-
Maaliifan Jiraadha?Dammaqaa!—2014 | Adoolessa
-
-
MATADUREE FUULA JALQABAA
Maaliifan Jiraadha?
SHAMARREE Diyaanaaa jedhamtu tokkoo wajjin utuu wal bartee shamarree hubannaa gaarii qabdu, nama jaallattuufi namootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabdu akka taate hubatta. Diyaanaan bakkeedhaa yeroo ilaalan nama gammachuu qabdu fakkaattus, guyyoota, torban ykn jiʼoota hedduudhaafillee gatii akka hin qabne yeroon isheetti dhagaʼamu jira. Shamarreen kun, “Guyyaa tokkollee waaʼee duʼuu utuun hin yaadin oolee hin beeku. Utuun ani jiraachuu baadhee addunyaan kun iddoo gaarii akka taatu natti dhagaʼama” jetteetti.
“Qorannaan tokko tokko akka argisiisutti, namoota of ajjeesuuf yaalan 200fi namoota waaʼee of ajjeesuu yaadan 400 keessaa kan of ajjeesu nama tokkodha.”—ZA GAZEET, MOONTIRIYAAL, KAANAADAA.
Diyaanaan matumaa akka of hin ajjeesne dubbatti. Taʼuyyuu lubbuudhaan jiraachuuf sababii tokkoyyuu akka hin qabne isheetti dhagaʼama. “Hawwiinkoo inni guddaan balaadhaan duʼuudha. Duʼa, akka diinaatti utuu hin taʼin akka michuutti ilaaluu jalqabeera” jetteetti.
Namoonni baayʼeen akkuma Diyaanaa kan isaanitti dhagaʼamu siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko waaʼee of ajjeesuu yaadaniiru ykn of ajjeesuuf yaalaniiru. Hayyoonni, namoota of ajjeesuuf yaalan keessaa hedduun, duʼuu barbaadanii utuu hin taʼin rakkinasaaniirraa obbaafachuu waan barbaadaniif akka taʼe dubbatu. Namoonni kun duʼuuf sababa quubsaa akka qaban, jiraachuuf garuu sababa akka hin qabne itti dhagaʼama.
Maaliifan jiraadha? Sababa itti jiraachuu qabdu sadii haa ilaallu.
a Maqaan jijjiirameera.
-
-
1 Haalawwan Waan JijjiiramaniifDammaqaa!—2014 | Adoolessa
-
-
MATADUREE FUULA JALQABAA | MAALIIFAN JIRAADHAA?
1 Haalawwan Waan Jijjiiramaniif
“Karaa hundumaa in rakkanna, garuu badduu hin baanu; waan goonu in wallaalla, garuu abdii hin kutannu.”—2 QORONTOS 4:8.
Of ajjeesuun yeroo baayʼee “furmaata yeroo dheeraa rakkina yeroo gabaabaadhaaf kennamu” jedhama. Wanta taʼuu hin dandeenye sitti fakkaatus, rakkina humnakeetii ol akka taʼe sitti dhagaʼmu dabalatee, rakkinni si dhiphisu kamiyyuu yeroo gabaabaadhaaf qofa kan turu taʼuu dandaʼa. Utuu ati hin yaadin, haalli ati keessa jirtu gara gaariitti jijjiiramuu dandaʼa.—Saanduqa “Haallisaanii Jijjiirameera” jedhu ilaali.
Haalli keessa jirtu jijjiiramuu baatullee, rakkina tokkoof furmaata kennuuf wanta harʼa gochuu dandeessu qofa godhi. Yesus, “Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaaddaʼatao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in gaʼa” jedheera.—Maatewos 6:34.
Haalli keessa jirtu kan jijjiiramuu hin dandeenye yoo taʼehoo? Fakkeenyaaf, dhukkuba fayyuu hin dandeenyeen qabamteetta haa jennu. Yookiin wanti akka dhiphattu si godhe wanta jijjiiramuu hin dandeenye, jechuunis kan akka hiriyaa gaaʼelaa wajjin wal hiikuu ykn nama jaallattu duʼaan dhabuu yoo taʼehoo?
Yeroo akkasiittis wanti ati jijjiiruu dandeessu jira: Ilaalcha haala keessa jirtuuf qabdu jijjiiruu ni dandeessa. Wanta jijjiiruu hin dandeenye amantee yoo fudhatte, yeroo baayʼee wanta si mudatuuf ilaalcha sirrii qabaachuu ni dandeessa. (Fakkeenya 15:15) Akkas yoo goote, rakkina keessaa baʼuuf of ajjeesuu akka furmaataatti ilaaluu mannaa, karaa itti rakkina sana moʼuu itti dandeessu barbaadda. Kun faayidaansaa maali? Haala toʼannaakeetii ol fakkaatu tokko toʼachuuf si dandeessisa.—Iyoob 2:10.
KANA YAADADHU: Siʼa tokko tarkaanfachuudhaan gaara baʼuu hin dandeessu; haataʼu malee yeroo yerootti tarkaanfii tokko tarkaanfachuudhaan gaara sana baʼuu ni dandeessa. Haaluma walfakkaatuun, rakkinni si mudatu hamma gaaraa kan gaʼu taʼullee, suutuma suuta tarkaanfii fudhachuudhaan moʼuu ni dandeessa.
WANTA HARʼA GOCHUU DANDEESSU: Haala keessa jirtu nama tokkotti, tarii michuukee ykn miseensa maatiikee tokkotti himuu ni dandeessa. Namni sun haala keessa jirtuuf ilaalcha madaalamaa akka qabaattu si gargaaruu ni dandaʼa taʼa.—Fakkeenya 11:14.
-
-
2 Gargaarsa Waan QabduufDammaqaa!—2014 | Adoolessa
-
-
MATADUREE FUULA JALQABAA | MAALIIFAN JIRAADHA?
2 Gargaarsa Waan Qabduuf
“Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!”—1 PHEXROS 5:7.
Haalakee jijjiiruuf wanti gochuu dandeessu akka hin jirre yeroo sitti dhagaʼamu, jireenyarra duuti waan wayyu sitti fakkaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, karaawwan gargaarsa argachuu itti dandeessu tokko tokko ilaali.
Kadhannaa. Kadhannaan wanta miirri gaariin akka sitti dhagaʼamuuf qofa gootu ykn wanta abdii yeroo kutattu qofa gootu miti. Kanaa mannaa, karaa itti Waaqakee Yihowaa isa siif yaaduu wajjin itti haasoftudha. Yihowaan wanta si yaaddessu akka isatti himtu barbaada. Macaafni Qulqulluun, “Wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa” jechuudhaan nu jajjabeessa.—Faarfannaa 55:22.
Harʼa Waaqayyoon kadhannaadhaan maaliif hin haasofsiistu? Maqaasaa isa Yihowaa jedhamutti fayyadami; akkasumas garaadhaa isa haasofsiisi. (Faarfannaa 62:8) Yihowaan akka michuutti akka isatti dhihaattu barbaada. (Isaayaas 55:6; Yaaqoob 2:23) Kadhannaan, karaa ati Yihowaa wajjin itti walqunnamtuufi yeroofi iddoo kamittiyyuu itti fayyadamuu kan dandeessudha.
Dhaabbanni Ameerikaa keessatti argamuufi of ajjeesuu ittisuuf hundeeffame tokko akka ibsetti, “qorannoowwan hedduun akka argisiisanitti namoota of ajjeesan keessaa baayʼeensaanii jechuunis, parsantii 90fi isaa ol kan taʼan yeroo of ajjeesanitti dhibee sammuu qabu turan. Haataʼu malee, sana dura dhibeewwan kun hin hubatamne, mana yaalaatti hin qoratamne ykn yaaliin barbaachisaa taʼe hin godhamneef.”
Namoota siif yaadan. Maatiikee ykn hiriyootakee warra akka siif yaadan sitti himan dabalatee, waaʼeen jireenyakeetii namoota kaan ni yaaddessa. Namoonni siif yaadan tokko tokko kan ati gonkumaa hin beekne taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf Dhugaa Baatonni Yihowaa ennaa lallaban, yeroo tokko tokko namoota dhiphina keessa jiran kan argatan siʼa taʼu, namoota kana keessaa tokko tokko gargaarsi akka isaan barbaachisuufi of ajjeesuuf yaadaa akka turan dubbataniiru. Lallabni manaa gara manaa Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota akkasii gargaaruu akka dandaʼaniif carraa adda taʼe isaaniif baneera. Dhugaa Baatonni Yihowaa fakkeenya Yesus hordofuudhaan namootaaf ni yaadu. Siifis akka yaadan hin shakkisiisu.—Yohannis 13:35.
Gargaarsa ogeessota fayyaa. Namni tokko of ajjeesuuf yaaduunsaa, yeroo baayʼee jeeqama miiraa kan akka dhiphinaa akka qabu argisiisa. Akkuma dhibee kaaniin qabamuun si hin qaanessine, dhiphinaan qabamuunkees si qaanessuu hin qabu. Dhiphinni nama kamiiniyyuu qabuufi yaalamuu waan dandaʼuuf, “utaalloo sammuu” jedhameeyyuu ni waamama.a
KANA YAADADHU: Akkuma boolla gadi fagoo tokko keessaa gargaarsa malee baʼuun hin dandaʼamne, dhiphina guddaa keessaas ofii keetiin baʼuun yeroo baayʼee ulfaataadha. Gargaarsa yoo argatte garuu milkaaʼuu ni dandeessa.
WANTA HARʼA GOCHUU DANDEESSU: Ogeessa fayyaa beekamaa taʼeefi jeeqama miiraa kan akka dhiphinaa yaalu barbaadi.
a Yaanni of ajjeesuuf qabdu cimaafi kan itti fufu yoo taʼe, qophiin gargaarsa irraa argachuu dandeessu kan akka mana yaalaa yoo jiraate beekuuf yaali. Namoonni bakka akkasiitti hojjetan gargaarsa kennuu akka dandaʼaniif kan leenjifamanidha.
-
-
3 Abdii Waan QabduufDammaqaa!—2014 | Adoolessa
-
-
MATADUREE FUULA JALQABAA | MAALIIFAN JIRAADHAA?
3 Abdii Waan Qabduuf
“Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu [‘in dhaalu,’ hiika bara 1899] isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—FAARFANNAA 37:11.
Macaafni Qulqulluun, ‘rakkinni namootaa baayʼee akka taʼe’ dubbata. (Iyoob 14:1) Yeroo harʼaa haalli gaddisiisaan addaddaa namoota hundarra ni gaʼa. Namoonni tokko tokko garuu, gara fuulduraatiif abdii akka hin qabne waan itti dhagaʼamuuf, jireenyasaaniitti garmalee abdii kutataniiru. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Akkas yoo taʼe, Macaafni Qulqulluun siif qofa utuu hin taʼin namoota hundaaf abdii amanamaa taʼe akka kennu mirkanaaʼaa taʼi. Fakkeenyaaf:
Macaafni Qulqulluun Waaqayyo wanta baayʼee gaarii taʼe nuu yaadee akka ture dubbata.—Uumama 1:28.
Waaqni keenya Yihowaan lafa kana janata gochuuf waadaa galeera.—Isaayaas 65:21-25.
Abdiin kun akka raawwatamu hin shakkisiisu. Mulʼanni 21:3, 4 akkas jedha:
“Iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta’uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta’uuf jira. Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”
Abdiin kun abjuu miti. Yihowaan abdii kana akka raawwatu beekamaadha; kana gochuufis humnas taʼe fedhii qaba. Abdiin Macaafa Qulqulluu keessa jiru amanamaa siʼa taʼu, gaaffii “Maaliifan jiraadha?” jedhuufis deebii quubsaa ni kenna.
KANA YAADADHU: Miirrikee akka doonii dambalii galaanaatiin asiifi achi jedhuu kan jijijjiiramu taʼus, abdiin Macaafni Qulqulluun kennu akka qofoo sibiilaatti jabeessee si dhaabuu dandaʼa.
WANTA HARʼA GOCHUU DANDEESSU: Abdii gara fuulduraa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu qorachuu jalqabi. Dhugaa Baatonni Yihowaa si gargaaruuf fedhii guddaa qabu. Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argaman haasofsiisuu ykn Weeb saayitii isaanii jw.orga jedhamurraa odeeffannoo argachuu ni dandeessa.
a Yaada: Weebsaayitii jw.org baniitii mataduree WANTOOTA QOPHAAʼAN jedhuu jalaa LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA kan jedhu ilaali. Gargaarsa dabalataa argachuuf achi jalaa jechoota kan akka “dhiphina” ykn “of ajjeesuu” jedhan ilaali.
-