LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 24:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Tajaajiltoonni isaa magaalattiitti marsanii utuu jiranii, Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara magaalattiitti dhufe.

  • 2 Mootota 24:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Qabeenya mana Yihowaa fi qabeenya mana mootichaa hundumaas achi keessaa baasee fudhate.+ Miʼawwan warqii mana qulqullummaa Yihowaa keessa jiranii fi Solomoon mootiin Israaʼel hojjete hundumaa ni caccabse.+ Kunis akkuma Yihowaan dursee dubbatetti ni raawwatame.

  • 2 Mootota 25:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sanas gara Baabilonitti ni geessan.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Innis guddaa fi xinnaa utuu hin jedhin miʼawwan mana Waaqa dhugaa hundumaa, akkasumas qabeenya mana Yihowaa, qabeenya mootichaa fi qabeenya bulchitoota isaa hundumaa gara Baabilonitti ni geesse.+

  • Daaniʼel 1:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 1 Yehoyaaqiim+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhufee ishiitti marse.+ 2 Boodas Yihowaan Yehoyaaqiim mootii Yihudaa fi miʼawwan mana* Waaqa dhugaa tokko tokko harka isaatti dabarsee kenne;+ innis gara biyya Shinaaritti,*+ gara mana* waaqa isaatti isaan geesse. Miʼawwan kanas mana qabeenyaa waaqa isaa keessa kaaʼe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi