Gantummaan Milikkita Barichaati!
“Nuyi qullaaʼota [“amanamoota,” NW], qajeelota, mudaa malees akka taane isin dhugaa nuuf baatu.”—1 TAS. 2:10.
YAADAWWAN IJOO KANA QALBEEFFADHU:
Gantummaa Deliilaan, Abiishaalomiifi Yihudaa inni biyya Keriyot raawwatanirraa barumsa akeekkachiisa nuu taʼu akkamii arganna?
Amanamummaa Yonaataaniifi Phexros argisiisanirraa barumsa maalii argachuu dandeenya?
Hiriyaa gaaʼelaa keenyaafi Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?
1-3. (a) Milikkita barichaa keessaa tokko isa kami? Kunoo maal dabalata? (b) Gaaffiiwwan sadan kamiif deebii arganna?
WANTI Deliilaa, Abiishaalomiifi Yihudaa isa biyya Keriyot wal fakkeessu maalidha? Hundisaanii gantoota kan turan siʼa taʼu, Deliilaan Siimson Abbaa firdii isa ishee jaallatu, Abiishaalom abbaasaa Daawit Mooticha, Yihudaan Gooftaasaa Yesus Kiristosiin gananiiru! Gochi gadheen namoonni kun raawwatan warra kaanirratti miidhaa geessiseera. Haataʼu malee, waaʼee dhimma kanaa beekuu kan qabnu maaliifi?
2 Dubartiin kitaaba barreessan tokko, gantummaan amalawwan gadhee yeroo ammaatti baayʼee baramaa taʼaa dhufan keessaa tokko akka taʼe ibsaniiru. Kun taʼuunsaa nama hin dinqisiisu. Yesus milikkita “dhuma barichaa” yommuu tarreessu, “namoonni baayʼeen . . . walii isaaniis dabarsanii wal kennu” jedheera. (Mat. 24:3, 10) “Ganuu” jechuun, “dabarsanii kennuu, dhiisuu ykn haxxummaadhaan diinaaf saaxiluu” jechuudha. Amanamummaa dhabuun akkasii “guyyoota gara dhumaa,” Phaawulos raajiidhaan yeroo namoonni “warra dabarsanii nama kennan” akka taʼan dubbate keessa akka jiraannu kan mirkaneessudha. (2 Xim. 3:1, 2, 4) Namoonni barreeffamoota qopheessaniifi fiilmii hojjetan, gochi haxxummaa kan nama kolfisiisu, akkasumas karaa jaalalli itti mulʼatu akka taʼe godhanii kan dhiheessan taʼus, jireenya dhugaa keessatti gantummaan miidhaafi dhiphina guddaa geessisa. Dhugumayyuu, amalli gadheen akkasii milikkita dhuma barichaa addaan baasee beeksisudha!
3 Namoota gantoota taʼaniifi seenaansaanii Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamerraa maal baranna? Namoota warra kaaniif amanamoo taʼuudhaan fakkeenya taʼanirraahoo maal baranna? Eenyuuf amanamoo taanee jiraachuu qabna? Mee gaaffiiwwan kana haa qorru.
FAKKEENYOTA DURII AKEEKKACHIISA TAʼAN
4. Deliilaan Siimsoniin dabarsitee kan kennite akkamitti? Kunoo yeellaasisaa kan ture maaliifi?
4 Jalqaba, Deliilaa ishee haxxee turteefi Siimson inni Abbaa Firdii baayʼee ishee jaallatuu haa ilaallu. Siimson waraana Filisxeemotaa wajjin godhamurratti saba Waaqayyoo geggeessuu barbaadee ture. Gootonni Filisxeemotaa shan Deliilaan Siimsoniif jaalala dhugaa akka hin qabne hubatanii taʼuu hin oolu. Kanaaf, iccitii Siimson humna guddaa qabaachuu itti dandaʼe baruudhaan akka isaanitti himtu, isaanis isa ajjeesuu akka dandaʼaniif mattaʼaa guddaa isheedhaa kennuuf gaafatan. Deliilaa isheen hamtuun, afeerrii isaan isheedhaa dhiheessan kan fudhatte taʼus, yaaliin isheen iccitii humna Siimson beekuuf goote siʼa sadii jalaa fashalaaʼeera. Achiis, ‘harʼaa bor isa gaafachuudhaan rakkiftee taaʼuufi kaʼuu isa dhowwite.’ Innis “hamma duʼaatti in gadde.” Kanaaf rifeensi mataasaa haadamee akka hin beekneefi yoo haadame humnasaa akka dhabu isheetti hime.a Deliilaan gudeedasheerra isa raffistee rifeensasaa erga irraa haaddee booda, wanta barbaadan akka isarratti raawwataniif diinotasaatti dabarsitee isa kennite. (Abo. 16:4, 5, 15-21) Gochishee kun baayʼee yeellaasisaa ture! Deliilaan baayʼee sassattuu waan turteef nama ishee jaallatu dabarsitee kenniteetti.
5. (a) Abiishaalom Daawitiif amanamaa akka hin turre kan argisiise akkamitti? Kunoo waaʼeesaa maal mulʼiseera? (b) Ahiitofel gantuu taʼuusaa ilaalchisee Daawititti maaltu dhagaʼame?
5 Ittaansuudhaan fakkeenya Abiishaalom isa gantuu turee ilaalla. Aboo argachuuf hawwii cimaa waan qabuuf mootummaa abbaasaa garagalchuuf murteesse. Abiishaalom jalqaba, abdii sobaa kennuufi waan isaan jaallatu fakkeessuudhaan “garaa warra Israaʼel hate” [hiika bara 1899]. Waan dhugumaan isaan jaallatuufi isaanii yaadu fakkeessuudhaan hammatee isaan dhungata ture. (2 Sam. 15:2-6) Abiishaalom, Ahiitofel michuu Daawit isa amanamaa taʼellee gowwoomsee mootummaa garagalchuurratti isa cina akka dhaabbatu godheera. (2 Sam. 15:31) Daawit Faarfannaa 3fi 55rratti gantummaan akkasii hangam akka isa miidhe ibseera. (Far. 3:1-8; Faarfannaa 55:12-14 dubbisi.) Abiishaalom aboo argachuu barbaaduufi mootii Yihowaan muuderratti kaʼuudhaan olaantummaa Yihowaatiif tuffii guddaa akka qabu argisiiseera. (1 Sen. 28:5) Dhumarratti fincilli inni kaase kan fashalaaʼe siʼa taʼu, Daawit mootii Yihowaan dibe taʼee bulchuusaa itti fufeera.
6. Yihudaan Yesusiin dabarsee kan kenne akkamitti? Maqaansaahoo jecha kamii wajjin wal fakkaata?
6 Mee ammammoo wanta Yihudaan inni gantichi biyya Keriyot Kiristosirratti raawwate yaadaa. Yesus ayyaana Faasikaa yeroo xumuraatiif bartootasaa 12nii wajjin kabajerratti, “Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarsee na kennuuf jira” jedheenii ture. (Mat. 26:21) Yesus kana booda halkan sana iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu keessatti Phexros, Yaaqoobiifi Yohannisiin, “Kunoo, inni dabarsee na kennu dur dhiʼaate” jedheera. Yeruma sana Yihudaan namoota isaa wajjin koratanii waliin iddoo dhaabaa Getesemaanee gaʼee “akkuma Yesus bira dhufeen, “Attam barsiisaa ko!” jedhee, isa dhudhungate.” (Mat. 26:46-50; Luq. 22:47, 52) Yihudaan Yesus Kiristosiin diinotasaatti dabarsee kennuudhaan, “dhiiga nama yakka hin qabnee” dhangalaase. Yihudaan inni qarshii jaallatu kana kan godhe maaliifi? Meetii 30 qofaaf jedhee ture! (Mat. 27:3-5) Maqaan Yihudaa jedhu, maqaa “gantuu” jedhuu wajjin hiika wal fakkaatu kan qabu siʼa taʼu, keessumaa nama michuu fakkaatee dabarsee nama kennu kan argisiisudha.b
7. Fakkeenya (a) Abiishaalomiifi Yihudaa, akkasumas (b) Deliilaarraa maal baranna?
7 Fakkeenyota akeekkachiisa nuu taʼan kanarraa maal baranna? Abiishaalomiifi Yihudaan namoota Yihowaan dibe waan gananiif haala yeellaasisaa taʼeen duʼaniiru. (2 Sam. 18:9, 14-17; HoE. 1:18-20) Maqaan Deliilaa jedhu yeroo hundaa haxxummaafi jaalala fakkeessaa argisiisuu wajjin haala wal qabateen caqasama. (Far. 119:158) Kanaaf, aboo barbaaduufi amala sassataa isa Yihowaa biratti fudhatama nu dhabsiisuu dandaʼu kamirraayyuu fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaadha! Amala gantummaa isa gadhee taʼerraa fagaachuuf barumsi kana caalaa nu gargaaruu dandaʼu jiraa?
FAKKEENYA NAMOOTA AMANAMOO TAʼANII HORDOFAA
8, 9. (a) Yonaataan Daawitiif amanamaa kan taʼe maaliif ture? (b) Fakkeenya Yonaataan hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Macaafni Qulqulluun namoota amanamoo taʼan hedduus ni caqasa. Mee isaan keessaa waaʼee namoota lamaa qoruudhaan maal akka isaanirraa barannu haa ilaallu. Jalqaba waaʼee nama Daawitiif amanamaa ture tokkoo qorra. Ilma Saaʼol Mootichaa isa angafaa kan taʼe Yonaataan wanti isa dhowwu tokko utuu hin jiru taʼee, bakka abbaasaa mootii Israaʼel akka taʼu hin shakkisiisu. Yihowaan, Saaʼolitti aansee Daawit mootii Israaʼel akka taʼuuf isa filate. Yonaataan murtoo Waaqayyoo deggereera. Daawitiin akka mormituusaatti ilaaluudhaan isatti hin hinaafne. Kanaa mannaa, “baayʼisee Daawititti in maxxane,” akkasumas isaaf amanamaa taʼe. Uffata, billaa, iddaafi hidhata mudhiisaa Daawitiif, kennuudhaanillee ulfina mootii tokkoof taʼu kenneeraaf. (1 Sam. 18:1-4) Yonaataan lubbuusaa balaadhaaf saaxiluudhaan Saaʼol dura hamma dhaabatuttillee Daawitiin ‘jajjabeessuuf’ waan isaa dandaʼame hunda godheera. Yonaataan amanamummaadhaan, “Ati Israaʼel irratti in moota, ani immoo itti aanaa kee nan taʼa” jedhee Daawititti dubbateera. (1 Sam. 20:30-34; 23:16, 17) Kanaaf, Daawit erga Yonaataan duʼee booda, gadduufi faaruu gaddaa isaaf qindeessee barreessuunsaa kan nama dinqisiisu miti.—2 Sam. 1:17, 26.
9 Amanamummaan Yonaataan garaa duuba akka ture wanti argisiisu hin jiru. Olaantummaa Yihowaatiif garaa guutuudhaan bitameera, akkasumas Daawit isa Yihowaan dibe guutummaatti deggereera. Nuyis yeroo harʼaa, gumii keessatti mirgi addaa nuu kennamuu baatus, obboloota itti gaafatamummaa qaban fedhiidhaan deggeruu qabna.—1 Tas. 5:12, 13; Ibr. 13:17, 24.
10, 11. (a) Phexros Yesusiif amanamaa taʼee kan itti fufe maaliifi? (b) Fakkeenya Phexros hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo maal gochuuf nu kakaasuu qaba?
10 Fakkeenyi gara biraan ilaallummoo Phexros ergamaa isa Yesusiif amanamaa taʼuuf waadaa galedha. Kiristos foonsaafi dhiigasaa yeroo muraasa booda aarsaa taʼutti amanuun barbaachisaa taʼuusaa fakkeenya cimaa tokkoon yommuu ibsetti, bartoonnisaa hedduun jechisaa waan isaan suukanneesseef isa dhiisanii deeman. (Yoh. 6:53-60, 66) Kanaaf Yesus ergamootasaa 12nitti garagalee, “Isinis immoo adeemuu in barbaadduu?” jedhee gaafate. Yeroo kanatti Phexros, “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waaʼee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qabaʼo. Nuyi isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneerras” jedhee deebise. (Yoh. 6:67-69) Kana jechuun, Phexros wanta Yesus aarsaasaa ilaalchisee dubbate hunda guutummaatti hubatee ture jechuudhaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Haataʼu malee, Phexros Ilma Waaqayyoo isa dibameef amanamaa taʼuuf murteessee ture.
11 Phexros, Yesus tarii dogoggoree waan dubbateef, yeroo booda wanta dubbatetti gaabbuu dandaʼa jedhee hin yaanne. Phexros gad of deebisuudhaan, Yesus “dubbii waaʼee jireenya bara baraa” akka qabu amaneera. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaa barreeffamoota “hojjetaan amanamaan” qopheessu keessaa yaanni hubachuuf namatti ulfaatu ykn yaada keenyaa wajjin wal hin simne yoo nu mudate maal goona? Yaada keenyaa wajjin akka walsimuuf jijjiiramni godhamuu qaba jennee eeguu mannaa, barumsicha hubachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna.—Luqaas 12:42 dubbisi.
HIRIYAA GAAʼELAA KEESSANIIF AMANAMAA TAʼAA JIRAADHAA
12, 13. Gaaʼela keessatti gantummaan kan jalqabu akkamitti? Rakkina akkasiitiif umriin sababa taʼuu kan hin dandeenyehoo maaliifi?
12 Gantummaan kamiyyuu gocha hamaa waan taʼeef, nagaa maatiifi gumii Kiristiyaanaa akka jeequ gochuu hin qabnu. Kana yaadatti qabachuudhaan, hiriyaa gaaʼelaa keenyaafi Waaqayyoof amanamoo taanee akkamitti jiraachuu akka dandeenyu haa ilaallu.
13 Ejji gantummaa miidhaa guddaa geessisu keessaa isa tokkodha. Namni ejja raawwatu tokko hiriyaa gaaʼelaasaa ganuudhaan xiyyeeffannaasaa gara nama kaaniitti naannessa. Hiriyaan gaaʼelaa ganame sun, utuu itti hin yaadin kophaatti waan hafuuf jireenyisaa ni jeeqama. Namoota wal jaallachaa turan lamaan gidduutti wanti akkasii uumamuu kan dandaʼu akkamitti? Yeroo baayʼee haalli akkasii kan jalqabu, hiriyoonni gaaʼelaa yaadaan yommuu gargar fagaatanittidha. Piroofeesarri Sooshiyoloojii ykn waaʼee hawaasummaa qorataniifi Gabireelaa Tuurnaatuurii jedhaman, sababa gara biraa yommuu ibsan, “gantummaan utuma waliin jiraatanii yaadaan gargar taʼuudhaan jalqaba” jedhaniiru. Hiriyaa gaaʼelaarraa yaadaan gargar taʼuun hiriyoota gaaʼelaa yeroo dheeraa waliin jiraatan tokko tokkorrallee gaʼeera. Fakkeenyaaf namni umriinsaa waggaa 50 taʼe tokko dubartii qalbiisaa hawwatte tokkoo wajjin taʼuuf jecha haadha manaasaa ishee amanamtuu waggaa 25 waliin jiraatan hiikeera. Namoonni tokko tokko umrii akkasiirratti rakkinni akkasii uumamuunsaa haaraa akka hin taanetti yaadu. Haataʼu malee, rakkinni akkasii namoota waggoota dheeraa waliin jiraatan gidduutti uumamuunsaa kan hin oolle goonee yaaduu mannaa, gantummaa akka taʼetti yaaduu qabna.c
14. (a) Yihowaan haxxummaa gaaʼela keessatti raawwatamuuf maaltu isatti dhagaʼama? (b) Yesus hiriyaa gaaʼelaatiif amanamaa taʼuu ilaalchisee maal jedheera?
14 Namoota sababii Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe utuu hin qabaatin hiriyaa gaaʼelaasaanii hiikan ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? Waaqni keenya wal hiikuu in jibba; namoota hiriyaa gaaʼelaasaanii miidhaniifi isaan dhiisan cimsee balaaleffata. (Miilkiyaas 2:13-16 dubbisi.) Haala Abbaasaa wajjin walsimuun, Yesus namni tokko hiriyaa gaaʼelaasaa balleessaa hin qabne dhiisee akka nama balleessaa hin qabneetti jiraachuu akka hin dandeenye barsiiseera.—Maatewos 19:3-6, 9 dubbisi.
15. Namoonni gaaʼela godhatan amanamummaa hiriyaa gaaʼelaasaaniitiif qaban jabeeffachuu kan dandaʼan akkamitti?
15 Namoonni gaaʼela godhatan hiriyaa gaaʼelaasaaniitiif amanamaa taʼanii jiraachuu kan dandaʼan akkamiitti? Dubbiin Waaqayyoo, “Haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi!” akkasumas, “Haadha manaa kee ishee [ykn abbaa manaa kee isa] jaallattuu wajjin jireenyatti gammadi!” jedha. (Fak. 5:18; Lal. 9:9) Hiriyoonni gaaʼelaa umriinsaanii dabalaa yommuu adeemu, qaamaanis taʼe miiraan “guutummaatti” gaaʼelasaanii keessa jiraachuu qabu. Kana jechuun xiyyeeffannaa waliif kennuu, yeroo waliin dabarsuufi caalaatti walitti dhihaachuu jechuudha. Gaaʼelasaaniifi hariiroo Yihowaa wajjin qaban eeguurratti xiyyeeffachuu qabu. Kana gochuuf, hiriyoonni gaaʼelaa Macaafa Qulqulluu waliin qayyabachuu, yeroo hunda waliin tajaajiluufi eebba Yihowaa argachuuf waliin kadhachuu isaan barbaachisa.
YIHOWAADHAAF AMANAMOO TAʼAA JIRAADHAA
16, 17. (a) Maatiifi gumii keessatti amanamummaan Waaqayyoof qabnu qoramuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Abboommii Waaqayyo fira gumiidhaa baafamee wajjin hariiroo akka hin qabaanne kenneef ajajamuun buʼaa gaarii akka argamsiisu fakkeenyi ibsu kamidha?
16 Miseensonni gumii cubbuu cimaa raawwataniifi ‘amantii isaaniitti seelkoo akka hin qabaannetti cimsanii’ adabaman jiru. (Tit. 1:13) Namoota tokko tokkommoo gochisaanii gumiidhaa akka baafaman isaan godheera. Adabni, “warra itti baraniif” karaa hafuuraa akka bayyaannatan isaan gargaareera. (Ibr. 12:11) Fira ykn michuu gumiidhaa baafame yoo qabaannehoo? Yeroo akkasiitti nama sanaaf utuu hin taʼin Waaqayyoof amanamoo taʼuu qabna. Yihowaan nama gumiidhaa baafame tokkoo wajjin hariiroo qabaachuu wajjin haala wal qabateen abboommiisaa hordofuufi dhiisuu keenya akka gaariitti ilaala.—1 Qorontos 5:11-13 dubbisi.
17 Maatiin tokko fira gumiidhaa baafamee wajjin hariiroo qabaachuu dhiisuudhaan abboommii Yihowaa amanamummaadhaan yommuu deggeru buʼaa gaarii argamu ilaalchisee fakkeenya tokko ilaalaa. Dargaggeessi tokko waggaa kudhaniif gumiidhaa baafamee kan ture siʼa taʼu, abbaansaa, haatisaafi obboloonnisaa arfan, yeroo kana hundatti isaa wajjin ‘walitti hin hidhanne.’ Yeroo tokko tokko wanta isaan hojjetanirratti hirmaachuuf yaalii gochaa kan ture taʼus, miseensonni maatiisaa hundi matumaa isaa wajjin hariiroo akka hin qabaanne murtoo cimaa godhanii turan. Erga gara gumiitti deebiʼee booda, keessumaa galgala galgala yeroo kophaa taʼutti maatiisaa wajjin taʼuuf hawwaa akka ture dubbateera. Haataʼu malee, maatiinsaa isaa wajjin hariiroo xinnoollee uumeera utuu taʼee, wanti isatti hafe jiraachuusaa baruu akka dandeenye amaneera. Haataʼu malee, miseensota maatiisaa hundaa wajjin hariiroo xinnoollee uumuu waan hin dandeenyeef, hawwii cimaan inni isaanii wajjin taʼuuf qabu, Yihowaa wajjin deebisee hariiroo qabaachuuf isa kakaaseera. Abboommii Waaqayyoo cabsuudhaan fira keessan gumiidhaa baafamee wajjin hariiroo qabaachuuf qoramtanii beektu yoo taʼe fakkeenya kanarratti yaadaa.
18. Buʼaa amanamaa taʼuun qabuufi miidhaa gantummaan geessisu irra deebitanii erga qortanii booda maal gochuuf murteessitaniittu?
18 Biyya lafaa haxxeefi gantuu taʼe keessa jiraanna. Taʼus, gumii Kiristiyaanaa keessaa namoota amanamoo fakkeenya nuu taʼan hedduu qabna. Jireenyisaanii, ‘Amanamoota, qajeelota, mudaa malees akka taʼan dhugaa baʼaaf.’ (1 Tas. 2:10) Hundi keenya Waaqayyoofi walii keenyaaf amanama taanee itti haa fufnu.
[Miiljaleewwan]
a Siimson humna guddaa akka qabaatu kan godhe rifeensasaa qofa utuu hin taʼin, nama Yihowaadhaaf addaan of baase taʼuudhaan hariiroo addaa isaa wajjin qabaachuusaa ture.
b Kanaaf, jechi ‘Yihudaan dhudhungatee’ jedhu ‘dabarsanii kennuu’ kan argisiisudha.
c Rakkina hiriyaa gaaʼelaatiin ganamuun geessisu ilaalchisee gargaarsa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2010 mataduree, “Rakkina Hiriyaa Gaaʼelaatiin Ganamuun Geessisu Dandaʼuu” jedhu fuula 29-32 ilaali.
[Fakkii fuula 10rra jiru]
Namoonni kaan Isa dhiisanii yeroo deemanittillee Phexros Ilma Waaqayyoof amanamaa taʼeera