- 
	                        
            
            2 Seenaa Baraa 4:11-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
11 Kana malees Hiiraam miʼawwan daaraa, akaafaawwanii fi saaniiwwan golboo ni hojjete.+
Kanaafuu, Hiiraam mana Waaqa dhugaa ilaalchisee hojiiwwan Solomoon Mootichaaf hojjetu ni xumure;+ 12 isaanis, utubaawwan lamaan,+ akkasumas gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan lamaan irra jiran, saaphanawwan+ lamaan warra gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan sana irra jiran lamaan miidhagsuuf oolan, 13 romaanota+ 400 saaphanawwan lamaaniif tolfaman, jechuunis romaanota tokkoon tokkoon saaphanaa irratti tarree lamaan jiranii fi gubbeewwan boca saanii golboo qaban lamaan warra utubaawwan sana irra jiran miidhagsuuf hojjetaman,+ 14 gaariiwwan* kurnanii fi miʼawwan bishaanii kurnan warra gaariiwwan sana irra jiran,+ 15 Galaanichaa fi qotiyyoowwan 12 warra isa jala jiran,+
 
 -