LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 4/15 ful. 22-26
  • Yihowaan Sabasaa Akkamitti Akka Oolchu Beeka

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Sabasaa Akkamitti Akka Oolchu Beeka
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BISHAAN BADIISAARRAA OOLUU
  • GALAANA DIIMAARRAA OOLUU
  • BADIISA YERUSAALEMIRRAA OOLUU
  • WANTA GARA FUULDURAATTI DUHUFUUF HUMNA ARGACHUU
  • Nohi ‘Namoota Kan Biraa Torbaa Wajjin Ooleera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • ‘Waaqa Dhugaa Wajjin Deddeebiʼeera’
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Nohi Waaqayyo Biratti Fudhatama Kan Argate Maaliifi? Dhimmi Kun Nu Yaaddessuu Kan Qabu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 4/15 ful. 22-26

Yihowaan Sabasaa Akkamitti Akka Oolchu Beeka

‘[Yihowaan], namoota isaaf bulan qorama keessaa akkamitti akka baasu beeka.ʼ—2 PHE. 2:9.

YIHOWAARRATTI AMANTAA QABAACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

Kaayyoosaa galmaan gaʼuuf yeroo wantoonni itti raawwataman beekuu ilaalchisee,

Sabasaa oolchuuf jecha tarkaanfii fudhachuu ilaalchisee,

Wantoonni raawwataman akkamitti akka galma gaʼan sirriitti kan beekuu taʼuusaa ilaalchisee.

1. Wantoonni “rakkinni guddaan” yommuu dhufu taʼan maalidha?

GUYYAAN Yihowaan biyya lafaa Seexanaan geggeeffamurratti firdiisaa raawwatu akkuma tasaa dhufa. (1 Tas. 5:2, 3) “Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan” yommuu jalqabu hawaasa ilmaan namootaa gidduutti jeequmsa cimaatu taʼa. (Sef. 1:14-17) Guyyaan kun rakkinaafi gaddaan kan guutame taʼa. Akkasumas guyyaa dhiphinaa “jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane” taʼa.—Maatewos 24:21, 22 dubbisi.

2, 3. (a) Wanti yeroo “rakkinni guddaan” taʼu saba Waaqayyoo mudachuu dandaʼu maalidhaa? (b) Gara fuulduraa ilaalchisee wanti humna nuu kennu maalidha?

2 “Rakkinni guddaan” dhihaachaa ennaa deemutti ‘Goog inni biyya Maagoog’ humna qabu hundumaan saba Waaqayyoorratti kaʼa. Yeroo kanatti, ‘loltoonni jaboon’ saba Waaqayyoorratti kaʼuudhaan ‘akka duumessaa lafa uffisu.’ (His. 38:2, 14-16) Dhaabbanni ilmaan namootaa saba Yihowaa oolchuuf kaʼu hin jiraatu. Kanaa mannaa Yihowaa qofatu isaan oolchuu dandaʼa. Haataʼu malee, yeroo badiisni kun jalqabu sabni Yihowaa tarkaanfii akkamii fudhatu?

3 Tajaajilaa Yihowaa yoo taate, yeroo rakkinni guddaan taʼutti Waaqayyo sabasaa oolchuu akka dandaʼu ni amantaa? Phaawulos ergamaan, “Egaa gooftichi, namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa baasuu, warra jalʼoota immoo hamma guyyaa firdiitti adabaaf kaaʼuu in beeka” jedhee barreesseera. (2 Phe. 2:9) Yihowaan sabasaa kanaan dura akkamitti akka oolche xiinxaluun keenya gara fuulduraatiif humna nuu kenna. Dandeettii Yihowaan sabasaa oolchuuf qabu ilaalchisee fakkeenyota amanannaa keenya nuu cimsan sadii haa qorru.

BISHAAN BADIISAARRAA OOLUU

4. Bishaan Badiisaa wajjin haala wal qabateen yeroo murteeffame eeguun barbaachisaa kan ture maaliifi?

4 Jalqaba, seenaa waaʼee Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼe haa ilaallu. Yihowaan yeroo murteesse keessatti fedhasaa raawwachuun barbaachisaa ture. Markabni baayʼee guddaa taʼe ijaaramee xumuramuufi bishaan badiisaa dhufuusaa dura bineensonni markabichatti galchamuu qabu turan. Macaafni Seera Uumamaa, markabichi ijaaramee utuu hin xumuramin Bishaan Badiisaa yoo dhufe itti fayyadamuuf jecha Yihowaan markaba garabiraa ijaaree akka kaaʼe hin ibsu. Kanaa mannaa Waaqayyo, Nohi markaba akka ijaaru isatti himuusaa yeroo dheeraa dura, yeroo itti Bishaan Badiisaa fidu murteessee ture. Kana beekuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Yihowaan Uumama 6:3⁠rratti murtoo akkamii dabarse? Murtoon kunoo yoom kenname?

5 Macaafni Qulqulluun murtoo Yihowaan samiirraa dabarse tokko dubbata. Uumama 6:3⁠rratti Waaqayyo, “Namni akkuma foonicha isa uffate sanaa waan taʼeef, hafuurri koo yeroo hundumaa isa keessa hin jiraatin! Barri jireenya namaas waggaa dhibbaa fi digdama haa taʼu!” akka jedhe ibsa. Kun giddu galeessa dheerina umrii ilmaan namootaa kan argisiisu miti. Caqasni kun firdii Yihowaan namoota Waaqayyo malee jiraatan lafarraa balleessuuf dabarse kan argisiisu ture.a Bishaan Badiisaa kan jalqabe Dh.K.D. bara 2370⁠tti waan tureef, Waaqayyo murtoo kana Dh.K.D. bara 2490⁠tti akka dabarse herreguu dandeenya. Nohi yeroo kanatti umriinsaa waggaa 480 ture. (Uma. 7:6) Gara waggaa 20 booda, jechuunis Dh.K.D. bara 2470⁠tti, Nohi ijoollee godhate. (Uma. 5:32) Bishaan Badiisaa dhufuuf gara waggaa dhibba tokkoo hafee kan ture siʼa taʼu, Yihowaan ilmaan namootaa oolchuurratti gaʼee addaa Nohi qabu isatti hin himne. Waaqayyo Nohitti himuusaa dura hangam turuu qaba laata?

6. Yihowaan, Nohi markaba akka ijaaru kan isa ajaje yoomi?

6 Yihowaan wanta gochuuf jedhu ilaalchisee Nohitti utuu hin himin waggoota kurnanitti lakkaaʼamaniif akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Ragaan akkas jechuuf nu dandeessisu maalidha? Caaffanni Qulqullaaʼoon Waaqayyo yeroo inni Nohiin abboometti ilmaansaa guddatanii gaaʼelas dhaabbatanii akka turan dubbatu. Yihowaan, Nohiin “Sii wajjin garuu kakuu nan gala; ati markabichatti in lixxa, haati manaa kee, ilmaan kee, dubartoonni ilmaan kees sii wajjin in lixu” jedheera. (Uma. 6:9-18) Kanaaf yeroo hojiin markaba ijaaruu Nohitti kenname, Bishaan Badiisaa dhufuuf waggaa 40 ykn 50 qofti hafee ture jechuun ni dandaʼama.

7. (a) Nohiifi maatiinsaa amantii akka qaban kan argisiisan akkamitti? (b) Dhumarratti Waaqayyo yeroo Bishaan Badiisaa itti dhufu Nohitti kan hime yoomi?

7 Hojiin markaba ijaaruu ittuma fufaa ennaa deemetti, Nohiifi maatiinsaa Yihowaan kaayyoosaa akkamitti galmaan akka gaʼu, akkasumas Bishaan Badiisaa yoom akka dhufu gaafataniiru taʼa. Haataʼu malee waaʼee dhimma kanaa balʼinaan beekuu baatanis, markaba kana ijaaruurraa boodatti hin jenne. Macaafni Qulqulluun, “Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate” jedha. (Uma. 6:22) Bishaan Badiisaa jalqabuusaa guyyaa torba dura, Nohiifi maatiinsaa bineensota gara markabichaatti galchuuf yeroo gaʼaa erga isaaniif kennee booda, Yihowaan Bishaan Badiisaa kun yoom akka dhufu Nohitti himeera. Kanaaf, “bara jireenya Nohi waggaa dhibba jaʼaffaa, jiʼa lammaffaa, jiʼicha keessaa guyyaa kudha torbaffaatti” yeroo ittifni bishaanii bantiiwwan waaqaa keessaa banaman wanti hundinuu markabatti galee ture.—Uma. 7:1-5, 11.

8. Seenaan Bishaan Badiisaa, Yihowaan yeroo itti sabasaa oolchu kan beeku taʼuusaarratti amanannaa qabnu kan nuu cimsu akkamitti?

8 Seenaan Bishaan Badiisaa, Yihowaan wanta hojjetu tokko yeroo murteesse akka eegu qofa utuu hin taʼin sabasaa akka oolchu kan mirkaneessudha. Yihowaan sirni biyya lafaa yeroo itti badu lakkaaʼaa yommuu jiru kanatti, kaayyoonsaa hundi yeroo inni beellametti, jechuunis guyyaafi saʼaatii murteessetti kan raawwatu taʼuusaa mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Mat. 24:36; Anbaaqom 2:3 dubbisi.

GALAANA DIIMAARRAA OOLUU

9, 10. Yihowaan humna waraanaa Gibxii kiyyoo keessa galchuuf sabasaatti kan fayyadame akkamitti?

9 Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf yeroo wantoonni itti raawwataman akka gaariitti kan eegu taʼuusaa ilaalleerra. Fakkeenyi inni lammaffaan Yihowaan sabasaa oolchuu akka dandaʼu amanannaa qabaachuu akka qabnu ibsummoo, Yihowaan fedhiisaa galmaan gaʼuuf humnasaa isa daangaa hin qabnetti kan fayyadamu taʼuusaati. Yihowaan yeroo tokko tokko tajaajiltootasaa oolchuuf jecha diinotasaa kiyyoo keessa galchuuf isaanitti fayyadama. Haalli kun yeroo inni Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa baase raawwatameera.

10 Israaʼeloonni biyya Gibxiitii baʼan gara miliyoona sadii taʼuu hin oolan. Yihowaan, Faraʼoon Israaʼeloonni karaa wallaalanii jooraa akka jiran godhee akka yaadu gochuuf Museen sabicha akka geggeessu godhe. (Baʼuu 14:1-4 dubbisi.) Faraʼoon saba garbootasaa turaniifi Galaanni Diimaa isaan dura jiru boojiʼuuf humna waraanaasaa fudhatee isaan duukaa buʼe. Yeroo kanatti Israaʼeloonni karaa itti isaan jalaa baʼan waan hin qabne fakkaata. (Bau. 14:5-10) Haataʼu malee, Israaʼeloonni balaadhaaf kan saaxilaman hin turre. Maaliif? Yihowaan isaan oolchuuf tarkaanfii waan fudhatuufidha.

11, 12. (a) Yihowaan sabasaa oolchuuf tarkaanfii akkamii fudhateera? (b) Waaqayyo gidduu seenuusaatiin buʼaan argame maal ture? Seenaan kunoo waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

11 “Utubaan duumessaa” inni Israaʼeloota geggeessaa ture, gara duubasaaniitti deebiʼee akka dukkaneessu gochuudhaan humna waraanaa Faraʼoon isaanitti dhihaatetti akka dukkanaaʼu godhe. Israaʼelootaaf garuu utubichi halkaniin ifa kan isaaniif kennu ture. (Baʼuu 14:19, 20 dubbisi.) Achiis Yihowaan qilleensa baʼa biiftuu cimaa kaasuudhaan “galaanicha gidduu lafa gogaa godhe.” Seenaansaa, “Israaʼeloonni galaanicha gidduu lafa gogaa irra in adeeman” waan jedhuuf hamma tokko yeroo dheeraa akka isaanitti fudhate hin shakkisiisu. Adeemsi Israaʼelootaa, humna waraanaa Faraʼoon warra konkolaataadhaan fiiganii wajjin ennaa walbira qabamu daaʼimuu wajjin tokkodha. Haataʼu malee, Israaʼelootaaf kan lolu Yihowaa waan tureef loltoonni Gibxii matumaa isaan qaqqabuu hin dandeenye. Yihowaan, “Macca warra Gibxii sana . . . gara itti goran isaan in wallaalchise. Akka isaan danqamaan adeemaniif geengoon konkolaattota isaanii rakkinaan akka naannaʼu godhe.”—Bau. 14:21-25.

12 Israaʼeloonni galaanicha gamaan nagaadhaan siʼa baʼan Yihowaan Museedhaan, “Bishaanichi warra Gibxii irratti, konkolaattota isaanii fi abboota fardeenii isaanii irratti walitti akka deebiʼuuf, ati harka kee galaanicha irratti diriirsi!” jedheen. Loltoonni sun bishaan isaanirra garagalaa jiru jalaa baʼuuf ennaa baqatan Yihowaan “warra Gibxii galaana keessatti hambise.” Eenyuyyuu miliquu hin dandeenye. “Isaan keessaa namni tokko illee hin hafne.” (Bau. 14:26-28) Kanaaf, Yihowaan haala akkamiiyyuu keessaa sabasaa oolchuuf humna akka qabu argisiiseera.

BADIISA YERUSAALEMIRRAA OOLUU

13. Yesus qajeelfama akkamii kennee ture? Duuka buutonnisaahoo maal jedhanii gaafataniiru taʼa?

13 Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf wantoonni akkamitti akka raawwataman sirriitti beeka. Barbaachisummaan kanaa jaarraa tokkoffaa yeroo Yerusaalem marfamtetti kan mulʼate siʼa taʼu, fakkeenya sadaffaarratti waaʼee kanaa ilaalla. Yihowaan, Dh.K.B. bara 70⁠tti magaalattiin baduushee dura Kiristiyaanonni Yerusaalemiifi Yihudaa jiraatan akka oolan karaa Ilmasaa qajeelfama isaaniif kennee ture. Yesus, “Egaa inni jibbisiisaan iddoo qullaaʼaa xureessu sun, inni Daaniʼel raajichi waaʼee isaa dubbate, iddoo qulqullaaʼaa dhaabate . . . yommus warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan” jedhee ture. (Mat. 24:15, 16) Haataʼu malee, Duuka buutonni Yesus yeroo raajiin kun itti raawwatamu beekuu kan dandaʼan akkamitti?

14. Wanti raawwatamee ture qajeelfama Yesus kenne ifa kan godhe akkamitti?

14 Wantoonni dubbataman yeroo raawwatamaa deeman, qajeelfamni Yesus kennee ture ifa taʼaa dhufaniiru. Dh.K.B. bara 66⁠tti waraanni Roomaa Seestiyas Gaalasiin geggeeffamu fincila Yihudoonni kaasan tasgabbeessuuf Yerusaalemiin gale. Gareen Finciltoota Yihudootaa masaraa mana qulqullummaa daʼoo yeroo godhatan loltoonni Roomaa masaricha diiguu jalqabanii turan. Kiristiyaanota dammaqoo taʼaniif wanti kun ifa ture. Loltuun mallattoo waaqayyolii tolfamoo qabate (“inni jibbisiisaan”) masaraa mana qulqullummaa (“iddoo qullaaʼaa”) sana bira gaʼee ture. Yeroon kun yeroo duuka buutonni Yesus ‘gara gaarotaatti itti baqatanidha.’ Haataʼu malee, magaalaa marfamtee jirtu kana keessaa baʼuu kan dandaʼan akkamitti? Akkuma tasaa wanti hin eegamne tokko raawwatamuuf jira.

15, 16. (a) Yesus qajeelfama ifaa akkamii kennee ture? Duuka buutonnisaahoo qajeelfama kanaaf abboomamuunsaanii baayʼee barbaachisaa kan ture maaliifi? (b) Ooluun keenya maalirratti kan hundaaʼedha?

15 Sababii hin beekamneen Seestiyas Gaalaasiifi loltoonnisaa Yerusaalemii baʼuu kan jalqaban yommuu taʼu, Finciltoonni sunis duukaa buʼanii isaan ariʼan. Yeroo kanatti duuka buutonni Yesus baqachuuf carraa argataniiru. Yesus, yeruma sana qabeenyasaanii hundumaa dhiisanii akka baʼan ifatti isaanitti himee ture. (Maatewos 24:17, 18 dubbisi.) Battaluma sana tarkaanfii fudhachuunsaanii dhuguma barbaachisaa turee? Deebiinsaa utuu hin turin ifa taʼeera. Guyyoota muraasa booda, Finciltoonni sun magaalichatti deebiʼanii jiraattonni Yerusaalemiifi Yihudaa fincilicharratti isaan duukaa akka hirmaatan dirqisiisuu jalqaban. Lola gareewwan Yihudootaa garaagaraa gidduutti godhamuun kan kaʼe magaalattiin ni jeeqamte. Magaalichaa baʼuunis haalaan rakkisaa taʼaa deeme. Dh.K.B. bara 70⁠tti yeroo waraanni Roomaa deebiʼettimmoo achii baʼuun matumaa kan hin yaadamne taʼe. (Luq. 19:43) Namni magaalicha keessaa baʼuu dide kamiyyuu kiyyoo keessa galee ture! Kiristiyaanonni qajeelfama Yesus kenne hordofanii gara gaarotaatti baqatan garuu lubbuusaanii oolfataniiru. Yihowaan akkamitti sabasaa oolchuu akka dandaʼu kan beeku taʼuusaa arguu dandaʼaniiru. Nutoo seenaa kanarraa maal baranna?

16 Kiristiyaanonni wantoota yeroo rakkinni guddaan taʼutti raawwataman ilaalchisee, qajeelfama Dubbii Waaqayyoofi jaarmiyaasaarraa argatan hordofuu qabu. Fakkeenyaaf, qajeelfamni Yesus ‘gara gaarotaatti baqadhaa’ jechuudhaan kenne yeroo harʼaattis ni hojjeta. Akkaataan itti baqachuu qabnu maal akka fakkaatu gara fuulduraatti kan arginu taʼa.b Haataʼu malee Yihowaan yeroosaatti qajeelfama hordofuu qabnu akka ifa nuuf godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Ooluun keenya abboommii nuuf kenname hojiirra oolchuu keenyarratti kan hundaaʼe waan taʼeef, ‘Qajeelfama Yihowaan yeroo harʼaa sabasaatiif kennuuf deebii akkamiin kenna? Dafeen hojiirra oolchamoo abboomamuufan seesa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.—Yaq. 3:17.

WANTA GARA FUULDURAATTI DUHUFUUF HUMNA ARGACHUU

17. Raajiin Anbaaqom dubbate miidhaa Goog gara fuulduraatti saba Waaqayyoorratti fidu ilaalchisee maal ibsa?

17 Goog inni jalqabarratti caqasne humna qabu hundumaatti fayyadamee miidhaa inni geessisu haa ilaallu. Kana ilaalchisee Anbaaqom, “Kana dhagaʼuu irraa kan kaʼe garaan koo in raafama, sodaachuu irraa kan kaʼe hidhiin koo in hollata, lafeen koo in bututa, miilli koos in gatantara; haa taʼu iyyuu malee, rakkina Waaqayyo warra nu dhiphisan irratti fiduuf jiru sana arguudhaaf calluma jedhee nan eeggadha” jedhee raajii dubbateera. (An. 3:16) Anbaaqom miidhaa saba Waaqayyoorratti dhufuuf jiru dhagaʼuusaatiin qofa garaansaa raafamee, hidhiinsaa hollatee, akkasumas humna dhabee ture. Wanti Anbaaqomitti dhagaʼame kun yeroo Goog gara fuulduraatti rakkina cimaa nurraan gaʼu maal akka nutti dhagaʼamu argisiisa. Taʼus, Anbaaqom Yihowaan sabasaa akka oolchu amanuudhaan callisee guyyaa Yihowaa isa guddicha eeggachuuf fedhii akka qabu argisiiseera. Nuyis amanannaa kanaa wajjin wal fakkaatu qabaachuu dandeenya.—An. 3:18, 19.

18. (a) Miidhaa gara fuulduraatti dhufu sodaachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii qorra?

18 Fakkeenyonni ilaalle sadan, Yihowaan sabasaa akkamitti akka oolchu kan beeku taʼuusaa akka gaariitti argisiisu. Kaayyoonsaa fashalaaʼuu hin dandaʼu; injifannoon akka argamu shakkii tokkollee hin qabu. Injifannoo dinqisiisaa taʼe kana arguuf garuu hamma dhumaatti amanamoo taanee jiraachuu qabna. Yihowaan yeroo harʼaatti amanamummaa keenya eegnee akka jiraannu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Mataduree ittaanurratti waaʼee kanaa qorra.

[Miiljaleewwan]

a Masaraa Eegumsaa, Muddee 15, 2010, fuula 30-31 ilaali.

b Masaraa Eegumsaa, Caamsaa 1, 1999, fuula 19 ilaali. (Amaariffa)

[Fakkii fuula 24⁠rra jiru]

Bakki itti Israaʼeloonni yeroo kamiiyyuu caalaa loltoota Faraʼoonirraa balaan isaanirra gaʼuuf ture eessa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi