-
2 Mootota 25:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sanas gara Baabilonitti ni geessan.+ 14 Kana malees, miʼawwan daaraa, akaafaawwan, dhaamsituuwwan ibsaa, xoofoowwanii fi miʼawwan sibiila diimaa tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hundumaa ni fudhatan.
-
-
2 Seenaa Baraa 36:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Innis guddaa fi xinnaa utuu hin jedhin miʼawwan mana Waaqa dhugaa hundumaa, akkasumas qabeenya mana Yihowaa, qabeenya mootichaa fi qabeenya bulchitoota isaa hundumaa gara Baabilonitti ni geesse.+
-
-
Ermiyaas 52:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sana hundumaas gara Baabilonitti ni geessan.+ 18 Kana malees, miʼawwan daaraa, akaafaawwan, dhaamsituuwwan ibsaa, saaniiwwan golboo,+ xoofoowwanii+ fi miʼawwan sibiila diimaa tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hundumaa ni fudhatan.
-
-
Daaniʼel 5:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Isaanis miʼawwan warqii mana qulqullummaa Waaqayyoo Yerusaalemitti argamu keessaa fudhataman sana ni fidan; mootichi, guguddoonni isaa, saajjatoonni isaa fi haadhotiin manaa isaa warri kaan daadhii wayinii ittiin dhugan.
-