LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 6 ful. 6-7
  • Kennaan Hunda Caalu Maalii Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kennaan Hunda Caalu Maalii Dha?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Furiin—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caaludha
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Furii—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalu
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kennaan Waaqayyoo Inni Hunda Irra Caalu Gatii Guddaa Kan Qabaate Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Yihowaan “Bakka Namoota Hedduu Furii” Qopheesse
    Yihowaatti Dhihaadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 6 ful. 6-7
Maatiiwwan Jannata keessa jiran

Kennaan Waaqayyoo inni hunda caalu, kennaa furii isa jireenya bara baraa argamsiisuu dandaʼu dha

MATA DUREE FUULA JALQABAA | KENNAAN HUNDA CAALU MAALI DHA?

Kennaan Hunda Caalu Maali Dha?

“Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi ol gubbaadhaa, jechuunis Abbaa ifa samii . . . biraa gad buʼa.” (Yaaqoob 1:17) Caqasni kun kan dubbatu, waaʼee arjummaa Yihowaa, Abbaa keenya isa samii akka taʼe beekamaa dha. Taʼus, kennaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne keessaa kan hunda caalu tokko jira. Kennaan kun maali dha? Dubbiin Yesuus balʼinaan beekamu tokkoo fi Yohaannis 3:16 irratti argamu akkana jedha: “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.”

Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi akka kennaatti nuu kennamuun isaa, garbummaa cubbuu, dullumaa fi duʼa jalaa bilisa nu baasuu kan dandaʼu waan taʼeef, kennaa hundi keenya argachuu dandeenyu keessaa isa hunda caalu taʼuun isaa hin shakkisiisu. (Faarfannaa 51:5; Yohaannis 8:34) Hammam illee yoo carraaqne, dandeettii keenyaan garbummaa sana jalaa bilisa baʼuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, Waaqayyo jaalala isaa isa guddaadhaan kakaʼee, wanta bilisa kana fiduuf barbaachisu nuuf qopheesseera. Yesuus Kiristoos isa Ilma isaa tokkicha taʼe furii akka taʼu kennuudhaan, Yihowaan Waaqni keenya ilmaan namootaa ajajamoo taʼan abdii jireenya bara baraa akka qabaatan godheera. Haa taʼu malee, furii jechuun dhugumaan maal jechuu dha? Barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi? Furii kana irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Furii jechuun wanta bade tokko deebisanii bituuf ykn garbummaa jalaa bilisa baasuuf gatii kaffalamu dha. Kitaabni Qulqulluun, warri keenya jalqabaa Addaamii fi Hewwaan yommuu uumaman cubbuu kan hin qabne akka turanii fi sanyii isaanii yeroo booda dhalatanii wajjin bara baraaf lafa jannata taate keessa jiraachuuf abdii kan qaban akka turan ibsa. (Uumama 1:26-28) Kan nama gaddisiisu garuu, Waaqayyoof ajajamuu diduu waan filataniif, cubbamoota taʼuudhaan mirga kana ni dhaban. Kun miidhaa akkamii geessise? Kitaabni Qulqulluun akkana jechuudhaan deebii kenna: “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe; kanaaf, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.” (Roomaa 5:12) Addaam sanyii isaatiif jireenya mudaa hin qabne dabarsuu mannaa, cubbuu fi wanta cubbuun fide, jechuunis duʼa akka dhaalan godhe.

Furii wajjin haala walqabateen, wanti kaffalamu isa bade sanaa wajjin qixxee taʼuu qaba. Addaam taʼe jedhee ajaja Waaqayyoo yommuu cabsu cubbuu kan hojjete siʼa taʼu, jireenya namaa mudaa hin qabnee, jechuunis jireenya mataa isaa dhabsiise. Kunis akka Kitaabni Qulqulluun dubbatutti, sanyiin Addaam cubbuu fi duʼaaf akka garbooman godhe. Kanaan kan kaʼes, sanyii isaa garbummaa jalaa bilisa baasuuf jireenya nama mudaa hin qabne kan biraa, jechuunis jireenyi Yesuus furii taʼee akka dhihaatu godhame. (Roomaa 5:19; Efesoon 1:7) Sanyiin ilmaan namootaa abdii Addaamii fi Hewwaan jannata keessa bara baraaf jiraachuu dhaban qabaachuu kan dandaʼan, Waaqayyo jaalalaan kakaʼee furii kana waan kaffaleef qofa dha.—Mulʼata 21:3-5.

Kennaan furii Waaqayyo kenne jireenya bara baraa kan argamsiisu waan taʼeef, kennaa hunda caalu akka taʼe hin shakkisiisu. Furiin kun hammam ‘kennaa guutuu’ akka taʼe dinqisiifachuuf, kennaa gaarii kennuuf haalawwan arfan mata duree darbe irratti ibsaman akkamitti akka guutuu dandaʼu haa ilaallu.

Fedhii keenya guuta. Nuti ilmaan namootaa uumama keenyaan bara baraaf jiraachuuf fedhii cimaa qabna. (Lallaba 3:11) Fedhii keenya kana ofii keenyaan guutuu kan hin dandeenye taʼu illee, furichi fedhii keenya kana akka guuttannu nu dandeessisa. Kitaabni Qulqulluun, “Miindaan cubbuu duʼa dha; kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti” jedha.—Roomaa 6:23.

Wanta nu barbaachisu guuta. Ilmaan namootaa furicha dhiheessuu hin dandaʼan. Kitaabni Qulqulluun, “Gatiin furee lubbuu isaanii sonaan guddaa dha, bara baraanis utuu hin baafamin in hafa” jedha. (Faarfannaa 49:8) Kanaaf, garbummaa cubbuu fi duʼa jalaa bilisa baʼuuf, dirqama gargaarsi Waaqayyoo nu barbaachisa. Haa taʼu malee Waaqayyo, ‘furii isa Kiristoos Yesuus kaffaletti fayyadamee argisiiseen bilisa akka baanu’ gochuudhaan wanta nu barbaachisu nuuf guuteera.—Roomaa 3:23, 24.

Yeroo isaa kan eege dha. Kitaabni Qulqulluun, ‘Utuu nuti cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf jedhee akka duʼe’ dubbata. (Roomaa 5:8) Furichi kan nuuf dhihaate “utuu nuti cubbamoota taanee jirruu” waan taʼeef, haala cubbuu dhaallee keessa utuma jirruu jaalalli Waaqayyo nuuf qabu hammam guddaa akka taʼe nuuf mirkaneessa. Miidhaa cubbuun geessise dandeenyee jiraachuu kan qabnu taʼus, abdii guddaa hawwiidhaan eeggannu nuuf kenna.

Kabajaa fi miira ofittummaa irraa walaba taʼeen kan kenname taʼuu isaa argisiisa. Kitaabni Qulqulluun wanta Waaqayyo Ilma isaa furii godhee akka kennu isa kakaase yommuu dubbatu akkana jedha: “Nuu wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera; kunis nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf Waaqayyo tokkicha Ilma isaa gara addunyaatti erge. Jaalala jechuun kana dha; kunis nuti Waaqayyoon akka jaallanne utuu hin taʼin, Waaqayyo akka nu jaallate [dha].”—1 Yohaannis 4:9, 10.

Kennaa Waaqayyoo isa hunda caalu kana akka dinqisiifattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Jechoonni Yesuus Yohaannis 3:16 irratti dubbate fayyina kan argamsiisu isatti ‘amanuu’qofa akka taʼe yaadadhaa. Amantiin immoo, akka Kitaaba Qulqulluun dubbatutti “wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu jechuu dha.” (Ibroota 11:1) Mirkanaaʼaa taʼuufis beekumsi sirriin barbaachisaa dha. Kanaan kan kaʼes, waaʼee Yihowaa isa ‘kennaa guutuu’ kenne kanaa fi jireenya bara baraa aarsaan furii Yesuus siif argamsiisu argachuuf maal gochuu akka qabdu barachuuf yeroo akka ramaddu si jajjabeessina.

Odeeffannoo Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe weeb saayitii www.jw.org/om jedhamu qoruudhaan waaʼee wantoota kana hundaa barachuu dandeessa. Dhugaa Baatonni Yihowaa si gargaaruuf qophaaʼoo dha. Kennaa hunda caalu kana caalaatti yommuu beektuu fi itti fayyadamtu, “Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoof galanni haa gaʼu!” jechuudhaan akka dinqisiifattu akka si taasisu ni abdanna.—Roomaa 7:25.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi