LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 20:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yeroo kanatti Isaayyaas Hisqiyaasiin akkana jedhe: “Dubbii Yihowaa dhagaʼi;+ 17 ‘Kunoo, guyyaan wantoonni mana kee keessa jiran hundii fi wantoonni abbootiin kee hamma harʼaatti kuufatan hundi gara Baabilonitti itti geeffaman ni dhufa.+ Wanti tokko illees hin hafu’ jedha Yihowaan.

  • Isaayyaas 39:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 ‘Kunoo, guyyaan wantoonni mana* kee keessa jiran hundii fi wantoonni abbootiin kee hamma harʼaatti kuufatan hundi gara Baabilonitti itti geeffaman ni dhufa. Wanti tokko illees hin hafu’+ jedha Yihowaan.+

  • Ermiyaas 27:19-22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa utubaawwan+ sana, Galaanicha,*+ gaariiwwan,+ akkasumas miʼawwan magaalaa kana keessatti hafan, 20 jechuunis miʼawwan Nebukadnezaar mootiin Baabilon yeroo Yekooniyaa ilma Yehoyaaqiim mootii Yihudaa guguddoota Yihudaa fi guguddoota Yerusaalem hundumaa wajjin boojuudhaan Yerusaalem irraa gara Baabilonitti geessetti utuu hin fudhatin hafe sana ilaalchisee akkana jedha;+ 21 eeyyee, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa, miʼawwan mana Yihowaa keessatti, mana* mootii Yihudaa keessattii fi Yerusaalem keessatti hafan ilaalchisee akkana jedha: 22 ‘“Isaan gara Baabilonitti ni geeffamu;+ hamma guyyaa ani xiyyeeffannaa koo gara isaaniitti itti deebisuttis achuma ni turu. Achiis deebisee isaan nan fida, iddoo kanattis isaan nan deebisa” jedha Yihowaan.’”+

  • Ermiyaas 52:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sana hundumaas gara Baabilonitti ni geessan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi