-
Isaayyaas 39:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yeroo kanatti Isaayyaas Hisqiyaasiin akkana jedhe: “Dubbii Yihowaa Gooftaa Raayyaa dhagaʼi; 6 ‘Kunoo, guyyaan wantoonni mana* kee keessa jiran hundii fi wantoonni abbootiin kee hamma harʼaatti kuufatan hundi gara Baabilonitti itti geeffaman ni dhufa. Wanti tokko illees hin hafu’+ jedha Yihowaan.+ 7 ‘Ilmaan kee warra ati dhalchitu keessaa tokko tokkos ni fudhatamu; mana mootummaa mootii Baabilon keessattis abbootii taayitaa ni taʼu.’”+
-