Ermiyaas
20 Yeroo kanatti Paashuur ilmi Iimer inni lubaa fi mana Yihowaa keessatti itti gaafatamaa ol aanaa taʼe, yommuu Ermiyaas wantoota kana ilaalchisee raajii dubbatu dhagaʼaa ture. 2 Achiis Paashuur Ermiyaas raajicha erga rukutee booda jirma isa Karra Biiniyaam Isa Olii biratti, mana Yihowaa keessatti argamu gidduu galchee isa hidhe.+ 3 Guyyaa itti aanutti yommuu Paashuur jirma sana gidduudhaa isa hiiketti, Ermiyaas akkana isaan jedhe:
“Yihowaan Paashuur utuu hin taʼin, Bakka Hundumaa Naasuu jedhee maqaa siif moggaaseera.+ 4 Sababiin isaas, Yihowaan akkana jedha: ‘Atis taate michoonni kee hundi akka naatan nan godha; isaanis utuma ijji kee arguu goraadee diinota isaaniitiin ni kufu;+ guutummaa Yihudaa harka mootii Baabilonitti dabarsee nan kenna; innis boojuudhaan gara Baabilonitti isaan geessa; goraadeedhaanis isaan ajjeesa.+ 5 Ani qabeenya magaalaa kanaa hundumaa, badhaadhina ishii hundumaa, miʼawwan ishii warra gatii guddaa qaban hundumaa fi qabeenya mootota Yihudaa hundumaa harka diinota isaaniitti dabarsee nan kenna.+ Isaanis isaan ni saamu, qabaniis gara Baabilonitti isaan fudhatu.+ 6 Yaa Paashuur, atii fi warri mana kee keessa jiraatan hundi garuu boojuudhaan ni fudhatamtu. Ati gara Baabilonitti geeffamtee achitti ni duuta; michoota kee hundumaa wajjinis achitti ni awwaalamta; sababiin isaas, raajii sobaa isaanitti dubbatteetta.’”+
7 Yaa Yihowaa, ati na gowwoomsite, anis nan gowwoomfame.
Ati jabina kee na irratti argisiiste, ni mootes.+
Guyyaa guutuu nama itti kolfamu nan taʼe;
Namni hundis natti qoosa.+
8 Sababiin isaas, yeroon dubbadhu hundumaatti,
“Jeequmsaa fi badiisa!” jedhee nan iyya, nan labsas.
Dubbii Yihowaatiin kan kaʼe guyyaa guutuu nan arrabsama, akkasumas natti qoosama.+
Haa taʼu malee, inni garaa koo keessatti akkuma ibidda bobaʼuu fi lafeewwan koo keessa jiruu ni taʼe,
Keessa kootti isa qabachuu nan dadhabe;
Kana caalaas isa dandamachuu hin dandeenye.+
10 Ani jette jettee hamaa hedduu dhagaʼeera;
Naasuun natti marseera.+
“Isa balaaleffadhaa; kottaa, isa haa balaaleffannu!”
Namni naa wajjin nagaa kan qabu fakkaatu hundi,
“Tarii inni gowwoomfamee dogoggora raawwata taʼa,
Nutis isa moonee isa irratti haaloo baʼuu dandeenya” jechaa kufaatii koo eeggata ture.+
11 Yihowaan garuu akka loltuu sodaachisaatti anaa wajjin ture.+
Warri na ariʼatan kan gufatanii fi kan hin moone kanaafi.+
Isaan milkaaʼina waan hin arganneef, qaanii guddaadhaaf ni saaxilamu.
Salphinni bara baraaf isaan irra gaʼu hin irraanfatamu.+
12 Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, ati garuu nama qajeelaa ni qorta;
13 Inni isa hiyyeessa* harka warra hammina hojjetanii irraa waan oolcheef,
Yihowaa faarfadhaa! Yihowaa jajadhaa!
14 Guyyaan itti dhaladhe haa abaaramu!
Guyyaan haati tiyya itti na deesse hin eebbifamin!+
15 Namni, “Ilmi siif dhalateera!” jedhee
Abbaa kootti misiraachoo himuudhaan
Baayʼee isa gammachiise kan abaarame haa taʼu.
16 Namni sun akkuma magaalota Yihowaan gaabbii tokko malee gaggaragalche sanaa haa taʼu.
Inni ganama booʼicha, guyyaa saafaas iyya akeekkachiisaa haa dhagaʼu.
17 Haati tiyya iddoo awwaalchaa koo akka taatutti,
Gadameessi ishiis yeroo hunda akkuma ulfa taʼetti akka itti fufutti,
Inni gadameessa keessatti kan na hin ajjeesne maaliifi?+
18 Rakkinaa fi gadda arguuf,
Guyyoota koos qaaniidhaan xumuruuf,
Gadameessa keessaa kanan baʼe maaliifi?+