12 Yihowaan akkana jedha: “Amma iyyuu taanaan, soomaa,+ booʼaa fi gadoodaa
Garaa keessan guutuudhaan gara kootti deebiʼaa.+
13 Uffata keessan utuu hin taʼin,+ garaa keessan tarsaasaa,+
Gara Waaqa keessan Yihowaatti deebiʼaa,
Inni gara laafessaa fi araara qabeessa, aariidhaaf suuta kan jedhuu+ fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha,+
Inni badiisa fiduuf yaade ilaalchisee yaada isaa ni jijjiira.