LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Museen Yihowaa Waaqeffachuu Filate
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Intalli Faraʼoon Musee yeroo argattu Miiriyaam naannoo sana dhaabattee yommuu ilaaltu

      BARUMSA 17

      Museen Yihowaa Waaqeffachuu Filate

      Maatiin Yaaqoob Gibxii keessatti Israaʼelota jedhamanii beekamu turan. Yaaqoobii fi Yoseef erga duʼanii booda, Faraʼoon kan biraan Gibxii bulchuu jalqabe. Innis Israaʼelonni warra Gibxii caalaa baayʼachaa jiru jedhee sodaate. Kanaaf, Faraʼoon kun Israaʼelota garboota taasise. Xuubii akka tolchanii fi maasii irratti hojii ulfaataa akka hojjetan isaan dirqisiise. Warri Gibxii Israaʼelonni hojii ulfaataa akka hojjetan isaan dirqisiisanis, lakkoofsi Israaʼelotaa garuu dabalaa deeme. Faraʼoon haalli kun waan isa yaaddesseef, ijoolleen dhiiraa Israaʼelotaa dhalatan hundi akka ajjeefaman ajaje. Israaʼelonni hammam sodaatanii akka turan tilmaamuu dandeessaa?

      Dubartiin Israaʼel Yokebeed jedhamtu ilma bareedaa tokko deesse. Namoota jalaa isa dhoksuufis guuboo keessa isa keessee, dhallaadduu Laga Abbayyaa qarqara jiru keessa isa dhoksite. Obboleettiin isaa Miiriyaamis naannuma sana dhaabattee wanta raawwatamu hordofaa turte.

      Intalli Faraʼoon dhaqna ishii dhiqachuuf gara lagichaa yeroo dhuftu, guuboo sana argite. Guuboo sana keessattis mucaa booʼaa jiru argitee, baayʼee gadditeef. Miiriyaam intala Faraʼooniin, ‘Dubartii mucicha hoosistu sii waamuu?’ jettee gaafatte. Intalli Faraʼoon tole yommuu jettu, Miiriyaam dhaqxee haadhuma ishii Yokebeediin waamte. Intalli Faraʼoonis, ‘Mucaa kana fuudhii hoosisi, anis siifan kaffala’ jette.

      Museen yommuu fiigu

      Mucichi yeroo guddatus, Yokebeed gara intala Faraʼonitti isa geessite; ishiinis maqaa isaa Musee jettee kan moggaaste siʼa taʼu, akkuma ilma ishiitti isa guddiste. Museen akka ilma mootiitti guddate; wanta barbaade hundas argachuu ni dandaʼa ture. Museen garuu matumaa Yihowaa hin irraanfanne. Inni nama Israaʼel malee nama Gibxii akka hin taane beeka ture. Kanaaf, Yihowaa tajaajiluu filate.

      Umuriin isaa waggaa 40 yommuu guutu garuu Museen saba isaa gargaaruuf murteesse. Namni Gibxii tokko nama Israaʼel garbicha taʼe tokko yommuu rukutu argee, nama Gibxii sana rukutee ajjeese. Reeffa isaas cirracha jala dhokse. Faraʼoon kana yeroo beeku Musee ajjeesuuf yaale. Museen garuu gara biyya Miidiyaanitti baqate. Achittis Yihowaan isa kunuunse.

      “Museen . . . amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide; . . . saba Waaqayyoo wajjin rakkachuu filate.—Ibroota 11:24, 25

      Gaaffii: Warri Gibxii Israaʼelota irratti maal raawwatan? Museen biyya Gibxiitii kan baqate maaliifi?

      Uumama 49:33; Baʼuu 1:1-14, 22; 2:1-15; Hojii Ergamootaa 7:17-29; Ibroota 11:23-27

  • Harangamaa Bobaʼu
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Museen harangamaa bobaʼu biratti jilbeenfatee

      BARUMSA 18

      Harangamaa Bobaʼu

      Museen waggaa 40f Miidiyaan keessa jiraate. Achittis haadha manaa fuudhee ijoollee godhate. Gaaf tokko naannoo Gaara Siinaatti hoolota utuu tiksuu wanta nama dinqisiisu arge. Harangamaan tokko kan bobaʼu taʼus, hin gubanne! Museen sababa isaa beekuuf itti siqee yommuu ilaalu, harangamicha keessaa sagaleen tokko akkana jedhe: ‘Musee! Kana caalaa as hin siqin. Iddoon ati dhaabattee jirtu qulqulluu waan taʼeef kophee kee of irraa baasi.’ Maleekaatti gargaaramee isatti dubbachaa kan ture Yihowaa dha.

      Museenis waan sodaateef fuula isaa haguuggate. Sagalichis akkana jedhe: ‘Rakkina Israaʼelotaa irra gaʼaa jiru argeera. Warra Gibxii jalaa isaan baasee, biyya gaariitti isaanan galcha. Ati Gibxiidhaa saba koo geggeessitee ni baasta.’ Kun Musee waan naasisu sitti hin fakkaatuu?

      Museen akkana jedhee gaafate: ‘Namoonni eenyutu si erge jedhanii yoo na gaafatan maalan jedha?’ Waaqayyos, ‘Yihowaa inni Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob taʼe akka si erge isaanitti himi’ jedhee deebiseef. Achiis Museen, ‘Namoonni sun yoo na dhagaʼuu didanhoo?’ jedhe. Yihowaanis akka isa gargaaru Museetti hime. Museen ulee isaa akka lafa buusu isa ajaje. Uleen sunis bofa taʼe! Museen eegee bofichaa yeroo qabu immoo deebiʼee ulee taʼe. Yihowaanis, ‘Dinqii kana yeroo raawwattu, akka ani si erge ni amanu’ jedhe.

      Museen, ‘Ani akka gaariitti dubbachuu hin dandaʼu’ jedhe. Yihowaanis, ‘Wanta dubbattu sittan hima, obboleessi kee Aaronis akka si gargaaruuf nan erga’ jedhee waadaa isaaf gale. Museen, Yihowaan isaa wajjin akka taʼe waan beekeef, haadha manaa isaa fi ijoollee isaa fudhatee gara Gibxiitti deebiʼe.

      “Wanti dubbattan saʼaatii sanatti waan isinii kennamuuf, . . . akkamitti yookiin maal dubbanna jettanii hin yaaddaʼinaa.”—Maatewos 10:19

      Gaaffii: Museen hoolota isaa tiksaa yeroo turetti maal arge? Yihowaan Museen maal akka raawwatu barbaade?

      Baʼuu 3:1–4:20; Hojii Ergamootaa 7:30-36

  • Dhaʼicha Jalqabaa Sadan
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Musee fi Aaron Faraʼoon dura dhaabatanii

      BARUMSA 19

      Dhaʼichawwan Jalqabaa Sadan

      Israaʼelonni garboota taʼanii hojii ulfaataa akka hojjetan dirqisiifamanii turan. Yihowaan, Musee fi Aaron ergaa ‘Sabni koo lafa onaa keessatti akka na waaqeffatuuf isa gadhiisi’ jedhu Faraʼoonitti akka himan isaan erge. Faraʼoonis of tuuluudhaan, ‘Wanta Yihowaan jedhu hin dhagaʼu, Israaʼelotas hin gadhiisu’ jedhee deebise. Sana booda, Faraʼoon hojii caalaatti ulfaatu akka hojjetan taasise. Yihowaan, Faraʼooniin barumsa tokko barsiisuuf jedha. Akkamitti akka taʼe beektaa? Gibxii irratti dhaʼichawwan kurnan fiduudhaani. Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Faraʼoon na dhagaʼaa hin jiru. Inni ganama gara Laga Abbayyaa ni dhaqa. Gara isaa dhaqiitii saba koo gadhiisuu waan dideef, bishaan Laga Abbayyaa hundi gara dhiigaatti akka jijjiiramu isatti himi.’ Museenis ajajamuudhaan gara Faraʼoon deeme. Aaron utuma Faraʼoon arguu ulee isaatiin Laga Abbayyaa yommuu rukutu, lagichi gara dhiigaatti jijjiirame. Lagichi ajaaʼuu jalqabe; qurxummiin lagicha keessa jiranis ni duduʼan; warri Gibxiis bishaan laga Abbayyaa dhuguu hin dandeenye. Taʼus, Faraʼoon saba Israaʼel gadhiisuu dide.

      Guyyoota torba booda Yihowaan, Museen ergaa, ‘Saba koo yoo gadhiisuu didde, biyyi Gibxii raachaan guutamti’ jedhu Faraʼoonitti akka himuuf isa erge. Aaron ulee isaa yeroo ol qabu biyyichi raachaan guutamuu jalqabe. Raachonni kun bakka hunda, jechuunis mana isaanii, siree isaanii fi qodaa bukoo isaaniitti namʼan. Faraʼoon, dhaʼichi kun akka dhaabatuuf Museen Yihowaa akka kadhatu gaafate. Faraʼoon Israaʼelota akka gadhiisu waadaa gale. Kanaaf, Yihowaan dhaʼicha sana ni dhaabe; warri Gibxiis raachawwan duduʼan walitti qabanii tuullan. Biyyichis ajaaʼuu jalqabe. Haa taʼu malee, Faraʼoon ammas sabicha hin gadhiisne.

      Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Aaron ulee isaatiin lafa haa rukutu; awwaarri lafaas bookee nama ciniinutti jijjiirama.’ Battalumatti bookeewwan kun bakka hunda waliin gaʼan. Namoonni Faraʼoon tokko tokko, ‘Dhaʼichi kun Waaqayyo biraa dhufe’ isaan jedhan. Taʼus, Faraʼoon ammas Israaʼelota hin gadhiisne.

      Dhaʼichawwan Gibxii irratti dhufan kudhan keessaa sadi: Dhiiga Laga Abbayyaa, raachawwanii fi bookee nama ciniinu

      “Ani isaan nan barsiisa, yeroo kanatti humna koo fi jabina koo akka beekan nan godha, isaanis maqaan koo Yihowaa akka taʼe dhugumaan ni beeku.”—Ermiyaas 16:21

      Gaaffii: Dhaʼichi jalqabaa sadan warra kami? Yihowaan dhaʼichawwan kana kan fide maaliifi?

      Baʼuu 5:1-18; 7:8–8:19; Nahimiyaa 9:9, 10

  • Dhaʼichawwan Itti Aanan Jaʼan
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Gurmuu awwaannisaa

      BARUMSA 20

      Dhaʼichawwan Itti Aanan Jaʼaan

      Musee fi Aaron, ergaa Waaqayyoo, ‘Saba koo gadhiistu taanaan, qarxaasaa biyyattiitti nan erga’ jedhu Faraʼoonitti himuu dhaqan. Gurmuun qarxaasaa sooressaa fi hiyyeessa utuu hin jedhin manneen warra Gibxii weerare. Biyyattiinis qarxaasaadhaan guutamte. Gooshen bakka Israaʼeloonni jiraatan keessa garuu qarxaasaan hin turre. Dhaʼicha arfaffaa kana irraa kaasee dhaʼichawwan dhufan kan miidhan warra Gibxii qofa ture. Faraʼoon, ‘Qarxaasaa kana nu irraa akka dhaabu Yihowaa kadhadhaa. Sabni keessan deemuu ni dandaʼa’ jedhee kadhate. Haa taʼu malee, Yihowaan qarxaasaa kana isaan irraa dhaabnaan, Faraʼoon yaada isaa jijjiire. Faraʼoon barumsa kan argatu yoomi laata?

      Yihowaan, ‘Faraʼoon saba koo gadhiisuu yoo dide, horiin warra Gibxii dhukkubsatanii duʼu’ jedhe. Guyyaa itti aanutti, horiiwwan isaanii duʼuu jalqaban. Horiiwwan Israaʼelootaa garuu hin duune. Faraʼoon ammas mataa waan jabaateef yaada isaa hin jijjiirre.

      Achiis Yihowaan, Museen gara Faraʼoonitti deebiʼee qilleensa irratti daaraa ol akka facaasu isa ajaje. Daaraan sunis qilleensa keessa guutee namoota Gibxii hunda irratti facaʼe. Achiis namoota Gibxii fi horii isaanii hunda irratti dhiitoo baayʼee nama dhukkubu fide. Taʼus, Faraʼoon ammas Israaʼeloota gadhiisuu ni dide.

      Dhaʼichawwan Gibxiitti dhufan 4 hanga 6: qarxaasaa, dhaʼicha horiitti dhufe, dhiitoo

      Yihowaan Museen ergaa kana qabatee Faraʼoon bira akka dhaqu isa ajaje: ‘Amma iyyuu saba koo gadhiisuu didde mitii? Bor biyyattii irratti cabbii guguddaan ni rooba.’ Guyyaa itti aanutti, Yihowaan cabbii, bakakkaa fi ibidda isaanitti fide. Cabbiin akkasii kanaan dura Gibxii irratti roobee hin beeku. Muktii fi midhaan Gibxii keessa jiru hundi ni barbadaaʼe; Gooshenitti garuu cabbiin kun hin roobne. Faraʼoonis akkana jedhe: ‘Yihowaan kana akka nu irraa dhaabu kadhadhaa! Sana booda deemuu dandeessu.’ Haa taʼu malee, cabbii fi bokkichi akkuma dhaabateen, Faraʼoon yaada isaa jijjiire.

      Achiis Museen, ‘Awwaannisi biqiltuu cabbicha irraa hafe hunda ni nyaata’ jedhe. Awwaannisni miliyoonaan lakkaaʼamus wanta maasii fi muka irratti hafe hunda nyaate. Faraʼoonis, ‘Awwaannisa kana akka nu irraa dhaabuuf Yihowaa kadhadhaa’ jedhee Musee gaafate. Taʼus, Yihowaan hawaannisicha erga isaan irraa fageessee booda, Faraʼoon Israaʼeloota gadhiisuu dide.

      Yihowaan Museedhaan, ‘Harka kee gara samiitti ol qabi’ jedhe. Battaluma sanas samiin guutummaatti ni dukkanaaʼe. Warri Gibxii guyyaa sadiif wal argus taʼe waan tokko iyyuu arguu hin dandeenye. Bakka Israaʼeloonni jiran garuu ifa ture.

      Dhaʼichawwan Gibxiitti dhufan 7 hanga 9: cabbii, awwaannisa, dukkana

      Faraʼoonis Museedhaan, ‘Atii fi namoonni kee deemuu dandeessu. Horii keessan garuu asumatti hafu’ jedhe. Museenis deebisee, ‘Waaqa keenyaaf aarsaa waan dhiheessinuuf, horii keenya fudhannee deemuu qabna’ jedhe. Faraʼoon baayʼee aaree, ‘Ija koo duraa deemi! Deebitee yoo dhufte sin ajjeesa’ jedhee isatti iyye.

      “Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaa fi nama hamaa, nama Waaqayyoon tajaajiluu fi nama isa hin tajaajille gidduu jiru ni hubattu.”—Miilkiyaas 3:18

      Gaaffii: Yihowaan itti aansee dhaʼichawwan kamfaa fide? Dhaʼichawwan jalqabaa sadan irraa adda kan isaan taasisu maali dha?

      Baʼuu 8:20–10:29

  • Dhaʼicha Kurnaffaa
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Nama Israaʼel gubanii balbalaa irratti yommuu dhiiga diban

      BARUMSA 21

      Dhaʼicha Kurnaffaa

      Museen lammata deebiʼee akka isa hin argine Faraʼooniif waadaa gale. Utuu isa biraa hin deemin dura garuu Faraʼooniin, ‘Halkan walakkaa, ilma angafaa warra Gibxii, jechuunis ilma Faraʼoonii kaasee hanga ilma garboota isaaniitti ni duʼu’ jedhe.

      Yihowaan Israaʼelonni nyaata addaa akka qopheeffatan isaan ajaje. Akkana jedhe: ‘Korbeessa hoolaa ykn reʼee waggaa tokkoo qalaatii dhiiga isaa gubanii balbala keessaniitti dibaa. Foon isaas waadaatii maxinoo raacitii hin qabnee wajjin nyaadhaa. Uffata keessan uffadhaa; kophee keessanis kaʼaadhaatii deemuuf qophaaʼaa. Harʼa galgala ani bilisan isin baasa.’ Israaʼelonni hammam gammadanii akka turan tilmaamuu dandeessaa?

      Halkan walakkaa, maleekaan Yihowaa gara manneen Gibxii keessa jiran hundaa dhaqe. Mana gubanii balbala isaa irratti dhiigni hin dibamne keessaas angafa hunda ni ajjeese. Mana dhiigni itti dibame irra garuu ni darba ture. Sooressaa fi hiyyeessa utuu hin jedhin, maatiin warra Gibxii hundi mucaa angafaa dhabe. Ijoollee Israaʼelotaa keessaa garuu tokko illee hin duune.

      Ilmi Faraʼoon illee duʼeera. Faraʼoon kana caalaa obsuu hin dandeenye. Battaluma sana Musee fi Aaroniin, ‘Kaʼaa asii deemaa. Dhaqaatii Waaqa keessan waaqeffadhaa. Horii keessanis fudhadhaatii deemaa!’ jedhe.

      Guyyaa addeessi guutuu taatetti, Israaʼelonni maatii fi gosaan gurmaaʼanii Gibxiidhaa baʼan. Dhiirota 600,000, akkasumas dubartootaa fi ijoollee hedduu turan. Kana malees, namoonni kan biraa hedduun Yihowaa waaqeffachuuf Israaʼelota duukaa baʼan. Dhuma irrattis, Israaʼelonni bilisa baʼan!

      Israaʼelonni Yihowaan akka isaan oolche yaadachuuf, waggaa waggaatti nyaata addaa sana qopheessu turan. Nyaanni kun Ayyaana Faasikaa jedhama ture.

      Israaʼelonni Gibxiidhaa yommuu baʼan

      “Ani kanan si turse, humna koo karaa kee argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi.”—Roomaa 9:17

      Gaaffii: Dhaʼichi inni kurnaffaan maal ture? Israaʼelonni dhaʼicha kana jalaa ooluuf maal gochuu qabu turan?

      Baʼuu 11:1–12:42; 13:3-10

  • Dinqii Galaana Diimaa Irratti Raawwatame
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Faraʼoonii fi loltoota isaa

      BARUMSA 22

      Dinqii Galaana Diimaa Irratti Raawwatame

      Faraʼoon Israaʼelonni Gibxiidhaa akka baʼan yeroo dhagaʼu, isaan gadhiisuu isaatti ni gaabbe. Akkana jedhee loltoota isaa ajaje: ‘Gaarii fardaa waraanaa koo hunda qopheessaa; isaan duukaa haa buunu! Isaan gadhiisuu hin qabnu turre.’ Achiis, innii fi loltoonni isaa Israaʼelota duukaa buʼan.

      Yihowaan guyyaa duumessatti, halkan immoo ibiddatti fayyadamee saba isaa geggeessaa ture. Gara Galaana Diimaatti isaan geessee achi akka buufatan isaan ajaje.

      Sana booda Israaʼelonni Faraʼoonii fi loltoonni isaa, isaan boodaan dhufaa akka jiran argan. Fuuldura isaaniitiin galaana, duuba isaaniitiin immoo loltoonni Gibxii waan turaniif gara itti sochoʼan dhaban. Israaʼelonnis, ‘Dhumuuf jenna! Gibxiidhaa utuu nu baasuu baattee wayya ture’ jedhanii Museetti iyyan. Museen garuu, ‘Hin sodaatinaa. Yihowaan akkamitti akka nu oolchu ilaalaa’ isaaniin jedhe. Museen Yihowaa irratti amantii akka qabu argisiiseera mitii?

      Yihowaan Israaʼelonni iddoo buufatanii kaʼanii akka deeman isaan ajaje. Halkan sana, Yihowaan duumessichi Israaʼelotaa fi Gibxoota gidduu akka galu taasise. Kallattii Gibxootaatiin kan dukkanaaʼe siʼa taʼu, kallattii Israaʼelotaatiin garuu ifa ture.

      Yihowaan harka isaa galaanicha irra akka diriirsu Musee ajaje. Achiis Yihowaan halkan sana guutuu qilleensi cimaan akka qilleensaʼu taasise. Galaanichi bakka lamatti kan hirame siʼa taʼu, gidduu isaatiin karaan irra deemamu ni uumame. Israaʼelonni miliyoonaan lakkaaʼaman lafa gogaa bishaan mirgaa fi bitaa ol tuulame gidduu jiru irra ceʼan.

      Israaʼelonni lafa gogaa bishaan mirgaa fi bitaa ol tuulame gidduu yommuu ceʼan

      Loltoonni Faraʼoon Israaʼelota hordofanii lafa gogaa bishaanicha gidduu jirutti seenan. Achiis, Yihowaan loltoonni kun waan godhan akka wallaalan taasise. Gommaan gaarii fardaa isaaniis irraa bubuqqaʼuu jalqabe. Loltoonni sunis, ‘Yihowaan isaaniif lolaa waan jiruuf, kottaa haa baqannu!’ jedhanii iyyan.

      Yihowaan Museedhaan, ‘Harka kee galaanicha irratti diriirsi’ jedhe. Bishaanichi ol tuulamee ture takkaatti loltoota Gibxii irra deebiʼe. Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi ni dhuman. Isaan keessaa tokko illee hin hafne.

      Galaanicha gamasiin immoo Israaʼelonni akkana jedhanii Waaqayyoon faarfatan: “Ulfinni isaa guddaa waan taʼeef Yihowaa nan faarfadha. Inni farda sanaa fi abbaa fardaa sana galaanichatti darbateera.” Sabichi yommuu faarfatu dubartoonni immoo shubbisaa fi dibbee rukutaa turan. Amma guutummaatti bilisa waan baʼaniif hundi isaanii baayʼee gammadan.

      “Kanaafuu, ija jabina guddaadhaan, ‘Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?’ jenna.”—Ibroota 13:6

      Gaaffii: Galaana Diimaa irratti maaltu raawwatame? Yihowaan Israaʼelota kan oolche akkamitti?

      Baʼuu 13:21–15:21; Nahimiyaa 9:9-11; Faarfannaa 106:9-12; 136:11-15; Ibroota 11:29

  • Waadaa Yihowaadhaaf Galan
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Israaʼelonni Gaara Siinaa jala dhaabatanii

      BARUMSA 23

      Waadaa Yihowaadhaaf Galan

      Israaʼelonni erga Gibxii baʼanii gara jiʼa lamaa booda, Gaara Siinaa gaʼanii achi buufatan. Yihowaan, Musee isa gara gaarichaatti ol baʼe waamee akkana isaan jedhe: ‘Israaʼelota oolcheera. Isaan anaaf yoo ajajamanii fi seera koo eeganii yoo jiraatan anaaf saba addaa ni taʼu.’ Museenis gaaricha irraa buʼee wanta Yihowaan dubbate Israaʼelotatti hime. Isaan hoo maal jedhan? ‘Wanta Yihowaan nu ajaje hunda ni raawwanna’ jedhanii deebisan.

      Museen ammas gara gaarichaatti ol baʼe. Achitti, Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Guyyaa sadaffaatti sii wajjin nan dubbadha. Sabichi gara Gaara Siinaatti akka ol hin baane akeekkachiisi.’ Museenis gaaricha irraa gad buʼee Israaʼelonni Yihowaa dhagaʼuuf akka qophaaʼan isaanitti hime.

      Israaʼelonni Gaara Siinaa irratti balaqqeessa fi duumessa gurraachaa yommuu ilaalan

      Israaʼelonni guyyaa sadii booda, balaqqeessaa fi duumessa gurraacha gaaricha irratti argan. Kana malees, sagalee qaqawwee fi sagalee malakataa baayʼee cimaa taʼe dhagaʼan. Achiis Yihowaan ibiddaan gaarichatti gad buʼe. Israaʼelonni baayʼee waan sodaataniif ni hollatan. Guutummaan gaarichaa ni raafame, akkasumas aaraan guutame. Sagaleen malakataa caalaatti dabalaa deeme. Achiis Waaqayyo, ‘Ani Yihowaa dha. Waaqolii kan biroo kam iyyuu hin waaqeffatinaa!’ jedhe.

      Museen gara gaarichaatti deebiʼee ol baʼe; Yihowaanis, seera sabichi akkamitti isa waaqeffachuu akka qabuu fi amala akkamii argisiisuu akka qabu ibsu isatti kenne. Museen seericha erga barreessee booda Israaʼelotaaf dubbise. Isaanis, ‘Wanta Yihowaan nu ajaje hunda ni raawwanna’ jedhanii waadaa galan. Eeyyee, Waaqayyoof waadaa galaniiru. Haa taʼu malee, waadaa isaanii ni eeguu laata?

      “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.” —Maatewos 22:37

      Gaaffii: Gaara Siinaa irratti maaltu raawwatame? Israaʼelonni maal gochuuf waadaa galan?

      Baʼuu 19:1–20:21; 24:1-8; Keessa Deebii 7:6-9; Nahimiyaa 9:13, 14

  • Waadaa Yihowaadhaaf Galan hin Eegne
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Israaʼelonni jabbii warqii irraa tolchametti naannaʼanii yeroo sirban, akkasumas yommuu shubbisan

      BARUMSA 24

      Waadaa Yihowaadhaaf Galan hin Eegne

      Yihowaan, Museedhaan akkana jedhe: ‘Gaaricha irra ol baʼiitii gara koo kottu. Seera koo gabatee dhagaa irratti barreesseen sitti kenna.’ Museenis gara gaarichaatti ol baʼee guyyaa 40 fi halkan 40f achi ture. Yeroo inni achi turetti, Yihowaan Ajajawwan Kurnan gabatee dhagaa lama irratti barreessee isatti kenne.

      Museen gabatee dhagaa lafatti yommuu darbatu

      Yeroo muraasa booda, Israaʼelonni Museen nu dhiisee deemeera jedhanii yaadan. Achiis Aaroniin, ‘Nama nu geggeessu barbaanna. Waaqa nuu tolchi!’ jedhan. Aaronis, ‘Warqii keessan fidaa’ isaaniin jedhe. Warqichas baqsee siidaa jabbii isaaniif tolche. Sabichis, ‘Jabbiin kun Waaqa keenya isa biyya Gibxiitii nu baase dha!’ jedhe. Kanaaf, jabbii warqii irraa tolfame sana waaqeffachuu jalqaban; ayyaanas ni ayyaaneffatan. Kun dogoggora turee? Eeyyee, sababiin isaas sabichi Yihowaa qofa waaqeffachuuf waadaa galee ture. Taʼus, waadaa isaanii hin eegne.

      Yihowaanis wanta taʼe argee Museedhaan akkana jedhe: ‘Gara sabichaatti gadi buʼi. Isaan anaaf ajajamuu didanii waaqa sobaa waaqeffachaa jiru.’ Museenis gabatee dhagaa lamaan qabatee tullicha irraa gad buʼe.

      Gara buufatichaatti yeroo dhihaatu, sabichi yommuu sirbu dhagaʼe. Achiis utuu isaan jabbii sanaaf shubbisanii fi sagadanii arge. Museen baayʼee aare. Gabatee dhagaa lamaan lafatti darbate; isaanis ni caccaban. Siidaa jabbichaas yeruma sana barbadeesse. Achiis Aaroniin, ‘Sabichi wanta sirrii hin taane kana akka hojjettu kan si amansiise akkamitti?’ jedhee gaafate. Aaronis akkana jedhe: ‘Hin aarin. Saba kana amala isaa beekta. Waaqa nuu hojjedhu jedhan; anis warqii isaanii ibiddaan baqsee jabbicha kanan hojjedhe!’ Aaron akkas gochuu hin qabu ture. Museen gara tullichaatti deebiʼee Yihowaan sabichaaf dhiifama akka godhu kadhate.

      Yihowaanis warra isaaf ajajamuu barbaadaniif dhiifama godhe. Israaʼelonni qajeelfama Musee hordofuun isaanii hammam barbaachisaa akka ture hubattee?

      “Inni gowwootatti waan hin gammanneef, yeroo Waaqayyoof wareega wareegdu hundumaatti wareega kee utuu hin turin raawwadhu. Wanta wareegde raawwadhu.” —Lallaba 5:4

      Gaaffii: Israaʼelonni yeroo Museen isaan biraa deemetti maal raawwatan? Museen hoo yeroo deebiʼee dhufetti maal godhe?

      Baʼuu 24:12-18; 32:1-30

  • Godoo Qulqullaaʼaa Waaqeffannaadhaaf Oolu
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Godoo qulqullaaʼaa a fi mooraa isaa

      BARUMSA 25

      Godoo Qulqullaaʼaa Waaqeffannaadhaaf Oolu

      Museen Gaara Siinaa irra yeroo turetti, Yihowaan dunkaana addaa godoo qulqullaaʼaa jedhamuu fi Israaʼelonni keessatti Isa waaqeffatan akka hojjetu Musee ajaje. Yommuu bakka biraa deeman godoo qulqullaaʼaa kana baatanii deemuu dandaʼu turan.

      Yihowaan Museedhaan, ‘Godoo qulqullaaʼaa kana ijaaruuf akka ooluuf hamma dandaʼan kennaa akka kennan sabichatti himi’ jedhe. Israaʼelonnis warqii, meetii, sibiila diimaa, dhagaawwan gatii guddaa qabanii fi faaya kennan. Akkasumas suufii, quncee talbaa, gogaa horii fi wantoota kan biroo hedduu kennan. Waan baayʼee waan kennaniif, Museen ‘Wanta nu gaʼu arganneerra! Kana caalaa hin fidinaa’ isaaniin jechuu qaba ture.

      Israaʼelonni wantoota dunkaanicha ijaaruuf barbaachisan yommuu fidan

      Dhiironnii fi dubartoonni ogummaa qabanis godoo qulqullaaʼaa kana ijaaruu irratti gargaaraniiru. Yihowaan ogummaa hojichaaf barbaachisu isaaniif kenneera. Tokko tokko jirbii foʼaa, uffata dhaʼaa fi kuulaa turan. Warri kaan immoo dhagaa bocanii, warqee baqsanii, akkasumas muka soofanii qopheessu turan.

      Sabichi godoo qulqullaaʼaa sana akkuma Yihowaan isa ajajetti hojjete. Kutaa isa Qulqulluu kutaa isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe irraa adda baasuufis golgaa bareedu tolchan. Kutaa isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu keessa saanduqa kakuutu kaaʼama ture; saanduqni kun muka laaftoo fi warqii irraa hojjetame. Kutaa isa Qulqulluu keessa immoo baattuu ibsaa warqii irraa hojjetame, minjaalaa fi iddoo aarsaa ixaanni irratti aarfamutu jira ture. Mooraa isaa keessa immoo, waciitii sibiila diimaa irraa tolchamee fi iddoo aarsaa guddaatu jira ture. Saanduqni kakuu waadaa Israaʼelonni Yihowaadhaaf ajajamuuf galan kan isaan yaadachiisu ture. Kakuun maal akka taʼe beektaa? Waadaa adda taʼe dha.

      Yihowaan Aaronii fi ilmaan isaa godoo qulqullaaʼaa keessatti luboota taʼanii akka tajaajilaniif isaan filate. Godoo qulqullaaʼaa kunuunsuu fi achitti Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu qabu turan. Gara kutaa isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu seenuun kan heyyamamu garuu, Aaron isa luba ol aanaa taʼeef qofa ture. Kanas kan godhu, waggaatti siʼa tokko cubbuu ofii isaa, cubbuu maatii isaa fi cubbuu guutummaa saba Israaʼeliif aarsaa dhiheessuufi dha.

      Israaʼelonni Gibxiidhaa erga baʼanii waggaa tokko booda godoo qulqullaaʼaa ijaaranii xumuran. Kana booda iddoo itti Yihowaa waaqeffatan argataniiru.

      Yihowaan godoo qulqullaaʼaa kana ulfina isaatiin kan guute siʼa taʼu, duumessis irra buufate. Duumessichi godoo qulqullaaʼaa irraa hamma kaʼutti Israaʼelonni bakkuma jiran turu. Duumessichi yeroo kaʼu garuu, akka achii deemuu qaban beeku. Godoo qulqullaaʼaa sana buqqisanii duumessicha duukaa buʼu.

      “Yeroo kanatti sagalee guddaan tokko teessoo sana keessaa akkana yommuu jedhu nan dhagaʼe: ‘Kunoo, dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira; innis isaanii wajjin jiraata; isaanis saba isaa ni taʼu. Waaqayyos ofii isaa isaanii wajjin ni taʼa.’”—Mulʼata 21:3

      Gaaffii: Yihowaan maal akka ijaaru Museetti hime? Yihowaan Aaronii fi ilmaan isaatiif hojii akkamii kenne?

      Baʼuu 25:1-9; 31:1-11; 40:33-38; Ibroota 9:1-7

  • Basaastota Kudha Lamaan
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Dhiironni Israaʼel biyya Kanaʼaan yommuu basaasan

      BARUMSA 26

      Basaastota Kudha Lamaan

      Israaʼelonni Gaara Siinaatii kaʼanii lafa onaa Phaaraan keessa darbanii gara iddoo Qaadesh jedhamuu dhaqan. Achitti Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Gosoota hunda keessaa nama tokko tokko filadhuutii, biyya Kanaʼaan ishii ani Israaʼelotaaf kennu akka basaasaniif namoota 12 ergi.’ Kanaaf Museen dhiirota 12 filatee akkana isaaniin jedhe: ‘Gara Kanaʼaan dhaqaatii biyyattiin midhaan biqilchuuf gaarii taʼuu ishii ilaalaa. Namoonni isaanii dadhaboo ykn cimoo taʼuu isaanii, akkasumas dunkaana keessa ykn magaalaa keessa kan jiraatan taʼuu isaanii ilaalaa.’ Iyyaasuu fi Kaalebiin dabalatee basaastonni 12n gara Kanaʼaan dhaqan.

      Israaʼelonni ni gunguman; ni sodaatanis

      Guyyaa 40 booda basaastonni sun firii balasii, rumaanii fi wayinii fidanii dhufan. Basaastonni kun, ‘Biyyattiin biyya gaarii dha; haa taʼu malee, namoonni isaanii ciccimoo dha; magaalonni isaaniis dallaawwan dhedheeraa qabu’ jedhan. Kaaleb garuu, ‘Isaaniin moʼuu ni dandeenya. Ammuma haa deemnu’ jedhe. Kaaleb akkana kan jedhe maaliif akka taʼe beektaa? Innii fi Iyyaasuun Yihowaatti waan amananiifi dha. Basaastonni kaan kurnan garuu, ‘Hin taʼu! Namoonni biyyattii guguddoo dha! Isaan biratti nuti hamma kuruphisaa geenya’ jedhan.

      Israaʼelonni sodaatanii, gungumuu fi akkana waliin jechuu jalqaban: ‘Kottaa nama nu geggeessu kan biraa filannee gara Gibxiitti haa deebinuu. Biyya sana dhaqnee maaliif dhumna?’ Iyyaasuu fi Kaaleb immoo, ‘Yihowaadhaaf ajajamaa; hin sodaatinaa. Yihowaan nu eega’ jedhan. Israaʼelonni garuu isaan dhagaʼuu didan. Darbees, Iyyaasuu fi Kaalebiin ajjeesuu barbaadan!

      Yihowaan maal godhe ree? Museedhaan akkana jedhe: ‘Ani wanta baayʼee isaaniif godhus, Israaʼelonni amma iyyuu naaf hin ajajaman. Kanaaf, lafa onaa keessa waggoota 40f ni turu; achittis ni duʼu. Ijoollee isaanii, akkasumas Iyyaasuu fi Kaaleb qofaatu biyya ani abdachiisetti galee keessa jiraata.’

      “Isin warri amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?”—Maatewos 8:26

      Gaaffii: Basaastonni 12n biyya Kanaʼaanii yeroo deebiʼan maaltu taʼe? Iyyaasuu fi Kaaleb Yihowaatti akka amanaman kan argisiisan akkamitti?

      Lakkoofsa 13:1–14:38; Keessa Deebii 1:22-33; Faarfannaa 78:22; Ibroota 3:17-19

  • Yihowaa Irratti Mormii Kaasan
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Qoraa fi deggertoonni isaa Musee fi Aaron fuuldura dhaabatanii

      BARUMSA 27

      Yihowaa Irratti Mormii Kaasan

      Yeroo muraasa booda, utuma Israaʼelonni lafa onaa keessa jiranii Qoraa, Daataan, Abiiramii fi namoonni kan biraan 250 Musee irratti mormii kaasan. Akkana isaan jedhan: ‘Waaʼeen keessan nu gaʼeera! Ati geggeessaa keenya, Aaron immoo luba ol aanaa keenya kan taatan maaliifi? Yihowaan sii fi Aaronii wajjin qofa utuu hin taʼin hunda keenyaa wajjin jira.’ Yihowaan garuu kanatti hin gammanne. Akkuma isa irratti mormii kaasanitti ilaale!

      Museen Qoraa fi deggertoota isaatiin akkana jedhe: ‘Bor qodaa itti ixaana aarsitanitti ixaana naqadhaatii gara godoo qulqullaaʼaa kottaa. Yihowaanis eenyuun akka filate nutti argisiisa.’

      Guyyaa itti aanu, Qoraa fi namoonni 250 Musee wajjin wal arguuf gara godoo qulqullaaʼaa dhaqan. Achittis isaan akkuma waan luboota taʼanitti ixaana aarsan. Yihowaan Musee fi Aaroniin, ‘Qoraa fi namoota isaa wajjin jiran irraa fagaadhaa’ jedhe.

      Qoraan gara godoo qulqullaaʼaa bakka Museen jiru dhaqe; Daataan, Abiiramii fi maatiiwwan isaanii garuu dhaquu didan. Yihowaan Israaʼelonni dunkaana Qoraa, Daataanii fi Abiiram irraa akka fagaatan isaan ajaje. Israaʼelonnis yeruma sana isaan irraa fagaatan. Daataan, Abiiramii fi maatiiwwan isaanii balbala dunkaana isaanii bira dhaabatan. Akkuma tasaa lafti afaan banee isaan liqimse! Godoo qulqullaaʼaa biratti immoo ibiddi samii irraa buʼee Qoraa fi namoota 250n fixe.

      Lafti banamee Daataan, Abiiramii fi maatiiwwan isaanii yommuu liqimsu

      Yihowaan Museedhaan akkana jedhe, ‘Geggeessitoota gosa Israaʼel hunda harkaa ulee isaanii fuudhiitii maqaa isaanii irratti barreessi. Ulee gosa Leewwii irratti garuu maqaa Aaron barreessi. Achiis godoo qulqullaaʼaa keessa kaaʼi; uleen nama ani filadhus ni lata.’

      Guyyaa itti aanutti, Museen ulee hunda gadi baasee geggeessitoota sanatti argisiise. Uleen Aaron daraaraa baasee firii almoondii bilchaate godhatee ture. Akkasitti Yihowaan luba ol aanaa akka taʼuuf Aaroniin filachuu isaa argisiise.

      “Warra gidduu keessanitti dura buutota taʼaniif ajajamaa, akkasumas bitamaa.”—Ibroota 13:17

      Gaaffii: Qoraa fi deggertoonni isaa Musee irratti mormii kan kaasan maaliifi? Yihowaan luba ol aanaa akka taʼuuf Aaroniin filachuu isaa akkamitti beekna?

      Lakkoofsa 16:1–17:13; 26:9-11; Faarfannaa 106:16-18

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi