Marii Xumuraa Kaadhimamtoota Cuuphaa Wajjin Godhamu
Yeroo baayʼee cuuphaan kan raawwatamu walgaʼiiwwan aanaa fi naannoo Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan irratti dha. Obboleessi haasaa cuuphaa dhiheessu, xumura haasaa isaa irratti kaadhimamtoonni cuuphaa kaʼanii dhaabbachuudhaan gaaffiiwwan lamaan armaan gaditti argamaniif sagalee isaanii ol kaasanii deebii akka kennan gaafata:
1. Cubbuu keessan irraa yaada geeddarattanii, Yihowaadhaaf of murteessuudhaan, karaa Yesuus Kiristoos akka inni isin fayyisu amantaniittuu?
2. Cuuphamuun keessan, Dhugaa Baatota Yihowaa warra jaarmiyaa Yihowaa keessa jiran keessaa tokko akka isin taasisu hubattaniittuu?
Kaadhimamtoonni cuuphaa gaaffiiwwan kanaaf, ‘eeyyee’ jedhanii deebii kennuun isaanii furicha irratti amantii akka qabanii fi guutummaatti Yihowaadhaaf akka of murteessan “ifatti” beeksisuu isaanii kan argisiisu dha. (Rom. 10:9, 10) Kanaafuu, kaadhimamtoonni cuuphaa wanta itti amanan wajjin haala wal simuun deebii kennuu akka dandaʼanitti, gaaffiiwwan kanneen dursanii kadhannaadhaan irratti yaaduu qabu.
Yihowaa qofa waaqeffachuuf, akkasumas jireenya kee keessatti fedha isaa raawwachuudhaaf iddoo guddaa akka kennitu waadaa galuudhaan kadhannaadhaan Yihowaadhaaf of murteessiteettaa?
Amma daftee cuuphamuu akka qabdu sitti dhagaʼamaa?
Uffanni cuuphaadhaaf taʼu kan akkamiiti? (1 Xim. 2:9, 10; Yoh. 15:19; Filp. 1:10)
‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuu keenya argisiisuuf “maal naan jedhuu fi hubannaadhaan” uffachuu qabna. Kanaafuu, kaadhimamtoonni cuuphaa uffata daakaa qaama mulʼisu ykn beeksisni ykn dhaadannoon adda addaa irratti barreeffame uffachuu hin qaban. Uffata seera qabeessa, qulqulluu, nama hin mufachiisnee fi haala sanaaf taʼu uffachuu qabu.
Namni tokko yommuu cuuphamu amala akkamii argisiisuu qaba? (Luq. 3:21, 22)
Cuuphaan Yesuus cuuphaa Kiristiyaanotaa yeroo harʼaatiif fakkeenya gaarii taʼa. Inni cuuphaan tarkaanfii guddaa akka taʼe kan hubate yeroo taʼu, kanas ilaalchaa fi gocha isaatiin argisiiseera. Kanaafuu, bakki sirni cuuphaa itti geggeeffamu, bakka qoosaa, bakka taphaa, bakka daakaa ykn bakka wanti ulfina sirna cuuphaa hirʼisu itti raawwatamu godhamee ilaalamuu hin qabu. Akkasumas Kiristiyaanni haaraan tokko wanta injifannoo guddaa akka argate fakkeessu raawwachuu hin qabu. Sirni cuuphaa gammachiisaa taʼus, gammachuu keenya karaa ulfina qabuun ibsuu qabna.
Yeroo hunda gumii irratti argamuu fi gumicha wajjin walitti dhufeenya qabaachuun kee waadaa Yihowaadhaaf of murteessuudhaan galte eegdee jiraachuuf kan si gargaaru akkamitti?
Erga cuuphamtee boodas, sagantaa qoʼannaa dhuunfaa qabaachuun kee fi yeroo hunda tajaajila irratti hirmaachuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
QAJEELFAMA JAARSOLII GUMIITIIF KENNAME
Babalʼisaan hin cuuphamne tokko cuuphamuu akka barbaadu yeroo beeksisu, mata duree “Gaaffilee Namoota Cuuphamuu Barbaadaniif Dhihaatan” jedhuu fi fuula 12-49 irratti argamu of eeggannoodhaan akka dubbisu jajjabeessuun barbaachisaa dha. Kana malees, mata duree “Ergaa Babalʼistoota hin Cuuphamneef Darbe” jedhuu fi fuula 7 jalqabee jiru xiyyeeffannaadhaan akka dubbisu itti himamuu qaba. Mata dureen kun marii jaarsolii wajjin godhuuf akkamitti qophaaʼuu akka dandaʼu ibsa. Achi irratti akkuma ibsame, babalʼisaan cuuphamuuf gaaffii dhiheesse, yeroo jaarsolii wajjin mariʼatutti yaadannoo dhuunfaa isaatti fayyadamuu ykn buukleetii kana banee hordofuu dandaʼa. Haa taʼu malee, babalʼisaan kun jaarsolii wajjin mariʼachuu isaa dura namni kan biraan gaaffiiwwan kana irratti isa wajjin mariʼachuun barbaachisaa miti.
Babalʼisaan cuuphamuu barbaadu kam iyyuu qindeessaa qaama jaarsoliitti himuu qaba. Namni cuuphamuuf gaafate sun yeroo gaʼaa argatee “Gaaffilee Namoota Cuuphamuu Barbaadaniif Dhihaatan” erga dubbisee booda, qindeessaan qaama jaarsolii, babalʼisaan sun fedha Yihowaa raawwachuuf kadhannaadhaan of murteessuu isaa gaafata. Babalʼisaan sun of murteesseera yoo taʼe, qindeessaan qaama jaarsolii jaarsoliin lama “Gaaffilee Namoota Cuuphamuu Barbaadaniif Dhihaatan” jedhu irratti akka isa wajjin mariʼatan qophii godha. Kutaawwan lamaan irratti mariʼachuuf jaarsoliin garaa garaa ramadamuu qabu. Marii kana gochuuf, guyyaan walgaʼiin aanaa ykn naannoo itti geggeeffamu hanga himamutti eeguun barbaachisaa miti.
Yeroo baayʼee kutaawwan lamaan kana yeroo garaa garaatti tokkoon tokkoon isaanii irratti mariʼachuuf gara saʼaatii tokkoo fudhachuu dandaʼa. Yeroo barbaachisaa taʼuttis saʼaatii tokkoo oliif irratti mariʼachuun ni dandaʼama. Mariin tokkoon tokkoon kutichaa irratti godhamu kadhannaadhaan banamee xumuramuu qaba. Kaadhimamaan cuuphamuu barbaadus taʼe jaarsoliin gaaffilee kana irratti isa wajjin mariʼatan gaaffiiwwan kana dafanii fixuuf jarjaruu hin qaban. Jaarsoliin ramadamanis marii kana gochuuf dursa kennuu qabu.
Yeroo baayʼee gaaffiiwwan kana kaadhimamtoota cuuphaa hedduu wajjin irratti mariʼachuu mannaa dhuunfaatti nama tokko wajjin irratti mariʼachuu wayya. Jaarsoliin, kaadhimamaan cuuphamuu barbaadu gaaffii hunda irratti deebii akka kennu gochuun isaanii dhugaa Kitaaba Qulqulluu hammam akka beeku sirriitti hubachuuf isaan dandeessisa; kunis cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuuf isaan gargaara. Akkasumas, namni cuuphamuuf gaaffii dhiheesse, yeroo kophaa isaa taʼu yaada isaa akka gaariitti ibsuun isatti salphachuu dandaʼa. Abbaan manaa fi haati manaa wajjin gaafatamuu dandaʼu.
Kaadhimamtuun cuuphaa obboleettii yoo taate marichi bakka namoonni isaan arguu dandaʼanitti, garuu immoo wanta isaan dubbatan dhagaʼuu hin dandeenyetti geggeeffamuu qaba. Namni kan biraan maricha irratti hirmaachuun barbaachisaa yoo taʼe, jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼuu qaba. Kunis keeyyata kanatti aansee jiru irratti akkuma ibsamu mata duree irratti mariʼatamu sana irratti hundaaʼa.
Gumiiwwan jaarsolii muraasa qaban keessatti tajaajiltoonni gumii murtoo gaarii gochuu akka dandaʼanii fi hubannaa akka qaban argisiisan, gaaffiiwwan cuuphaa mata duree “Kutaa 1: Barumsawwan Kiristiyaanaa” jedhu jala jiran irratti kaadhimamtoota cuuphaa wajjin mariʼachuu dandaʼu. Gaaffiiwwan mata duree, “Kutaa 2: Jireenya Kiristiyaanaa” jedhu jalatti argaman mariisisuu kan dandaʼan jaarsolii qofa dha. Gumichi obboloota gaʼumsa qaban hin qabu yoo taʼe, gumiin dhihoo jiru gargaaruu akka dandaʼu murteessuuf ilaaltuu ol aanaa aanaa haasofsiisuu dandaʼu.
Kaadhimamtoonni cuuphaa ijoollee xixinnoo yoo taʼan warri isaanii Dhugaa Baatota taʼan maricha irratti argamuu qabu. Warri isaanii irratti argamuu yoo hin dandeenye immoo jaarsoliin lama (ykn mata duree irratti mariʼatamu irratti hundaaʼuudhaan jaarsi tokkoo fi tajaajilaan gumii tokko) tokkoon tokkoon marichaa irratti argamuu qabu.
Jaarsoliin, namni cuuphamuu barbaadu sun barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee beekumsa gaʼaa taʼe argachuu isaa mirkaneessuuf carraaqqii godhu. Kana malees, namni cuuphamuu barbaadu sun dhugaadhaaf dinqisiifannaa guddaa kan qabuu fi jaarmiyaa Yihowaa kan kabaju taʼuu isaa mirkaneeffachuu qabu. Namni kun barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu sirriitti kan hin hubanne yoo taʼe, yeroo gara biraa cuuphamuuf gaʼeessa taʼuu akka dandaʼuuf, jaarsoliin gargaarsa isa barbaachisu akka argatu haala isaaf mijeessu. Warri kaan immoo, tajaajilaaf dinqisiifannaa akka qaban ykn qophiiwwan jaarmiyichaatiif akka bitaman argisiisuu akka dandaʼaniif yeroo dabalataa isaanii kennuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Jaarsoliin, namni cuuphamuu barbaade sun cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu isaa akka gaariitti hubachuuf, yeroo gara saʼaatii tokkoo taʼuu fi tokkoon tokkoon kutichaa irratti mariʼachuudhaan dabarsan akkamitti sirriitti itti fayyadamuu akka dandaʼan murteessuu qabu. Gaaffiiwwan tokko tokkoof yeroo dheeraa, warra kaaniif immoo yeroo gabaabaa ramaduun kan dandaʼamu taʼus, gaaffiiwwan hunda irratti mariin godhamuu qaba.
Jaarsoliin gaaffiiwwan sana mariisisuuf ramadaman, kutaa lammaffaa irratti mariin erga geggeeffamee booda wal arganii namni kun cuuphamuuf gaʼeessa taʼuu fi dhiisuu isaa murteessu. Jaarsoliin, akkaataa guddinaa, dandeettii fi haalawwan kan biroo tokkoon tokkoon kaadhimamtoota cuuphaa tilmaama keessa galchuu qabu. Wanti jaarsoliin beekuu barbaadan kaadhimamaan cuuphaa tokko Yihowaa wajjin hariiroo uumuu isaa fi barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hubachuu isaa ti. Gargaarsa isin jaalalaan kakaatanii isaaniif gootaniin, namoonni cuuphaman itti gaafatamummaa tajaajiltoota misiraachichaa taʼuudhaan qaban raawwachuuf sirriitti qophaaʼuu dandaʼu.
Achii booda, jaarsolii ramadaman keessaa inni tokko ykn lamaanuu babalʼisaa sana wajjin wal arganii cuuphamuuf gaʼeessa taʼuu fi dhiisuu isaa itti himu. Namni sun cuuphamuuf gaʼeessa yoo taʼe, jaarsoliin, kutaa “Marii Xumuraa Kaadhimamtoota Cuuphaa Wajjin Godhamu” jedhuu fi fuula 51-53 irratti argamu irratti mariʼachuu qabu. Kaadhimamaan cuuphaa kitaaba, Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu qoʼatee hin xumurre yoo taʼe, jaarsoliin, erga cuuphamee booda kitaaba kana qoʼatee akka xumuru jajjabeessuu qabu. Guyyaan itti cuuphame Kaardii Babalʼistoota Gumii isaa irratti akka galmeeffamu kaadhimamaa cuuphaatti himaa. Jaarsoliin odeeffannoo dhuunfaa akkasii kan isa gaafatan jaarmiyichi hojiiwwan amantii Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti raawwachuu isaa akka itti fufuu fi innis sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuu fi gargaarsa hafuuraa argachuu akka dandaʼu gochuuf akka taʼe isa yaadachiisaa. Kana malees, jaarsoliin odeeffannoon dhuunfaa kam iyyuu akka Imaammata Eegumsa Daataa Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maraa jw.org irra jirutti akka qabamu babalʼisaa haaraa sana yaadachiisuu dandaʼu. Yeroo baayʼee mariin kun daqiiqaa kudhan ykn isaa gad keessatti geggeeffamuu qaba.
Babalʼisaan tokko erga cuuphamee waggaa tokko booda, jaarsoliin lama isa jajjabeessuu fi gorsa gaarii isaa kennuuf isa haasofsiisuu qabu. Jaarsolii kana keessaa tokko ilaaltuu ol aanaa garee isaa taʼuu qaba. Ijoollee yoo taʼe immoo warri isaa Dhugaa Baatota taʼan maricha irratti argamuu qabu. Marichi jaalala irratti kan hundaaʼee fi kan nama jajjabeessu taʼuu qaba. Jaarsoliin, guddina hafuuraa isaa irratti ni mariʼatu, akkasumas qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuu, waaqeffannaa maatii gochuu, yeroo hunda walgaʼiiwwan irratti argamuu fi hirmaannaa gochuu, akkasumas tajaajila irratti hirmaachuu isaa itti fufuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ilaalchisee gorsa isaaf kennu. (Efe. 5:15, 16) Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu qoʼatee hin xumurre yoo taʼe, jaarsoliin, namni tokko kitaaba kana qoʼatee akka inni xumuru akka isa gargaaru qophii gochuu qabu. Akkasumas jaarsoliin jaalalaan kakaʼanii isa galateeffachuu qabu. Yeroo baayʼee qabxii tokko ykn lama irratti gorsaa fi yaada kennuun gaʼaa dha.