-
2 Seenaa Baraa 36:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Innis guddaa fi xinnaa utuu hin jedhin miʼawwan mana Waaqa dhugaa hundumaa, akkasumas qabeenya mana Yihowaa, qabeenya mootichaa fi qabeenya bulchitoota isaa hundumaa gara Baabilonitti ni geesse.+
-
-
Izraa 1:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Kana malees, Qiiros Mootichi miʼawwan mana Yihowaa warra Nebukadnezaar Yerusaalem keessaa fudhatee mana waaqa isaa keessa kaaʼee+ ture sana gad ni baase.
-
-
Daaniʼel 1:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
1 Yehoyaaqiim+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhufee ishiitti marse.+ 2 Boodas Yihowaan Yehoyaaqiim mootii Yihudaa fi miʼawwan mana* Waaqa dhugaa tokko tokko harka isaatti dabarsee kenne;+ innis gara biyya Shinaaritti,*+ gara mana* waaqa isaatti isaan geesse. Miʼawwan kanas mana qabeenyaa waaqa isaa keessa kaaʼe.+
-