Dhugaa Baatota Yihowaa Jaallatamoo Hidhata Keenya Taatan:
XALAYAA Qaama Olaanaarraa Ergame
Obboloota jaallatamo, Yohannis ergamaan warri inni ‘dhugaadhaan jaallatu, dhugicha duukaa bu’uusaaniitti’ akka gammade dubbatee ture. Nuyis xalayaa kana yommuu isinii barreessinu gammachuutu nutti dhaga’ama! (2 Yoh. 1, 4) Amantii dhugaa qabaachuu keenyaan eebba guddaa arganneerra! Dhugaan, barumsaafi duudhaa Baabilon Guddittii isa Waaqayyoof ulfina hin kenninerraa walaba nu baaseera. Waaqayyoof abboomamuun namoota akka jaallannu, gaariifi oo’a qabeessa akka taanu nu gargaareera. Dhugaan Waaqayyo duratti yaada garaa qullaa’aafi abdii jireenya barabaraa akka argannu karaa nuu baneera.
Yihowaan qajeelfamaafi jajjabina akka argannuuf, hafuura qulqulluu yeroo hunda waan nuu kennuuf guddaa isa galateeffanna. Walga’ii Koonyaa “Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu” jedhu dhihootti taasifametti, Yihowaan jaalalasaatiin kaka’ee karaawwan hedduu inni itti hafuurasaatiin nu geggeessuufi nu jajjabeessutti barachuutti akka gammaddan ni abdanna. Haalli biyya lafaa manca’aa yommuu adeemu kanatti, yeroo sodaachisaa fuulduratti nu eeggatu keessa jabaannee darbuuf, hafuurri Yihowaa akka nu geggeessu isatti amanamuun keenya barbaachisaadha.
Muuxannoo obboloonni keenya amantiisaaniitiif jecha dhiphina guddaa keessa jabaatanii dhaabachuusaanii ibsu, Kitaaba Waggaafi barreeffamoota kaanirraa ennaa dubbistan garaan keessan akka tuqame beekamaadha. Obboloonni amanamummaadhaan dhaabatan kun rakkoowwan guddaan kan isaanirra ga’e, warri tokko tokko cuuphamanii baay’ee utuu hin turin si’a ta’u, kaanimmoo utuu hin cuuphamin ta’uunsaa kan nama ajaa’ibsiisudha. Amanamummaafi qajeelummaaf jecha, ejjennoo argisiisaniif jaalalli nuti isaaniif qabnu baay’ee guddaadha! Fakkeenya gaariin isaan nuu ta’an rakkoon akkamiillee nurra ga’u, hamma dhumaatti Mootummicha deggeruudhaan amanamoo taanee argamuuf ejjennoo qabnu kan nuu jabeessudha. —1 Tas. 1:6-8.
Obboloota jaallatamo, rakkoowwan dinagdeefi haalawwan jireenyaa rakkisaa ta’an danda’uudhaan, hariiroon maatii keessanii jaalalaan akka jabaatu gochuuf qabsaa’aa akka jirtan beekna. Isin keessaa tokko tokkoof lallabarratti hirmaachuufi walga’iiwwan gumiirratti yeroo hunda argamuunillee ulfaataadha. Kanaaf jechas kadhannaa hedduu erga goonee booda, Amajjii 1, 2009 kaasee walga’iiwwan gumiirratti jijjiiramni tokko tokko akka ta’u murteessineerra. Jijjiirama taasifame kanatti akka gaariitti fayyadamuudhaan qayyabannaa dhuunfaafi maatiirratti yeroo dheeraa akka dabarsitan ni amanna.
Walga’iiwwan gurguddaa barana godhamanirratti namoota ulaagaa cuuphaaf barbaachisu guutuudhaan cuuphaman arguun kan nama gammachiisudha. Isaan keessaa tokko tokko ijoollee xixinnoodha. Warra kan taatan ijoolleen keessan dhugaadhaaf dinqisiifannaa akka qabaatan gootanii waan guddistaniif, akkasumas ijoollummaadhaan of murteessanii Yihowaa akka tajaajilan isaan jajjabeessuu keessaniin galateeffamuu qabdu. Ijoolleen jaallatamoon kun mana barumsaatti rakkoowwan hedduun isaan mudatus, cuuphamuuf ga’eessa ta’uunsaanii leenjii gaariin mana keessatti akka isaanii kenname argisiisa.—Far. 128:1-6.
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ilaalchisee, baay’ina haaraa argameef misiyoonotaafi qajeelchitoota addaa keenya warra jabaatanii hojjetanis caqasuu barbaanna. Nuti Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa hundi, obboloonni addunyaa maraa, namoonni garaa qajeeloo qabaniifi dheebotan, ‘bishaan jireenya kennu akka fudhataniif’ “kottu” jedhanii afeeruurratti hirmaachuusaanii guddaa dinqisiifanna. (Mul. 22:17) Namoota 289,678 waggaa darbe bishaaniin cuuphamuudhaan of murteessan, gara gumii tokkummaa obboloota addunyaa maraatti baga nagaan dhuftan jennee miira ho’aadhaan isaan simanna!
Jechoota Yohannis ergamaan, akka armaan gadiitti dubbate yeroo hunda yaadachuun gaariidha. “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.” (1 Yoh. 2:17) Biyyi lafaa kun ‘darbuunsaa’ yeroo itti baay’ee dhihaate keessa akka jiraannu yaaduu qabna. Jireenyi keenya jaalala Yihowaa raawwachuurratti akka xiyyeeffatu gochuufi ‘dammaqinaan’ jiraachuun ogummaa guddaadha. (Mat. 24:42) Kana kan goonu taanaan, arjummaa Yihowaatiin faayidaa waan argannuuf, akkas gochuun keenya gonkumaa nu hin gaabbisiisu.—Isa. 63:7.
Muuxannoowwan gaggaarii biyyoota hedduutii argamuudhaan Kitaaba Waggaafi barreeffamoota keenyarratti ba’an dubbisuun, jajjabina akka isinii kenneefi fedhii Mootummichaaf dursa kennuuf akka isin kakaase ni abdanna. Yeroo hunda akka isinii yaannu, isinii kadhannuufi baay’ee isin jaallannu mirkaneessuu barbaanna. Eebbi Yihowaa isin duukaa haa ta’u.
Obboloota keessan,
Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa