Ermiyaas
4 Yihowaan akkana jedha: “Yaa Israaʼel, ati yoo deebite,
Eeyyee, gara kootti yoo deebite,
Waaqolii tolfamoo kee warra balfamoo taʼanis na duraa yoo balleessite,
Baqataa hin taatu.+
2 Dhugaadhaan, haqaa fi qajeelummaadhaan,
‘Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!’ jettee yoo kakatte,
Saboonni karaa isaa ofii isaaniitiif eebba ni argatu,
Isaan kan kaʼes ni boonu.”+
3 Yihowaan namoota Yihudaatiin, akkasumas Yerusaalemiin akkana jedha:
“Lafa isa qotiisaaf taʼu qotadhaa,
Qoree gidduuttis sanyii hin facaasinaa.+
4 Yaa namoota Yihudaa, yaa jiraattota Yerusaalem,
Yihowaadhaaf dhaqna qabadhaa,
Qolofa* garaa keessaniis of irraa muraa;+
Taʼuu baannaan garuu gocha keessan isa hamaadhaan kan kaʼe
Dheekkamsi koo akkuma ibiddaatti ni bobaʼa,
Eenyu iyyuus isa dhaamsuu hin dandaʼu.”+
5 Yihudaa keessatti kana labsaa, Yerusaalem keessattis beeksisaa.
Guutummaa biyyattii keessatti iyyaa, xurumbaas* afuufaa.+
Sagalee keessan ol kaasaatii akkana jedhaa iyyaa: “Walitti qabamaa,
Gara magaalota dallaa dhagaa qabaniitti haa baqannu.+
6 Mallattoo* gara Xiyoonitti argisiisu dhaabaa.
Dahoo barbaaddadhaa, calluma jettaniis hin dhaabbatinaa,”
Sababiin isaas, ani kaaba irraa balaa, eeyyee, badiisa guddaa tokko nan fida.+
Biyya kee bakka sodaachisaa gochuuf iddoo isaatii gad baʼeera.
Magaalonni kee ni diigamu, namnis isaan keessa hin jiraatu.+
8 Kanaafuu, uffata gaddaa uffadhaa,+
Gaddaa,* gadoodaas,
Sababiin isaas, dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu nu irraa hin deebine.
9 Yihowaan akkana jedha, “Guyyaa sanatti mootichi ija jabina* dhaba,
Bulchitoonnis ija jabina* dhabu;+
Luboonni ni jeeqamu, raajonnis ni dinqisiifatu.”+
10 Anis, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, wayyoo! Goraadeen morma keenya irra kaaʼamee* utuu jiruu, ‘Nagaa ni argattu’+ jechuudhaan dhugumaan saba kanaa fi Yerusaalemiin gowwoomsiteetta”+ nan jedhe.
11 Yeroo sanatti saba kanaa fi Yerusaalemiif akkana jedhama:
“Bubbeen waxalu inni tabbawwan gammoojjii duwwaa taʼan irraa dhufu,
Intala* saba kootii irratti saffisaan gad buʼa;
Inni kan dhufu calleessuuf yookiin qulqulleessuuf miti.
12 Bubbeen humna guutuudhaan ajaja kootiin iddoowwan kana irraa ni dhufa.
Ani isaan irratti murtii nan dabarsa.
13 Kunoo, inni akkuma duumessa bokkaa of keessatti qabateetti ni dhufa,
Gaariiwwan fardaa isaas akkuma obomboleettii ti.+
Fardeen isaa risaa caalaa saffisa qabu.+
Waan mancaaneef, nuuf wayyoo!
14 Yaa Yerusaalem, akka ooltuuf, garaa kee dhiqiitii hammina irraa qulqulleessi.+
Hamma yoomiitti garaa keetti yaada hamaa qabatta?
15 Sababiin isaas, sagaleen tokko Daan irraa oduu ni hima,+
Gaarota Efreem irraas badiisa ni labsa.
16 Kana gabaasaa, eeyyee, sabootatti himaa;
Yerusaalem irratti labsaa.”
“Basaastonni* biyya fagoodhaa dhufaa jiru,
Magaalota Yihudaa irrattis ni iyyu.
17 Ishiin ana irratti waan fincilteef,+
Isaan akkuma waardiyyoota dirree eeganiitti kallattii hundumaatiin ishiitti ni dhufu”+ jedha Yihowaan.
18 “Daandiin kee fi gochi kee suma irratti deebiʼa.+
Fincilli kee garaa kee keessatti hidda waan gad fageeffateef,
Badiisni kee akkam hadhaaʼaa dha!”
19 Nan dhiphadhe,* nan dhiphadhe!
Garaa koo* keessatti dhiphinni guddaan natti dhagaʼama.
Onneen koo na keessatti ni rukuta.
20 Guutummaan biyyattii waan balleeffamteef,
Badiisni gaʼuun isaa irra deddeebiʼee odeeffamaa jira.
Dunkaanonni koo akkuma tasaa,
Huccuuwwan dunkaanaa koo yeroo xinnoo gidduutti balleeffamaniiru.+
22 “Sabni koo gowwaa dha;+
Isaan na hin beekan.
Isaan ilmaan gowwoota taʼan warra hubannaa hin qabne dha.
Wanta hamaa hojjechuu irratti dandeettii guddaa qabu,*
Akkamitti wanta gaarii akka hojjetan garuu hin beekan.”
23 Ani biyyattii nan arge, kunoo ishiin duwwaa fi ona turte.+
Samiiwwan nan ilaale, ifni isaaniis hin jiru ture.+
24 Gaarota nan ilaale, kunoo isaan kirkiraa turan,
Tabbawwanis hollachaa turan.+
25 Ani nan ilaale, kunoo namni tokko illee hin turre,
Simbirroonni samii hundis baqatanii turan.+
26 Ani nan ilaale, kunoo maasiin fuduraa akkuma lafa onaa taʼee ture,
Magaalonni isaa hundis diigamanii turan.+
Kunis, sababa Yihowaatiin,
Dheekkamsa isaa isa bobaʼuun kan kaʼe dha.
27 Yihowaan akkana jedha: “Guutummaan biyyattii ni onti,+
Taʼus ani guutummaatti haxaaʼee ishii hin balleessu.
29 Sagaleen abbootii fardeenii fi sagaleen warra iddaa darbatanii yommuu dhagaʼamutti,
Magaalattii keessa kan jiran hundi ni baqatu.+
Isaan tusiiwwan keessa ni seenu,
Qarsaawwan irrattis ol ni baʼu.+
Magaalaan hundi dhiifameera,
Namni achi jiraatus hin jiru.
30 Amma balleeffamteetta, egaa maal goota?
Uffata diimaa uffatta,
Faayawwan warqiitiin of miidhagsita,
Ija kee kuullattees guddaa fakkaatee akka mulʼatu goota turte.
Haa taʼu malee, warri kajeellaa isaaniitiin si duukaa buʼaa turan waan si jibbaniif,
Of miidhagsuun kee gatii hin qabu;+
31 Sababiin isaas, ani sagalee akka sagalee dubartii dhukkubsattee taʼe,
Dhiphina akka dhiphina dubartii mucaa ishii isa angafaa daʼuuf ciniinsifachaa jirtuu taʼe,
Sagalee intala Xiyoon ishii hafuurri ishii ciccitaa jiru sanaas dhagaʼeera.
Ishiin harka ishii diriirsitee,+
“Warra ajjeesan sanaan kan kaʼe waanan dadhabeef, anaaf wayyoo!” jetti.