-
2 Mootota 20:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 ‘Kunoo, guyyaan wantoonni mana kee keessa jiran hundii fi wantoonni abbootiin kee hamma harʼaatti kuufatan hundi gara Baabilonitti itti geeffaman ni dhufa.+ Wanti tokko illees hin hafu’ jedha Yihowaan.
-
-
2 Mootota 24:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Tajaajiltoonni isaa magaalattiitti marsanii utuu jiranii, Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara magaalattiitti dhufe.
-
-
2 Mootota 25:13-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sanas gara Baabilonitti ni geessan.+ 14 Kana malees, miʼawwan daaraa, akaafaawwan, dhaamsituuwwan ibsaa, xoofoowwanii fi miʼawwan sibiila diimaa tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hundumaa ni fudhatan. 15 Ajajaan waardiyyootaa sunis qodaawwan ibiddaa fi saaniiwwan golboo warra warqii+ fi meetii qulqulluu irraa tolfaman ni fudhate.+
-