LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 24:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Hojicha akkuma xumuraniinis, maallaqa isa hafe gara mootichaa fi gara Yehoyaadaatti ni fidan; isaanis maallaqicha miʼawwan mana Yihowaatiif barbaachisan, miʼawwan tajaajilichaaf barbaachisanii fi aarsaawwan dhiheessuuf barbaachisan, akkasumas xoofoowwan, miʼawwan warqii fi meetii hojjechuuf itti fayyadaman.+ Bara Yehoyaadaan ture hundumaattis mana Yihowaatti yeroo hundumaa aarsaawwan gubaman+ ni dhiheessu turan.

  • 2 Seenaa Baraa 36:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Innis guddaa fi xinnaa utuu hin jedhin miʼawwan mana Waaqa dhugaa hundumaa, akkasumas qabeenya mana Yihowaa, qabeenya mootichaa fi qabeenya bulchitoota isaa hundumaa gara Baabilonitti ni geesse.+

  • Izraa 1:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Kana malees, Qiiros Mootichi miʼawwan mana Yihowaa warra Nebukadnezaar Yerusaalem keessaa fudhatee mana waaqa isaa keessa kaaʼee+ ture sana gad ni baase.

  • Izraa 1:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 saaniiwwan golboo warqii xixinnoo 30, saaniiwwan golboo meetii xixinnoo 410, akkasumas miʼawwan kan biroo 1,000. 11 Miʼawwan warqii fi miʼawwan meetii hundi 5,400 turan. Sheshbaazaar yeroo namoonni boojiʼaman+ Baabilon irraa gara Yerusaalemitti deebifamanitti miʼawwan kana hundumaa fudhatee baʼe.

  • Daaniʼel 5:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Belshaazaar daadhii wayinii dhugee yeroo itti hoʼu, mootichi, guguddoonni isaa, saajjatoonni* isaa fi haadhotiin manaa isaa warri kaan akka ittiin dhuganiif, miʼawwan warqii fi meetii warra abbaan isaa Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu keessaa fudhate akka fidan ajaje.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi