LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Gabriʼeel Maariyaam Bira Dhaqe
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Gabriʼeel maleekichi Maariyaamitti yommuu mulʼatu

      BARUMSA 69

      Gabriʼeel Maariyaam Bira Dhaqe

      Gabriʼeel maleekichi Maariyaamitti yommuu mulʼatu

      Elsaabex, shamarree Maariyaam jedhamtuu fi fira ishii taate magaalaa Naazireet ishii Galiilaatti argamtu keessa jiraattu tokko qabdi turte. Maariyaam namicha Yoseef jedhamuu fi anaaxii taʼe tokkoof kaadhimamtee turte. Yommuu Elsaabex ulfa jiʼa jaʼaa taatu, maleekaan Gabriʼeel jedhamu Maariyaamitti mulʼate. Innis, ‘Maariyaam, nagaan siif haa taʼu. Yihowaan guddaa sitti gammadeera’ ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu wanta Gabriʼeel jechuu barbaade hin hubanne. Achiis inni, ‘Ati ulfooftee ilma ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta. Inni Mootii ni taʼa. Mootummaan isaas bara baraaf bulcha’ jedhee itti hime.

      Maariyaam garuu, ‘Ani durba dha. Mucaa godhachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jette. Gabriʼeelis, ‘Wanti Yihowaadhaaf hin dandaʼamne hin jiru. Hafuurri qulqulluun sirra ni buufata; mucaas ni deessa. Firri kee Elsaabexis ulfoofteetti’ ishiidhaan jedhe. Achiis Maariyaam, ‘Ani garbittii Yihowaa ti. Akkuma ati jette naaf haa taʼu’ jette.

      Yoseef Maariyaam ishii ulfa taate ni fuudhe

      Maariyaamis Elsaabexiin gaafachuuf gara magaalaa gaara irratti argamtu tokko deemte. Elsaabex yommuu Maariyaam nagaa ishii gaafattu, daaʼimni garaa ishii keessa jiru akka utaale ishiitti beekame. Achiis hafuura qulqulluudhaan guutamtee, ‘Yaa Maariyaam, Yihowaan si eebbiseera. Haati Gooftaa koo gara mana kootti dhufuun ishii anaaf ulfina dha’ jette. Maariyaam immoo, ‘Garaa koo guutuudhaan Yihowaa nan jajadha’ jette. Achiis Elsaabex bira jiʼa sadiif erga teessee booda gara Naazireetitti deebite.

      Yoseef Maariyaam ulfa taʼuu ishii yommuu beeku ishii dhiisuu barbaade. Haa taʼu malee, maleekaan tokko abjuudhaan isatti mulʼatee, ‘Ishii fuudhuu hin sodaatin. Ishiin dogoggora tokko illee hin raawwanne’ isaan jedhe. Kanaaf, Yoseef Maariyaam haadha manaa isaa akka taatuuf gara mana isaatti ishee fudhate.

      “Yihowaan samii fi lafa irratti . . . wanta gochuu barbaade hundumaa ni godha.”—Faarfannaa 135:6

      Gaaffii: Gabriʼeel waaʼee ilma ishii Maariyaamitti maal hime? Elsaabexii fi Maariyaam wanta isaan mudate ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼame?

      Maatewos 1:18-25; Luqaas 1:26-56; Isaayyaas 7:14; 9:7; Daaniʼel 2:44; Galaatiyaa 4:4

  • Maleekonni Yesuus Dhalachuu Isaa Beeksisan
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Maleekonni Yesuus dhalachuu isaa tiksitootatti yommuu beeksisan

      BARUMSA 70

      Maleekonni, Yesuus Dhalachuu Isaa Beeksisan

      Bulchaa Bulchiinsa Roomaa kan taʼe Awugusxos Qeesaar, Yihudoonni hundi gara magaalaa dhalootaa isaanitti deebiʼanii akka galmeeffaman ajajee ture. Kanaaf, Yoseefii fi Maariyaam gara Beetaliheem ishii maatiin Yoseef keessa jiraachaa turaniitti deeman. Yeroon Maariyaam itti deessu gaʼee ture.

      Yommuu isaan Beetaliheem gaʼan iddoon itti boqochuuf argatan mana horiin keessa bulu ture. Maariyaamis ilma ishii Yesuus achitti deesse. Ishiinis huccuudhaan martee bidiruu horiin keessaa nyaatan keessa suuta jettee isa ciibsite.

      Naannoo Beetaliheemitti tiksitoonni hoolota isaanii eegaa ala bulan muraasni jiru turan. Akkuma tasaas maleekaan tokko isaan dura kan dhaabate siʼa taʼu, isaanis ifa ulfina Yihowaatiin marfaman. Tiksitoonni kun sodaatanii turan; maleekaan sun garuu, ‘Hin sodaatinaa. Oduu nama gammachiisun isinitti hima. Harʼa Masiihichi Beetaliheem keessatti dhalateera’ isaaniin jedhe. Bataluma sanattis maleekonni hedduun samii keessatti mulʼatanii, ‘Samii irratti Waaqayyoof ulfinni, lafa irrattis nagaan haa taʼu’ jedhan. Achiis maleekonni sun isaan biraa deeman. Tiksitoonni sun maal godhan?

      Tiksitoonni sun, ‘Ammuma gara Beetaliheem haa dhaqnu’ waliin jedhan. Achiis dafanii kan deeman siʼa taʼu, Yoseefii fi Maariyaamiin daaʼima isaanii wajjin mana horiin keessa bulu sana keessatti argan.

      Namni wanta maleekaan sun tiksitoota sanatti hime dhagaʼe hundi ni dinqisiifama ture. Maariyaamis jechoota maleekaan sun dubbate irratti gadi fageenyaan kan yaadde siʼa taʼu, kanas matumaa hin irraanfanne. Tiksitoonni sunis wanta arganii fi dhagaʼan hundaaf Yihowaa galateeffachaa gara hoolota isaaniitti deebiʼan.

      “As kanan dhufe [Waaqayyo] biraa waan taʼeef, . . . isatu na erge malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dhufne.”—Yohaannis 8:42

      Gaaffii: Maleekonni Yesuus dhalachuu isaa kan beeksisan akkamitti? Tiksitoonni Beetaliheem keessatti eenyufaa argatan?

      Luqaas 2:1-20; Isaayyaas 9:6

  • Yihowaan Yesuusiif Eegumsa Godhe
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Maariyaamii fi Yesuus yeroo daaʼima turetti harree irra taaʼanii, Yoseef immoo isaan cinaa yommuu deeman

      BARUMSA 71

      Yihowaan Yesuusiif Eegumsa Godhe

      Biyya baha Israaʼelitti argamu tokko keessa, namoonni urjiileen karaa isaanitti argisiisuu akka dandaʼan amanan jiru turan. Gaaf tokko galgala, namoonni Bahaa muraasni wanta urjii ifu fakkaatuu fi samii keessa sochoʼu tokko arganii isa hordofan. “Urjiin” sunis gara Yerusaalemitti isaan qajeelche. Namoonni sun, ‘Daaʼimni mootii Yihudoota taʼu eessa jira? Nuti isaaf sagaduu dhufne’ jedhanii gaggaafachuu jalqaban.

      Heroodis inni mootii Yerusaalem taʼe waaʼee mootii isa haaraa yommuu dhagaʼu baayʼee jeeqame. Innis, ‘Mootiin kun eessatti dhalata?’ jedhee dura buutota lubootaa gaafate. Isaanis, ‘Raajonni akka inni Beetaliheem keessatti dhalatu dubbataniiru’ jedhanii itti himan. Kanaaf, Heroodis namoota Bahaa dhufan sana waamee, ‘Gara Beetaliheem dhaqaatii daaʼima kana barbaadaa. Achiis gara kootti deebiʼaatii eessa akka jiru natti himaa. Anis isaaf sagaduu nan barbaada’ isaaniin jedhe. Kun garuu soba ture.

      “Urjiin” sun deebiʼee sochoʼuu jalqabe. Namoonni sunis duukaa buʼanii gara Beetaliheem deeman. “Urjiin” sunis mana tokkoo olitti kan dhaabate siʼa taʼu, namoonni sunis gara keessaatti ol seenan. Achittis Yesuus haadha isaa Maariyaamii wajjin argan. Isaanis mucichaaf ni sagadan; akkasumas kennaa warqii, ixaana adii fi qumbii isaaf kennan. Yesuus bira akka dhaqan namoota kana kan erge Yihowaa turee? Lakki.

      Gaafa sana halkan Yihowaan abjuudhaan Yoseefiin, ‘Heroodis Yesuusiin ajjeesuu barbaada. Haadha manaa kee fi mucicha fudhadhuu gara Gibxiitti baqadhu. Hamman ani nagaa akka taʼee fi deebiʼuu akka dandeessu sitti himutti achuma turi’ jedhe. Yoseefii fi maatiin isaas yeruma sana gara Gibxii deeman.

      Yihowaan gara Heroodisitti akka hin deebine namoota Bahaa sanatti himee ture. Heroodis namoonni sun gara isaatti akka hin deebine yommuu hubatu baayʼee aare. Yesuusiin argachuu waan hin dandeenyeef, ijoolleen dhiiraa umurii Yesuus irra jiranii fi Beetaliheem keessa turan hundi akka ajjeefaman ajaje. Haa taʼu malee, Yesuus fagaatee Gibxii keessa waan jiruuf balaan irra hin geenye.

      Yeroo booda Heroodis ni duʼe. Yihowaanis Yoseefiin, ‘Amma deebiʼi, balaan sirra hin gaʼu’ isaan jedhe. Yoseef, Maariyaamii fi Yesuus gara Israaʼelitti deebiʼanii magaalaa Naazireet keessa jiraachuu jalqaban.

      ‘Dubbiin afaan koo keessaa baʼus akkanuma ni taʼa. Wantan itti isa erge fiixaan ni baasa.’—Isaayyaas 55:11

      Gaaffii: Yesuus miidhaan isa irra gaʼuuf kan ture maaliifi? Yihowaan eegumsa kan isaaf godhe akkamitti?

      Maatewos 2:1-23; Miikiyaas 5:2

  • Yesuus Yeroo Ijoollee Turetti
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus inni umuriin isaa waggaa 12 taʼe mana qulqullummaa keessatti barsiisota gidduu taaʼee

      BARUMSA 72

      Yesuus Yeroo Ijoollee Turetti

      Yoseefii fi Maariyaam Yesuusiin dabalatee ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii wajjin Naazireet keessa jiraatu turan. Yoseef maatii isaa kan bulchu hojii anaaxii taʼee hojjetuun ture; akkasumas waaʼee Yihowaa fi Seera isaa isaan barsiisa ture. Maatichi yeroo hunda waaqeffannaadhaaf gara mana sagadaa, akkasumas waggaa waggaadhaan immoo Ayyaana Faasikaadhaaf gara Yerusaalem ni dhaqa ture.

      Yommuu Yesuus umuriin isaa waggaa 12 taʼu, maatiin isaa akkuma yeroo kaanii Yerusaalem dhaquuf karaa dheeraa deeme. Magaalattiin namoota Ayyaana Faasikaa kabajuuf dhufaniin guutamtee turte. Boodas, Yoseefii fi Maariyaam, Yesuus namoota kaanii wajjin deemaa akka jiru yaaduudhaan gara mana isaaniitti deebiʼuuf karaa jalqaban. Haa taʼu malee, firoota isaanii gidduudhaa yommuu isa barbaadan isa argachuu hin dandeenye.

      Achiis gara Yerusaalemitti deebiʼanii ilma isaanii guyyaa sadiif barbaadaa turan. Dhuma irrattis gara mana qulqullummaa dhaqan. Achitti Yesuus barsiisota gidduu taaʼee xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa fi gaaffiiwwan gaggaarii isaan gaafachaa ture. Barsiisonni sun Yesuusitti waan dinqisiifamaniif gaaffii isa gaafachuu jalqaban. Deebiin inni isaaniif kennes isaan dinqisiise. Inni Seera Yihowaa hubachuu akka dandaʼu ifatti arguu dandaʼaniiru.

      Yoseefii fi Maariyaam baayʼee dhiphataniiru. Maariyaam, ‘Yaa ilma ko, iddoo hunda si barbaadaa turre! Eessa turte?’ isaan jette. Yesuus immoo, ‘As mana Abbaa koo keessa taʼuu akkan qabu hin beektanii?’ jedhe.

      Yesuus warra isaa wajjin gara Naazireetitti deebiʼe. Yoseef hojii mukaa akkamitti hojjechuu akka dandaʼu Yesuusiin barsiiseera. Yesuus yeroo mucaa xinnoo turetti nama akkamii kan ture sitti fakkaata? Yesuus yommuu guddachaa deemu ogummaan isaa dabalaa, akkasumas Waaqaa fi namoota duratti surraa argachaa deeme.

      Yoseefii fi Maariyaam, Yesuusii fi obbolaa isaa muraasaa wajjin minjaala bira taaʼanii

      “Yaa Waaqa koo, fedhii kee raawwachuun na gammachiisa. Seerri kees garaa koo keessa jira.”—Faarfannaa 40:8

      Gaaffii: Maariyaamii fi Yoseef Yesuusiin eessatti argatan? Inni achi kan ture maaliifi?

      Maatewos 13:55, 56; Maarqos 6:3; Luqaas 2:40-52; 4:16; Keessa Deebii 16:15, 16

  • Yohaannis Karicha Qopheesse
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yohaannis Cuuphaan qarqara Laga Yordaanositti namoota yommuu barsiisu

      BARUMSA 73

      Yohaannis Karicha Qopheesse

      Yohaannis, inni ilma Zakkaariyaasii fi Elsaabex taʼe yommuu guddatu raajii taʼe. Yihowaan, Masiihichi dhufaa akka jiru namoota akka barsiisuuf Yohaannisitti fayyadame. Haa taʼu malee, Yohaannis mana sagadaatti ykn magaalaatti utuu hin taʼin lafa onaa keessaatti lallabaa ture. Namoonni Yohaannis irraa barachuuf, Yerusaalemii fi guutummaa Yihudaa keessaa dhufu turan. Namoonni kun Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaadan, wantoota gadhee raawwachuu dhiisuu akka qaban isaan barsiisa ture. Yohaannisiin erga dhaggeeffatanii booda baayʼeen isaanii yaada geddaratan; Yohaannisis Laga Yordaanositti isaan cuuphe.

      Yohaannis jireenya salphaa taʼe jiraata ture. Uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffata; akkasumas awwaannisa fi damma bosonaa nyaata ture. Namoonni waaʼee Yohaannis beekuu barbaadu turan. Fariisonnii fi Saduuqonni of tuultota taʼan illee, isa ilaaluu dhufanii turan. Yohaannis akkana isaaniin jedhe: ‘Daandii keessan jijjiiruu fi yaada geddarachuu qabdu. Nuti ijoollee Abrahaam waan jettaniif qofa adda akka taatan gootanii hin yaadinaa. Kun taʼuun isaa qofti ijoollee Waaqayyoo isin hin taasisu.’

      Namoonni baayʼeen gara Yohaannis dhufanii, ‘Waaqayyoon gammachiisuuf maal gochuu qabna?’ jedhanii gaafatu turan. Yohaannisis, ‘Uffata lama yoo qabaattan isa tokko nama homaa hin qabneef kenna’ jedhee isaaniif deebise. Akkana kan jedhe maaliif akka taʼe beektaa? Barattoonni isaa Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaadan, namoota jaallachuu akka qaban barsiisuu waan barbaadeefi dha.

      Yohaannis warra qaraxa sassaabaniin, ‘Haqaan hojjedhaa, eenyuun iyyuu hin gowwoomsinaa’ jedhe. Loltootaan immoo, ‘Mattaʼaa hin fudhatinaa ykn soba hin dubbatinaa’ jedhe.

      Luboonnii fi Leewwoonnis gara Yohaannis dhufanii, ‘Ati eenyu? Namni hundi waaʼee kee beekuu barbaada’ isaan jedhan. Yohaannisis akkana isaaniin jedhe: ‘Akkuma Isaayyaas raajiidhaan dubbate, ani sagalee lafa onaa keessaa namoonni gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaru dha.’

      Namoonni wanta Yohaannis isaan barsiisu ni jaallatu turan. Baayʼeen isaanii, Yohaannis ‘Masiihicha taʼinnaa laata?’ jedhanii garaa isaaniitti yaadan. Inni garuu akkana isaaniin jedhe: ‘Inni ana caalaa aangoo qabu dhufaa jira. Ani hidhaa kophee isaa illee hiikuuf gaʼumsa hin qabu. Ani kanan isin cuuphu bishaaniin, inni garuu hafuura qulqulluudhaan isin cuupha.’

      “Namichi kun waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuudhaaf dhugaa baatuu taʼee dhufe; kunis kan taʼe akaakuun namootaa hundi karaa isaa akka amananiif ture.”—Yohaannis 1:7

      Gaaffii: Yihowaan, Yohaannisiin gara namootaatti kan erge maaliifi? Namoonni sun hoo ergaa isaa yommuu dhagaʼan maal godhan?

      Maatewos 3:1-11; Maarqos 1:1-8; Luqaas 3:1-18; Yohaannis 1:19-28; Isaayyaas 40:3

  • Yesuus Masiihicha Taʼe
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus Yohaannisiin erga cuuphamee booda hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti yommuu isa irra buʼu

      BARUMSA 74

      Yesuus Masiihicha Taʼe

      Yohaannis, ‘Namni ana irra caalu dhufaa jira’ jedhee lallabaa ture. Yesuus yommuu umuriin isaa gara waggaa 30 taʼu, Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos bakka Yohaannis namoota itti cuuphaa ture dhaqe. Yesuus Yohaannis akka isa cuuphu barbaade; Yohaannis garuu, ‘Ani si cuuphuu hin qabu. Situ na cuuphuu qaba malee’ jedhee deebiseef. Yesuusis deebisee, ‘Yihowaan akka ati na cuuphxu barbaada’ jedheen. Kanaaf, Laga Yordaanos keessa seenan, Yohaannisis Yesuusiin guutummaatti bishaan keessa liccisee isa cuuphe.

      Yesuus erga bishaanicha keessaa baʼee booda kadhannaa dhiheesse. Battaluma sanatti samiin banamee hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti isa irra buʼe. Achiis Yihowaan samii irraa, “Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada” jedhe.

      Hafuurri Yihowaa yommuu Yesuus irra buʼu inni Kiristoos ykn Masiihicha taʼe. Amma hojii inni lafa irratti akka hojjetuuf Yihowaan isa erge hojjechuu jalqaba.

      Yesuus akkuma cuuphameen gara lafa onaa dhaqee guyyaa 40f achuma ture. Yommuu achii deebiʼu Yohaannis bira dhaqe. Yohaannisis, Yesuus gara isaa yommuu dhufu argee, “Ilaa, Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa balleessu!” jedhe. Innis kana dubbachuudhaan namoonni Yesuus Masiihicha taʼuu isaa akka beekan godhe. Yesuus yommuu lafa onaa keessa ture maaltu akka isa mudate beektaa? Mee haa ilaallu.

      “Sagaleen, ‘Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada’ jedhu tokko samii irraa ni dhufe.”—Maarqos 1:11

      Gaaffii: Yesuus maaliif cuuphame? Yohaannis, Yesuusiin Hoolaa Waaqayyoo jedhee kan waame maaliifi?

      Maatewos 3:13-17; Maarqos 1:9-11; Luqaas 3:21-23; Yohaannis 1:29-34; Isaayyaas 42:1; Ibroota 10:7-9

  • Diyaabilos Yesuusiin Qore
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus fiixee mana qulqullummaa irraa utaaluu yommuu didu

      BARUMSA 75

      Diyaabilos Yesuusiin Qore

      Yesuus dhagaa gara daabboottii geddaruu yommuu didu

      Yesuus erga cuuphamee booda, hafuurri qulqulluun gara lafa onaatti isa geesse. Guyyaa 40f homaa waan hin nyaanneef baayʼee beelaʼe. Achiis Diyaabilos isa qoruuf gara Yesuus dhufee, ‘Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji’ isaan jedhe. Yesuus garuu Kitaaba Qulqulluu irraa caqasuudhaan, ‘Jiraachuuf wanti nyaata caalaa barbaachisu akka jiru barreeffameera. Wanta Yihowaan dubbatu hunda dhagaʼuu qabda’ jedhee deebiseef.

      Diyaabilos itti aansee, ‘Waaqayyo maleekota isaa ergee akka si oolchan ni godha kan jedhu barreeffameera, kanaaf Ilma Waaqayyoo yoo taate mee fiixee mana qulqullummaa kana irraa gad of darbadhu’ jedhee isa qore. Yesuus garuu ammas Kitaaba Qulqulluu irraa caqasuudhaan, ‘Waaqa kee Yihowaa hin qorin kan jedhu barreeffameera’ jedhee deebiseef.

      Yesuus afeerrii Seexanni guutummaa addunyaa isaaf kennuuf dhiheesse fudhachuu yommuu didu

      Achiis Seexanni, mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii isatti argisiisee, ‘Siʼa tokko qofa kuftee yoo na waaqeffatte mootummoota kana hundaa fi ulfina isaanii siif nan kenna’ isaan jedhe. Yesuus garuu, ‘Seexana nana, na duraa deemi! Yihowaa qofa waaqeffadhu kan jedhu barreeffameera’ jedheen.

      Achiis Seexanni isa dhiisee deeme, maleekonnis dhufanii Yesuusiif nyaata kennan. Yesuus yeroo sanaa kaasee misiraachoo Mootummichaa lallabuu jalqabe. Hojiin kun hojii inni akka hojjetuuf gara lafaatti itti ergame dha. Namoonni wanta Yesuus isaan barsiisu waan jaallataniif bakka inni dhaqu hundaatti isa duukaa buʼu turan.

      “[Diyaabilos] sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef, soba yommuu dubbatu of keessaa maddisiisee dubbata.”—Yohaannis 8:44

      Gaaffii: Qorumsiwwan sadan kamfaʼi? Yesuus Diyaabilosiif deebii kan kenne akkamitti?

      Maatewos 4:1-11; Maarqos 1:12, 13; Luqaas 4:1-15; Keessa Deebii 6:13, 16; 8:3; Yaaqoob 4:7

  • Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleesse
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus qacceetti fayyadamee bineeldota mana qulqullummaa keessaa ariʼeera, minjaala namoota maallaqa jijjiiranis gaggaragalcheera

      BARUMSA 76

      Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleesse

      Yesuus Dh.K.B. bara 30 yeroo birraatti gara Yerusaalem dhaqe. Namoonni hedduunis Ayyaana Faasikaatiif gara magaalattii dhufanii turan. Ayyaanicha kabajuuf mana qulqullummaa keessatti aarsaa dhiheessuu jalqaban. Warri tokko tokko horii fudhatanii kan dhufan siʼa taʼu, warri kaan garuu Yerusaalemii bitu turan.

      Yesuus gara mana qulqullummaa yommuu dhufu, namoonni achi keessatti horii yeroo gurguran arge. Qarshii argachuuf mana waaqeffannaa Yihowaa keessatti daldalu turan! Yesuus tarkaanfii akkamii fudhate ree? Funyoo irraa qaccee dhaʼatee hoolotaa fi loon isaanii mana qulqullummaa keessaa ariʼe. Minjaala namoota qarshii jijjiiranii gaggaragalchee, saantima isaanii lafarratti dhangalaase. Yesuus warra gugee gurguraniin akkana jedhe: “Wantoota kana asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa gochuu keessan dhiisaa!”

      Namoonni mana qulqullummaa keessa turan wanta Yesuus godhe ni dinqisiifatan. Barattoonni isaa raajii, ‘Mana Yihowaatiif baayʼee nan hinaafa’ jedhuu fi Masiihicha ilaalchisee dubbatame yaadatan.

      Boodas, Yesuus Dh.K.B. bara 33​tti yeroo lammataatiif mana qulqullummaa qulqulleesse. Namoota mana Abbaa isaatiif ulfina hin kennine irratti tarkaanfii fudhateera.

      “Waaqayyoo fi qabeenyaaf garboota taʼuu hin dandeessan.”—Luqaas 16:13

      Gaaffii: Yesuus namoonni mana qulqullummaa keessatti horii utuu gurguranii yommuu arge maal godhe? Tarkaanfii akkasii kan fudhate hoo maaliifi?

      Maatewos 21:12, 13; Maarqos 11:15-17; Luqaas 19:45, 46; Yohaannis 2:13-17; Faarfannaa 69:9

  • Dubartii Boolla Bishaanii Bira Turte
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus boolla bishaanii Yaaqoob biratti dubartii Samaariyaa tokkoo wajjin yommuu dubbatu

      BARUMSA 77

      Dubartii Boolla Bishaanii Bira Turte

      Ayyaana Faasikaa booda, Yesuusii fi barattoonni isaa, Samaariyaa keessa darbanii gara Galiilaatti deebiʼaa jiru. Yesuus, bakka boolla bishaanii Yaaqoob jedhamu naannoo magaalaa Siikaaritti argamutti gore. Barattoonni isaa nyaata bituuf gara magaalaa yommuu dhaqan inni achi boqote.

      Dubartiin tokko bishaan waraabbachuuf gara boollichaa dhufte. Yesuus, “Bishaan ani dhugu naa kenni” ishiidhaan jedhe. Ishiinis akkana jettee isa gaafatte: ‘Ati akkamitti anaa wajjin dubbatta? Ani dubartii Samaariyaa ti. Yihudoonni warra Samaariyaa wajjin hin dubbatan.’ Yesuus akkana ishiidhaan jedhe: ‘Ani eenyu akkan taʼe utuu beektee ati iyyuu bishaan dhugdu na kadhatta turte, anis bishaan jireenya kennu siifan kenna ture.’ Dubartittiinis, ‘Ati wanta ittiin bishaan waraabbattu illee hin qabdu. Maal jechuu keeti?’ jettee isa gaafatte. Yesuusis, ‘Namni bishaan ani isaaf kennu irraa dhugu hundi deebiʼe hin dheebotu’ ishiidhaan jedhe. Dubartittiinis, “Gooftaa . . . bishaan kana naa kenni” jette.

      Yesuusis, ‘Abbaa manaa kee gara boolla bishaanii kanatti fidi’ ishiidhaan jedhe. Ishiinis, ‘Abbaa manaa hin qabu’ jettee deebisteef. Innis akkana jedheen: ‘Wanti ati dubbatte dhugaa dha. Ati siʼa shan heerumteetta; namichi amma sii wajjin jirus abbaa manaa kee miti.’ Dubartittiinis akkana jetteen: ‘Ati raajii taʼuu kee hubadheera. Sabni keenya gaara kana irratti waaqeffachuu dandeenya jedhanii amanu, Yihudoonni immoo Yerusaalemitti qofa waaqeffachuu qabna jedhu. Masiihichi yommuu dhufu akkamitti waaqeffachuu akka qabnu akka nu barsiisu nan amana.’ Achiis Yesuus, ‘Ani Masiihicha dha’ jedhee wanta eenyutti illee himee hin beekne ishiitti dubbate.

      Yesuus dubartii Samaariyaa tokkotti yommuu dubbatu

      Dubartittiin yeruma sana gara magaalaa ishii dhaqxee warra Samaariyaatiin akkana jette: ‘Masiihicha waanan argadhe natti fakkaata. Inni waaʼee koo wanta hunda beeka. Kottaa ilaalaa!’ Isaanis, ishii wajjin gara boolla bishaanichaa dhaquudhaan wanta Yesuus barsiisu dhaggeeffatan.

      Warri Samaariyaa Yesuus magaalaa isaanii keessa akka turu isa gaafatan. Guyyaa lamaaf achi turee kan isaan barsiise siʼa taʼu, namoonni hedduunis isatti amanan. Dubartittii Samaariyaa sanaanis, ‘Nama kana erga dhaggeeffannee booda, dhuguma inni fayyisaa addunyaa taʼuu isaa beekneerra’ jedhan.

      “‘Kottu!’ . . . kan dheebote hundi haa dhufu; kan barbaadu hundis bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.”—Mulʼata 22:17

      Gaaffii: Dubartiin Samaariyaa Yesuus ishii wajjin dubbachuun isaa kan ishii dinqisiise maaliifi? Yesuus maal ishiitti hime?

      Yohaannis 4:1-42

  • Yesuus Ergaa Mootummichaa Lallabe
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuusii fi barataan isaa tokko isaa yommuu lallaban

      BARUMSA 78

      Yesuus Ergaa Mootummichaa Lallabe

      Yesuus akkuma cuuphameen, ‘Mootummaan Waaqayyoo dhihaateera’ jedhee lallabuu jalqabe. Yommuu inni gara naannoo Galiilaa fi Yihudaa dhaqu barattoonni isaas isaa wajjin deeman. Yesuus bakka dhalootaa isaa Naazireetitti yommuu deebiʼu, gara mana sagadaa dhaqee, sagalee isaa guddisee maraa kitaaba Isaayaas banee, ‘Yihowaan misiraachicha akkan lallabuuf hafuura isaa naa kenneera’ jedhu dubbise. Kana jechuun maal jechuu dha? Namoonni Yesuus yommuu dinqii raawwatu arguu kan barbaadan taʼus, sababii guddaan Yesuusiif hafuurri qulqulluun itti kenname misiraachicha lallabuu akka taʼe argisiisa. Achiis, ‘Raajiin kun harʼa raawwatame’ jedhee dhaggeeffattoota isaatti dubbate.

      Itti aansuudhaan, Yesuus Galaana Galiilaa isa bakka barattoota isaa warra qurxummii qaban arfan itti argate dhaqe. “Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan godha” jedhee isaan affeere. Isaanis, Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannis turan. Namoonni kun yeruma sana qurxummii qabuu isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan. Guutummaa biyya Galiilaa keessa naannaʼanii waaʼee Mootummaa Yihowaa lallabuu jalqaban. Mana sagadaa keessatti, bakka gabaa fi karaa irratti lallaban. Bakka isaan deeman hundaatti namoota hedduutu isaan duukaa buʼa ture. Oduun waaʼee Yesuus dubbatamu bakka hundatti, darbees hanga Sooriyaatti illee babalʼatee ture.

      Yesuus yeroo booda, barattoota isaa tokko tokkoof humna namoota fayyisuu fi jinniiwwan baasuuf dandeessisu isaaniif kenneera. Warri kaan immoo yommuu inni magaalaatii gara magaalaatti, akkasumas mandara tokko gara mandara kan biraatti deemee lallabu isaa wajjin deemu turan. Maariyaam ishii Magdalaa, Yoʼaanaa fi Susaanaa dabalatee, dubartoonni hedduun Yesuusii fi barattoota isaa gargaaraa turan.

      Yesuus barattoota isaa erga leenjisee booda akka lallabaniif isaan erge. Guutummaa Galiilaa keessa yommuu deeman, namoonni hedduun kaanis barattoota taʼuudhaan cuuphaman. Namoonni hedduun barattoota taʼuu waan barbaadaniif, Yesuus namoota kana midhaan sassaabamuu gaʼee wajjin wal fakkeesseera. Akkana jedhe: ‘Yihowaan hojjettoota dabalataa gara makarichaatti akka erguuf kadhadhaa.’ Yeroo booda barattoota isaa keessaa namoota 70 filatee, guutummaa Yihudaatti akka lallabaniif lama lama godhee isaan erge. Isaanis namoota akaakuu gara garaa qaban hundaa waaʼee Mootummichaa barsiisan. Barattoonni yommuu deebiʼan, wanta isaan mudate Yesuusitti himuuf baayʼee hawwanii turan. Diyaabilos hojii lallabaa dhaabsisuu hin dandeenye.

      Yesuus barattoonni isaa hojii barbaachisaa kana erga inni gara samiitti deebiʼee boodas akka itti fufan mirkanaaʼaa ture. Akkana isaaniin jedhe: ‘Misiraachicha guutummaa lafaatti lallabaa. Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisaa, isaan cuuphaas.’

      “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame.”—Luqaas 4:43

      Gaaffii: Yesuus barattoota isaatiif hojii akkamii kenne? Barattoonni hoo waaʼee hojii isaanii kanaa maaltu isaanitti dhagaʼame?

      Maatewos 4:17-25; 9:35-38; 28:19, 20; Maarqos 1:14-20; Luqaas 4:14-21; 8:1-3; 10:1-22

  • Yesuus Dinqiiwwan Hedduu Raawwate
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Namoonni dhukkubsatan fayyuuf gara Yesuus yommuu dhufan

      BARUMSA 79

      Yesuus Dinqii Hedduu Raawwate

      Yesuus gara lafaa kan dhufe misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuufi dha. Yihowaan, Yesuus yeroo Mootii taʼu maal gochuu akka dandaʼu akka argisiisuuf, dinqii akka raawwatu hafuura qulqulluu isaaf kenne. Dhukkuba kam iyyuu fayyisuu dandaʼa. Bakka deemu hundatti namoonni dhukkubsatan gargaarsaaf gara isaa kan dhufan siʼa taʼu, innis hunda isaanii fayyiseera. Qaroo dhabeeyyiin ni argu, warri gurri isaanii hin dhageenye ni dhaga’u, warri naafatan ni deemu, warri jinniidhaan qabamanii turanis bilisa baʼu turan. Yoo fiixee uffata isaa tuqan illee ni fayyu turan. Namoonni bakka Yesuus deemu hundaatti isa duukaa deemu turan. Yesuus yeroo kophaa isaa taʼuu barbaadetti illee, matumaa namoota simachuu didee hin beeku.

      Gaaf tokko, namoonni nama lamshaaʼe mana Yesuus keessa turetti fidan. Haa taʼu malee, manichi namootaan guutamee waan tureef, ol seenuu hin dandeenye. Kanaaf baaxii manichaa saaqanii namicha gara Yesuusitti gad buusan. Achiis Yesuus namichaan, ‘Kaʼii deemi’ jedheen. Namichi yeroo kaʼee deemu, namoonni sun ni dinqisiifaman.

      Yeroo biraatti immoo, akkuma Yesuus mandara tokko seeneen namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman kudhan fagoo dhaabatanii, ‘Yaa Yesuus, maaloo nu gargaari!’ jedhanii iyyan. Bara sanatti, namoonni akkasii namoota kaanitti akka dhihaatan isaaniif hin heyyamamu ture. Seerri Yihowaa namoonni akkasii erga fayyanii booda gara mana qulqullummaa akka dhaqan waan ajajuuf, Yesuusis gara mana qulqullummaa akka dhaqan ajaje. Isaanis utuu deemaa jiranii karaa irratti ni fayyan. Isaan keessaa tokko fayyuu isaa yommuu argu, Yesuusiin galateeffachuu fi Waaqayyoon jajachuuf deebiʼe. Kurnaan isaanii keessaa Yesuusiin kan galateeffate nama kana qofa dha.

      Dubartiin waggaa 12f dhukkubaan dararamaa turte tokko fayyuu hin dandaʼu jettee abdii kutattee turte. Ishiinis namoota baayʼee gidduu duuba isaatiin dhuftee fiixee uffata Yesuus tuqxe. Battaluma sanattis ni fayyite. Wanti kun yommuu taʼu Yesuus, “Eenyutu na tuqe?” jedhee gaafate. Dubartittiin baayʼee kan sodaatte taʼus, gara isaa dhuftee dhugaa jiru isatti dubbatte. Yesuusis, ‘Yaa intala ko, nagaadhaan deemi’ jedhee ishii jajjabeesse.

      Geggeessituun mana sagadaa Yaayiros jedhamu gara Yesuus dhufee, ‘Intalli koo garmalee dhukkubsatteetti, maaloo gara mana koo kottu’ jedhee isa kadhate. Haa taʼu malee, Yesuus mana Yaayiros gaʼuu isaa dura intalattiin ni duute. Yesuus yommuu achi gaʼu, namoota maatichaa wajjin gadduu dhufan hedduu arge. Yesuus: ‘Hin booʼinaa; ishiin hirriba rafaa jirti’ jedhe. Achiis harka intalattii qabee, “Intaloo . . . kaʼi!” jedhe. Ishiinis yeruma sana ol jette teesse, Yesuusis waan ishiin nyaattu akka kennaniif maatii ishiitti hime. Mee maatii ishiitti miirri akkamii dhagaʼamee taʼuu akka dandaʼu yaadi!

      Yesuus intala Yaayiros duʼa yommuu kaasu

      ‘Waaqayyo hafuura qulqulluu fi humnaan isa dibe, akkasumas Waaqayyo isaa wajjin waan tureef wanta gaarii hojjechaa fi namoota Diyaabilosiin cunqurfaman hundumaa fayyisaa biyyattii keessa naannaʼe.’ —Hojii Ergamootaa 10:38

      Gaaffii: Yesuus dhukkuba hunda fayyisuu kan dandaʼe maaliifi? Intalli Yaayiros maal taate?

      Maatewos 9:18-26; 14:36; Maarqos 2:1-12; 5:21-43; 6:55, 56; Luqaas 6:19; 8:41-56; 17:11-19

  • Yesuus Ergamoota Kudha Lama Filate
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuusii fi ergamoota isaa 12n

      BARUMSA 80

      Yesuus Ergamoota Kudha Lama Filate

      Yesuus gara waggaa tokkoof walakkaa erga lallabee booda, murtoo barbaachisaa gochuu qabu tokko qaba ture. Dhiheenyatti isaa wajjin akka hojjetaniif eenyufaa filata? Gumii Kiristiyaana akka geggeessaniif eenyufaa leenjisa? Murtoowwan akkasii gochuuf, Yesuus qajeelfama Yihowaa argachuu barbaade. Kanaaf, kophaa isaa gara gaara tokkootti ol baʼee halkan guutuu kadhachaa bule. Yommuu bariʼus, Yesuus barattoota isaa muraasa waamee ergamoota isaa 12 filate. Isaan keessaa maqaa eenyuufaa yaadatta? Maqaan isaanii Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewos, Simoon, Yihudaa Asqorotuu.

      Indiriyaas, Pheexiros, Filiphoos, Yaaqoob

      Indiriyaas, Pheexiros, Filiphoos, Yaaqoob

      Warri Kudha Lamaan kun isaa wajjin deemuu qabu turan. Erga isaan leenjisee booda kophaa isaanii akka lallabaniif isaan erge. Yihowaan, jinnii akka baasanii fi namoota dhukkubsatan akka fayyisaniif humna isaaniif kenne.

      Yohaannis, Maatewos, Bartolomewos, Toomaas

      Yohaannis, Maatewos, Bartolomewos, Toomaas

      Yesuus warra Kudha Lamaan kana michoota koo jedhe isaan waameera; akkasumas isaan ni amana ture. Fariisonni, ergamoota kana barumsa guddaa akka hin qabnee fi iddoo guddaa kan hin qabne godhanii yaadu turan. Haa taʼu malee, Yesuus leenjii hojii isaaniitiif isaan gargaaru isaaniif kenneera. Jireenya isaa keessatti yeroo baayʼee murteessaa taʼetti, jechuunis duʼa isaa duraa fi erga duʼaa kaʼee booda Yesuusii wajjin taʼuu qabu turan. Akkuma Yesuus, warri Kudha Lamaanis harki caalaan isaanii namoota Galiilaa turan. Isaan keessa tokko tokko gaaʼela qabu.

      Yaaqoob ilma Alfewoos, Yihudaa Asqorotuu, Taadewos, Simoon

      Yaaqoob ilma Alfewoos, Yihudaa Asqorotuu, Taadewos, Simoon

      Ergamoonni kun mudaa kan qaban waan taʼaniif dogoggora ni raawwatu. Yeroo tokko tokko utuu irratti hin yaadin dubbataniiru, murtoo sirrii hin taanes godhaniiru. Yeroo itti obsa dhabanis qabu turan. Kana malees, isaan keessaa kan caalu eenyu akka taʼe illee wal falmaniiru. Taʼus, Yihowaa waan jaallataniif namoota gaarii turan. Isaan erga Yesuus gar samiitti deebiʼee booda hundee gumii Kiristiyaanaa taʼu.

      “Ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef, michoota jedhee isin waameera.”—Yohaannis 15:15

      Gaaffii: Yesuus ergamoota isaa 12n akka taʼaniif eenyufaa filate? Yesuus ergamoonni isaa maal akka hojjetaniif isaan erge?

      Maatewos 10:1-10; Maarqos 3:13-19; 10:35-40; Luqaas 6:12-16; Yohaannis 15:15; 20:24, 25; Hojii Ergamootaa 2:7; 4:13; 1 Qorontos 9:5; Efesoon 2:20-22

  • Lallaba Gaara Tokko Irratti Kenname
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus Gaara irraatti namoota hedduudhaaf yommuu lallabu

      BARUMSA 81

      Lallaba Gaara Tokko Irratti Kenname

      Yesuus ergamoota 12n erga filatee booda, gaara sana irraa bakka namoonni hedduun walitti qabamanitti gadi buʼe. Namoonni kun Galiilaa, Yihudaa, Xiiroos, Sidoon, Sooriyaa fi Yordaanos gamaa kan dhufan turan. Isaanis namoota dhukkubaan dhiphachaa turanii fi namoota jinniidhaan rakkachaa turan muraasa fidanii turan. Yesuus hunda isaanii fayyiseera. Achiis gaaricha cinaa taaʼee barsiisuu jalqabe. Michoota Waaqayyoo taʼuu yoo barbaanne maal gochuu akka qabnu ibseera. Gargaarsi Yihowaa akka nu barbaachisu hubachuu fi isa jaallachuu barachuu qabna. Haa taʼu malee, namoota kaan hin jaallannu taanaan Waaqayyoon jaallachuu hin dandeenyu. Diinota keenya dabalatee namoota hunda ija tokkon ilaaluu fi gaarummaa isaanitti argisiisuu qabna.

      Yesuus akkana jedheera: ‘Nama michuu keessan taʼe qofa jaallachuun gaʼaa miti. Diinota keessan jaallachuu fi namootaaf garaadhaa dhiifama gochuu qabdu. Nama tokko yoo gaddisiistan dafaa gara isaa dhaqaatii dhiifama isa gaafadhaa. Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan isinis isaaniif godhaa.’

      Yesuus Gaara irraatti namoota hedduudhaaf yommuu lallabu

      Yesuus qabeenya ilaalchisees gorsa gaarii isaaniif kenneera. Akkana jedheera: ‘Qarshii hedduu qabaachuu irra michuu Yihowaa taʼuudhaaf dursi kennamuu qaba. Hattuun tokko qarshii keessan hatuu dandaʼa; michummaa Yihowaa wajjin qabdan garuu eenyu iyyuu isin jalaa hatuu hin dandaʼu. Waaʼee wanta nyaattanii, wanta dhugdanii ykn wanta uffattanii dhiphachuu keessan dhiisaa. Simbirroota ilaalaa. Waaqayyo yeroo hunda nyaata gaʼaa akka argatan godha. Dhiphachuun guyyaa dabalataa tokkoof illee akka jiraattan hin godhu. Yihowaan wanta isin barbaachisu akka beeku yaadadhaa.’

      Namoonni sun nama akka Yesuusitti barsiisu takkaa arganii hin beekan. Geggeessitoonni amantii isaanii wantoota kana isaan hin barsiisne. Yesuus barsiisaa guddaa akkasii kan taʼe maaliifi? Wanti inni barsiisu hundi Yihowaa biraa kan dhufe waan taʼeefi.

      “Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa; sababiin isaas, ani garraamii fi kanan gad of qabu dha; ofii keessaniifis boqonnaa ni argattu.” —Maatewos 11:29

      Gaaffii: Michuu Yihowaa taʼuuf maal gochuu qabna? Yihowaan namoota kaaniif ilaalcha akkamii akka qabaannu barbaada?

      Maatewos 4:24–5:48; 6:19-34; 7:28, 29; Luqaas 6:17-31

  • Yesuus Akkamitti Akka Kadhatan Barattoota Isaa Barsiise
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Fariisiin tokko bakka namoonni hedduun jiranitti yommuu kadhatuu fi namoonni dhaabatanii yommuu isa ilaalan

      BARUMSA 82

      Yesuus Akkamitti Akka Kadhatan Barattoota Isaa Barsiise

      Fariisonni wanta hunda xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisuuf jedhanii raawwatu turan. Gaarummaa kan argisiisan namoonni kaan akka isaaniif ilaalan gochuuf ture. Namoonni hundi akka isaan ilaalaniif bakka namoonni hedduun argamanitti kadhannaa dhiheessu turan. Fariisonni warri kaan akka isaan dhaggeeffataniif jecha, kadhannaawwan dhedheeroo sammuutti qabataman manneen sagadaa fi qarqara karaa irratti irra deddeebiʼanii kadhatu turan. Kanaaf, namoonni yommuu Yesuus akkana isaaniin jedhu dinqisiifatanii turan: ‘Akka Fariisotaatti hin kadhatinaa. Waaqayyo jechoota baayʼee isaan itti fayyadaman kan ajaaʼibsiifatu isaanitti fakkaata, inni garuu hin ajaaʼibsiifatu. Kadhannaan wanta isinii fi Yihowaa gidduutti raawwatamu dha. Waanuma wal fakkaatu irra deddeebitanii hin dubbatinaa. Yihowaan wanta dhugumaan isinitti dhagaʼamu akka isatti dubbattan barbaada.

      Mucaan tokko jilbeenfatee yommuu kadhatu

      ‘Kadhachuu kan qabdan akkasitti dha: “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.”’ Kana malees, Yesuus nyaata guyyaadhaaf isaan barbaachisuuf, cubbuun isaanii akka isaaniif dhiifamuu fi waaʼee wantoota dhuunfaa kaanii kadhachuu akka qabanis isaanitti himeera.

      Yesuus akkana jedhe: ‘Matumaa kadhachuu hin dhaabinaa. Abbaan keessaan Yihowaan, wanta gaarii akka isiniif godhu gaafachuu keessan itti fufaa. Warri hundi ijoollee isaaniitiif wanta gaarii kennuu barbaadu. Ilmi keessan daabboo utuu isin gaafatee, dhagaa isaaf kennituu? Qurxummii utuu isin gaafatee hoo, bofa isaaf kennituu?’

      Achiis Yesuus akkas jechuudhaan barumsicha ibse: ‘Isin ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan Yihowaan caalchisee hafuura qulqulluu isiniif hin kennu ree? Wanti gochuu qabdan gaafachuu qofa dha.’ Maarree isin gorsa Yesuus ni hordoftuu? Waaʼee wantoota akkamii kadhattu?

      “Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama.” —Maatewos 7:7

      Gaaffii: Yesuus barattoonni isaa akkamitti kadhachuu akka qaban barsiisuuf maal jedhe? Waaʼee wantoota isin barbaachisanii ni kadhattuu?

      Maatewos 6:2-18; 7:7-11; Luqaas 11:13

  • Yesuus Namoota Kumaan Lakkaaʼaman Nyaachise
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Ergamoonni namoota baayʼeedhaaf nyaata yommuu hiran

      BARUMSA 83

      Yesuus Namoota Kumaan Lakkaaʼaman Nyaachise

      Dhaloota Kiristoos Booda, bara 32 guyyaa Faasikaa dura ergamoonni bakka itti lallabaa turanii deebiʼan. Dadhabanii waan turaniif, Yesuus akka boqotaniif bidiruudhaan gara Beetasaayidaatti isaan fuudhee deeme. Haa taʼu malee, yeroo bidiruttiin qarqara galaanaa geessu, Yesuus namoonni kumaan lakkaaʼaman isaan hordofanii achi akka dhufan arge. Yesuus ergamoota isaa wajjin qofa taʼuu barbaadus, gaarummaadhaan namoota sana simateera. Warra dhukkubsatan fayyisuudhaan isaan barsiisuu eegale. Guyyaa guutuu waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaan barsiise. Yommuu dhihus barattoonni gara isaa dhufanii, ‘Namoonni kun beelaʼaniiru. Waan nyaatamu akka barbaaddataniif isaan geggeessi’ ittiin jedhan.

      Mucaan tokko guuboo daabboo fi qurxummii qaban Yesuusitti yommuu kennu

      Yesuusis akkana isaaniin jedhe: ‘Deemuu hin qaban. Asumatti wanta isaan nyaatan isaaniif kennaa.’ Ergamoonnis, ‘Deemnee daabboo akka isaanif binnu barbaaddaa?’ jedhanii isa gaafatan. Ergamoota keessaa tokko kan taʼe Filiphoos, ‘Qarshii baayʼee utuu qabannee illee, daabboo namoota kana hunda gaʼu bituu hin dandeenyu’ jedhe.

      Yesuusis, ‘Maal qabna?’ jedhee isaan gaafate. Indiriyaas, ‘Daabboo shanii fi qurxummii xixinnoo lama qabna. Kun immoo namoota kana hundaaf hin gaʼu’ jedhe. Yesuusis, ‘Daabboo fi qurxummii jiru natti fidaa’ jedhe. Ergamoonni namoota sana shantama shantamaa fi dhibba dhibbaan marga irra akka teessisan isaanitti hime. Yesuus daabboo sanaa fi qurxummii sana fuudhee gara samii ilaalaa kadhannaa dhiheesse. Achiis, nyaata sana ergamootatti kenne, isaanis namoota sanaaf hihiran. Dhiironni 5,000, dubartootaa fi ijoolleen hundi nyaatanii quufan. Sana booda, ergamoonni wanti tokko illee akka lafatti hin badnetti nyaata hafe hunda walitti sassaaban. Kan isaan walitti sassaaban guuboo 12 guutuu ture! Kun dinqii guddaa dha mitii?

      Namoonni sun waan dinqisiifataniif Yesuusiin mootii isaanii akka taʼuuf isa muuduu barbaadan. Haa taʼu malee, Yesuus yeroo Yihowaan inni mootii akka taʼu itti barbaadu akka hin geenye beeka ture. Kanaaf, namoota sana erga geggeessee booda ergamoonni isaa Galaana Galiilaa gamatti akka ceʼan isaanitti hime. Isaan gara bidiruu isaaniitti yommuu deeman inni garuu kophaa isaa gara gaara tokkootti ol baʼe. Maaliif? Gara Abbaa isaatti kadhannaa dhiheessuuf yeroo argachuu waan barbaadeefi dha. Hojiin kan isatti baayaʼu taʼu illee, Yesuus yeroo hunda kadhannaadhaaf yeroo ni ramada ture.

      “Nyaata baduuf utuu hin taʼin, nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf, isa Ilmi namaa isiniif kennu sanaaf hojjedhaa.”—Yohaannis 6:27

      Gaaffii: Yesuus namootaaf akka yaadu kan argisiise akkamitti? Kun waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

      Maatewos 14:14-22; Luqaas 9:10-17; Yohaannis 6:1-15

  • Yesuus Bishaan Irra Deeme
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus bishaan irra yommuu deemuu fi Pheexiros gara isaa akka dhufu yommuu isatti himu

      BARUMSA 84

      Yesuus Bishaan Irra Deeme

      Yesuus namoota dhukkubsatan fayyisuu fi namoota duʼan duʼaa kaasuu qofa utuu hin taʼin, qilleensaa fi bokkaas toʼachuu ni dandaʼa. Gaara tokko irratti kadhannaa erga dhiheessee booda, gara Galaana Galiilaa yommuu gad ilaalu obomboleettii arge. Ergamoonni isaa bidiruu keessa taaʼanii dhiibbaa qilleensaa toʼatanii oofuuf carraaqaa turan. Yesuus gaaricha irraa gadi buʼee bishaanicha irra gara bidiruu isaaniitti deemuu jalqabe. Ergamoonni namni tokko bishaan irraa deemaa gara isaaniitti yommuu dhufu arganii baayʼee sodaatan. Haa taʼu malee, Yesuus “Ana dha, hin sodaatinaa” isaaniin jedhe.

      Yesuus bishaan irra yommuu deemuu fi Pheexiros gara isaa akka dhufu yommuu isatti himu

      Pheexirosis deebisee, ‘Yaa Gooftaa, dhuguma si dha yoo taʼe gara kee akkan dhufu na ajaji’ jedhee gaafate. Yesuusis Pheexirosiin, ‘Gara koo kottu’ jedhe. Kanaaf, Pheexiros bidiruu irraa buʼee obomboleettii sana gidduu gara Yesuusitti deemuu jalqabe. Haa taʼu malee, gara isaatti erga dhihaatee booda obomboleettii sana argee waan sodaateef liqimfamuu jalqabe. Achiis ‘Yaa Gooftaa, na oolchi!’ jedhee iyye. Yesuusis hiixatee harka isaa qabee, ‘Maaliif shakkite? Amantiin kee eessa jira?’ isaan jedhe.

      Yesuusii fi Pheexiros bidirichatti ol baʼan, qilleensi jabaan sunis battaluma sanatti dhaabate. Ergamootatti maaltu akka dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa? Isaan, “Ati dhuguma Ilma Waaqayyoo ti” jedhan.

      Yesuus haala qilleensaa kan toʼate yeroo kanatti qofa miti. Yeroo kan biraatti immoo, Yesuusii fi ergamoonni isaa gara galaanicha gamaatti yommuu deeman, Yesuus kutaa duubaa bidiruu sanaa keessa ciisee ture. Utuu inni rafaa jiruu, akka tasaa obomboleettii cimaan ni dhufe. Obomboleettiin bidirichatti waan rukutameef bidirichi bishaaniin guutame. Ergamoonni Yesuusiin dammaqsanii, ‘Barsiisaa, dhumuuf jenna, nu oolchi’ jedhanii iyyan. Yesuusis kaʼee galaanichaan, “Cal jedhi!” jedhe. Qilleensichii fi galaanichi battaluma sanatti tasgabbaaʼe. Yesuus ergamoota isaa, “Amantiin keessan eessa jira?” jedhee gaafate. Isaanis, “Bubbee fi galaanni illee isaaf ni ajajamu” waliin jedhan. Ergamoonni, guutummaatti Yesuusitti yoo amanan sababiin itti sodaatan tokko illee akka hin jirre hubataniiru.

      “Yommuun lubbuudhaan jirutti gaarummaa Yihowaa akkan argu, utuun amantii hin qabu taʼee, silaa maalan taʼan ture?”—Faarfannaa 27:13

      Gaaffii: Pheexiros bishaaniin liqimfamuu kan jalqabe maaliifi? Ergamoonni Yesuus irraa maal barataniiru?

      Maatewos 8:23-27; 14:23-34; Maarqos 4:35-41; 6:45-52; Luqaas 8:22-25; Yohaannis 6:16-21

  • Yesuus Guyyaa Sanbataatiin Fayyise
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Fariisonni nama duraan iji isaa jaamaa ture sana gaaffii yommuu gaafatan

      BARUMSA 85

      Yesuus Guyyaa Sanbataatti Fayyise

      Fariisonni Yesuusiin waan jibbaniif isa qabuuf sababii barbaadu turan. Guyyaa Sanbataatti namoota dhukkubsatan fayyisuu hin qabu jedhanii dubbatu. Guyyaa Sanbataa tokko, Yesuus namni iji isaa hin argine tokko karaa irra taaʼee utuu kadhatu arge. Barattoota isaatiin, ‘Humni Waaqayyoo namicha kana akkamitti akka gargaaru ilaalaa’ jedhe. Yesuus hancufa isaatiin biyyoo bukeessee dhoqqee sana ija namichaatti dibe. Achiis, ‘Dhaqii bishaan kuufamaa Siiloʼaamitti ija kee dhiqadhu’ isaan jedhe. Namichis akkana kan godhe siʼa taʼu, jireenya isaa keessatti yeroo jalqabaatiif arguu dandaʼe.

      Namoonnis baayʼee naʼan. Achiis akkana jedhan: ‘Namichi kun isa as taaʼee kadhachaa ture dha moo nama isa fakkaatu dha?’ Namichis, ‘Ani isa jaamaa taʼee dhalate sana dha!’ isaaniin jedhe. Namoonni sunis, ‘Amma akkamitti arguu dandeesse ree?’ jedhanii isa gaafatan. Wanta raawwatame yommuu isaanitti himu Fariisotatti isa geessan.

      Namichis Fariisotaan akkana jedhe: ‘Yesuus dhoqqee fuudhee ija kootti dibee dhaqii dhiqadhu naan jedhe. Anis akkuma inni naan jedheen godhe, kunoo amma argaan jira.’ Fariisonnis akkana isaan jedhan: ‘Yesuus guyyaa Sanbataatti kan fayyisu yoo taʼe, humni isaa Waaqayyo biraa kan dhufe taʼuu hin dandaʼu.’ Warri kaan garuu, ‘Humni isaa Waaqayyo biraa miti taanaan, inni matumaa fayyisuu hin dandaʼu’ jedhan.

      Fariisonni haadhaa fi abbaa namichaa waamanii, ‘Ilmi keessan amma arguu kan dandaʼe akkamitti?’ jedhanii isaan gaafatan. Fariisonni namni Yesuusitti amanu kam iyyuu mana sagadaa keessaa akka ariʼamu dubbatanii waan turaniif warri isaa ni sodaatan. Kanaaf isaan, ‘Nuyi hin beeknu. Isuma gaafadhaa’ jedhan. Fariisonni hamma namichi, ‘Wantan beeku hunda isinitti himeera. Maaliif irra deddeebitanii na gaafattu?’ jedhee isaaniif deebisutti, gaaffii hedduu isa gaafatu turan. Yeroo kanatti Fariisonni aaranii achii isa ariʼan.

      Yesuus namicha barbaadee yommuu argu, ‘Ati Masiihichatti ni amantaa?’ jedhee isa gaafate. Namichis, ‘Inni eenyu akka taʼe utuun beekee isatti nan amana’ jedhe. Yesuusis, ‘Ani Masiihicha dha’ isaan jedhe. Kun Yesuus nama gaarii taʼuu isaa kan argisiisu mitii? Yesuus namicha fayyisuu qofa utuu hin taʼin, amantii akka qabaatus isa gargaareera.

      “Isin Kitaabota Qulqulluus taʼe humna Waaqayyoo waan hin beekneef dogoggortaniittu.”—Maatewos 22:29

      Gaaffii: Yesuus namicha iji isaa hin argine kan gargaare akkamitti? Fariisonni Yesuusiin kan jibban maaliifi?

      Yohaannis 9:1-41

  • Yesuus Alaazaariin Duʼaa Kaase
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Alaazaar isa duʼaa kaafamee fi obboleettota isaa Maariyaamii fi Maartaa

      BARUMSA 86

      Yesuus Alaazaariin Duʼaa Kaase

      Yesuus michoota baayʼee isatti dhihaatanii fi Bitaaniyaa keessa jiraatan sadii qaba ture. Isaanis, Alaazaarii fi obboleettota isaa lamaan Maariyaamii fi Maartaa dha. Gaaf tokko, Yesuus Yordaanos gama utuu jiruu Maariyaamii fi Maartaan ergaa ariifachiisaa, ‘Alaazaar baayʼee dhukkubsateera. Maaloo dafii kottu!’ jedhu isatti dhaaman. Haa taʼu malee, Yesuus yeruma sana hin deemne. Guyyaa lamaaf bakkuma jiru sana erga turee booda barattoota isaatiin akkana jedhe: ‘Kottaa gara Bitaaniyaa dhaqnaa. Alaazaar rafaa jira, anis isa dammaqsuun dhaqa.’ Ergamoonnis, ‘Alaazaar rafaa jira taanaan ni fayya’ jedhan. Kanaaf, ‘Alaazaar duʼeera’ jedhee ifatti isaanitti hime.

      Yesuus Bitaaniyaa yommuu gaʼu Alaazaar erga awwaalamee guyyaa afur taʼeera. Namoonni hedduun Maartaa fi Maariyaamiin jajjabeessuuf dhufanii turan. Maartaan Yesuus akka dhufe yommuu dhageessu isa simachuuf daftee gara isaa dhaqxe. Achiis akkana jette: “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture.” Yesuusis, ‘Obboleessi kee ni kaʼa. Maartaa kana ni amantaa?’ jedhee ishii gaafate. Ishiinis, ‘Yeroo duʼaa kaʼuutti akka inni kaʼu beeka’ jettee deebisteef. Yesuusis, “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana” ishiidhaan jedhe.

      Achiis Maartaan gara Maariyaam dhaqxee, ‘Yesuus dhufeera’ jette. Maariyaam ariitiidhaan gara Yesuus yommuu dhaqxu, namoonni baayʼeenis ishii duukaa buʼan. Achiis miilla isaa irratti kuftee booʼuu ishii itti fufte. Akkana isaan jette: ‘Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture!’ Yesuus hangam akka ishiin dhiphatte yommuu argu, innis booʼuu jalqabe. Namoonni achi turan imimmaan isaa yommuu argan, ‘Yesuus Alaazaariin baayʼee akka jaallatu ilaalaa’ jedhan. Warri tokko tokko garuu, ‘michuu isaa maaliif hin oolchine?’ jedhanii gaafatan. Yesuus itti aansee maal godhe ree?

      Yesuus gara awwaalichaa yommuu dhaqu, awwaalichis dhagaa guddaadhaan cufamee ture. Yesuus, “Dhagicha irraa kaasaa” jedhe. Maartaan akkana jette: ‘Amma guyyaa afur waan taʼeef yoona foolii godhateera.’ Kanaaf, yommuu isaan dhagicha irraa kaasan, Yesuus akkana jedhee kadhate: ‘Yaa Abbaa, waan na dhageesseef sin galateeffadha. Dhugaa dha, ati yeroo hunda akka na dhageessu beeka; haa taʼu malee, namoonni as dhaabatan ati akka na ergite akka beekaniif jechan sagalee koo ol kaasee dubbadha.’ Achiis, sagalee guddaadhaan, “Alaazaar, as baʼi!” jedhee waame. Wanti ajaaʼibsiisaan ni raawwatame: Alaazaar akkuma huccuudhaan marametti awwaala keessaa baʼe. Yommuus Yesuus, “Irraa hiikaa, haa deemu” jedhe.

      Namoota kana argan keessaa baayʼeen isaanii Yesuusitti amanan. Isaan keessaa tokko tokko garuu gara Fariisotaa dhaqanii wanta kana isaanitti himan. Fariisonni yeroo sanaa jalqabee, Alaazaarii fi Yesuusiin ajjeesuu barbaadu turan. Ergamoota 12n keessaa tokko kan taʼe Yihudaa Asqorotuun, dhokatee gara Fariisotaa dhaquudhaan, ‘Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne meeqa naa kaffaltu?’ jedhee isaan gaafate. Isaanis meetii sheeqilii 30 isaaf kennuuf walii galan; kanaaf Yihudaan Yesuusiin harka Fariisotaatti dabarsee kennuuf yeroo mijataa barbaaduu jalqabe.

      “Waaqni dhugaan Waaqa nu oolchu dha; Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan duʼa irraa nama oolcha.” —Faarfannaa 68:20

      Gaaffii: Alaazaar akkamitti akka duʼaa kaafame dubbadhu. Fariisonni waaʼee Alaazaar yommuu dhagaʼan maal gochuu barbaadan?

      Maatewos 26:14-16; Yohaannis 11:1-53; 12:10

  • Irbaata Yesuus Yeroo Dhumaatiif Irratti Argame
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus ergamoota isaa amanamoo kudha tokkoo wajjin Irbaata Gooftaa yommuu hundeessu

      BARUMSA 87

      Irbaata Yesuus Yeroo Dhumaatiif Irratti Argame

      Yihudoonni waggaa waggaadhaan jiʼa Niisaan guyyaa 14​ffaatti Ayyaana Faasikaa kabaju. Guyyaan kun, Yihowaan garbummaa Gibxii jalaa isaan baasee Biyyattii Abdachiifamtetti kan isaan galche akkamitti akka taʼe isaan yaadachiisa. Dh.K.B. bara 33​tti, Yesuusii fi ergamoonni isaa kutaa fooqii irra jiruu fi Yerusaalemitti argamu tokko keessatti Ayyaana Faasikaa kabajaa turan. Irbaata nyaatanii erga xumuranii booda, Yesuus, ‘Isin keessaa tokko dabarsee na kenna’ jedhe. Ergamoonni baayʼee naʼanii, ‘Eenyu inni?’ jedhanii Yesuusiin gaafatan. Yesuusis, ‘Isa ani daabboo kana isaaf kennu dha’ jedhee deebiseef. Achiis, daabboo cabaa tokko Yihudaa Asqorotuuf kenne. Yihudaanis yeruma sana kutaa sana keessaa baʼee deeme.

      Achiis, Yesuus kadhannaa erga dhiheessee booda, maxinoo sana caccabsee, ergamoota isaa warra hafaniif kenne. Akkana jedhe: ‘Maxinoo kana nyaadhaa. Kun foon koo isa ani isiniif kennu argisiisa.’ Achiis xoofoo wayinii fuudhee erga galateeffatee booda ergamoota isaatiif kenne. Akkana jedhe: ‘Wayinii kana dhugaa. Kun dhiiga koo isa ani dhiifama cubbuutiif kennu argisiisa. Samii irratti anaa wajjin mootota akka taatan waadaan isiniif gala. Kana waggaa waggaatti yaadannoo kootiif godhaa.’ Galgala sanaa jalqabee hanga ammaatti duuka buutonni Yesuus ayyaana kana kabajuuf waggaa waggaadhaan walitti qabamu. Walgaʼiin kun yeroo ammaatti Irbaata Gooftaa jedhamee waamama.

      Ergamoonni irbaata sana erga nyaatanii booda, isaan keessaa eenyu akka caalu wal falmuu jalqaban. Yesuus akkana isaaniin jedhe: ‘Inni hunda keessan caalu, isa akka quxisuu hundumaatti of ilaalu dha.

      ‘Isin michoota koo ti. Wanta Abbaan koo akka ani isinitti himu barbaadu hunda isinitti himeera. Yeroo dhihootti gara samii gara Abbaa koon dhaqa. Isin asuma turtu, jaalala yoo waliif qabaattan namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku. Akkuma ani isin jaalladhe isinis wal jaallachuu qabdu.’

      Dhuma irrattis, Yesuus, Yihowaan barattoota hundaaf eegumsa akka godhu kadhannaa dhiheesse. Nagaadhaan walii wajjin akka hojjetan Yihowaan akka isaan gargaaru kadhate. Maqaan Yihowaa qulqulluu taʼee akka eegamu kadhate. Achiis, Yesuusii fi ergamoonni isaa faarfannaadhaan Yihowaa erga galateeffatanii booda ni deeman. Yeroon Yesuus itti dabarfamee kennamu dhihaachaa ture.

      “Isin tuuta xinnoo nana, Abbaan keessan Mootummicha isiniif kennuutti waan gammadeef hin sodaatinaa.”—Luqaas 12:32

      Gaaffii: Yesuus ergamootaaf waadaa akkamii gale? Yesuus irbaata dhumaa irratti ergamoota isaa barumsa barbaachisaa akkamii barsiise?

      Maatewos 26:20-30; Luqaas 22:14-26; Yohaannis 13:1, 2, 26, 30, 34, 35; 15:12-19; 17:3-26

  • Yesuus ni Qabame
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yihudaan iddoo biqiltuu Getesemaaneetti Yesuusiin dabarsee kenne

      BARUMSA 88

      Yesuus ni Qabame

      Yesuusii fi ergamoonni isaa Sulula Qedroon keessa baʼanii gara Gaara Ejersaa dhaqaa jiru. Yeroon isaa halkan walakkaa booda yommuu taʼu addeessi guutuu turte. Yommuu iddoo biqiltuu Getesemaanee jedhamu gaʼan Yesuus, “Asuma turaatii . . . dammaqaa eegaa” isaaniin jedhe. Achiis, Yesuus iddoo biqiltuu sana keessa xinnoo seenee jilbeenfate. Dhiphina guddaadhaan, ‘Fedhiin kee haa raawwatamu’ jedhee gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Achiis Yihowaan, Yesuusiin akka jajjabeessuuf maleekaa tokko isaaf erge. Yesuus gara ergamoota isaatti yommuu deebiʼu sadan isaanii rafanii turan. Akkas isaaniin jedhe: ‘Kaʼaa! Yeroon kun yeroo itti rafan miti! Saʼaatiin ani harka diinota kootti itti dabarfamee kennamu gaʼeera.’

      Korojoon qarshii qabate Yihudaatti yommuu kennamu

      Yihudaanis yeruma sana namoota hedduu goraadee fi ulee qabatan dura buʼee dhufe. Yeroo baayʼee iddoo biqiltuu kana waan dhufaniif Yihudaan Yesuusiin eessatti argachuu akka dandaʼu beeka ture. Yihudaan, Yesuusiin loltoota sanatti akka argisiisu himee ture. Achiis kallattiidhaan gara Yesuus dhaqee, ‘Barsiisaa, nagaan siif haa taʼu’ erga jedhee booda isa dhungate. Yesuusis, ‘Yihudaa, na dhungattee dabarsitee na kennitaa?’ jedhe.

      Yesuusis gara namoota sanaatti deemee, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus nama Naazireet” jedhanii deebisaniif. Achiis, “Inni ana dha” jedhee yommuu isaaniif deebisu gara duubaatti deebiʼanii lafa irratti kukkufan. Ammas Yesuus, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus nama Naazireet” jedhanii deebisaniif. Yesuus immoo, ‘Ana dha isiniin jedheeraam. Namoonni kun haa deemanii dhiisaa’ isaaniin jedhe.

      Pheexiros wanta taʼaa jiru yommuu hubatu, goraadee isaa luqqifatee gurra mirgaa garbicha luba ol aanaa Maalkos jedhamu rukutee irraa kute. Yesuus garuu gurra namichaa qaqqabee fayyise. Achiis Pheexirosiin, ‘Goraadee kee deebisi. Goraadee keetiin yoo nama lolte goraadeedhaan ajjeefamta.’ Loltoonni sunis Yesuusiin qabanii harka isaa hidhan, ergamoonni garuu isa dhiisanii baqatan. Achiis gara Haannaas isa dura buʼaa lubootaatti isa geessan. Haannaas, Yesuusiin gaaffii hedduu erga gaafatee booda, gara mana Qayyaafaa isa Luba Ol Aanaa taʼetti isa erge. Haa taʼu malee, ergamoonni sana booda maal taʼan?

      “Addunyaa keessatti rakkinni isin irra gaʼa, garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera.”—Yohaannis 16:33

      Gaaffii: Iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti maaltu raawwatame? Wanta Yesuus galgala sana raawwate irraa maal baranna?

      Maatewos 26:36-57; Maarqos 14:32-50; Luqaas 22:39-54; Yohaannis 18:1-14, 19-24

  • Pheexiros Yesuusiin Gane
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Pheexiros mooraa mana Qayyaafaa keessaatti Yesuusiin hin beeku jedhee yommuu ganu

      BARUMSA 89

      Pheexiros Yesuusiin Gane

      Yesuus kutaa fooqii irra jiru keessa yommuu ergamoota isaa wajjin turetti, ‘Halkan kana hundi keessan na dhiistanii baqattu’ jedhee ture. Pheexiros garuu, ‘Warri kaan yoo si dhiisan iyyuu ani matumaa si hin dhiisu’ jedhe. Yesuus garuu Pheexirosiin, ‘Kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura siʼa sadii isa hin beeku jetta’ jedhe.

      Loltoonni sun Yesuusiin mana Qayyaafaatti yommuu geessan ergamoota isaa keessaa baayʼeen isaanii ni baqatan. Isaan keessa lama garuu namoota kaanitti makamanii Yesuusiin hordofan. Isaan keessaa tokko Pheexiros ture. Hanga mooraa mana Qayyaafaatti deeme ibidda qaqqaammachuu jalqabe. Tajaajiltuun tokko ifa ibiddichaatiin Pheexirosiin argitee, ‘Ani si beeka! Ati Yesuusii wajjin turte!’ isaan jette.

      Pheexirosis deebisee, ‘Lakki, ani isaa wajjin hin turre! Waaʼee maalii dubbachaa akka jirtu hin beeku!’ jedhe. Achiis gara balbalaatti deeme. Haa taʼu malee, yeruma sana tajaajiltuun kan biraan tokko isa argitee namoota sanaan, ‘Namichi kun Yesuusii wajjin ture!’ jette. Pheexiros immoo, ‘Ani Yesuusiin iyyuu hin beeku!’ jedhe. Namichi tokkos akkana isaan jedhe: ‘Ati isaan keessaa tokko dha. Loqodni kee iyyuu atis akkuma Yesuus nama Galiilaa taʼuu kee ni beeksisa.’ Pheexiros garuu, ‘Ani isa hin beeku!’ jedhee kakachuu jalqabe.

      Battaluma sanattis kormaan indaaqqoo ni iyye. Yeroo kanatti Pheexiros Yesuus garagalee yommuu isa ilaalu arge. Wanta Yesuus isatti dubbatee ture yaadatee, gad baʼe hirqinfatee booʼe.

      Yeroo kanatti, miseensonni yaaʼii Saanhediriin Yesuusiin qoruuf mana Qayyaafaatti walitti qabamanii turan. Yesuusiin ajjeesuuf dursanii kan murteessaan siʼa taʼu, amma ragaa kanaaf taʼu barbaadaa jiru. Haa taʼu malee, ragaa tokko illee argachuu hin dandeenye. Xumura irratti, Qayyaafaan kallattiidhaan, ‘Ati Ilma Waaqayyootii?’ jedhee Yesuusiin gaafate. Yesuusis, ‘Eeyyee’ jedhee deebiseef. Qayyaafaan immoo, ‘Ragaan dabalataa nu hin barbaachisu. Kun Waaqayyoon arrabsuu dha!’ jedhe. Manni murtichaas, ‘Namichi kun duʼuu qaba’ jedhee walii gale. Achiis Yesuusiin kakkabalaa, itti tufaa fi fuula isaatti haguuganii isa rukutaa, ‘Ati raajii yoo taate eenyu akka si rukute nutti himi!’ isaan jedhan.

      Yommuu bariʼus, gara galma Saanhediriinitti isa geessanii ammas, ‘Ati Ilma Waaqayyootii?’ jedhanii isa gaafatan. Yesuusis, ‘Ani akkan taʼe isinumti iyyuu dubbachaa jirtu’ jedhee deebise. Achiis Waaqayyoon akka arrabsetti waan himatameef, gara masaraa bulchaa warra Roomaa Phonxos Philaaxositti isa geessan. Sana booda maaltu taʼe? Mee haa ilaallu.

      “Saʼaatiin tokkoon tokkoon keessan kophaatti na dhiistanii gara mana mana keessaniitti itti faffacaatan ni dhufa; . . . taʼus, Abbaan anaa wajjin waan jiruuf, ani kophaa koo miti.”—Yohaannis 16:32

      Gaaffii: Mooraa mana Qayyaafaa keessatti maaltu raawwatame? Manni murtichaa Yesuus duʼuu qaba jedhee kan murteesse maaliifi?

      Maatewos 26:31-35, 57–27:2; Maarqos 14:27-31, 53–15:1; Luqaas 22:55-71; Yohaannis 13:36-38; 18:15-18, 25-28

  • Yesuus Golgootaatti Duʼe
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus muka irratti fannifamee utuu jiruu, ajajaan loltootaa tokko, Maariyaam fi Yohaannis dabalatee barattoonni Yesuus tokko tokko dhaabatanii yommuu isa ilaalan

      BARUMSA 90

      Yesuus Golgootaatti Duʼe

      Dura buutonni lubootaa Yesuusiin mana mootummaa bulchaa biyyichaatti isa geessan. Philaaxos, ‘Namicha kana irratti himata maalii dhiheessitu?’ jedhee isaan gaafate. Isaanis, ‘Ani mootii dha ofiin jedha!’ jedhanii deebisaniif. Philaaxos, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” jedhee Yesuusiin gaafate. Yesuusis “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” jedhee deebise.

      Achiis Philaaxos himanni isa irratti dhihaate dhugaa taʼuuf dhiisuu isaa akka mirkaneessuuf Yesuusiin gara Heroodis isa bulchaa Galiilaa taʼetti erge. Heroodis garuu balleessaa tokko illee waan isa irratti hin arganneef gara Philaaxositti isa deebise. Achiis Philaaxos sabichaan, ‘Anis taʼe Heroodis namicha kana irratti balleessaa tokko illee hin arganne. Kanaaf isan hiika’ jedhe. Namoonni sun garuu, ‘Isa ajjeesi! Isa ajjeesi!’ jedhanii iyyan. Loltoonni Yesuusiin alangeedhaan garafan, itti tufan, akkasumas isa reeban. Gonfoo qoraattii irraa hojjetame mataa isaa irra kaaʼanii, ‘Yaa mootii Yihudootaa, nagaan siif haa taʼu’ jedhanii isatti gaʼisuu jalqaban. Philaaxos, ‘Ani namicha kana irratti balleessaa tokko illee hin argine’ jedhe. Sabichi garuu, “Isa fannisi!” jedhanii iyyuu isaanii itti fufan. Kanaaf, Philaaxos Yesuus akka ajjeefamuuf dabarsee isaanitti kenne.

      Achiis Yesuusiin fuudhanii iddoo Golgootaa jedhamutti geessanii mismaaraan muka irratti rukutanii ol kaasanii dhaaban. Yesuus akkana jedhee kadhate: “Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama isaaniif godhi.” Namoonni garuu, ‘Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate mee muka irratti fannifamte kana irraa buʼii of oolchi!’ jedhanii itti qoosu turan.

      Yakkamtoota isa maddiitti fannifaman keessaa inni tokko Yesuusiin, “Yommuu gara Mootummaa keetti dhuftu na yaadadhu” jedhe. Yesuusis, “Anaa wajjin Jannata keessa taata” jedhee waadaa isaaf gale. Waaree booda, saʼaatii sadiif guutummaan biyyichaa ni duukkanaaʼe. Maariyaam haadha Yesuus dabalatee barattoonni tokko tokko muka Yesuus itti fannifametti dhihoo dhaabatu turan. Yesuus, Yohaannis Maariyaamiin akkuma haadha isaatti akka kunuunsu itti hime.

      Dhuma irrattis Yesuus, “Ni raawwatame!” jedhe. Achiis mataa isaa gadi qabee ni duʼe. Yeruma sanatti kirkirri lafaa guddaan ni taʼe. Golgaan mana qulqullummaa keessa jiru inni iddoo Qulqullaaʼaa fi iddoo Hunda Caalaa Qulqullaaʼaa gidduu jiru bakka lamatti tarsaʼe. Ajajaan loltootaa tokko, ‘Dhuguma iyyuu inni Ilma Waaqayyoo ture’ jedhe.

      “Abdiiwwan Waaqayyo kenne hammam iyyuu baayʼee yoo taʼan, karaa isaa ‘eeyyee’ taʼaniiru.”—2 Qorontos 1:20

      Gaaffii: Philaaxos Yesuus akka ajjeeffamu kan heyyame maaliifi? Yesuus waaʼee ofii isaa caalaa waaʼee warra kaanii akka yaadu kan argisiise akkamitti?

      Maatewos 27:11-14, 22-31, 38-56; Maarqos 15:2-5, 12-18, 25, 29-33, 37-39; Luqaas 23:1-25, 32-49; Yohaannis 18:28–19:30

  • Yesuus Duʼaa Kaafame
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Dubartoonni bakki Yesuus itti awwaalame duwwaa taʼuu isaatti yommuu naʼan

      BARUMSA 91

      Yesuus Duʼaa Kaafame

      Yesuus erga duʼee booda, namichi sooressi Yoseef jedhamu tokko reeffi Yesuus muka irraa buufamee akka isaaf kennamu Philaaxosiin gaafate. Yoseef reeffa Yesuus urgooftuu itti godhee huccuu quncee talbaa irra hojjetameen erga kafanee booda awwaala haaraa keessa kaaʼe. Achiis balbala awwaalichaa dhagaa guddaa tokkoon cufe. Dura buutonni lubootaa Philaaxosiin akkana jedhan: ‘Barattoonni Yesuus reeffa isaa achi keessaa fudhatanii inni duʼaa kaʼeera jedhanii odeessu jennee sodaanna.’ Kanaaf Philaaxos, ‘Awwaalicha cufaatii eegsisaa’ isaaniin jedhe.

      Guyyaa sadii booda, ganama barii dubartoonni muraasni gara awwaalichaa yommuu dhaqan dhagaan balbala awwaalichaa irra ture irraa kaafamee argan. Awwaalicha keessaa maleekaan tokko dubartoota sanaan akkana jedhe: ‘Hin sodaatinaa. Yesuus duʼaa kaafameera. Dhaqaatii, Galiilaatti isa argitu jedhaatii barattoota isaatti himaa.’

      Maariyaam Magdalaan, Pheexirosii fi Yohaannisiin barbaacha fiigdee deemte. Achiis, ‘Namni taʼe tokko reeffa Yesuus fudhateera!’ jettee isaanitti himte. Pheexirosii fi Yohaannisis gara awwaalichaatti fiigan. Awwaalichi duwwaa taʼuu isaa yommuu argan, gara mana isaanitti deebiʼan.

      Maariyaam gara awwaalichaatti yommuu deebitu awwaalicha keessatti maleekota lama argitee, ‘Gooftaa koo eessa akka isa kaaʼan hin beeku’ isaaniin jette. Achiis nama tokko argitee inni nama biqiltuu kunuunsu waan ishiitti fakkaateef, ‘Yaa gooftaa, maaloo eessa akka isa keessee natti himi’ isaan jette. Haa taʼu malee, namichi sun “Maariyaam!” jedhee yommuu ishii waamu, inni Yesuus taʼuu isaa hubatte. “Barsiisaa!” jettee sagalee guddaadhaan erga iyyitee booda isa qabde. Yesuus, ‘Gara obboloota koo dhaqii akka na argite isaanitti himi’ jedheen. Maariyaamis yeruma sana fiigdee deemtee Yesuusiin akka argite barattootatti himte.

      Guyyuma sana gara boodaa, barattoonni lama Yerusaalemii gara Emaahus deemaa turan. Achiis namichi tokko isaaniitti makamee wanti isaan walii wajjin dubbachaa deeman maal akka taʼe isaan gaafate. Isaanis akkana isaan jedhan, ‘Maali hin dhageenye moo? Dura buutonni lubootaa guyyaa sadii dura Yesuusiin ajjeesanii turan. Ammaa immoo dubartoonni tokko tokko duʼaa kaafameera jechaa jiru!’ Namichis akkana jedhee isaan gaafate: ‘Wanta raajonni dubbatan hin amantanii? Isaan Kiristoos akka duʼuu fi duʼaa akka kaafamu dubbataniiru.’ Achiis, Kitaaba Qulqulluu isaaniif ibsuu isaa itti fufe. Yommuu Emaahus gaʼan barattoonni kun inni akka isaan bira bulu isa gaafatan. Irbaata irratti kadhannaa yommuu dhiheessu inni Yesuus taʼuu isaa hubatan. Achiis isaan jalaa dhokate.

      Barattoonni kun ariitiidhaan gara mana Yerusaalemitti argamuu fi ergamoonni itti walitti qaban dhaqanii wanta raawwatame isaanitti himan. Utuu isaan manicha keessa jiraniis Yesuus hunda isaaniiti mulʼate. Jalqaba irratti ergamoonni namni kun Yesuus taʼuu isaa amanuun isaanitti ulfaatee ture. Achiis Yesuus akkana isaaniin jedhe: ‘Harka koo ilaalaa, na tuqaa. Kiristoos duʼaa akka kaafamu barreeffameera.’

      “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu.”—Yohaannis 14:6

      Gaaffii: Dubartoonni bakka Yesuus itti awwaalame yommuu dhaqan maaltu raawwatame? Karaa gara Emaahus geessu irratti hoo maaltu raawwatame?

      Maatewos 27:57–28:10; Maarqos 15:42–16:8; Luqaas 23:50–24:43; Yohaannis 19:38–20:23

  • Yesuus Namoota Qurxummii Qabanitti Mulʼate
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus utuu qurxummiin ibidda irratti bilchaataa jiruu yommuu isaanitti dubbatu

      BARUMSA 92

      Yesuus Namoota Qurxummii Qabanitti Mulʼate

      Erga Yesuus ergamootatti mulʼatee yeroo muraasa booda, Pheexiros gara Galaana Galiilaa dhaqee qurxummii qabuuf murteesse. Toomaas, Yaaqoob, Yohaannisii fi barattoonni muraasni kaan isaa wajjin deeman. Halkan guutuu qurxummii qabuuf yaalanis, qurxummii tokko illee qabachuu hin dandeenye.

      Guyyaa itti aanu gara barii jala, namni tokko qarqara galaanichaa dhaabatee argan. Isaan waamee, ‘Qurxummii qabdaniittuu?’ jedhee isaan gaafate. Isaanis, ‘Lakki!’ jedhanii deebisan. Namichi immoo, “Saaphana keessan karaa mirgaa bidirichaatiin darbadhaa” isaaniin jedhe. Yommuu saaphana isaanii darbatan saaphanni isaanii qurxummii hedduudhaan waan guutameef saaphana sana harkisanii ol baasuu dadhaban. Yohaannis yeruma sana namichi sun Yesuus taʼuu isaa waan hubateef, “Gooftaadhaam!” jedhe. Pheexiros yeruma sana utaalee galaanicha keessa seenee bishaan daakaa gara qarqaraatti dhufe. Barattoonni kaan immoo, isa boodaan bidiruudhaan dhufan.

      Yommuu qarqara galaanaa gaʼan daabboo fi qurxummii ibidda irra kaaʼame argan. Achiis, Yesuus qurxummii qaban keessaa muraasa fidanii nyaata qophaaʼetti akka dabalan isaanitti hime. Achiis, ‘Kottaa ciree keessan nyaadhaa’ isaaniin jedhe.

      Pheexiros Yesuus isa qarqara galaanichaa turetti yommuu deemu, barattoonni kaan immoo bidiruudhaan yommuu isa duukaa bDubartoonni bakki Yesuus itti awwaaluDubartoonni bakki Yesuus itti awwaalDubartoonni bakki Yesuus itti awwaalDubartoonni bakki Yesuus itti awwaalʼan

      Ciree nyaatanii erga xumuranii booda, Yesuus ‘Qurxummii qabuu caalaa na jaallattaa?’ jedhee Pheexirosiin gaafate. Pheexirosis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, baayʼee akkan si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedhee deebiseef. Yesuusis, ‘Taanaan hoolota koo soori’ jedhe. Yesuus ammas deebisee, ‘Pheexiros, na jaallattaa?’ jedhee isa gaafate. Pheexiros, “Yaa Gooftaa, baayʼee akkan si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedhe. Yesuus, “Ilmoolee hoolaa koo tiksi” isaan jedhe. Yesuus siʼa sadaffaadhaaf yommuu isa gaafatu Pheexiros baayʼee gadde. Achiis akkana jedhe: “Yaa Gooftaa, ati waan hundumaa beekta; akkan baayʼee si jaalladhus beekta.” Yesuus immoo, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedhe. Achiis Pheexirosiin, “Ana duukaa buʼuu kee itti fufi” jedhe.

      “[Yesuus] ‘Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan godha’ isaaniin jedhe. Isaanis yeruma sana saaphana isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.”—Maatewos 4:19, 20

      Gaaffii: Yesuus namoota qurxummii qabaniif dinqii akkamii raawwate? Yesuus, Pheexirosiin “Na jaallattaa?” jedhee siʼa sadii kan isa gaafate maaliifi jettee yaadda?

      Yohaannis 21:1-19, 25; Hojii Ergamootaa 1:1-3

  • Yesuus Gara Samiitti Ol Deebiʼe
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus ergamoonni isaa utuma isa ilaalaa jiranii gara samiitti yommuu ol baʼu

      BARUMSA 93

      Yesuus Gara Samiitti Ol Deebiʼe

      Yesuus duuka buutota isaa wajjin Galiilaatti wal arge. Qajeelfama baayʼee barbaachisa taʼe kana isaaniif kenne: ‘Dhaqaatii saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa. Wanta ani isin barsiise hunda isaan barsiisuudhaan isaan cuuphaa.’ Achiis, ‘Ani yeroo hunda akkan isinii wajjin jiru yaadadhaa’ jedhee waadaa isaaniif gale.

      Yesuus erga duʼaa kaafamee booda guyyoota 40f Galiilaa fi Yerusaalemitti barattoota isaa dhibbaan lakkaaʼamanitti mulʼate. Barumsa barbaachisaa taʼe isaan barsiiseera; akkasumas dinqiiwwan hedduu raawwateera. Achiis Yesuus yeroo dhumaatiif ergamoota isaa wajjin Gaara Ejersaa irratti wal arge. Akkana isaaniin jedhe: ‘Yerusaalem keessaa hin baʼinaa. Abdii Abbaan kenne eeggachuu keessan itti fufaa.’

      Ergamoonni isaa garuu wanta inni isaaniin jedhe hin hubanne turan. Akkana jedhanii isa gaafatan: ‘Ati Mootii Israaʼel taʼuuf jettaa?’ Yesuus akkana jedhee isaaniif deebise: ‘Yeroon Yihowaan akka ani mootii taʼuuf itti murteesse amma miti. Isin dhiheenyatti hafuura qulqulluu irraa humna ni argattu, dhugaa baatota koos ni taatu. Dhaqaa, Yerusaalemitti, Yihudaatti, Samaariyaattii fi hanga andaara lafaatti lallabaa.’

      Achiis, Yesuus gara samiitti kan ol fudhatame siʼa taʼu, duumessis isa dhokse. Barattoonni isaa ol ilaaluu isaanii kan itti fufan taʼus, inni garuu deemeera.

      Barattoonni Gaara Ejersaa irraa gara Yerusaalemitti deebiʼan. Isaan kutaa fooqii irra jiru tokko keessatti yeroo hunda walgaʼii godhu, akkasumas kadhannaa dhiheessu turan. Yesuus qajeelfama dabalataa akka isaaniif kennu eeggachaa turan.

      “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.”—Maatewos 24:14

      Gaaffii: Yesuus barattoota isaatiif qajeelfama akkamii kenne? Gaara Ejersaa irratti maaltu raawwatame?

      Maatewos 28:16-20; Luqaas 24:49-53; Yohaannis 20:30, 31; Hojii Ergamootaa 1:2-14; 1 Qorontos 15:3-6

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi