-
Dhugumaan kun Raawwatamee Turee?Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2016 | Lakk. 2
-
-
MataDuree Fuula Jalqabaa | Yesus kan Dhiphatee fi kan Duʼe Maaliifi
Dhugumaan Kun Raawwatamee Turee?
Yesus inni nama Naazireet ture Dh.K.B. arfaasaa bara 33tti ajjeefame. Fincila kaaseera jedhamee himatame; garmalee reebame; akkasumas muka irratti mismaaraan rukutame. Dhiphina guddaa isa irra gaʼeenis ni duʼe. Waaqayyo garuu duʼaa isa kaase; guyyoota 40 booda gara samiitti ol baʼe.
Seenaan dinqisiisaa taʼe kun, Wangeelota Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii arfan yeroo baayʼee Kakuu Haaraa jedhaman keessatti argama. Dhuguma seenaawwan achi keessatti ibsaman raawwatamaniiru? Kun gaaffii sirrii kaʼuu qabu dha. Seenaawwan kun dhugumaan hin raawwatamne taanaan, amantiin Kiristiyaanaa gatii hin qabu, akkasumas abdiin Jannata keessa bara baraaf jiraachuu abjuu raawwatamuu hin dandeenye taʼa jechuu dha. (1 Qorontos 15:14) Wantoonni kun dhugumaan raawwatamaniiru yoo taʼe immoo, abdiin gammachiisaa ilmaan namootaatiif kennamee fi atis irraa hirmaachuu dandeessu jira jechuu dha. Maarree seenaawwan Wangeela keessatti ibsaman dhugaa moo asoosama dha?
RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA?
Oduuwwan durii nama gammachiisuuf qofa qophaaʼan irraa haala adda taʼeen, wantoonni Wangeelota keessatti barreeffaman of eeggannoo fi xiyyeeffannaa guddaadhaan, balʼinaan kan barreeffamani dha. Fakkeenyaaf, maqaa biyyoota yeroo ammaatti jiranii fi daawwatamuu dandaʼan hedduu kan qabatani dha. Waaʼee namoota yeroo tokkotti jiraachaa turanii fi barreessitoonni seenaa waaʼee isaanii barreessaniis nutti himu.—Luqaas 3:1, 2, 23.
Barreessitoonni seenaa jaarraa tokkoffaa fi lammaffaatti turan iyyuu waaʼee Yesus barreessanii turan.a Akkaataa inni itti duʼe ilaalchisee wanti Wangeelota keessatti ibsame, akkaataa warri Roomaa yeroo sanatti namoota itti ajjeesanii wajjin kan wal simu dha. Kana malees, taʼeewwan wangeelota keessatti ibsaman ragaadhaan kan deggeramanii fi amanamummaadhaan kan barreeffamani dha; waaʼeen hanqina barattoota Yesus illee barreeffameera. (Maatewos 26:56; Luqaas 22:24-26; Yohannis 18:10, 11) Ragaawwan kun hundi barreessitoonni Wangeelaa amanamummaadhaan, akkasumas sirriitti waaʼee Yesus akka barreessan mirkaneessu.
DUʼAA KAʼUU YESUS ILAALCHISEE HOO MAAL JECHUUTU DANDAʼAMA?
Yesus nama yeroo tokkotti jiraatee fi duʼe taʼuu isaa namoonni hedduun kan amanan taʼus, tokko tokko waaʼee duʼaa kaʼuu isaa ilaalchisee gaaffii kaasu. Ergamoonni isaa illee jalqaba irratti oduu waaʼee duʼaa kaʼuu isaa ibsu hin amanne turan. (Luqaas 24:11) Haa taʼu malee, isaanis taʼan barattoonni kaan, Yesus isa duʼaa kaʼe yeroo adda addaatti yommuu argan shakkiin isaanii ni bade. Yeroo tokko, namoonni 500 ol taʼan ija isaaniitiin isa arganii turan.—1 Qorontos 15:6.
Isaan hiisisuu fi isaan ajjeesisuu kan dandaʼu taʼu illee, barattoonni, Yesus duʼaa kaʼuu isaa namoota hundaaf, warruma Yesusiin ajjeesaniif illee ija jabinaan lallabaniiru. (Hojii Ergamoota 4:1-3, 10, 19, 20; 5:27-32) Barattoonni Yesus hedduun inni dhuguma duʼaa kaʼuu isaa mirkanaaʼoo utuu taʼuu baatanii ija jabinaan ni lallabu turanii? Kiristiyaanummaan addunyaa yeroo sanattis taʼe yeroo ammaa jiru keessatti iddoo guddaa kan qabaate Yesus dhugumaan duʼaa waan kaʼeefi dha.
Seenaan Wangeelaa waaʼee duʼa Yesusii fi duʼaa kaʼuu isaa dubbatu, ulaagaa seenaan tokko sirrii taʼuu isaa mirkaneessu kan guutu dha. Seenaawwan kana xiyyeeffannaadhaan dubbisuun kee wantoonni kun dhuguma kan raawwataman taʼuu isaanii akka amantu si gargaara. Seenaawwan kun maaliif akka raawwataman yommuu hubattu amantiin kee caalaatti siif cimsa. Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.
a Taasiitas inni Dh.K.B, bara 55tti dhalate akkana jedhee barreesseera: “Kiraayistus [Kiristos] inni maqaan Kiristiyaanota jedhamu irraa argame, Phaanxiyos Philaaxos isa bara bulchiinsa Xibaariyositti geggeessitoota keenya keessaa tokko tureen adaba cimaadhaan adabameera.” Suwitooniyas (jaarraa jalqabaa), Joseefas inni barreessaa seenaa Yihudootaa taʼe (jaarraa jalqabaa), akkasumas Piliinii inni Xinnoon inni bulchaa Bitaaniyaa ture (jalqaba jaarraa lammaffaa) waaʼee Yesus barreessaniiru.
-
-
Yesus kan Dhiphatee fi kan Duʼe Maaliifi?Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2016 | Lakk. 2
-
-
MATADUREE FUULA JALQABAA
YESUS KAN DHIPHATEE FI KAN DUʼE MAALIIFI?
‘Cubbuun karaa nama tokkoo [Addaam] biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu gale.’—Roomaa 5:12
“Bara baraaf jiraachuu ni barbaaddaa?” jedhamtee utuu gaafatamtee maal jetta? Namoonni hedduun akka barbaadan kan dubbatan taʼanis, bara baraaf jiraachuun hin dandaʼamu jedhu. Duuti kutaa jireenyaa fi wanta hafuu hin dandeenye dha jedhanii yaadu.
Haa taʼu malee, gaaffichi garagalchamee, “Duʼuu hoo ni barbaaddaa?” jedhamtee gaafatamte haa jennu. Namni sirriitti yaadu kam iyyuu lakki jedhee deebisa. Kun maal argisiisa? Qorumsii fi rakkinni nu irra gaʼus, hawwii fi fedhiin uumamaan qabnu jiraachuu dha. Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo ilmaan namootaa fedhii jiraachuu akka qabaatan godhee akka uume argisiisa. “Baraa barummaas garaasaanii keessa kaaʼe” jedha.—Lallaba 3:11, hiika bara 1899.
Haa taʼu malee, namoonni bara baraaf jiraachaa hin jiran. Maaliif? Waaqayyo hoo haala kana sirreessuuf tarkaanfii fudhate qabaa? Kana ilaalchisee deebiin Kitaabni Qulqulluun kennu kan nama jajjabeessu siʼa taʼu, sababii Yesus itti dhiphatee fi itti duʼee wajjinis kallattiidhaan kan wal qabate dha.
NAMOONNI BARA BARAAF KAN HIN JIRAANNE MAALIIFI?
Boqonnaawwan jalqabaa kitaaba Uumamaa sadan, Waaqayyo Addaamii fi Hewwaaniif abdii jireenya bara baraa akka kennee fi kana argachuuf maal gochuu akka qaban akka isaanitti himee ture ibsu. Seenaan isaa itti fufuudhaan, akkamitti Waaqayyoof utuu hin ajajamin akka hafanii fi abdii isaaniif kenname akka dhaban ibsa. Seenaan kun karaa salphaa taʼeen ibsamuun isaa, namoonni tokko tokko akka oduu duriitti akka ilaalan isaan godheera. Haa taʼu malee, kitaabni Uumamaa akkuma Wangeelotaa seenaa dhugaa kan qabate dha.a
Addaam ajajamuu diduun isaa miidhaa akkamii geessise? Kitaabni Qulqulluun, “Cubbuun karaa nama tokkoo [Addaam] biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe” jedha. (Roomaa 5:12) Addaam, Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan cubbuu hojjete. Kanaaf, abdii jireenya bara baraa ni dhabe; yeroo boodas ni duʼe. Nutis sanyii Addaam waan taaneef isa irraa cubbuu dhaalleerra. Kanaan kan kaʼes, ni dhukkubsanna, ni dulloomna, akkasumas ni duuna. Ibsi sababii itti duunu ilaalchisee kenname, wanta saayintistoonni ijoolleen amala warra isaanii tokko tokko akka dhaalan bira gaʼanii wajjin kan wal simu dha. Maarree, Waaqayyo haala kana sirreessuuf tarkaanfii fudhate qabaa?
TARKAANFII WAAQAYYO FUDHATE
Eeyyee, Waaqayyo wanta Addaam sanyii isaa dhabsiise, jechuunis jireenya bara baraa deebisanii akka argatan gochuuf qophii godheera. Waaqayyo kana kan raawwatu akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun Roomaa 6:23 irratti, “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu duʼa [dha]” jedha. Kana jechuun duuti sababii cubbuutiin dhufe jechuu dha. Addaam waan cubbuu hojjeteef ni duʼe. Nutis cubbuu hojjenna; kanaaf beenyaa cubbuu arganna, jechuunis ni duuna. Haa taʼu malee, cubbuu dhaallee kan dhalanne balleessaa keenyaan miti. Kanaaf, Waaqayyo jaalalaan kakaʼee, nuuf jedhee Ilma isaa Yesusiin erguudhaan ‘beenyaa cubbuu’ kaffale. Kun akkamitti taʼuu dandaʼa?
Duuti Yesus jireenya bara baraa gammachiisaa taʼe akka argannu karaa baneera
Ajajamuu diduudhaan cubbuu fi duʼa kan nutti fide nama tokko, jechuunis Addaam isa mudaa hin qabne waan taʼeef, cubbuu jalaa bilisa baʼuufis nama mudaa hin qabnee fi hanga duʼaatti illee ajajamuu dandaʼutu barbaachisa ture. Kitaabni Qulqulluun, “Akkuma abboomamuu diduu nama tokkootiin baayʼeen cubbamoota taʼan, abboomamuu nama tokkootiin immoo akkasuma baayʼeen qajeelota in taʼu” jechuudhaan ibsa. (Roomaa 5:19) “Nama tokko” kan jedhame Yesusi dha. Inni samii dhiisee dhufuudhaan nama mudaa hin qabneb taʼee dhalate; nuuf jedhees ni duʼe. Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo duratti mirga akka qajeelotaatti ilaalamuu fi abdii jireenya bara baraa arganneerra.
YESUS KAN DHIPHATEE FI KAN DUʼE MAALIIFI?
Kana raawwachuuf Yesus duʼuun isaa dirqama barbaachisaa turee? Waaqni inni Hundumaa Dandaʼu, akkasumaan sanyiin Addaam bara baraaf akka jiraatan isaaniif heyyamuu hin dandaʼu turee? Kana gochuuf aangoo akka qabu beekamaa dha. Kun garuu, seera beenyaan cubbuu duʼa akka taʼe dubbate cabsuu taʼa. Seerri kun seera yeroo haalli isaa hin mijoofne dhiisamu ykn jijjiiramu miti. Seerri kun eegamuun isaa haqa argamsiisuuf murteessaa dha.—Faarfannaa 37:28, NW.
Waaqayyo yeroo kanatti seera kana utuu dhiiseera taʼee, namoonni dhimma kan biraa irrattis akkasuma godha jedhanii yaadu turan. Fakkeenyaaf, ilmaan Addaam keessaa namoota jireenya bara baraatiif gaʼumsa qabaatan dursee utuu murteesseera taʼee akkana gochuun isaa sirrii taʼaa? Abdii kenne akka raawwatu hoo amanamuu dandaʼaa? Fayyina keenyaa wajjin haala wal qabateen wanta haqni gaafatu gochuun isaa, Waaqayyo yeroo hunda wanta sirrii taʼe akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara.
Waaqayyo, karaa aarsaa duʼa Yesus abdii lafa Jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu nuu kenneera. Wanta Yesus Yohannis 3:16 irratti dubbate qalbeeffadhu: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” Kanaaf, duuti Yesus Waaqayyo haqa akka hin jalʼisne qofa utuu hin taʼin, ilmaan namootaatiifis jaalala guddaa akka qabu kan argisiisu dha.
Haa taʼu malee, akkuma Wangeelota keessatti ibsame Yesus dhiphachuu fi karaa nama suukanneessuun duʼuun isaa kan barbaachise maaliifi? Yesus qorumsa cimaadhaan qoramus, hamma dhumaatti amanamaa taʼeera; himata Seexanni ilmaan namootaa yoo qoraman Waaqayyoof amanamoo hin taʼan jedhee dhiheesse yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha deebii kennuudhaan soba taʼuu isaa mirkaneesseera. (Iyoob 2:4, 5) Seexanni himata kana kan dhiheesse, Addaam inni mudaa hin qabne cubbuu akka hojjetu erga gowwoomsee booda waan taʼeef dhugaa fakkaata ture. Yesus inni Addaam isa mudaa hin qabnee wajjin qixxee ture garuu, dhiphinni guddaan isa irra gaʼus hanga dhumaatti ajajamaa taʼeera. (1 Qorontos 15:45) Kanaaf, Addaamis ajajamuu utuu filateera taʼe, Waaqayyoof ajajamuu akka dandaʼu mirkaneesseera. Yesus qorumsa isa irra gaʼe damdamachuudhaan fakkeenya hordofuu dandeenyu nuu kaaʼeera. (1 Phexros 2:21) Waaqayyo Yesusiif samii irratti jireenya hin badne kennuudhaan ajajamuu isaatiif isa badhaaseera.
FAAYIDAA ARGACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
Yesus dhugumaan duʼeera. Kanaan kan kaʼes, jireenya bara baraatiif karaan banameera. Bara baraaf jiraachuu ni barbaaddaa? Yesus wanta gochuu qabnu yommuu dubbatu, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera.—Yohannis 17:3.
Maxxansitoonni barruu kanaa, waaʼee Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼee fi waaʼee Ilma isaa Yesus Kiristos caalaatti akka barattu si afeeru. Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo keetti argaman si gargaaruuf qophaaʼoo dha. Odeeffannoo dabalataa argachuuf weeb saayitii keenya isa www.jw.org/om jedhamu ilaaluu ni dandeessa.
a Masaraa Eegumsaa Ebla-Waxabajjii, 2011 fuula 4 irraa mata duree, “Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Turedhaa?” jedhu ilaali.
b Waaqayyo jireenya Ilma isaa samii irraa gara gadameessa Maariyaamitti dabarsuudhaan akka ulfooftu godhe; mudaan Maariyaam gara Yesusitti akka hin darbineef immoo hafuurri Waaqayyoo isa eegeera.—Luqaas 1:31, 35.
-