-
‘Garaa Ittiin’ Yihowaa ‘Beektan’ QabaadhaaMasaraa Eegumsaa—2013 | Bitootessa 15
-
-
8, 9. Garaasaanii ilaalchisee Yihudoonni hedduun maal gochuu qabu turan?
8 ‘Garaa dhagna hin qabamne’ jechuun maal jechuu akka taʼe gorsa Waaqayyo akkas jechuudhaan Yihudootaaf kennerraa hubachuu dandeenya: “Isin yaa namoota Yihudaa, isinis yaa warra Yerusaalem keessa jiraattanii! Ana Waaqayyo keessaniif addaan of baasaa! Warri wanta hamaa hojjettan, qola yaada garaa keessanii haguugu of irraa kutaa! Kanaa achi dheekkamsi koo . . . isin in fixa.” Haataʼu malee hamaa akka hojjetan kan isaan godhe maalidha? Keessasaanii jechuunis garaasaaniiti. (Maarqos 7:20-23 dubbisi.) Waaqayyoo karaa Ermiyaas Yihudoonni wanta hamaa akka hojjetan kan isaan godhe maal akka taʼe sirriitti qoree ture. Garaansaanii of tuulummaadhaan hamaa taʼee ture. Ilaalchiifi yaannisaanii Yihowaa kan hin gammachiisne taʼee ture. (Ermiyaas 5:23, 24; 7:24-26 dubbisi.) Yihowaan, ‘Ana Waaqayyo keessaniif addaan of baasaa! qola yaada garaa keessanii haguugu of irraa kutaa!’ isaaniin jedheera.—Er. 4:4; 18:11, 12.
9 Kanaaf, Yihudoonni bara Ermiyaas turan, akkuma warra bara Musee, garaasaanii isa fakkeenyaan ibsame baqaqfachuu, jechuunis ‘qola yaada garaasaanii haguugu ofirraa kutuun’ isaan barbaachisa ture. (Kes. 10:16; 30:6) ‘Qola yaada garaasaanii ofirraa kutuu’ jechuun, wanta garaansaanii didaa akka taʼu godhe, jechuunis yaada, jaalala ykn kakaʼumsasaanii isa kaayyoo waaqayyoo wajjin wal faallessu ofirraa kutuu jechuudha.—HoE. 7:51.
-
-
‘Garaa Ittiin’ Yihowaa ‘Beektan’ QabaadhaaMasaraa Eegumsaa—2013 | Bitootessa 15
-
-
11, 12. (a) Hundi keenya garaa keenya qoruu kan qabnu maaliifi? (b) Waaqayyo maal hin godhu?
11 Yihowaan hundi keenya isatti akka dhihaannuufi isa duratti fudhatama argannee akka jiraannu barbaada. Ermiyaas nama qajeelaa wajjin haala wal qabateen, “Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, ati isa qajeelaa qortee in ilaalta, golee garaa namaa keessas in argita” jedheera. (Er. 20:12) Yihowaan inni hundumaa dandaʼu garaa namoota qajeelaa taʼanillee kan qoru erga taʼee, nuti hamma tokko haqaan of qoruu hin qabnuu? (Faarfannaa 11:5 dubbisi.) Yoo akkas goone, ilaalcha, galma keenya ykn miira keenya dhokataa taʼeefi xiyyeeffannaa kennuufii qabnu hubachuu dandeenya. Kunimmoo wanta garaan keenya hamma tokko didaa akka taʼu godhe, jechuunis ‘qola yaada garaa keenyaa’ isa kutamuu qabu hubachuuf nu gargaara. Kana jechuun garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame baqaqfachuu jechuudha. Garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame qoruun gaarii akka taʼe kan irratti walii gallu taanaan, waaʼee garaa keenyaa maalfaa qoruu dandeenya? Sirreeffama barbaachisu gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?—Er. 4:4.
-