-
2 Mootota 24:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Inni namoota Yerusaalem hundumaa, bulchitoota hundumaa,+ loltoota jajjaboo taʼan hundumaa, akkasumas nama ogummaa harkaa fi ogummaa sibiilaa qabu* hundumaa,+ walumaa galatti namoota 10,000 boojiʼee fudhate. Namoota biyyattii warra hiyyeeyyii taʼaniin alatti eenyu illee achitti hin hafne.+ 15 Akka kanaan inni Yehoyaakiiniin+ boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ kana malees haadha mootichaa, haadhotii manaa mootichaa, abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi namoota guguddaa biyyattii Yerusaalem keessaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.
-
-
Ermiyaas 24:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Nebukadnezaar* mootiin Baabilon, Yikooniyaa*+ ilma Yehoyaaqiim+ mootii Yihudaa, bulchitoota Yihudaa, ogeeyyii harkaa fi warra hojii sibiilaa hojjetanii* wajjin boojiʼee Yerusaalem irraa gara Baabilonitti+ erga fudhatee booda, Yihowaan guuboowwan firii harbuu qabatanii fi mana qulqullummaa Yihowaa dura kaaʼaman lama natti argisiise.
-
-
Daaniʼel 1:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Boodas Yihowaan Yehoyaaqiim mootii Yihudaa fi miʼawwan mana* Waaqa dhugaa tokko tokko harka isaatti dabarsee kenne;+ innis gara biyya Shinaaritti,*+ gara mana* waaqa isaatti isaan geesse. Miʼawwan kanas mana qabeenyaa waaqa isaa keessa kaaʼe.+
3 Achiis mootichi warra sanyii mootii fi sanyii guguddootaa taʼan dabalatee Israaʼelota* tokko tokko akka fidu Ashfenaaz isa ajajaa abbootii taayitaa mana mootummaa isaa taʼe sana ajaje.+
-