Gargaarsa Yeroosaatti Argamu
1 Obboleettiin Aanaa jedhamtu tokko abbaan manaashee kan hin amanneefi hojiinshee yeroo baay’ee kan itti fudhatu waan ta’eef, yeroo hundumaa gumiirratti argamuun, tajaajilarratti hirmaachuufi Sagalee Waaqayyoo qayyabachuun itti ulfaatee ture. Yihowaa kan jaallattu ta’uyyuu karaa hafuuraa ni dadhabde. Kan nama gammachiisu garuu, gargaarsa hafuuraa jaarsoliin isheedhaaf godhan fudhachuusheeti.
2 Gargaarsa hafuuraa karaa gumii Kiristiyaanaa nuu kennamu fudhachuun keenya, Yihowaatti akka amanamnu argisiisa. Jaarsoliin gumii fakkeenya Yesus Kiristos isa jaalalarratti hundaa’e hordofuudhaan, warra karaa hafuuraa dadhaban jajjabeessuufi gargaaruuf karaa barbaadu. (1 Tas. 5:14) Yeroo baay’ee, caqasawwan nama jajjabeessanirratti xiyyeeffachuu qofti ga’aa ta’uu danda’a. Namoota yeroo muraasaaf karaa hafuuraa dadhaban gargaaruun itti gaafatamummaa Kiristiyaanota hundaa malee, kan jaarsolii gumii qofa miti. Hundi keenyayyuu humna “dubbiin yeroo isatti dubbatamu” qabu utuu hin hubatin hin hafnu.—Fak. 25:11; Isa. 35:3, 4.
3 Dursa Fudhadhaa: Namoota gargaarsi isaan barbaachisutti jaalala argisiisuun, dursa fudhachuu, isaaniif yaaduufi garaa guutuudhaan gargaaruuf fedhii qabaachuu gaafata. Yonaataan Daawit dhiphachuusaa erga hubatee booda, “caakkaa keessatti Daawit bira dhaqee . . . isa jajjabeesse.” (1 Sam. 23:15, 16) Warra kaan gargaaruuf gaarummaadhaan isaanitti dhihaadhaa. Jechoonni namaaf yaaduudhaan kakaanee dubbannu bu’aa gaarii argamsiisuu danda’a. Kana malees, Yesus namoota hidhata amantaa keenyaa ta’an mana Yihowaatti akka deebi’an gargaaruun, tattaaffiifi carraaqqii itti yaadame gochuu akka dabalatu fakkeenyaan ibseera. (Luq. 15:4) Fedhiin nama tokko gargaaruuf qabnu, namni sun dafee guddina argisiisuu baatullee obsaan akka isa gargaarru nu kakaasa.
4 Miseensonni qayyabannaa kitaabaa keenyaa nuu wajjin akka tajaajilaniif dursa fudhannee afeeruun keenya akkam kan nama jajjabeessudha! Hidhata amantaa keenyaa tajaajilarratti akka hirmaatu gargaaruudhaan, namni sun tajaajila Yihowaarratti caalaatti akka jabaatu jajjabeessuu dandeenya. Yeroo gammachiisaan tajaajila Yihowaarratti isaanii wajjin dabarsinu akkasii kun, keessumaa namoota karaa hafuuraa deebi’anii jabaachaa jiran kan jajjabeessudha.
5 Qophii Jaalalarratti Hundaa’e: Obboloonni yeroo murtaa’eef hojii lallabaarratti hin hirmaanne ykn gumiirratti hin argamne, amantaasaanii jabeeffachuuf gargaarsa dabalataa isaan barbaachisa. Barreeffamoota akka, Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu, Yihowaatti Dhihaadhu, ykn Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamanitti gargaaramee qayyabannaa dhuunfaa gochuunsaa qofti ga’aa ta’uu danda’a. Namni kun kan cuuphame waan ta’eef, qayyabannaansaa yeroo dheeraadhaaf itti fufuunsaa barbaachisaa hin ta’u. Koreen Tajaajilaa Gumii gargaarsa akkasiirraa fayyadamuu kan danda’u eenyu akka ta’e dammaqinaan hordofuu qabu.—Saanduqoota Gaaffii Tajaajila Mootummaa Sadaasa 1998 fi Sadaasa 2000 ilaali.
6 Aanaan isheen armaan olitti ibsamte, obboleettii karaa hafuuraa cimtuu taate tokkoo wajjin Macaafa Qulqulluu akka qayyabattuuf afeerrii jaarsoliin godhaniif gammachuudhaan fudhatteetti. Deebitee gara Yihowaatti akka dhihaattu ishee gargaaruuf qayyabannaan godhame kan xumurame al afuriin qofa ture. Deebitee gumiirratti argamuufi namoota duratti Yihowaa faarfachuuf fedhiinshee ni kaka’e. Hamma isheen manaa gara manaatti lallabuuf akka gaaritti jabaattutti, obboleettiin ishee qayyabsiistu kun qayyabannaa kan biraa yommuu geggeessitu ishee afeerti turte. Sochii hafuuraatiin deebitee jabaachuuf wanti ishee barbaachisu gargaarsa jaalalaa qofa ture.
7 Namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruun hundumaafuu eebba argamsiisa. Inni gargaarsa argate, gara Yihowaatti dhihaachuufi sochiiwwan jaarmiyaansaa godhu keessatti hirmaannaa qabaachuunsaa gammachuu isaaf argamsiisa. Jaarsoliinis guddina hafuuraa akkasii arguusaaniitti baay’ee gammadu. (Luq. 15:5, 6) Yeroo akkasitti waliif yaadan waan walitti dhihaataniif gumiin tokkummaa qabaata. (Qol. 3:12-14) Dhugumayyuu Yihowaa isa yeroo barbaachisaa ta’etti gargaarsa kennu fakkaachuuf sababii gaarii qabna.—Efe. 5:1.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Namni tokko karaa hafuuraa dadhabuu kan danda’u akkamitti?
2. Kiristiyaanonni hundinuu gargaarsa yeroosaatti barbaachisu kennuu kan danda’an akkamitti?
3, 4. Warra kaan gargaaruun maalfaa dabalata? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
5. Yeroo tokko tokko jaarsoliin gargaarsa akkamii gochuu danda’u?
6. Obboleettiin tokko karaa hafuuraa deebitee kan jabaatte akkamitti?
7. Warri kaan karaa hafuuraa akka jabaatan gargaaruun faayidaa maalii argamsiisa?