa daftee waa hubachuu ykn dandeettii inni hin qabne kan biraa qabaachuu dandeessi. Haa taʼu malee, abbaa manaa ishiitiif “ulfina guddaa” qabaachuu fi ‘akkuma Gooftaadhaaf bitamtu isaafis bitamuu’ qabdi. (Efesoon 5:22, 33) Haati manaa tokko Waaqayyoon gammachiisuuf fedhii qabaachuun ishii, dandeettii ishii abbaa manaa ishii tuffachuuf ykn isa irratti gooftummaa qabaachuuf utuu hin taʼin, isa deggeruuf akka itti fayyadamtu ishii kakaasa. “Dubartiin dhugumaan ogeettii taate” akkasii, maaticha ijaaruuf abbaa manaa ishii wajjin tokkummaadhaan hojjetti. Kana gochuudhaan nagaa Waaqayyoo wajjin qabdu eegdee itti fufti.—Fakkeenya 14:1.

      10. (a) Waaqayyo warraaf aangoo akkamii kenneera? (b) Jechi “adabuu” jedhu hiika maalii qaba? Adabni akkamitti kennamuu qaba? (Miiljalees ilaali.)

      10 Waaqayyo warraafis aangoo kenneera. Kitaabni Qulqulluun, “Isin abbootiin, ijoollee keessan hin aarsinaa; kanaa mannaa, adabaa fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa” jedha. (Efesoon 6:4) Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “adabuu” jedhu, hiika “guddisuu, leenjisuu fi barsiisuu” jedhu qaba. Ijoolleef adabni ni barbaachisa; qajeelfamni ifa taʼe yoo isaanii kennamee fi daangaan yoo kaaʼameef tasgabbii qabaatu, akkasumas caalaatti bilchaatu. Kitaabni Qulqulluun, adaba ykn barumsa akkasii jaalalaa wajjin wal qabsiisee ibsa. (Fakkeenya 13:24) Kanaaf, “uleen adabaa” miira isaaniis taʼe qaama isaanii kan miidhu taʼuu hin qabu.a (Fakkeenya 22:15; 29:15) Warri gara jabinaan ijoollee isaanii adabuu hin qaban; adabni jaalala hin qabne akkas ijoolleen akka abdii kutatan godha. (Qolosaayis 3:21) Karaa biraa immoo warri ijoollee isaaniitiif adaba sirrii taʼe kennuun isaanii, akka isaan jaallatanii fi namoota gaarii akka taʼan akka barbaadan ijoollee hubachiisa.

      11. Ijoolleen humna isaaniitti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

      11 Ijoolleen hoo, humna isaaniitti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenyi 20:29, “Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti” jedha. Karaan hunda caalaa dargaggoonni humna isaaniitti fayyadamuu dandaʼan ‘Uumaa isaanii isa Guddaa’ tajaajiluu dha. (Lallaba 12:1) Dargaggoonni, gochi isaanii warra isaanii gammachiisuu ykn gaddisiisuu akka dandaʼu yaadachuu qabu. (Fakkeenya 23:24, 25) Ijoolleen warra isaanii Waaqayyoon sodaataniif ajajamuu fi karaa sirrii taʼe irra deemuun isaanii garaa warra isaanii ni gammachiisa. (Efesoon 6:1) Amalli akkasii “Gooftaa kan gammachiisu dha.”—Qolosaayis 3:20.

      Gumii Keessatti

      12, 13. (a) Jaarsoliin aangoo gumii keessatti qabaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? (b) Jaarsoliin, hoolota Yihowaa gaarummaadhaan qabuu kan qaban maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

      12 Yihowaan ilaaltota ol aanaa gumii Kiristiyaanaa dura buʼanii geggeessan kenneera. (Ibroota 13:17) Namoonni gaʼeessota taʼan kun, aangoo Waaqayyo isaaniif kennetti fayyadamanii gargaarsa barbaachisuu fi wanta nageenya hoolotaatiif gargaaru dhiheessu. Aangoon isaanii kun jaarsoliin obboloota isaanii irratti gooftaa akka taʼan isaaniif heyyamaa? Matumaa! Jaarsoliin, gaʼee gumii keessatti qabaniif ilaalcha sirrii qabaachuu qabu. (1 Pheexiros 5:2, 3) Kitaabni Qulqulluun, ‘gumii Waaqayyoo isa inni dhiiga Ilma isaatiin bite tiksee taʼaa eegaa’ jechuudhaan ilaaltota ol aanaa gorsa. (Hojii Ergamootaa 20:28) Sababiin inni guddaan jaarsoliin hoolota hunda gaarummaadhaan akka qaban isaan godhu kanadha.

      13 Yaada kana fakkeenya itti aanuun ibsuu dandeenya: Michuun kee tokko miʼa gatii guddaa qabu akka isaaf eegdu si gaafate haa jennu. Michuun kee kun miʼa sana gatii guddaadhaan akka bite beekta. Miʼa sana of eeggannoo guddaadhaan hin qabduu? Waaqayyos, qabeenya gatii guddaa qabu, jechuunis gumii miseensonni isaa hoolotatti fakkeeffaman akka kunuunsan jaarsoliif itti gaafatamummaa kenneera. (Yohaannis 21:16, 17) Yihowaan, hoolota isaa dhiiga Ilma isaa Yesuus Kiristoos isa gatii guddaa qabuun waan biteef baayʼee isaan jaallata. Yihowaan hoolota isaatiif kana caalaa gatii guddaa akkamii kaffaluu dandaʼa? Jaarsoliin gad of qaban kana yaadatti qabatanii hoolota Yihowaa kunuunsu.

      “Humna Arrabaa”

      14. Arrabni humna akkamii qaba?

      14 Kitaabni Qulqulluun, “Duutii fi jireenyi humna arrabaa keessa jiru” jedha. (Fakkeenya 18:21) Dhuguma iyyuu, arrabni badii guddaa geessisuu dandaʼa. Nu keessaa namni jecha utuu itti hin yaadamin dubbatameen ykn nama salphisuun miidhamee hin beekne jiraa? Haa taʼu malee arrabni fayyisuufis humna qaba. Fakkeenyi 12:18, “Arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa” jedha. Eeyyee, dubbiin nama jajjabeessuu fi qulqulluu taʼe, akkuma qorichaa kan nama fayyisu taʼuu dandaʼa. Fakkeenya tokko tokko ilaali.

      15, 16. Arraba keenyatti fayyadamnee warra kaan jajjabeessuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

      15 Tasalonqee Tokkoffaan 5:14, “warra dhiphatan akka jajjabeessinu” nu gorsa. Eeyyee, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan illee yeroo tokko tokko dhiphachuu dandaʼu. Namoota akkasii akkamitti gargaaruu dandeenya? Yihowaa duratti gatii akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu gochuuf, wanta raawwatan tokko caqasiitii garaadhaa isaan galateeffadhu. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu garaa namaa tuqanii fi Yihowaan namoota “garaan isaanii cabe,” akkasumas ‘hafuurri isaanii caccabeef’ garaadhaa akka yaaduu fi akka jaallatu ibsan caqasiif. (Faarfannaa 34:18) Warra kaan jajjabeessuuf yommuu humna arraba keenyaatti fayyadamnu, fakkeenya Waaqa keenya isa gara laafessa taʼee fi “warra gaddan jajjabeessu” hordofaa akka jirru argisiisna.—2 Qorontos 7:6.

      16 Humna arraba keenyaatti fayyadamnees yeroo barbaachisaa taʼutti warra kaan jajjabeessuu dandeenya. Obboleessi kee tokko nama jaallatu duʼaan dhabeeraa? Dubbiin akka isaaf gaddinu argisiisu nama kana jajjabeessuu dandaʼa. Obboleessi ykn obboleettiin maanguddoon tokko akka hin barbaadamne itti dhagaʼamaa jiraa? Dubbii nama jajjabeessu itti dubbachuun keenya, bakka guddaa akka qabanii fi akka dinqisiifataman akka itti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Namni dhukkuba cimaadhaan qabame jiraa? Yaanni gaariin bilbilaan, barreeffamaan ykn qaamaan dhaquudhaan dubbatamu nama kana jajjabeessuu dandaʼa. Humna arraba keenyaatti fayyadamnee “dubbii gaarii ijaaruuf gargaaru” yommuu dubbannu, Uumaan keenya baayʼee akka gammadu beekamaa dha!—Efesoon 4:29.

      17. Warra kaan gargaaruuf karaa barbaachisaa taʼe kamiin arraba keenyatti fayyadamuu dandeenya? Kana gochuu kan qabnu maaliifi?

      17 Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo warra kaanitti himuu caalaa, karaan humna arraba keenyaatti fayyadamuu dandeenyu kan biraan hin jiru. Fakkeenyi 3:27, “Gargaaruuf humna yoo qabaatte, warra isaan barbaachisuuf wanta gaarii hin dhowwatin” jedha. Misiraachoo lubbu baraaru kana warra kaanitti himuuf dirqamni nu irra jira. Ergaa ariifachiisaa Yihowaan gaarummaadhaan nutti kenne kana of biratti hambifachuu hin qabnu. (1 Qorontos 9:16, 22) Haa taʼu malee, Yihowaan hojii kana irratti hangam akka hirmaannu nu irraa eega?

      Misiraachicha lallabuun, karaa gaarii humna keenyatti fayyadamnu dha

      ‘Humna Keenya Guutuudhaan’ Yihowaa Tajaajiluu

      18. Yihowaan maal akka goonu barbaada?

      18 Jaalalli Yihowaaf qabnu, tajaajila irratti guutummaatti akka hirmaannu nu kakaasa. Gama kanaan Yihowaan maal akka goonu barbaada? Hundi keenya haalli keenya maal iyyuu yoo taʼe gorsa, “Wanta hojjettan hunda, akka namootaaf hojjettanitti utuu hin taʼin, akka Yihowaadhaaf hojjettanitti lubbuu guutuudhaan hojjedhaa” jedhu hojii irra oolchuu qabna. (Qolosaayis 3:23) Yesuus, “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu” jechuudhaan ajaja hunda irra caalu dubbateera. (Maarqos 12:30) Eeyyee, Yihowaan hundi keenya lubbuu guutuudhaan akka isa jaallannuu fi akka isa tajaajillu barbaada.

      19, 20. (a) Lubbuun, garaa, yaadaa fi humna kan dabalatu erga taʼee, Maarqos 12:30 irratti wantoonni kun kan caqasaman maaliifi? (b) Lubbuu guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu jechuun maal jechuudha?

      19 Lubbuu guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu jechuun maal jechuudha? Lubbuun guutummaa nama tokkoo, jechuunis jabina qaamaa fi dandeettii sammuu isaa hunda argisiisa. Lubbuun garaa, yaadaa fi humna kan dabalatu erga taʼee, Maarqos 12:30 irratti wantoonni kun kan caqasaman maaliifi? Mee fakkeenya tokko ilaali. Bara duriitti namni tokko of (lubbuu isaa) garbummaatti gurguruu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, garbichi sun garaa isaa guutuu gooftaa isaa tajaajiluu dhiisuu dandaʼa; tarii humna isaa ykn dandeettii isaa guutuu hojii gooftaa isaa hin hojjetu taʼa. (Qolosaayis 3:22) Yesuus wantoota kutaa lubbuu taʼan kan biroo yeroo caqasu, yommuu Waaqayyoon tajaajillu guutummaatti of kennuu akka qabnu ibsuu isaa akka ture beekamaa dha. Lubbuu guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu jechuun, isaaf of kennuudhaan jabinaa fi humna keenya guutummaatti fayyadamnee isa tajaajiluu jechuudha.

      20 Lubbuu guutuudhaan tajaajiluu qabna jechuun, hundi keenya tajaajilaaf saʼaatii fi humna qixxee taʼe oolchuu qabna jechuudhaa? Haallii fi dandeettiin namootaa adda adda waan taʼeef, kun taʼuu hin dandaʼu. Fakkeenyaaf, dargaggeessi fayyaa fi humna qabu tokko, nama sababii dullumaatiin humni isaa dadhabe caalaa tajaajila irratti yeroo dheeraa dabarsuu dandaʼa. Namni qeenxeen itti gaafatamummaa maatii hin qabne tokko, nama maatii isaatiif kunuunsa godhu caalaa tajaajiluu dandaʼa. Humnaa fi haala caalaatti tajaajila irratti hirmaachuuf nu dandeessisu yoo qabaanne, Yihowaa galateeffachuu qabna. Garuu warra kaanii wajjin wal bira of qabnee isaan ceephaʼuu hin qabnu. (Roomaa 14:10-12) Kanaa mannaa, humna keenyatti fayyadamnee warra kaan jajjabeessuu barbaanna.

      21. Karaan humna keenyatti fayyadamuu dandeenyu inni guddaa fi barbaachisaan isa kami?

      21 Yihowaan karaa sirrii taʼeen humna isaatti fayyadamuudhaan fakkeenya hunda irra caalu nuu taʼa. Cubbuu kan dhaalle taanus hanga dandeenye fakkeenya isaa hordofuu barbaanna. Namoota hamma tokko aangoo isaan irratti qabnu ulfinaan qabuudhaan, humna keenyatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu dandeenya. Kana malees, hojii lallabaa isa lubbu baraaruu fi Yihowaan akka hojjennu nuu kenne lubbuu guutuudhaan raawwachuu barbaanna. (Roomaa 10:13, 14) Yihowaan, isa tajaajiluuf wanta hunda irra siif caalu, jechuunis lubbuu kee yommuu kennitu akka gammadu yaadadhu. Garaan kee Waaqa rakkina namaa hubatuu fi jaalala qabeessa taʼe kana guutummaatti akka tajaajiltu si hin kakaasuu? Humna keetti fayyadamuuf karaan kana caalaa barbaachisaa taʼe kan biraan hin jiru.

      a Bara duriitti, jechi afaan Ibrootaa “ulee” jedhu, harcummee ykn muka tikseen tokko hoolota isaa ittiin qajeelchu argisiisa. (Faarfannaa 23:4) “Uleen” aangoo warraa argisiisus, ijoollee isaanii gara jabinaan akka adaban utuu hin taʼin, jaalalaan akka isaan geggeessan argisiisa.

      Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran

      • Fakkeenya 3:9,10 ‘Qabeenya gatii guddaa qabu’ akkamii qabna? Qabeenya kana karaa Yihowaaf ulfina fiduun itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

      • Lallaba 9:5-10 Yeroo ammaatti karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun humna keetti fayyadamuu kan qabdu maaliifi?

      • Hojii Ergamootaa 8:9-24 Namni seenaa kana irratti ibsame, karaa sirrii hin taaneen humna isaatti fayyadamuuf kan yaale akkamitti? Dogoggora akkasii raawwachuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

      • Hojii Ergamootaa 20:29-38 Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban fakkeenya Phaawulos irraa maal baratu?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi